Millat al-Islam

Chapter 44 · 59 verses · Ghali Apapur Apaghuna

Surah Ad-Dukhan' in Oromo

Arabic with tafsir Listen to Surah Ad-Dukhan' (1216 reciters)
Meccanسورة الدخان59 verses

بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

حمٓ ١Haa Miim وَٱلۡكِتَٰبِ ٱلۡمُبِينِ ٢Kitaaba addeessaa ta’eenin (kakadha) إِنَّآ أَنزَلۡنَٰهُ فِي لَيۡلَةٍ مُّبَٰرَكَةٍۚ إِنَّا كُنَّا مُنذِرِينَ ٣Nuti halkan barakeeffamtuu keessa isa buufneNuti dinniinoo taaneerra فِيهَا يُفۡرَقُ كُلُّ أَمۡرٍ حَكِيمٍ ٤Ishee (halkanittii) keessa dhimmi murteeffame hundi adda baafama أَمۡرًا مِّنۡ عِندِنَآۚ إِنَّا كُنَّا مُرۡسِلِينَ ٥Adda baafaminsa nu biraa ta’e (ibsina)Nuti ergitoota taaneerra رَحۡمَةً مِّن رَّبِّكَۚ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ ٦Rahmata Gooftaa kee irraa ta’eef (buufne)Inni Isumatu dhaga’aa, beekaadha رَبِّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَآۖ إِن كُنتُم مُّوقِنِينَ ٧(Rahmata) Gooftaa samii, dachiifi waan gidduu isaan lamaanii irraa ta’eetiYoo kan dhugoomsitan taataniif (kana hubadhaa) لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ يُحۡيِۦ وَيُمِيتُۖ رَبُّكُمۡ وَرَبُّ ءَابَآئِكُمُ ٱلۡأَوَّلِينَ ٨Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiruNi jiraachisa; ni ajjeessas(Inni) Gooftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan kan jalqabaati بَلۡ هُمۡ فِي شَكٍّ يَلۡعَبُونَ ٩Dhugumatti isaan shakkii keessa taphatu فَٱرۡتَقِبۡ يَوۡمَ تَأۡتِي ٱلسَّمَآءُ بِدُخَانٍ مُّبِينٍ ١٠Kanaafuu, guyyaa samiin aara ifa ba’aan dhuftu (waan isaan mudatu) eegi يَغۡشَى ٱلنَّاسَۖ هَٰذَا عَذَابٌ أَلِيمٌ ١١(Aarri kun) namoota haguugaKun adabbii laalessaadha رَّبَّنَا ٱكۡشِفۡ عَنَّا ٱلۡعَذَابَ إِنَّا مُؤۡمِنُونَ ١٢(Kaafiroonni yeroo adabicha argan) “Gooftaa keenya! Adabicha nurraa kaasi nuti ni amannaa” (jedhu) أَنَّىٰ لَهُمُ ٱلذِّكۡرَىٰ وَقَدۡ جَآءَهُمۡ رَسُولٌ مُّبِينٌ ١٣Odoo ergamaan ifa baasaan isaanitti dhufee jiruu, (erga adabaatii) gorfamuun akkamitti isaaniif jiraata ثُمَّ تَوَلَّوۡاْ عَنۡهُ وَقَالُواْ مُعَلَّمٌ مَّجۡنُونٌ ١٤Ergasii isa irraa gara galanii “(Inni) barsiifamaa maraatuudha” jedhan إِنَّا كَاشِفُواْ ٱلۡعَذَابِ قَلِيلًاۚ إِنَّكُمۡ عَآئِدُونَ ١٥Nuti yeroo gabaabaaf adabbii saaqoodha; Isin (kufriitti) deebi’oodha يَوۡمَ نَبۡطِشُ ٱلۡبَطۡشَةَ ٱلۡكُبۡرَىٰٓ إِنَّا مُنتَقِمُونَ ١٦Guyyaa qabaa guddaa qabnu Nuti haaloo bahatoodha ۞ وَلَقَدۡ فَتَنَّا قَبۡلَهُمۡ قَوۡمَ فِرۡعَوۡنَ وَجَآءَهُمۡ رَسُولٌ كَرِيمٌ ١٧Dhugumatti, Nuti isaan dura ummata Fir’awni mokkorree jirraErgamaan kabajamaanis isaanitti dhufe أَنۡ أَدُّوٓاْ إِلَيَّ عِبَادَ ٱللَّهِۖ إِنِّي لَكُمۡ رَسُولٌ أَمِينٌ ١٨“Ani isiniif ergamaa amanamaadhaa, gabroota Rabbii gara kiyya kennaa!” jechuun (isaanitti dhufe) وَأَن لَّا تَعۡلُواْ عَلَى ٱللَّهِۖ إِنِّيٓ ءَاتِيكُم بِسُلۡطَٰنٍ مُّبِينٍ ١٩“Rabbi irratti hin booninaa; ani ragaa ifa ta’een isinitti dhufaadha” jachuunis وَإِنِّي عُذۡتُ بِرَبِّي وَرَبِّكُمۡ أَن تَرۡجُمُونِ ٢٠“Ani akka dhagaan tumtanii nan ajjeefne Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessanittin maganfadhe وَإِن لَّمۡ تُؤۡمِنُواْ لِي فَٱعۡتَزِلُونِ ٢١Yoo naaf hin amanne narraa fagaadhaa.” فَدَعَا رَبَّهُۥٓ أَنَّ هَٰٓؤُلَآءِ قَوۡمٌ مُّجۡرِمُونَ ٢٢Gooftaa isaa ni kadhate: “Isaan kun ummata yakkamtoota” (jedhe) فَأَسۡرِ بِعِبَادِي لَيۡلًا إِنَّكُم مُّتَّبَعُونَ ٢٣(Rabbiin ni jedhe): “Gabroota kiyyaan halkaniin deemiDhugumatti isin hordofamtoota وَٱتۡرُكِ ٱلۡبَحۡرَ رَهۡوًاۖ إِنَّهُمۡ جُندٌ مُّغۡرَقُونَ ٢٤Galaana akkuma banametti dhiisiDhugumatti, isaan garee bishaaniin dhidhimfamoodha.” كَمۡ تَرَكُواْ مِن جَنَّٰتٍ وَعُيُونٍ ٢٥Ashaakiltiifi burqituuwwan meeqaatama dhiisan وَزُرُوعٍ وَمَقَامٍ كَرِيمٍ ٢٦Oyruufi iddoo jireenyaa gaggaariis وَنَعۡمَةٍ كَانُواْ فِيهَا فَٰكِهِينَ ٢٧Qananii ishee keessatti gammadaa turanis كَذَٰلِكَۖ وَأَوۡرَثۡنَٰهَا قَوۡمًا ءَاخَرِينَ ٢٨Akka kanatti ummata biraa ishee dhaalchifne فَمَا بَكَتۡ عَلَيۡهِمُ ٱلسَّمَآءُ وَٱلۡأَرۡضُ وَمَا كَانُواْ مُنظَرِينَ ٢٩Samiifi dachiin isaan irratti hin boonye; kan tursiifanis hin turre وَلَقَدۡ نَجَّيۡنَا بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ مِنَ ٱلۡعَذَابِ ٱلۡمُهِينِ ٣٠Dhugumatti, Ilmaan Israa’iil adabbii salphisaa irraa nagaya baafne مِن فِرۡعَوۡنَۚ إِنَّهُۥ كَانَ عَالِيًا مِّنَ ٱلۡمُسۡرِفِينَ ٣١Fir’awni irraa (ni baraarsine)Inni boonaa, daangaa dabraa irraa ta’eera وَلَقَدِ ٱخۡتَرۡنَٰهُمۡ عَلَىٰ عِلۡمٍ عَلَى ٱلۡعَٰلَمِينَ ٣٢Nuti beekumsaan aalama hunda irra isaan filanne وَءَاتَيۡنَٰهُم مِّنَ ٱلۡأٓيَٰتِ مَا فِيهِ بَلَٰٓؤٌاْ مُّبِينٌ ٣٣Raajiiwwan irraas waan mokkorriin ifa ta’e isa keessa jiru isaaniif kennine إِنَّ هَٰٓؤُلَآءِ لَيَقُولُونَ ٣٤Dhugumatti, isaan kun (Qureeyshonni) ni jedhu إِنۡ هِيَ إِلَّا مَوۡتَتُنَا ٱلۡأُولَىٰ وَمَا نَحۡنُ بِمُنشَرِينَ ٣٥“Du’a keenya kan jalqabaa malee isheen (biraa) hin jirtuNuti (kana booda) hin kaafamnu فَأۡتُواْ بِـَٔابَآئِنَآ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ ٣٦Yoo warra dhugaa dubbatu taataniif, abbootii keenya fidaa.” أَهُمۡ خَيۡرٌ أَمۡ قَوۡمُ تُبَّعٍ وَٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡ أَهۡلَكۡنَٰهُمۡۚ إِنَّهُمۡ كَانُواْ مُجۡرِمِينَ ٣٧Sila isaantu caala moo ummata Tubba’iifi warra isaan duraati? Isaan yakkamtoota taanaan isaan balleessine وَمَا خَلَقۡنَا ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ وَمَا بَيۡنَهُمَا لَٰعِبِينَ ٣٨Samii, dachiifi waan isaan lamaan gidduu jirus taphatoo taanee hin uumne مَا خَلَقۡنَٰهُمَآ إِلَّا بِٱلۡحَقِّ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَهُمۡ لَا يَعۡلَمُونَ ٣٩Dhugaan malee isaan lachan hin uumneGaruu irra hedduun isaanii hin beekanu إِنَّ يَوۡمَ ٱلۡفَصۡلِ مِيقَٰتُهُمۡ أَجۡمَعِينَ ٤٠Dhugumatti, Guyyaan murtii beellama isaan hundaati يَوۡمَ لَا يُغۡنِي مَوۡلًى عَن مَّوۡلًى شَيۡـًٔا وَلَا هُمۡ يُنصَرُونَ ٤١Guyyaa jaalalleen jaalallee irraa homaa hin deebifne, kan isaanis (kaafiroonnis) hin tumsamneedha إِلَّا مَن رَّحِمَ ٱللَّهُۚ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ ٤٢Nama Rabbiin rahmata godheef maleeInni Isumatu injifataa, rahmata godhaadha إِنَّ شَجَرَتَ ٱلزَّقُّومِ ٤٣Dhugumatti, mukni ‘Zaqquum’ طَعَامُ ٱلۡأَثِيمِ ٤٤Nyaata dilaawaati كَٱلۡمُهۡلِ يَغۡلِي فِي ٱلۡبُطُونِ ٤٥Akka cumaa (siicoo) zaytiitti garaa keessatti danfa كَغَلۡيِ ٱلۡحَمِيمِ ٤٦Akka danfuu bishaan ho’aatti خُذُوهُ فَٱعۡتِلُوهُ إِلَىٰ سَوَآءِ ٱلۡجَحِيمِ ٤٧(Ni jedhama): “Isa qabaatii gara walakkaa ibidda boba’aa harkisaa ثُمَّ صُبُّواْ فَوۡقَ رَأۡسِهِۦ مِنۡ عَذَابِ ٱلۡحَمِيمِ ٤٨Ergasii mataa isaa gubbaatti adabbii bishaan danfaa irraa ta’e dhangalaasaa ذُقۡ إِنَّكَ أَنتَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡكَرِيمُ ٤٩Dhandhami; dhugumatti, ati simatu cimaa, arjaa (of fakkeessuu) turtee إِنَّ هَٰذَا مَا كُنتُم بِهِۦ تَمۡتَرُونَ ٥٠Inni kun waan isa mamaa turtan sani” (isaaniin jedhama) إِنَّ ٱلۡمُتَّقِينَ فِي مَقَامٍ أَمِينٍ ٥١Warri Rabbiin sodaatan iddoo nagayaa keessa فِي جَنَّٰتٍ وَعُيُونٍ ٥٢Ashaakiltiifi burqituuwwan keessa يَلۡبَسُونَ مِن سُندُسٍ وَإِسۡتَبۡرَقٍ مُّتَقَٰبِلِينَ ٥٣Walitti gara galoo ta’anii (uffata) hariira haphiifi hariira furdaa irraa ta’e uffatu كَذَٰلِكَ وَزَوَّجۡنَٰهُم بِحُورٍ عِينٍ ٥٤Akkuma kana dubra adaadii ija babala’aa isaan fuusifne يَدۡعُونَ فِيهَا بِكُلِّ فَٰكِهَةٍ ءَامِنِينَ ٥٥Achi keessattis nagaa ta’anii fuduraalee hunda waammatu لَا يَذُوقُونَ فِيهَا ٱلۡمَوۡتَ إِلَّا ٱلۡمَوۡتَةَ ٱلۡأُولَىٰۖ وَوَقَىٰهُمۡ عَذَابَ ٱلۡجَحِيمِ ٥٦Ishee keessatti du’a jalqabaa malee du’a hin dhandhamanRabbiin adabbii ibidda boba’aa irraa isaan tikse فَضۡلًا مِّن رَّبِّكَۚ ذَٰلِكَ هُوَ ٱلۡفَوۡزُ ٱلۡعَظِيمُ ٥٧Tola Gooftaa kee irraa ta’eefSun isumatu milkii guddaadha فَإِنَّمَا يَسَّرۡنَٰهُ بِلِسَانِكَ لَعَلَّهُمۡ يَتَذَكَّرُونَ ٥٨Akka gorfamaniif jacha isa (Qur’aana) arraba keetti laaffifne فَٱرۡتَقِبۡ إِنَّهُم مُّرۡتَقِبُونَ ٥٩(Waan isaan mudatu) eegi; isaanis eegoodha

Translation: Ghali Apapur Apaghuna.