بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
وَٱلذَّٰرِيَٰتِ ذَرۡوًا ١(Qilleensa) bubbisuu bubbiftuunin kakadha فَٱلۡحَٰمِلَٰتِ وِقۡرًا ٢(Duumessa bishaan) ulfaataa baadhattuunis فَٱلۡجَٰرِيَٰتِ يُسۡرًا ٣(Dooniwwan) haala salphaan (bishaan gubbaa) yaa’aniinis فَٱلۡمُقَسِّمَٰتِ أَمۡرًا ٤(Maleykota) ajaja (Rabbii) raabsaniinis إِنَّمَا تُوعَدُونَ لَصَادِقٌ ٥Wanti isin beellamamtan dhugaadha وَإِنَّ ٱلدِّينَ لَوَٰقِعٌ ٦(Guyyaan) murtii dhugumatti argamaadha وَٱلسَّمَآءِ ذَاتِ ٱلۡحُبُكِ ٧Ammas samii abbaa miidhaginaatiin kakadhe إِنَّكُمۡ لَفِي قَوۡلٍ مُّخۡتَلِفٍ ٨Dhugumatti, isin yaada wal dhadhabaa keessa jirtu يُؤۡفَكُ عَنۡهُ مَنۡ أُفِكَ ٩Kan namni haqa irraa garagalfamu ittiin garagalfamuudha قُتِلَ ٱلۡخَرَّٰصُونَ ١٠Sobdoonni abaaramaniiru ٱلَّذِينَ هُمۡ فِي غَمۡرَةٍ سَاهُونَ ١١Isaan sun wallaaluma keessatti kan of dagataniidha يَسۡـَٔلُونَ أَيَّانَ يَوۡمُ ٱلدِّينِ ١٢“Guyyaan mindaa yoomi?” (jechuun) gaafatu يَوۡمَ هُمۡ عَلَى ٱلنَّارِ يُفۡتَنُونَ ١٣(Inni) Guyyaa isaan ibidda irra fidamaniidha ذُوقُواْ فِتۡنَتَكُمۡ هَٰذَا ٱلَّذِي كُنتُم بِهِۦ تَسۡتَعۡجِلُونَ ١٤“Adaba keessan kan ariifataa turtan dhandhamaa” (isaaniin jedhama) إِنَّ ٱلۡمُتَّقِينَ فِي جَنَّٰتٍ وَعُيُونٍ ١٥Isaan Rabbiin sodaatan, jannataafi burqituuwwan keessa jiraatu ءَاخِذِينَ مَآ ءَاتَىٰهُمۡ رَبُّهُمۡۚ إِنَّهُمۡ كَانُواْ قَبۡلَ ذَٰلِكَ مُحۡسِنِينَ ١٦Waan Gooftaan isaanii isaaniif kenne fudhachaa (jiraatu)Isaan sana dura toltuu hojjattoota turan كَانُواْ قَلِيلًا مِّنَ ٱلَّيۡلِ مَا يَهۡجَعُونَ ١٧Halkan irraa xiqqaa qofa kan rafan turan وَبِٱلۡأَسۡحَارِ هُمۡ يَسۡتَغۡفِرُونَ ١٨Yeroo hiraabaa (obboroo) isaan araarama kadhataniidha وَفِيٓ أَمۡوَٰلِهِمۡ حَقٌّ لِّلسَّآئِلِ وَٱلۡمَحۡرُومِ ١٩Kan qabeenya isaanii keessa kadhataafi kan hin kadhanneefis haqni jiruudha وَفِي ٱلۡأَرۡضِ ءَايَٰتٌ لِّلۡمُوقِنِينَ ٢٠Dachii keessas isaan dhugaan amananiif mallattooleetu jiru وَفِيٓ أَنفُسِكُمۡۚ أَفَلَا تُبۡصِرُونَ ٢١Lubbuu keessan keessas (akkasuma)Sila hin argitanuu وَفِي ٱلسَّمَآءِ رِزۡقُكُمۡ وَمَا تُوعَدُونَ ٢٢Sooranni keessaaniifi wanti isin waadaa galamtanis samii keessa jira فَوَرَبِّ ٱلسَّمَآءِ وَٱلۡأَرۡضِ إِنَّهُۥ لَحَقٌّ مِّثۡلَ مَآ أَنَّكُمۡ تَنطِقُونَ ٢٣Gooftaa samiifi dachiitiin kakadhee! Inni dhugaa fakkiidhuma waan isinuu dubbattanuuti هَلۡ أَتَىٰكَ حَدِيثُ ضَيۡفِ إِبۡرَٰهِيمَ ٱلۡمُكۡرَمِينَ ٢٤Seenaan keessummaa Ibraahiim kabajamoo ta’anii sitti dhufeeraa إِذۡ دَخَلُواْ عَلَيۡهِ فَقَالُواْ سَلَٰمًاۖ قَالَ سَلَٰمٌ قَوۡمٌ مُّنكَرُونَ ٢٥Yeroo isa irratti seenanii “Nagaa (si irratti buufna)” jedhan[Inni] “nageenyi (isin irras haa jiraatu); isin namoota ani hin beekneedha” jedheen فَرَاغَ إِلَىٰٓ أَهۡلِهِۦ فَجَآءَ بِعِجۡلٍ سَمِينٍ ٢٦Ergasii gara maatii isaa deebi’eeti mirgoo (jibicha) gabbataan dhufe فَقَرَّبَهُۥٓ إِلَيۡهِمۡ قَالَ أَلَا تَأۡكُلُونَ ٢٧Isaanitti dhiyeesseeti “sila hin nyaattanuu?” jedhe فَأَوۡجَسَ مِنۡهُمۡ خِيفَةًۖ قَالُواْ لَا تَخَفۡۖ وَبَشَّرُوهُ بِغُلَٰمٍ عَلِيمٍ ٢٨Ergasii (yeroo nyaachuu dhabuu isaanii argu) isaan irraa sodaan isa qabeIsaan “hin sodaatin” jedhaniinIlma beekumsa qabuunis isa gammachiisan فَأَقۡبَلَتِ ٱمۡرَأَتُهُۥ فِي صَرَّةٍ فَصَكَّتۡ وَجۡهَهَا وَقَالَتۡ عَجُوزٌ عَقِيمٌ ٢٩Sana booda niitin isaa sagalee ol fuudhamaan haasa’aa dhufteFuula ishee dhadhayaa “Ani jaartii manguddoo maseena hoo (akkamittin daha)!” jette قَالُواْ كَذَٰلِكِ قَالَ رَبُّكِۖ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلۡحَكِيمُ ٱلۡعَلِيمُ ٣٠(Ibraahiim) ni jedhe: “Yaa ergamootaa! Dhimmi keessan maali?”
۞ قَالَ فَمَا خَطۡبُكُمۡ أَيُّهَا ٱلۡمُرۡسَلُونَ ٣١(Ibraahiim) ni jedhe: “Yaa ergamootaa! Dhimmi keessan maali?” قَالُوٓاْ إِنَّآ أُرۡسِلۡنَآ إِلَىٰ قَوۡمٍ مُّجۡرِمِينَ ٣٢[Isaan] ni jedhan: “Nuti gara ummata yakkamtootaa ergamne لِنُرۡسِلَ عَلَيۡهِمۡ حِجَارَةً مِّن طِينٍ ٣٣Dhagaa dhoqqee gubataa irraa ta’e isaan irratti erguuf (dhufne).” مُّسَوَّمَةً عِندَ رَبِّكَ لِلۡمُسۡرِفِينَ ٣٤Rabbii kee biratti daanga dabartootaaf kan mallateeffamte haala taateen فَأَخۡرَجۡنَا مَن كَانَ فِيهَا مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ ٣٥Mu’uminoota irraa namoota ishee keessa jiran ni baafne فَمَا وَجَدۡنَا فِيهَا غَيۡرَ بَيۡتٍ مِّنَ ٱلۡمُسۡلِمِينَ ٣٦Mana Muslimtootaa irraa kan ta’e malee ishee keessatti homaa hin argine وَتَرَكۡنَا فِيهَآ ءَايَةً لِّلَّذِينَ يَخَافُونَ ٱلۡعَذَابَ ٱلۡأَلِيمَ ٣٧Warra adabbii laalessaa sodaataniif ishee keessatti mallattoo hambifnee jirra وَفِي مُوسَىٰٓ إِذۡ أَرۡسَلۡنَٰهُ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ بِسُلۡطَٰنٍ مُّبِينٍ ٣٨(Seenaa) Muusaa keessas yeroo ragaa ifa ba’aan gara Fir’awnitti isa ergine (mallattoo goonee jirra) فَتَوَلَّىٰ بِرُكۡنِهِۦ وَقَالَ سَٰحِرٌ أَوۡ مَجۡنُونٌ ٣٩Innis (Fir’awnis) humna waraanaa isaa waliin (dhugaa irraa) gara galee “(Muusaan) falfalaadha; yookiin maraataadha” jedhe فَأَخَذۡنَٰهُ وَجُنُودَهُۥ فَنَبَذۡنَٰهُمۡ فِي ٱلۡيَمِّ وَهُوَ مُلِيمٌ ٤٠Isaafi waraana isaas haala komatamaa ta’een qabnee galaana keessatti isaan darbine وَفِي عَادٍ إِذۡ أَرۡسَلۡنَا عَلَيۡهِمُ ٱلرِّيحَ ٱلۡعَقِيمَ ٤١(Seenaa) Aad keessas, yeroo qilleensa maseenaa isaan irratti ergine (mallattootu jira) مَا تَذَرُ مِن شَيۡءٍ أَتَتۡ عَلَيۡهِ إِلَّا جَعَلَتۡهُ كَٱلرَّمِيمِ ٤٢Waan isa irra dhufte tokkoyyuu akka lafee dhumee isa gootu malee hin dhiiftu وَفِي ثَمُودَ إِذۡ قِيلَ لَهُمۡ تَمَتَّعُواْ حَتَّىٰ حِينٍ ٤٣(Seenaa) Samuud keessas, yeroo hanga murtaa’e tokko qanani’aa isaaniin jedhame (mallattootu jira) فَعَتَوۡاْ عَنۡ أَمۡرِ رَبِّهِمۡ فَأَخَذَتۡهُمُ ٱلصَّٰعِقَةُ وَهُمۡ يَنظُرُونَ ٤٤Ajaja Gooftaa isaanii irraa ni boonanOdoo isaan ilaalanuu iyyansi (dhumti) isaan qabatte فَمَا ٱسۡتَطَٰعُواْ مِن قِيَامٍ وَمَا كَانُواْ مُنتَصِرِينَ ٤٥Ergasii dhaabbachuu hin dandeenye; tumsamoos hin taane وَقَوۡمَ نُوحٍ مِّن قَبۡلُۖ إِنَّهُمۡ كَانُواْ قَوۡمًا فَٰسِقِينَ ٤٦Ummata Nuuhis san dura (ballessinee jirra)Dhugumatti, isaan ummata finciltoota turan وَٱلسَّمَآءَ بَنَيۡنَٰهَا بِأَيۡيْدٍ وَإِنَّا لَمُوسِعُونَ ٤٧Samiis humnaan ishee ijaarreDhugumatti, Nuti (ishee) bal’isoodha وَٱلۡأَرۡضَ فَرَشۡنَٰهَا فَنِعۡمَ ٱلۡمَٰهِدُونَ ٤٨Dachiis diriirsinee jirra; (Nuti) diriirsitoonni waa tolle وَمِن كُلِّ شَيۡءٍ خَلَقۡنَا زَوۡجَيۡنِ لَعَلَّكُمۡ تَذَكَّرُونَ ٤٩Akka isin gorfamtaniif waan hunda irraa qindiiwwan uumne فَفِرُّوٓاْ إِلَى ٱللَّهِۖ إِنِّي لَكُم مِّنۡهُ نَذِيرٌ مُّبِينٌ ٥٠Gara Rabbii baqadhaaAni Isa irraa isiniif sodaachisaa ifa bahaadha وَلَا تَجۡعَلُواْ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَۖ إِنِّي لَكُم مِّنۡهُ نَذِيرٌ مُّبِينٌ ٥١Allaah wajjinis gabbaramaa biraa hin taasisinaaAni Isa irraa isiniif sodaachisaa ifa bahaadha كَذَٰلِكَ مَآ أَتَى ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِم مِّن رَّسُولٍ إِلَّا قَالُواْ سَاحِرٌ أَوۡ مَجۡنُونٌ ٥٢Akkasuma, ergamaan tokkos warra isaan dura turanitti hin dhufne, yoo isaan “falfalaadha; yookiin maraataadha” jedhaniin malee أَتَوَاصَوۡاْ بِهِۦۚ بَلۡ هُمۡ قَوۡمٌ طَاغُونَ ٥٣Sila (sobsiisuu kana) waliif dhaamanii? Lakkisaa, isaanumatu ummata daangaa dabroodha فَتَوَلَّ عَنۡهُمۡ فَمَآ أَنتَ بِمَلُومٍ ٥٤Isaan irraa garagali; ati komatamaa miti وَذَكِّرۡ فَإِنَّ ٱلذِّكۡرَىٰ تَنفَعُ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ ٥٥Yaadachiisi; yaadachiifni mu’uminoota ni fayyaddii وَمَا خَلَقۡتُ ٱلۡجِنَّ وَٱلۡإِنسَ إِلَّا لِيَعۡبُدُونِ ٥٦Jinniifi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif malee hin uumne مَآ أُرِيدُ مِنۡهُم مِّن رِّزۡقٍ وَمَآ أُرِيدُ أَن يُطۡعِمُونِ ٥٧Soorata homaatuu isaan irraa hin fedhuAkka Ana nyaachisanis hin fedhu إِنَّ ٱللَّهَ هُوَ ٱلرَّزَّاقُ ذُو ٱلۡقُوَّةِ ٱلۡمَتِينُ ٥٨Rabbiin Isatu akkaan soorata kennaa, abbaa humna cimaati فَإِنَّ لِلَّذِينَ ظَلَمُواْ ذَنُوبًا مِّثۡلَ ذَنُوبِ أَصۡحَٰبِهِمۡ فَلَا يَسۡتَعۡجِلُونِ ٥٩Dhugumatti, miidhaa raawwattootaaf qooda adabaa kan akka adabbii fakkaattota isaaniitu jiraafii akka Nan jarjarfanne فَوَيۡلٌ لِّلَّذِينَ كَفَرُواْ مِن يَوۡمِهِمُ ٱلَّذِي يُوعَدُونَ ٦٠Warra kafaraniif guyyaa isaanii kan beellama godhaman keessatti badiin isaaniif mirkanaa’eera