Millat al-Islam

Chapter 69 · 52 verses · Ghali Apapur Apaghuna

Surah Al-Haaqqa in Oromo

Arabic with tafsir Listen to Surah Al-Haaqqa (1332 reciters)
Meccanسورة الحاقة52 verses

بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

ٱلۡحَآقَّةُ ١Mirkaneessituun مَا ٱلۡحَآقَّةُ ٢Mirkaneessituttiin maali وَمَآ أَدۡرَىٰكَ مَا ٱلۡحَآقَّةُ ٣Mirkaneessituttiin maal akka taate maaltu si beeksise كَذَّبَتۡ ثَمُودُ وَعَادُۢ بِٱلۡقَارِعَةِ ٤(Ummanni) Samuudiifi Aad rukuttuu qalbii (Qiyaamaa) sobsiisaniiru فَأَمَّا ثَمُودُ فَأُهۡلِكُواْ بِٱلطَّاغِيَةِ ٥Samuudis iyya daangaa darbaadhaan balleeffaman وَأَمَّا عَادٌ فَأُهۡلِكُواْ بِرِيحٍ صَرۡصَرٍ عَاتِيَةٍ ٦Aad immoo qilleensa sagalee cimaa akkaan bubbisuun balleeffaman سَخَّرَهَا عَلَيۡهِمۡ سَبۡعَ لَيَالٍ وَثَمَٰنِيَةَ أَيَّامٍ حُسُومًاۖ فَتَرَى ٱلۡقَوۡمَ فِيهَا صَرۡعَىٰ كَأَنَّهُمۡ أَعۡجَازُ نَخۡلٍ خَاوِيَةٍ ٧Halkan torbaafi guyyaa saddeetiif walitti aansee isaan irratti ergeIshee keessatti ummata kan jirma timiraa hundeen buqqifame fakkaatanii kukkufan argita فَهَلۡ تَرَىٰ لَهُم مِّنۢ بَاقِيَةٍ ٨Sila isaan irraa haftee wahii ni argitaa وَجَآءَ فِرۡعَوۡنُ وَمَن قَبۡلَهُۥ وَٱلۡمُؤۡتَفِكَٰتُ بِٱلۡخَاطِئَةِ ٩Fir'awn, warri isa duraatiifi (gandoonni) gombifamtoonnis diliidhaan dhufan فَعَصَوۡاْ رَسُولَ رَبِّهِمۡ فَأَخَذَهُمۡ أَخۡذَةً رَّابِيَةً ١٠Ergamaa Gooftaa isaanii faallessinaan qabaa cimtuu isaan qabe إِنَّا لَمَّا طَغَا ٱلۡمَآءُ حَمَلۡنَٰكُمۡ فِي ٱلۡجَارِيَةِ ١١Nuti yeroo bishaan daangaa dabru doonii keessatti isin baanne لِنَجۡعَلَهَا لَكُمۡ تَذۡكِرَةً وَتَعِيَهَآ أُذُنٌ وَٰعِيَةٌ ١٢Akka ishee isiniif gorsa goonuufi gurri waa hubattus akka ishee hubattuuf (kana goone) فَإِذَا نُفِخَ فِي ٱلصُّورِ نَفۡخَةٌ وَٰحِدَةٌ ١٣Yeroo Garrii ykn Faaggaa (xurumbaa) keessa afuuffaan tokkittiin afuufamte وَحُمِلَتِ ٱلۡأَرۡضُ وَٱلۡجِبَالُ فَدُكَّتَا دَكَّةً وَٰحِدَةً ١٤Dacheeniifi gaarreenis ol fuudhamanii caccabiinsa tokkittii caccaban فَيَوۡمَئِذٍ وَقَعَتِ ٱلۡوَاقِعَةُ ١٥Guyyaa san argamtuun (Qiyaamaan) ni argamti وَٱنشَقَّتِ ٱلسَّمَآءُ فَهِيَ يَوۡمَئِذٍ وَاهِيَةٌ ١٦Samiinis ni baqaqxi; kanaafuu isheen guyyaa san laaftuudha وَٱلۡمَلَكُ عَلَىٰٓ أَرۡجَآئِهَاۚ وَيَحۡمِلُ عَرۡشَ رَبِّكَ فَوۡقَهُمۡ يَوۡمَئِذٍ ثَمَٰنِيَةٌ ١٧Maleeykonnis daangawwan ishee irratti ta'uArshii Gooftaa keetiis guyyaa san (maleeykota) saddeettu gubbaa isaaniitti baadhatu يَوۡمَئِذٍ تُعۡرَضُونَ لَا تَخۡفَىٰ مِنكُمۡ خَافِيَةٌ ١٨Guyyaa san (murtiidhaaf) ni dhiyeeffamtuu, (iccitiin) dhokattuun isin irraa taate hin dhokattu فَأَمَّا مَنۡ أُوتِيَ كِتَٰبَهُۥ بِيَمِينِهِۦ فَيَقُولُ هَآؤُمُ ٱقۡرَءُواْ كِتَٰبِيَهۡ ١٩Namni kitaaba isaa mirga isaatiin kenname ni jedha: “hoodhaa kitaaba kiyya dubbisaa إِنِّي ظَنَنتُ أَنِّي مُلَٰقٍ حِسَابِيَهۡ ٢٠Ani qormaata koo qunnamuu dhugoomseen ture.” فَهُوَ فِي عِيشَةٍ رَّاضِيَةٍ ٢١Innis jireenya jaalatamtuu keessa ta'a فِي جَنَّةٍ عَالِيَةٍ ٢٢Jannata ol fuudhamtuu keessa (ta'a) قُطُوفُهَا دَانِيَةٌ ٢٣Kan firiiwwan ishee dhihoo ta'an كُلُواْ وَٱشۡرَبُواْ هَنِيٓـَٔۢا بِمَآ أَسۡلَفۡتُمۡ فِي ٱلۡأَيَّامِ ٱلۡخَالِيَةِ ٢٤Waan guyyoota darban keessa dabarfattaniif jecha gammadoo ta’aatii nyaadhaa; dhugaa" (isaaniin jedhama) وَأَمَّا مَنۡ أُوتِيَ كِتَٰبَهُۥ بِشِمَالِهِۦ فَيَقُولُ يَٰلَيۡتَنِي لَمۡ أُوتَ كِتَٰبِيَهۡ ٢٥Namni kitaaba isaa bitaa isaatiin kennames ni jedha: "yaa badii kiyya! Odoon kitaaba kiyya kennamuu hafee وَلَمۡ أَدۡرِ مَا حِسَابِيَهۡ ٢٦Qormaanni kiyya maal akka ta'es (odoon) beekuu hafee يَٰلَيۡتَهَا كَانَتِ ٱلۡقَاضِيَةَ ٢٧Odoo isheen xumura (jiruu) kiyyaa taateen hawwa مَآ أَغۡنَىٰ عَنِّي مَالِيَهۡۜ ٢٨Qabeenyi kiyya homaa nan duroomsine (fayyadne) هَلَكَ عَنِّي سُلۡطَٰنِيَهۡ ٢٩Taaytaan kiyyas narraa bade” (jedha) خُذُوهُ فَغُلُّوهُ ٣٠Isa qabaatii isa hidhaa (sakaalaa) ثُمَّ ٱلۡجَحِيمَ صَلُّوهُ ٣١Ergasii ibidda isa seensisaa ثُمَّ فِي سِلۡسِلَةٍ ذَرۡعُهَا سَبۡعُونَ ذِرَاعًا فَٱسۡلُكُوهُ ٣٢Ergasii sansalata dheerinni isaa dhundhuma torbaatama ta'e keessa isa seensisaa إِنَّهُۥ كَانَ لَا يُؤۡمِنُ بِٱللَّهِ ٱلۡعَظِيمِ ٣٣Inni Rabbii Guddaatti hin amanu ture وَلَا يَحُضُّ عَلَىٰ طَعَامِ ٱلۡمِسۡكِينِ ٣٤Hiyyeeyyii nyaachisuu irrattis (namoota) hin kakaasu ture فَلَيۡسَ لَهُ ٱلۡيَوۡمَ هَٰهُنَا حَمِيمٌ ٣٥Har’a asitti firri isaaf hin jiru وَلَا طَعَامٌ إِلَّا مِنۡ غِسۡلِينٍ ٣٦Nyaannis malaa (warra ibiddaa) irraa malee hin jiru لَّا يَأۡكُلُهُۥٓ إِلَّا ٱلۡخَٰطِـُٔونَ ٣٧Warra dilaawoo malee isa hin nyaatu فَلَآ أُقۡسِمُ بِمَا تُبۡصِرُونَ ٣٨Waan isin argitaniinis niin kakadha وَمَا لَا تُبۡصِرُونَ ٣٩Waan isin hin argineenis (niin kakadha) إِنَّهُۥ لَقَوۡلُ رَسُولٍ كَرِيمٍ ٤٠Dhugumatti, inni (Qur'aanni) jecha ergamaa kabajamaati وَمَا هُوَ بِقَوۡلِ شَاعِرٍۚ قَلِيلًا مَّا تُؤۡمِنُونَ ٤١Inni jecha weellisaatii miti; xiqquma qofa amantu وَلَا بِقَوۡلِ كَاهِنٍۚ قَلِيلًا مَّا تَذَكَّرُونَ ٤٢Jecha raagaatiis miti; xiqqoo malee hin gorfamtanu تَنزِيلٌ مِّن رَّبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ ٤٣Gooftaa aalama hundaa irraa buufamaadha وَلَوۡ تَقَوَّلَ عَلَيۡنَا بَعۡضَ ٱلۡأَقَاوِيلِ ٤٤Odoo garii jechootaa (kan Nuti hin jedhin) Nurratti dubbatee لَأَخَذۡنَا مِنۡهُ بِٱلۡيَمِينِ ٤٥Silaa Nuti mirgaan isa qabna turre ثُمَّ لَقَطَعۡنَا مِنۡهُ ٱلۡوَتِينَ ٤٦Ergasii hidda onnee isarraa kunna turre فَمَا مِنكُم مِّنۡ أَحَدٍ عَنۡهُ حَٰجِزِينَ ٤٧Isin irraa namni isarraa dhorgu tokkollee hin jiru وَإِنَّهُۥ لَتَذۡكِرَةٌ لِّلۡمُتَّقِينَ ٤٨Innis (Qur'aanni) warra Rabbiin sodaataniif gorsa وَإِنَّا لَنَعۡلَمُ أَنَّ مِنكُم مُّكَذِّبِينَ ٤٩Dhugumatti isin irraa namoonni (Qur'aana) sobsiisan akka jiran Nuti ni beekna وَإِنَّهُۥ لَحَسۡرَةٌ عَلَى ٱلۡكَٰفِرِينَ ٥٠Inni (Qur'aanni) kaafiroota irratti gaabbiidha وَإِنَّهُۥ لَحَقُّ ٱلۡيَقِينِ ٥١Dhugumatti, inni (Qur'aanni) dhugaa mirkanaa’aadha فَسَبِّحۡ بِٱسۡمِ رَبِّكَ ٱلۡعَظِيمِ ٥٢Maqaa Gooftaa kee guddaa ta’ee faarsi

Translation: Ghali Apapur Apaghuna.