بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
الٓرۚ تِلۡكَ ءَايَٰتُ ٱلۡكِتَٰبِ وَقُرۡءَانٍ مُّبِينٍ ١Alif Laam RaaIsheen kun keewwattoota kitaabichaatiifi Qur’aana (waan hunda) ifa baasaa ta’eeti رُّبَمَا يَوَدُّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَوۡ كَانُواْ مُسۡلِمِينَ ٢Isaan kafaran (Guyyaa Qiyaamaa) odoo Muslimoota ta’anii baay’ee hawwu ذَرۡهُمۡ يَأۡكُلُواْ وَيَتَمَتَّعُواْ وَيُلۡهِهِمُ ٱلۡأَمَلُۖ فَسَوۡفَ يَعۡلَمُونَ ٣Haa nyaatanii; Haa qanani’anii; hawwiin (sobaa) isaan haa daguu isaan dhiisi(Itti gala isaaniis) fuula duratti ni beeku وَمَآ أَهۡلَكۡنَا مِن قَرۡيَةٍ إِلَّا وَلَهَا كِتَابٌ مَّعۡلُومٌ ٤Beellamni beekamaan isheef jiraatu malee (warra) magaalaa tokkollee hin balleessine مَّا تَسۡبِقُ مِنۡ أُمَّةٍ أَجَلَهَا وَمَا يَسۡتَـٔۡخِرُونَ ٥Ummanni tokkollee beellama ishee hin dursitu, boodas hin aansamanu وَقَالُواْ يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِي نُزِّلَ عَلَيۡهِ ٱلذِّكۡرُ إِنَّكَ لَمَجۡنُونٌ ٦“Yaa isa zikriin (Qur’aanni) isa irratti buufame! dhugumatti ati maraataadha” jedhan لَّوۡمَا تَأۡتِينَا بِٱلۡمَلَٰٓئِكَةِ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ ٧Yoo warra dhugaa dubbattoota irraa taate, maaliif maleeykotaan nutti hin dhufne?” (jedhan) مَا نُنَزِّلُ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةَ إِلَّا بِٱلۡحَقِّ وَمَا كَانُوٓاْ إِذًا مُّنظَرِينَ ٨Nuti maleeykota dhugaan (adabaan) malee hin buufnuYoosan yeroon isaaniif kan kennamu hin taane إِنَّا نَحۡنُ نَزَّلۡنَا ٱلذِّكۡرَ وَإِنَّا لَهُۥ لَحَٰفِظُونَ ٩Dhugumatti, Nuti Zikrii Numatu buuseNumatu isaaf tiksoodha وَلَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا مِن قَبۡلِكَ فِي شِيَعِ ٱلۡأَوَّلِينَ ١٠Dhugumatti, Nuti siin duratti ummattoota duraanii keessatti (ergamtoota) erginee jirra وَمَا يَأۡتِيهِم مِّن رَّسُولٍ إِلَّا كَانُواْ بِهِۦ يَسۡتَهۡزِءُونَ ١١Ergamaan tokkos isatti kan qishinan ta’anii malee isaanitti hin dhufne كَذَٰلِكَ نَسۡلُكُهُۥ فِي قُلُوبِ ٱلۡمُجۡرِمِينَ ١٢Akka kanatti onnee yakkamtootaa keessa isa (sobsiisuu) seensifna لَا يُؤۡمِنُونَ بِهِۦ وَقَدۡ خَلَتۡ سُنَّةُ ٱلۡأَوَّلِينَ ١٣Isatti hin amananuDhugumatti, gochi (adabbiin) warra duraanii dabartee jirti (wanti isaan tuqe isaan kanas ni tuqa) وَلَوۡ فَتَحۡنَا عَلَيۡهِم بَابًا مِّنَ ٱلسَّمَآءِ فَظَلُّواْ فِيهِ يَعۡرُجُونَ ١٤Odoo balbala samii irraa ta’e isaan irratti bannee, ishee keessa kan ol ba’an ta’anii لَقَالُوٓاْ إِنَّمَا سُكِّرَتۡ أَبۡصَٰرُنَا بَلۡ نَحۡنُ قَوۡمٌ مَّسۡحُورُونَ ١٥Silaa “ijuma keenyatu cufameInumaa nuti ummata sihriin itti godhameedha” jedhu وَلَقَدۡ جَعَلۡنَا فِي ٱلسَّمَآءِ بُرُوجًا وَزَيَّنَّٰهَا لِلنَّٰظِرِينَ ١٦Nuti dhugumatti samii keessattis urjiilee gugurdaa taasifnee, namoota ilaalaniif ishee miidhagsinee jirra وَحَفِظۡنَٰهَا مِن كُلِّ شَيۡطَٰنٍ رَّجِيمٍ ١٧Sheyxaana darbatamaa hunda irraas ishee tiiksine إِلَّا مَنِ ٱسۡتَرَقَ ٱلسَّمۡعَ فَأَتۡبَعَهُۥ شِهَابٌ مُّبِينٌ ١٨Isa dhageettii hatee qaanqeen ifabahaa ta'e isa hordofe malee وَٱلۡأَرۡضَ مَدَدۡنَٰهَا وَأَلۡقَيۡنَا فِيهَا رَوَٰسِيَ وَأَنۢبَتۡنَا فِيهَا مِن كُلِّ شَيۡءٍ مَّوۡزُونٍ ١٩Dachiis Nuti ishee diriirsinee jirraGaarreenis ishee keessati goonee jirraWanta madaalamaa ta’e hunda irraas ishee keessatti magarsinee jirra وَجَعَلۡنَا لَكُمۡ فِيهَا مَعَٰيِشَ وَمَن لَّسۡتُمۡ لَهُۥ بِرَٰزِقِينَ ٢٠Ishee keessatti waan ittiin jiraattaniifi waan isin isaan hin soorre (beyladoota) isiniif goone وَإِن مِّن شَيۡءٍ إِلَّا عِندَنَا خَزَآئِنُهُۥ وَمَا نُنَزِّلُهُۥٓ إِلَّا بِقَدَرٍ مَّعۡلُومٍ ٢١Kuusaaleen isaa Nu biratti ta’u male Wanti tokkos hin taane; Hanga beekaamaadhaan malee isa hin buufnu وَأَرۡسَلۡنَا ٱلرِّيَٰحَ لَوَٰقِحَ فَأَنزَلۡنَا مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءً فَأَسۡقَيۡنَٰكُمُوهُ وَمَآ أَنتُمۡ لَهُۥ بِخَٰزِنِينَ ٢٢Baadhattuuwwan (duumessaa) taasifnee bubbeewwan erginee jirraSamii irraas bishaan buufnee isa isin obaafnee jirra(Nutu isiniif kuusa malee) isin isa (kuusuu irratti) danda’oo hin taane وَإِنَّا لَنَحۡنُ نُحۡيِۦ وَنُمِيتُ وَنَحۡنُ ٱلۡوَٰرِثُونَ ٢٣Nuti dhugumatti lubbuu Numatu jiraachisee ajjeesasNumatu dhaaltotas وَلَقَدۡ عَلِمۡنَا ٱلۡمُسۡتَقۡدِمِينَ مِنكُمۡ وَلَقَدۡ عَلِمۡنَا ٱلۡمُسۡتَـٔۡخِرِينَ ٢٤Dhugumatti Nuti isin irraa warren darban beekneerraWarren boodaas dhugumatti beeknee jirra وَإِنَّ رَبَّكَ هُوَ يَحۡشُرُهُمۡۚ إِنَّهُۥ حَكِيمٌ عَلِيمٌ ٢٥Dhugumatti Gooftaan kee Isumatu walitti isaan qaba; Inni ogeessa, beekaadha وَلَقَدۡ خَلَقۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ مِن صَلۡصَٰلٍ مِّنۡ حَمَإٍ مَّسۡنُونٍ ٢٦Dhugumatti Nuti nama (Aadamiin) suphee dhoqqee jijjiiramaa ta’e irraa uumne وَٱلۡجَآنَّ خَلَقۡنَٰهُ مِن قَبۡلُ مِن نَّارِ ٱلسَّمُومِ ٢٧Jinnii (Ibliisiin) immoo duraan ibidda boba’aa irraa isa uumne وَإِذۡ قَالَ رَبُّكَ لِلۡمَلَٰٓئِكَةِ إِنِّي خَٰلِقُۢ بَشَرًا مِّن صَلۡصَٰلٍ مِّنۡ حَمَإٍ مَّسۡنُونٍ ٢٨Yeroo Gooftaan kee maleeykotaan jedhe [yaadadhu]:“Ani nama suphee (faara) dhoqqee jijjiiramarraa ta’e irraa uumaadha فَإِذَا سَوَّيۡتُهُۥ وَنَفَخۡتُ فِيهِ مِن رُّوحِي فَقَعُواْ لَهُۥ سَٰجِدِينَ ٢٩Yeroo Ani isa sirreessee ruuhii (uumaa) kiyya irraa ta’e isa keessatti afuufe, kan sujuuddan ta’aatii isaaf kufaa فَسَجَدَ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ كُلُّهُمۡ أَجۡمَعُونَ ٣٠Maleeykonni hundi walumaa galatti sujuuda bu’an إِلَّآ إِبۡلِيسَ أَبَىٰٓ أَن يَكُونَ مَعَ ٱلسَّٰجِدِينَ ٣١Garuu Ibliis warra sujuuda bu’an irraa ta’uu ni dide قَالَ يَٰٓإِبۡلِيسُ مَا لَكَ أَلَّا تَكُونَ مَعَ ٱلسَّٰجِدِينَ ٣٢(Rabbiin) “Yaa Ibliis! Maaliif warra sujuuda bu’an irraa ta’uu didde?” jedhee قَالَ لَمۡ أَكُن لِّأَسۡجُدَ لِبَشَرٍ خَلَقۡتَهُۥ مِن صَلۡصَٰلٍ مِّنۡ حَمَإٍ مَّسۡنُونٍ ٣٣[Inni] “Ani nama Ati suphee (faara) dhoqqee jijjiiramaa ta’e irraa uumteef sujuuda hin bu’u” jedhe قَالَ فَٱخۡرُجۡ مِنۡهَا فَإِنَّكَ رَجِيمٌ ٣٤(Rabbiinis) “ishee irraa ba’i; Ati dhugumatti darbamaadha وَإِنَّ عَلَيۡكَ ٱللَّعۡنَةَ إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلدِّينِ ٣٥Dhugumatti hanga Guyyaa Murtiitti abaarsi sirra jira.” قَالَ رَبِّ فَأَنظِرۡنِيٓ إِلَىٰ يَوۡمِ يُبۡعَثُونَ ٣٦“Gooftaa kiyya! Hanga guyyaa kaafamaatti na tursiisi” jedhe قَالَ فَإِنَّكَ مِنَ ٱلۡمُنظَرِينَ ٣٧(Rabbiinis) “Dhugumatti, ati tursiifamtoota irraayi” jedhe إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلۡوَقۡتِ ٱلۡمَعۡلُومِ ٣٨“Hanga guyyaa yeroo beekaamaatti.” قَالَ رَبِّ بِمَآ أَغۡوَيۡتَنِي لَأُزَيِّنَنَّ لَهُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلَأُغۡوِيَنَّهُمۡ أَجۡمَعِينَ ٣٩(Ibliis) ni jedhe: “Gooftaa kiyya! na jallisuu keetiin kakadhee, dhugumatti dachii keessatti (karaa jallinaa) isaaniif miidhagseen walumaa galatti isaan jallisa إِلَّا عِبَادَكَ مِنۡهُمُ ٱلۡمُخۡلَصِينَ ٤٠Gabroota kee irraa qulqulleeffamoota isaan ta’an malee قَالَ هَٰذَا صِرَٰطٌ عَلَيَّ مُسۡتَقِيمٌ ٤١(Rabbiinis) ni jedhe: “Kun karaa qajeelaa (isa eeguun) narratti ta’eedha إِنَّ عِبَادِي لَيۡسَ لَكَ عَلَيۡهِمۡ سُلۡطَٰنٌ إِلَّا مَنِ ٱتَّبَعَكَ مِنَ ٱلۡغَاوِينَ ٤٢Jallattoota irraa warra si hordofan malee dhugumatti, gabroota kiyya irratti dandeettiin tokkoyyuu siif hin jiru وَإِنَّ جَهَنَّمَ لَمَوۡعِدُهُمۡ أَجۡمَعِينَ ٤٣Dhugumatti jahannam (isaafi hordoftoota isaatiif) walumaagalatti beellama isaaniiti لَهَا سَبۡعَةُ أَبۡوَٰبٍ لِّكُلِّ بَابٍ مِّنۡهُمۡ جُزۡءٌ مَّقۡسُومٌ ٤٤Isheedhaafis balbala torbatu jiraTokko tokkoon balbalaatiif isaan irraa qooda ramadamaatu jira.” إِنَّ ٱلۡمُتَّقِينَ فِي جَنَّٰتٍ وَعُيُونٍ ٤٥Dhugumatti, warri (Rabbiin) sodaatan ashaakiltiiwwaniifi burqaawwan keessa jiru ٱدۡخُلُوهَا بِسَلَٰمٍ ءَامِنِينَ ٤٦“Nagaan tasgabbaa’aa ishee seenaa” (jedhamaan) وَنَزَعۡنَا مَا فِي صُدُورِهِم مِّنۡ غِلٍّ إِخۡوَٰنًا عَلَىٰ سُرُرٍ مُّتَقَٰبِلِينَ ٤٧Obboleeyyan siree irratti walitti garagaggalan ta’anii jibbaa irraa waan qoma isaanii keessa jiru baafne لَا يَمَسُّهُمۡ فِيهَا نَصَبٌ وَمَا هُم مِّنۡهَا بِمُخۡرَجِينَ ٤٨Ishee keessatti dadhabbiin isaan hin tuquIsaanis ishee irraa hin baafamanu ۞ نَبِّئۡ عِبَادِيٓ أَنِّيٓ أَنَا ٱلۡغَفُورُ ٱلرَّحِيمُ ٤٩“Ani dhugumatti Anatu araaramaa, rahmata godhaadha” jechuu gabroota kiyyatti odeessi ۞ وَأَنَّ عَذَابِي هُوَ ٱلۡعَذَابُ ٱلۡأَلِيمُ ٥٠“Adabni kiyyas isatu adabbii laalessaadha” (jeechuus itti himi) وَنَبِّئۡهُمۡ عَن ضَيۡفِ إِبۡرَٰهِيمَ ٥١Keessummaa Ibraahiim irraas isaanitti odeessi إِذۡ دَخَلُواْ عَلَيۡهِ فَقَالُواْ سَلَٰمًا قَالَ إِنَّا مِنكُمۡ وَجِلُونَ ٥٢Yeroo isa irratti seenanii, salaam jedhan (nagaa gaafatan) [Inni] “Dhugumatti, nuti isin irraa sodaatoodha” jedheen قَالُواْ لَا تَوۡجَلۡ إِنَّا نُبَشِّرُكَ بِغُلَٰمٍ عَلِيمٍ ٥٣“Hin sodaatinNuti ilma beekaa ta’een si gammachiifnaa” jedhan قَالَ أَبَشَّرۡتُمُونِي عَلَىٰٓ أَن مَّسَّنِيَ ٱلۡكِبَرُ فَبِمَ تُبَشِّرُونَ ٥٤“Sila dullumni na tuquu wajjin na gammachiiftuu? Maaliin na gammachiiftu?” jedheen قَالُواْ بَشَّرۡنَٰكَ بِٱلۡحَقِّ فَلَا تَكُن مِّنَ ٱلۡقَٰنِطِينَ ٥٥“(Nuti) dhugamaan si gammachiifne; Abdii kutattoota irraa hin ta’in” jedhaniin قَالَ وَمَن يَقۡنَطُ مِن رَّحۡمَةِ رَبِّهِۦٓ إِلَّا ٱلضَّآلُّونَ ٥٦“Jallattoota malee Rahmata Gooftaa isaa irraa eenyutu abdii kutata?” jedhe قَالَ فَمَا خَطۡبُكُمۡ أَيُّهَا ٱلۡمُرۡسَلُونَ ٥٧“Isin yaa warra ergamtootaa! Dhimmi (haalli) keessan maali?” jedheen قَالُوٓاْ إِنَّآ أُرۡسِلۡنَآ إِلَىٰ قَوۡمٍ مُّجۡرِمِينَ ٥٨“Nuti dhugumatti, gara ummata yakkamtootaatti ergamne” jedhan إِلَّآ ءَالَ لُوطٍ إِنَّا لَمُنَجُّوهُمۡ أَجۡمَعِينَ ٥٩“Garuu maatii Luux dhugumatti, nuti hunduma ta’anii isaan baraarsoodha.” إِلَّا ٱمۡرَأَتَهُۥ قَدَّرۡنَآ إِنَّهَا لَمِنَ ٱلۡغَٰبِرِينَ ٦٠“Niitii isaa malee; Nuti (adaba keessatti) haftoota irraa ta’uu ishee murteessine.” فَلَمَّا جَآءَ ءَالَ لُوطٍ ٱلۡمُرۡسَلُونَ ٦١Yeroma ergamoonni maatii Luuxitti dhufanu قَالَ إِنَّكُمۡ قَوۡمٌ مُّنكَرُونَ ٦٢“Dhugumatti, isin ummata wallaalamoodha” jedhe قَالُواْ بَلۡ جِئۡنَٰكَ بِمَا كَانُواْ فِيهِ يَمۡتَرُونَ ٦٣“Dhugumatti nuti waan isaan isa keessatti shakkaa turaniin sitti dhufne” jedhan وَأَتَيۡنَٰكَ بِٱلۡحَقِّ وَإِنَّا لَصَٰدِقُونَ ٦٤“Dhugaadhaan sitti dhufneDhugumatti nuti dhugaa dubbattoota فَأَسۡرِ بِأَهۡلِكَ بِقِطۡعٍ مِّنَ ٱلَّيۡلِ وَٱتَّبِعۡ أَدۡبَٰرَهُمۡ وَلَا يَلۡتَفِتۡ مِنكُمۡ أَحَدٌ وَٱمۡضُواْ حَيۡثُ تُؤۡمَرُونَ ٦٥Cittuu halkan irraa taateen maatii keetiin deemi; Duuba isaanii hordofiIsin irraa namni tokkos of duuba hin mil’atin; gara iddoo ajajamtaniis deemaa.” وَقَضَيۡنَآ إِلَيۡهِ ذَٰلِكَ ٱلۡأَمۡرَ أَنَّ دَابِرَ هَٰٓؤُلَآءِ مَقۡطُوعٌ مُّصۡبِحِينَ ٦٦“Ajaja sanas xumurri warra sanii bariifattoota ta’anii kutamaadha” jechuun gara isaatti murteessine وَجَآءَ أَهۡلُ ٱلۡمَدِينَةِ يَسۡتَبۡشِرُونَ ٦٧Jiraattonni magaalaas kan wal gammachiisan ta’anii dhufan قَالَ إِنَّ هَٰٓؤُلَآءِ ضَيۡفِي فَلَا تَفۡضَحُونِ ٦٨(Luuxis ni jedhe): “Dhugumatti, isaan kun keessumoota kiyyaa, nan saaxilinaa” jedhe وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَلَا تُخۡزُونِ ٦٩“Rabbiin sodaadhaa; anas hin xiqqeessinaa.” قَالُوٓاْ أَوَلَمۡ نَنۡهَكَ عَنِ ٱلۡعَٰلَمِينَ ٧٠(Namoonni magaalattiis) “Sila nuti aalama (keessummeessuu) irraa si hin dhorginee?” jedhan قَالَ هَٰٓؤُلَآءِ بَنَاتِيٓ إِن كُنتُمۡ فَٰعِلِينَ ٧١(Luuxis) ni jedhe: “kun shamarran kiyya, Yoo kan raawwattan taataniif (isaan fuudhaa).” لَعَمۡرُكَ إِنَّهُمۡ لَفِي سَكۡرَتِهِمۡ يَعۡمَهُونَ ٧٢(Yaa Muhammad!) Jireenya keetti kakadhee! Dhugumatti, isaan machii isaanii kessa dhama’u فَأَخَذَتۡهُمُ ٱلصَّيۡحَةُ مُشۡرِقِينَ ٧٣Biiftuun isaanitti kan baatu ta’anii iyyattiin isaan qabatte فَجَعَلۡنَا عَٰلِيَهَا سَافِلَهَا وَأَمۡطَرۡنَا عَلَيۡهِمۡ حِجَارَةً مِّن سِجِّيلٍ ٧٤Gubbaa ishee jala ishee taasifnee, dhagaa xuubii (dhoqqee gubame) irraa ta’e isaanitti roobsine إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٍ لِّلۡمُتَوَسِّمِينَ ٧٥Dhugumatti, kana keessa xiinxaltootaaf mallattooleetu jira وَإِنَّهَا لَبِسَبِيلٍ مُّقِيمٍ ٧٦Dhugumatti, isheen (magaalattiin) daandii qajeelaa irra jirti إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةً لِّلۡمُؤۡمِنِينَ ٧٧Dhugumatti, kana keessa mu’uminootaaf mallattootu jirti وَإِن كَانَ أَصۡحَٰبُ ٱلۡأَيۡكَةِ لَظَٰلِمِينَ ٧٨Dubbiif, warri bosonaa dhugumatti miidhaa raawwattoota ta’an فَٱنتَقَمۡنَا مِنۡهُمۡ وَإِنَّهُمَا لَبِإِمَامٍ مُّبِينٍ ٧٩Haaloo isaan irraa ba’anneDhugumatti, isaan lamaanuu daandii ifa ta’e irra jiru وَلَقَدۡ كَذَّبَ أَصۡحَٰبُ ٱلۡحِجۡرِ ٱلۡمُرۡسَلِينَ ٨٠Dhugumatti jiraattonni Hijris ergamtoota kijibsiisaniiru وَءَاتَيۡنَٰهُمۡ ءَايَٰتِنَا فَكَانُواْ عَنۡهَا مُعۡرِضِينَ ٨١Mallattoolee keenyas isaaniif kenninee, isaan irraa garagaloo ta’an وَكَانُواْ يَنۡحِتُونَ مِنَ ٱلۡجِبَالِ بُيُوتًا ءَامِنِينَ ٨٢Of amanoo ta’anii gaarreen irraas manneen isaanii uraa turaniiru فَأَخَذَتۡهُمُ ٱلصَّيۡحَةُ مُصۡبِحِينَ ٨٣Bariifatoo ta’anii iyyansi isaan qabatte فَمَآ أَغۡنَىٰ عَنۡهُم مَّا كَانُواْ يَكۡسِبُونَ ٨٤Wanti isaan hojjataa turan isaan irraa homaa hin deebifne وَمَا خَلَقۡنَا ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ وَمَا بَيۡنَهُمَآ إِلَّا بِٱلۡحَقِّۗ وَإِنَّ ٱلسَّاعَةَ لَأٓتِيَةٌۖ فَٱصۡفَحِ ٱلصَّفۡحَ ٱلۡجَمِيلَ ٨٥Samii, dachiifi wantoota gidduu isaan lamaanii dhugaadhaan malee hin uumneDhugumatti Qiyaamaanis dhuftuudhaIrraa gara galuu gaarii ta’e gara gali إِنَّ رَبَّكَ هُوَ ٱلۡخَلَّٰقُ ٱلۡعَلِيمُ ٨٦Rabbiin kees isatu akkaan uumaa, beekaadha وَلَقَدۡ ءَاتَيۡنَٰكَ سَبۡعًا مِّنَ ٱلۡمَثَانِي وَٱلۡقُرۡءَانَ ٱلۡعَظِيمَ ٨٧Dhugumatti Nuti deddeebi’aa irraa torbaafi Qur’aana guddaa siif kenninee jirra لَا تَمُدَّنَّ عَيۡنَيۡكَ إِلَىٰ مَا مَتَّعۡنَا بِهِۦٓ أَزۡوَٰجًا مِّنۡهُمۡ وَلَا تَحۡزَنۡ عَلَيۡهِمۡ وَٱخۡفِضۡ جَنَاحَكَ لِلۡمُؤۡمِنِينَ ٨٨Gara waan nuti garee isaan (kaafiroota) irraa ta’an ittiin qanansiifnee ija kee lamaan hin diriirsin; Isaan irrattis hin gaddin; kooluu ija keetiis Mu’uminootaaf gadi qabi وَقُلۡ إِنِّيٓ أَنَا ٱلنَّذِيرُ ٱلۡمُبِينُ ٨٩“Dhugumatti ani, anatu sodaachisaa ifa galaadha” jedhi كَمَآ أَنزَلۡنَا عَلَى ٱلۡمُقۡتَسِمِينَ ٩٠Akkuma qoqqooddattoota irratti buufne ٱلَّذِينَ جَعَلُواْ ٱلۡقُرۡءَانَ عِضِينَ ٩١Isaan Qur’aana garee taasisan (gariitti amananii garitti kafaran) فَوَرَبِّكَ لَنَسۡـَٔلَنَّهُمۡ أَجۡمَعِينَ ٩٢Gooftaa keetti kakannee! dhugumatti hunda isaanii ni gaafanna عَمَّا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ ٩٣Waan isaan dalagaa turan irraa فَٱصۡدَعۡ بِمَا تُؤۡمَرُ وَأَعۡرِضۡ عَنِ ٱلۡمُشۡرِكِينَ ٩٤Waan itti ajajamte ifatti labsi; Mushrikoota irraas garagali إِنَّا كَفَيۡنَٰكَ ٱلۡمُسۡتَهۡزِءِينَ ٩٥Dhugumatti, warra sitti qishnan siif geenyeerra ٱلَّذِينَ يَجۡعَلُونَ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَۚ فَسَوۡفَ يَعۡلَمُونَ ٩٦(Isaan) warra Rabbii wajjiin gabbaramaa biraa godhan; fuulduratti beeku وَلَقَدۡ نَعۡلَمُ أَنَّكَ يَضِيقُ صَدۡرُكَ بِمَا يَقُولُونَ ٩٧Dhugumatti waan isaan jedhanuun qomni kee rakkachuu ni beekna فَسَبِّحۡ بِحَمۡدِ رَبِّكَ وَكُن مِّنَ ٱلسَّٰجِدِينَ ٩٨Gooftaa kee faarsuu wajjin Isa qulqulleessiWarra sujuudan irraas ta’i وَٱعۡبُدۡ رَبَّكَ حَتَّىٰ يَأۡتِيَكَ ٱلۡيَقِينُ ٩٩Hanga dhugaan (duuti) sitti dhufutti Gooftaa kee gabbari