Millat al-Islam

Chapter 73 · 20 verses · Ghali Apapur Apaghuna

Surah Al-Muzzammil in Oromo

Arabic with tafsir Listen to Surah Al-Muzzammil (1282 reciters)
Meccanسورة المزمل20 verses

بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

يَٰٓأَيُّهَا ٱلۡمُزَّمِّلُ ١Yaa mammarataa قُمِ ٱلَّيۡلَ إِلَّا قَلِيلًا ٢Xiqqo malee halkan guutuu dhaabbadhu نِّصۡفَهُۥٓ أَوِ ٱنقُصۡ مِنۡهُ قَلِيلًا ٣Walakkaa isaa (dhaabbadhu) yookiin xiqqoo isa irraa hir’isi أَوۡ زِدۡ عَلَيۡهِ وَرَتِّلِ ٱلۡقُرۡءَانَ تَرۡتِيلًا ٤Yookiin isa irratti dabaliQur'aanas suutaan dubbisi إِنَّا سَنُلۡقِي عَلَيۡكَ قَوۡلًا ثَقِيلًا ٥Nuti jecha ulfaataa sirratti buusuuf jirra إِنَّ نَاشِئَةَ ٱلَّيۡلِ هِيَ أَشَدُّ وَطۡـًٔا وَأَقۡوَمُ قِيلًا ٦Dhugumatti, ka'umsi halkanii (arrabaafi qalbii) wal simachiisuutti akkaan jabaafi dubbisuufis qajeelaadha إِنَّ لَكَ فِي ٱلنَّهَارِ سَبۡحًا طَوِيلًا ٧Guyyaa keessa (dhimma jireenyaatiif) sochii dheeraatu siif jira وَٱذۡكُرِ ٱسۡمَ رَبِّكَ وَتَبَتَّلۡ إِلَيۡهِ تَبۡتِيلًا ٨Maqaa Gooftaa keetiis faarsi; gara isaattis citiinsa citi رَّبُّ ٱلۡمَشۡرِقِ وَٱلۡمَغۡرِبِ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ فَٱتَّخِذۡهُ وَكِيلًا ٩(Inni) Gooftaa bahaafi dhihaatiIsa malee gabbaramaan dhugaa hin jiru; hirkoo isa taasifadhu وَٱصۡبِرۡ عَلَىٰ مَا يَقُولُونَ وَٱهۡجُرۡهُمۡ هَجۡرًا جَمِيلًا ١٠Waan isaan jedhan irratti obsi; fageenya gaarii isaan irraa fagaadhu وَذَرۡنِي وَٱلۡمُكَذِّبِينَ أُوْلِي ٱلنَّعۡمَةِ وَمَهِّلۡهُمۡ قَلِيلًا ١١Anaafi sobsiiftota warra qananii walitti Na dhiisi; beellama xiqqoos isaaniif qabi إِنَّ لَدَيۡنَآ أَنكَالًا وَجَحِيمًا ١٢Dhugumatti, Nu bira sakaallaa ulfaataafi ibiddatu jira وَطَعَامًا ذَا غُصَّةٍ وَعَذَابًا أَلِيمًا ١٣Akkasumas nyaata nama hudhuufi adabbii laalessaa ta'etu (jira) يَوۡمَ تَرۡجُفُ ٱلۡأَرۡضُ وَٱلۡجِبَالُ وَكَانَتِ ٱلۡجِبَالُ كَثِيبًا مَّهِيلًا ١٤Guyyaa dachiifi gaarreen hurgufamaniifi gaarreen tuulaa cirracha yaa'uu ta'u keessa (sakkaalamu) إِنَّآ أَرۡسَلۡنَآ إِلَيۡكُمۡ رَسُولًا شَٰهِدًا عَلَيۡكُمۡ كَمَآ أَرۡسَلۡنَآ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ رَسُولًا ١٥Nuti akkuma gara Fir'awn Ergamaa erginee turre gara keessanittis Ergamaa ragaa isin irratti ba'u erginee jirra فَعَصَىٰ فِرۡعَوۡنُ ٱلرَّسُولَ فَأَخَذۡنَٰهُ أَخۡذًا وَبِيلًا ١٦Fir'awnnis Ergamicha faallessee (didee) qabaa cimaa isa qabne فَكَيۡفَ تَتَّقُونَ إِن كَفَرۡتُمۡ يَوۡمًا يَجۡعَلُ ٱلۡوِلۡدَٰنَ شِيبًا ١٧Yoo kafartaniif, (adabbii) Guyyaa ijoollee arrii taasisuu akkamitti eeggattu ٱلسَّمَآءُ مُنفَطِرُۢ بِهِۦۚ كَانَ وَعۡدُهُۥ مَفۡعُولًا ١٨Samiin isaan (guyyaa sanaan) dhodhootuudhaBaallamni Isaa raawwatamaa ta'e إِنَّ هَٰذِهِۦ تَذۡكِرَةٌۖ فَمَن شَآءَ ٱتَّخَذَ إِلَىٰ رَبِّهِۦ سَبِيلًا ١٩Dhugumatti, isheen kun gorsaNama fedhe gara Gooftaa isaatti karaa godhata ۞ إِنَّ رَبَّكَ يَعۡلَمُ أَنَّكَ تَقُومُ أَدۡنَىٰ مِن ثُلُثَيِ ٱلَّيۡلِ وَنِصۡفَهُۥ وَثُلُثَهُۥ وَطَآئِفَةٌ مِّنَ ٱلَّذِينَ مَعَكَۚ وَٱللَّهُ يُقَدِّرُ ٱلَّيۡلَ وَٱلنَّهَارَۚ عَلِمَ أَن لَّن تُحۡصُوهُ فَتَابَ عَلَيۡكُمۡۖ فَٱقۡرَءُواْ مَا تَيَسَّرَ مِنَ ٱلۡقُرۡءَانِۚ عَلِمَ أَن سَيَكُونُ مِنكُم مَّرۡضَىٰ وَءَاخَرُونَ يَضۡرِبُونَ فِي ٱلۡأَرۡضِ يَبۡتَغُونَ مِن فَضۡلِ ٱللَّهِ وَءَاخَرُونَ يُقَٰتِلُونَ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِۖ فَٱقۡرَءُواْ مَا تَيَسَّرَ مِنۡهُۚ وَأَقِيمُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتُواْ ٱلزَّكَوٰةَ وَأَقۡرِضُواْ ٱللَّهَ قَرۡضًا حَسَنًاۚ وَمَا تُقَدِّمُواْ لِأَنفُسِكُم مِّنۡ خَيۡرٍ تَجِدُوهُ عِندَ ٱللَّهِ هُوَ خَيۡرًا وَأَعۡظَمَ أَجۡرًاۚ وَٱسۡتَغۡفِرُواْ ٱللَّهَۖ إِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٌ رَّحِيمُۢ ٢٠(Yaa Muhammad SAW!) Dhugumatti akka atiifi warri sii wajjin ta'an irraa gareen wahii, lama sadaffaa halkanii, walakkaa isaatiifi tokko sadaffaa isaatii gadis dhaabbattan Gooftaan kee ni beekaRabbiin halkaniifi guyyaa ni shallagaAkka isin isa safartanii waliin hin geenye beekee tawbaa keessan isin irraa qeebaleQur'aana irraas (salaata keessatti) waan isiniif laafe qara'aaIsin irraa dhukkubsataan akka jiraatu, warri biraa immoo tola Rabbii barbaacha dachii keessa akka deeman, warri biraas karaa Rabbii keessatti akka lolan beekeeti (isin irrraa salphise)Kanaafuu, isa (Qur'aana) irraa waan isiniif laafe qara'aatii salaata dhaabaa; zakaas kennaaLiqii bareedaas Rabbiif liqeessaaToltuu irraa waan lubbuu keessaniif dabarfattan Rabbiin biratti inni caalaafi kan mindaa guddaa qabu ta'eeti isa argituRabbiin araarama kadhaa; dhugumatti, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha

Translation: Ghali Apapur Apaghuna.