Millat al-Islam

Chapter 28 · 88 verses · Ghali Apapur Apaghuna

Surah Al-Qasas in Oromo

Arabic with tafsir Listen to Surah Al-Qasas (1193 reciters)
Meccanسورة القصص88 verses

بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

طسٓمٓ ١Xaa Siin Miim تِلۡكَ ءَايَٰتُ ٱلۡكِتَٰبِ ٱلۡمُبِينِ ٢Kun keeyyattoota kitaaba ifa ba’aati نَتۡلُواْ عَلَيۡكَ مِن نَّبَإِ مُوسَىٰ وَفِرۡعَوۡنَ بِٱلۡحَقِّ لِقَوۡمٍ يُؤۡمِنُونَ ٣Oduu Muusaafi Fir’awn irraa ummata amananiif dhugaadhaan sirratti dubbifna إِنَّ فِرۡعَوۡنَ عَلَا فِي ٱلۡأَرۡضِ وَجَعَلَ أَهۡلَهَا شِيَعًا يَسۡتَضۡعِفُ طَآئِفَةً مِّنۡهُمۡ يُذَبِّحُ أَبۡنَآءَهُمۡ وَيَسۡتَحۡيِۦ نِسَآءَهُمۡۚ إِنَّهُۥ كَانَ مِنَ ٱلۡمُفۡسِدِينَ ٤Dhugumatti, Fir’awn Dachii keessatti of tuulee jiraNamoota ishees garee garee taasiseeraGaree isaan irraa ta’e ni hacuucaIlmaan isaanii kan dhiiraa ni ajjeesa; kan dubaraa immoo ni jiraachisaDhugumatti inni mancaaftota irraa ture وَنُرِيدُ أَن نَّمُنَّ عَلَى ٱلَّذِينَ ٱسۡتُضۡعِفُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَنَجۡعَلَهُمۡ أَئِمَّةً وَنَجۡعَلَهُمُ ٱلۡوَٰرِثِينَ ٥Nuti isaan lafa irratti cunqurfaman (hacuucaman) irratti tola oollee, matootii isaan goonee dhaaltotas isaan taasisuu feena وَنُمَكِّنَ لَهُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَنُرِيَ فِرۡعَوۡنَ وَهَٰمَٰنَ وَجُنُودَهُمَا مِنۡهُم مَّا كَانُواْ يَحۡذَرُونَ ٦Dachii keessas isaaniif mijeessuu [feena]Fir’awniin, Haamaaniifi waraana isaan lamaanii, isaan irraa waan sodaachaa turan agarsiisuu [feena] وَأَوۡحَيۡنَآ إِلَىٰٓ أُمِّ مُوسَىٰٓ أَنۡ أَرۡضِعِيهِۖ فَإِذَا خِفۡتِ عَلَيۡهِ فَأَلۡقِيهِ فِي ٱلۡيَمِّ وَلَا تَخَافِي وَلَا تَحۡزَنِيٓۖ إِنَّا رَآدُّوهُ إِلَيۡكِ وَجَاعِلُوهُ مِنَ ٱلۡمُرۡسَلِينَ ٧Gara haadha Muusaas “isa hoosisi; yeroo isa irratti sodaatte, galaana keessatti isa darbiHin sodaatin; hin gaddinisDhugumatti, nuti isa gara keetti deebisoofi ergamoota irraa isa taasisoodha” jechuun beeksisa goone فَٱلۡتَقَطَهُۥٓ ءَالُ فِرۡعَوۡنَ لِيَكُونَ لَهُمۡ عَدُوًّا وَحَزَنًاۗ إِنَّ فِرۡعَوۡنَ وَهَٰمَٰنَ وَجُنُودَهُمَا كَانُواْ خَٰطِـِٔينَ ٨Maatiin Fir’awn akka diinaafi gadda isaanitti ta’uuf isa fudhatanDhugumatti Fir’awn, Haamaanifi waraanni isaan lamaanii dogongortoota turan وَقَالَتِ ٱمۡرَأَتُ فِرۡعَوۡنَ قُرَّتُ عَيۡنٍ لِّي وَلَكَۖ لَا تَقۡتُلُوهُ عَسَىٰٓ أَن يَنفَعَنَآ أَوۡ نَتَّخِذَهُۥ وَلَدًا وَهُمۡ لَا يَشۡعُرُونَ ٩Haati manaa Fir’awn ni jette: “anaafi siif gammachuu ijaatii isa hin ajjeesinaa; nu fayyaduun yookiin ilma isa taasifachuun keenya ni kajeelama.” Isaanis haala hin beekneen [isheen bulan] وَأَصۡبَحَ فُؤَادُ أُمِّ مُوسَىٰ فَٰرِغًاۖ إِن كَادَتۡ لَتُبۡدِي بِهِۦ لَوۡلَآ أَن رَّبَطۡنَا عَلَىٰ قَلۡبِهَا لِتَكُونَ مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ ١٠Onneen haadha Muusaa duwwaa ta’eAkka isheen mu’uminoota irraa taatuuf jecha odoo onnee ishee jabeessuu baannee, [Ilma ishee ta’uu] isaa ifa gochuutti dhihaattee turte وَقَالَتۡ لِأُخۡتِهِۦ قُصِّيهِۖ فَبَصُرَتۡ بِهِۦ عَن جُنُبٍ وَهُمۡ لَا يَشۡعُرُونَ ١١Obboleettii isaatiinis “isa hordofi” jetteen; isheenis fagoo irraa odoo isaan hin beekne isa argite ۞ وَحَرَّمۡنَا عَلَيۡهِ ٱلۡمَرَاضِعَ مِن قَبۡلُ فَقَالَتۡ هَلۡ أَدُلُّكُمۡ عَلَىٰٓ أَهۡلِ بَيۡتٍ يَكۡفُلُونَهُۥ لَكُمۡ وَهُمۡ لَهُۥ نَٰصِحُونَ ١٢[Gara haadhaatti deebi’uun] dura hoosiftoota biraa irraa isa dhorginee turre[Obboleettin isaas] “Maatii isa isiniif guddisuufi gaarii isaaf yaadu irratti isin qajeelchuu?” jetteen فَرَدَدۡنَٰهُ إِلَىٰٓ أُمِّهِۦ كَيۡ تَقَرَّ عَيۡنُهَا وَلَا تَحۡزَنَ وَلِتَعۡلَمَ أَنَّ وَعۡدَ ٱللَّهِ حَقٌّ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَهُمۡ لَا يَعۡلَمُونَ ١٣Akka Ijji ishee gammadduufi hin yaaddofneef, akkasumas akka waadaan Rabbii dhugaa ta’uu beektuuf jecha gara haadha isaatti isa deebifneGaruu irra hedduun isaanii hin beekan وَلَمَّا بَلَغَ أَشُدَّهُۥ وَٱسۡتَوَىٰٓ ءَاتَيۡنَٰهُ حُكۡمًا وَعِلۡمًاۚ وَكَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلۡمُحۡسِنِينَ ١٤Yeroma inni jabina ga’ee umrii dargaggummaa guutu ogummaafi beekumsa isaaf kennineAkkuma kanatti toltuu hojjattoota mindeessina وَدَخَلَ ٱلۡمَدِينَةَ عَلَىٰ حِينِ غَفۡلَةٍ مِّنۡ أَهۡلِهَا فَوَجَدَ فِيهَا رَجُلَيۡنِ يَقۡتَتِلَانِ هَٰذَا مِن شِيعَتِهِۦ وَهَٰذَا مِنۡ عَدُوِّهِۦۖ فَٱسۡتَغَٰثَهُ ٱلَّذِي مِن شِيعَتِهِۦ عَلَى ٱلَّذِي مِنۡ عَدُوِّهِۦ فَوَكَزَهُۥ مُوسَىٰ فَقَضَىٰ عَلَيۡهِۖ قَالَ هَٰذَا مِنۡ عَمَلِ ٱلشَّيۡطَٰنِۖ إِنَّهُۥ عَدُوٌّ مُّضِلٌّ مُّبِينٌ ١٥Yeroo ummanni ishee daguu keessa jiranitti magaalattii seenee, namoota lama kan wal lolan argeKuni (inni tokko) lammii isaa irraa yoo ta’u, inni kun immoo diina isaa irraa tureInni lammii isaa irraa ta’e isa diina isaa irraa ta’e irratti tumsa isa gaafannaan Muusaan abootteen rukutee isa ajjeese[Muusaan] ni jedhe: “kun dalagaa Sheyxaanaa irraayyiDhugumatti, inni diina jallisaa ifa bahaadha.” قَالَ رَبِّ إِنِّي ظَلَمۡتُ نَفۡسِي فَٱغۡفِرۡ لِي فَغَفَرَ لَهُۥٓۚ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلۡغَفُورُ ٱلرَّحِيمُ ١٦“Yaa Gooftaa kiyya! Ani lubbuu kiyya miidheeraa Ati naaf araarami” jedheInnis isaaf araarameDhugumatti, Inni Isumatu araaramaa, rahmata godhaadha قَالَ رَبِّ بِمَآ أَنۡعَمۡتَ عَلَيَّ فَلَنۡ أَكُونَ ظَهِيرًا لِّلۡمُجۡرِمِينَ ١٧“Yaa Gooftaa kiyya! Waan narratti tola oolteen gargaaraa yakkamtootaa hin ta’u” jedhe فَأَصۡبَحَ فِي ٱلۡمَدِينَةِ خَآئِفًا يَتَرَقَّبُ فَإِذَا ٱلَّذِي ٱسۡتَنصَرَهُۥ بِٱلۡأَمۡسِ يَسۡتَصۡرِخُهُۥۚ قَالَ لَهُۥ مُوسَىٰٓ إِنَّكَ لَغَوِيٌّ مُّبِينٌ ١٨Magaalattii keessatti sodaataa of eeggataa ta’ee bariisifateYoma san inni kaleessa gargaarsa isa gaafate isatti lallabnaan Muusaan “dhugumatti ati jallataa ifa bahaadha” isaan jedhe فَلَمَّآ أَنۡ أَرَادَ أَن يَبۡطِشَ بِٱلَّذِي هُوَ عَدُوٌّ لَّهُمَا قَالَ يَٰمُوسَىٰٓ أَتُرِيدُ أَن تَقۡتُلَنِي كَمَا قَتَلۡتَ نَفۡسَۢا بِٱلۡأَمۡسِۖ إِن تُرِيدُ إِلَّآ أَن تَكُونَ جَبَّارًا فِي ٱلۡأَرۡضِ وَمَا تُرِيدُ أَن تَكُونَ مِنَ ٱلۡمُصۡلِحِينَ ١٩Yeroma inni isa isaan lamaaniifuu diina ta’e qabuu fedhe, innis “Yaa Muusaa! Sila akkuma kaleessa lubbuu ajjeefte anas ajjeesuu feetaa? Ati dachii keessatti abbaa irree ta’uu malee hin feetu; toltuu hojjattoota irraas ta’uu hin feetu” jedheen وَجَآءَ رَجُلٌ مِّنۡ أَقۡصَا ٱلۡمَدِينَةِ يَسۡعَىٰ قَالَ يَٰمُوسَىٰٓ إِنَّ ٱلۡمَلَأَ يَأۡتَمِرُونَ بِكَ لِيَقۡتُلُوكَ فَٱخۡرُجۡ إِنِّي لَكَ مِنَ ٱلنَّٰصِحِينَ ٢٠Gurbaan tokko magaalattii irraa fiigaa dhufee “Yaa Muusaa! Dhugumatti, qondaalonni [Fir’awn] si ajjeesuuf sirratti mari’achaa jiru; ani dhugumatti namoota toltuu siif yaadan irraayii [magaalattii irraa] bahi” jedhe فَخَرَجَ مِنۡهَا خَآئِفًا يَتَرَقَّبُۖ قَالَ رَبِّ نَجِّنِي مِنَ ٱلۡقَوۡمِ ٱلظَّٰلِمِينَ ٢١Sodaataafi of eeggataa ta’ee ishee irraa bahe“Yaa Rabbii kiyya! Ummata miidhaa hojjattoota ta'an jalaa nagaya na baasi” jedhe وَلَمَّا تَوَجَّهَ تِلۡقَآءَ مَدۡيَنَ قَالَ عَسَىٰ رَبِّيٓ أَن يَهۡدِيَنِي سَوَآءَ ٱلسَّبِيلِ ٢٢Yeroma gara Madyan gara galu “gooftaan kiyya karaa sirrii akka na qajeelchun kajeela” jedhe وَلَمَّا وَرَدَ مَآءَ مَدۡيَنَ وَجَدَ عَلَيۡهِ أُمَّةً مِّنَ ٱلنَّاسِ يَسۡقُونَ وَوَجَدَ مِن دُونِهِمُ ٱمۡرَأَتَيۡنِ تَذُودَانِۖ قَالَ مَا خَطۡبُكُمَاۖ قَالَتَا لَا نَسۡقِي حَتَّىٰ يُصۡدِرَ ٱلرِّعَآءُۖ وَأَبُونَا شَيۡخٌ كَبِيرٌ ٢٣Yeroma bishaan Madyan bira ga’u garee namoota irraa ta’e kan [beyladoota isaanii] bishaan obaasan argee, isaan boodas dubartoota lama kan beyladoota isaanii ittisan argee “maali haalli keessan?” isaaniin jedheIsaanis “Nuti hanga tiksiteen obaasanii geeffatanitti hin obaafnuAbbaan keenya jaarsa guddaadha” jedhan فَسَقَىٰ لَهُمَا ثُمَّ تَوَلَّىٰٓ إِلَى ٱلظِّلِّ فَقَالَ رَبِّ إِنِّي لِمَآ أَنزَلۡتَ إِلَيَّ مِنۡ خَيۡرٍ فَقِيرٌ ٢٤Isaan lamaaniif obaasee sana booda gara gaaddisaa deebi’ee “yaa Gooftaa kiyya! Dhugumatti, ani toltuu irraa waan Ati naaf murteessitetti haajomaadha” jedhe فَجَآءَتۡهُ إِحۡدَىٰهُمَا تَمۡشِي عَلَى ٱسۡتِحۡيَآءٍ قَالَتۡ إِنَّ أَبِي يَدۡعُوكَ لِيَجۡزِيَكَ أَجۡرَ مَا سَقَيۡتَ لَنَاۚ فَلَمَّا جَآءَهُۥ وَقَصَّ عَلَيۡهِ ٱلۡقَصَصَ قَالَ لَا تَخَفۡۖ نَجَوۡتَ مِنَ ٱلۡقَوۡمِ ٱلظَّٰلِمِينَ ٢٥Ergasii tokkoon isaan lamaanii saalfachaa deemuun isatti dhuftee “dhugumatti, abbaan kiyya mindaa waan nuuf obaaftee siif kafaluuf si waama” jetteYeroma inni itti dhufee seenaa isatti himu “hin sodaatin; ummata miidhaa hojjattoota jalaa baateetta” jedheen قَالَتۡ إِحۡدَىٰهُمَا يَٰٓأَبَتِ ٱسۡتَـٔۡجِرۡهُۖ إِنَّ خَيۡرَ مَنِ ٱسۡتَـٔۡجَرۡتَ ٱلۡقَوِيُّ ٱلۡأَمِينُ ٢٦Tokkoon Isaan lamaaniis “Yaa abbaa kiyya! Isa nuuf ramadiDhugumatti, irra caalaan namoota ati ramadduu isa jabaa, amanamaadha” jette قَالَ إِنِّيٓ أُرِيدُ أَنۡ أُنكِحَكَ إِحۡدَى ٱبۡنَتَيَّ هَٰتَيۡنِ عَلَىٰٓ أَن تَأۡجُرَنِي ثَمَٰنِيَ حِجَجٍۖ فَإِنۡ أَتۡمَمۡتَ عَشۡرًا فَمِنۡ عِندِكَۖ وَمَآ أُرِيدُ أَنۡ أَشُقَّ عَلَيۡكَۚ سَتَجِدُنِيٓ إِن شَآءَ ٱللَّهُ مِنَ ٱلصَّٰلِحِينَ ٢٧[Inni] ni jedhe: “Ani tokkoo shamarree koo kana lamaanii woggaa saddeet na tajaajiluu kee irratti sitti heerumsiisuun fedhaKudhan yoo guuttes [sun tola] si biraa ta’e; sirratti jabeessuu hin fedhuYoo Rabbiin fedhe gaggaarii irraa ta’uu na arguuf jirta.” قَالَ ذَٰلِكَ بَيۡنِي وَبَيۡنَكَۖ أَيَّمَا ٱلۡأَجَلَيۡنِ قَضَيۡتُ فَلَا عُدۡوَٰنَ عَلَيَّۖ وَٱللَّهُ عَلَىٰ مَا نَقُولُ وَكِيلٌ ٢٨[Muusaanis] ni jedhe: “kun [walii galtee] gidduu kiyyaafi keetiitiBeellama lamaan irraa kamiyyuu yoon guute, daangaa dabruun narra hin jiru.[] Rabbii waan nuti jennu irratti ragaadha.” ۞ فَلَمَّا قَضَىٰ مُوسَى ٱلۡأَجَلَ وَسَارَ بِأَهۡلِهِۦٓ ءَانَسَ مِن جَانِبِ ٱلطُّورِ نَارًاۖ قَالَ لِأَهۡلِهِ ٱمۡكُثُوٓاْ إِنِّيٓ ءَانَسۡتُ نَارًا لَّعَلِّيٓ ءَاتِيكُم مِّنۡهَا بِخَبَرٍ أَوۡ جَذۡوَةٍ مِّنَ ٱلنَّارِ لَعَلَّكُمۡ تَصۡطَلُونَ ٢٩Yoroma Muusaan beellama guutee maatii isaatiin deemu, cinaa [gaara] xuuritti ibidda argee maatii isaatiin “asuma turaa; ani ibiddan argee, ishee biraa oduu wahii yookiin xonbooraa ibidda irraa ta’een akka ho’ifattanuuf isinitti dhufuun koo ni kajeelamaa” jedhe فَلَمَّآ أَتَىٰهَا نُودِيَ مِن شَٰطِيِٕ ٱلۡوَادِ ٱلۡأَيۡمَنِ فِي ٱلۡبُقۡعَةِ ٱلۡمُبَٰرَكَةِ مِنَ ٱلشَّجَرَةِ أَن يَٰمُوسَىٰٓ إِنِّيٓ أَنَا ٱللَّهُ رَبُّ ٱلۡعَٰلَمِينَ ٣٠Yeroma ishee bira ga’u moggaa lagaa gara mirgaa irraa, dachii barakeeffamtuu keessatti, mukattii irraa “yaa Muusaa! Dhugumatti, Ani Allaah Rabbii aalama hundaati” jechuun itti lallabame وَأَنۡ أَلۡقِ عَصَاكَۚ فَلَمَّا رَءَاهَا تَهۡتَزُّ كَأَنَّهَا جَآنٌّ وَلَّىٰ مُدۡبِرًا وَلَمۡ يُعَقِّبۡۚ يَٰمُوسَىٰٓ أَقۡبِلۡ وَلَا تَخَفۡۖ إِنَّكَ مِنَ ٱلۡأٓمِنِينَ ٣١“Ulee kee darbi” [jechuunis itti lallabame]Yeroma akka waan bofa taateetti kan sochootu taatee ishee argu, of duuba deebi’ee dheesse; duubas hin mil’anne“Yaa Muusaa! As garagali; hin sodaatinDhugumatti, ati warra nagaa bahan irraayi” [jedhameen] ٱسۡلُكۡ يَدَكَ فِي جَيۡبِكَ تَخۡرُجۡ بَيۡضَآءَ مِنۡ غَيۡرِ سُوٓءٍ وَٱضۡمُمۡ إِلَيۡكَ جَنَاحَكَ مِنَ ٱلرَّهۡبِۖ فَذَٰنِكَ بُرۡهَٰنَانِ مِن رَّبِّكَ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ وَمَلَإِيْهِۦٓۚ إِنَّهُمۡ كَانُواْ قَوۡمًا فَٰسِقِينَ ٣٢“Harka kee bobaa kee keessa seensisiFokkina tokko malee adii taatee baatiSodaa irraa [bilisa ta’uuf] harka kee gara cinaacha keetiitti maxxansi.[] Isheen kun lamaan mallattoo lama kan Rabbii kee irraa gara Fir’awniifi qondaaltota isaatti ergamaniidhaDhugumatti, isaan namoota finciltoota turan.” قَالَ رَبِّ إِنِّي قَتَلۡتُ مِنۡهُمۡ نَفۡسًا فَأَخَافُ أَن يَقۡتُلُونِ ٣٣Innis: “Yaa Gooftaa kiyya! Dhugumatti, ani isaan irraa nama tokko ajjeeseen jiraNa ajjeesuun sodaadha” jedhe وَأَخِي هَٰرُونُ هُوَ أَفۡصَحُ مِنِّي لِسَانًا فَأَرۡسِلۡهُ مَعِيَ رِدۡءًا يُصَدِّقُنِيٓۖ إِنِّيٓ أَخَافُ أَن يُكَذِّبُونِ ٣٤“Obboleessi kiyya Haaruun, inni arrabni isaa ana caalaatti [haasawa] ifa godhaKanaafuu gargaaraa na dhugoomsu godhii ana waliin isa ergiAni na sobsiisuu isaaniin sodaadha.” قَالَ سَنَشُدُّ عَضُدَكَ بِأَخِيكَ وَنَجۡعَلُ لَكُمَا سُلۡطَٰنًا فَلَا يَصِلُونَ إِلَيۡكُمَا بِـَٔايَٰتِنَآۚ أَنتُمَا وَمَنِ ٱتَّبَعَكُمَا ٱلۡغَٰلِبُونَ ٣٥[Rabbiinis] ni jedhe: “Nuti fuulduratti irree kee obolleessa keetiin jabeessinee isin lamaaniifis aangoo goonaKanaafuu (hamtuun) gara keessan hin ga’anuMallattoolee keenyaan isin lamaaniifi namoonni isin hordofan injifatoodha.” فَلَمَّا جَآءَهُم مُّوسَىٰ بِـَٔايَٰتِنَا بَيِّنَٰتٍ قَالُواْ مَا هَٰذَآ إِلَّا سِحۡرٌ مُّفۡتَرًى وَمَا سَمِعۡنَا بِهَٰذَا فِيٓ ءَابَآئِنَا ٱلۡأَوَّلِينَ ٣٦Yeroma Muusaan mallattoolee keenya ifa taateen isaanitti dhufu “kun sihrii uumame malee waan biraatii mitiWaa’ee kanaa abbootii keenya kan durii keessatti dhageenyee hin beeknu” jedhan وَقَالَ مُوسَىٰ رَبِّيٓ أَعۡلَمُ بِمَن جَآءَ بِٱلۡهُدَىٰ مِنۡ عِندِهِۦ وَمَن تَكُونُ لَهُۥ عَٰقِبَةُ ٱلدَّارِۚ إِنَّهُۥ لَا يُفۡلِحُ ٱلظَّٰلِمُونَ ٣٧Muusaanis ni jedhe: “Rabbiin kiyya nama Isa biraa qajeelumaan dhufeefi nama booddeen ganda Aakiraa isaaf taatus caalaatti beekaDhugumatti, miidhaa raawwattoonni hin milkaa’anu.” وَقَالَ فِرۡعَوۡنُ يَٰٓأَيُّهَا ٱلۡمَلَأُ مَا عَلِمۡتُ لَكُم مِّنۡ إِلَٰهٍ غَيۡرِي فَأَوۡقِدۡ لِي يَٰهَٰمَٰنُ عَلَى ٱلطِّينِ فَٱجۡعَل لِّي صَرۡحًا لَّعَلِّيٓ أَطَّلِعُ إِلَىٰٓ إِلَٰهِ مُوسَىٰ وَإِنِّي لَأَظُنُّهُۥ مِنَ ٱلۡكَٰذِبِينَ ٣٨Fir’awnis “yaa qondaaltota kiyya! Ana malee gabbaramaa biraa isiniif hin beekuYaa Haamaan! Dhoqqee irratti ibidda naaf bobeessii gamoo dheeraa naaf godhi; gara Rabbii Muusaa ilaaluun koo ni kajeelamaDhugumatti ani sobdoota irraa ta’uun isa yaada” jedhe وَٱسۡتَكۡبَرَ هُوَ وَجُنُودُهُۥ فِي ٱلۡأَرۡضِ بِغَيۡرِ ٱلۡحَقِّ وَظَنُّوٓاْ أَنَّهُمۡ إِلَيۡنَا لَا يُرۡجَعُونَ ٣٩Inniniifi waraanni isaa dachii keessatti haqaan malee boonanii, dhugumatti gara keenyatti deebifamuu dhabuu yaadan فَأَخَذۡنَٰهُ وَجُنُودَهُۥ فَنَبَذۡنَٰهُمۡ فِي ٱلۡيَمِّۖ فَٱنظُرۡ كَيۡفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلظَّٰلِمِينَ ٤٠Isaafi waraana isaa qabneeti galaana keessatti isaan darbineBooddeen miidhaa hojjattootaa akkam akka ta’e ilaali وَجَعَلۡنَٰهُمۡ أَئِمَّةً يَدۡعُونَ إِلَى ٱلنَّارِۖ وَيَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ لَا يُنصَرُونَ ٤١Oggantoota gara Ibiddaatti nama waaman isaan taasifneGuyyaa Qiyaamaas hin tumsamanu وَأَتۡبَعۡنَٰهُمۡ فِي هَٰذِهِ ٱلدُّنۡيَا لَعۡنَةًۖ وَيَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ هُم مِّنَ ٱلۡمَقۡبُوحِينَ ٤٢Addunyaa kana keessattis abaarsa isaan hordofsiifneGuyyaa Qiyaamaas isaan warra fokkisiifamoo irraayyi وَلَقَدۡ ءَاتَيۡنَا مُوسَى ٱلۡكِتَٰبَ مِنۢ بَعۡدِ مَآ أَهۡلَكۡنَا ٱلۡقُرُونَ ٱلۡأُولَىٰ بَصَآئِرَ لِلنَّاسِ وَهُدًى وَرَحۡمَةً لَّعَلَّهُمۡ يَتَذَكَّرُونَ ٤٣Erga dhaloota duraanii balleessinee booda beekumsa, qajeelumaafi rahmata namaaf ta’ee akka isaan ittiin gorfamanuuf, dhugumatti Muusaaf kitaaba kenninee jirra وَمَا كُنتَ بِجَانِبِ ٱلۡغَرۡبِيِّ إِذۡ قَضَيۡنَآ إِلَىٰ مُوسَى ٱلۡأَمۡرَ وَمَا كُنتَ مِنَ ٱلشَّٰهِدِينَ ٤٤[Yaa Muhammad] yeroo Nuti ergaa keenya gara Muusaatti dabarsine ati moggaa tabbaa kan gara dhihaa irra hin turre; hirmaattota irraas hin taane وَلَٰكِنَّآ أَنشَأۡنَا قُرُونًا فَتَطَاوَلَ عَلَيۡهِمُ ٱلۡعُمُرُۚ وَمَا كُنتَ ثَاوِيًا فِيٓ أَهۡلِ مَدۡيَنَ تَتۡلُواْ عَلَيۡهِمۡ ءَايَٰتِنَا وَلَٰكِنَّا كُنَّا مُرۡسِلِينَ ٤٥Haa ta’u malee Nuti [sana booda] dhaloota baay’ee uumnee waggoonni isaan irratti dheerannaan [si ergine]Ati jiraattota Madyan gidduus jiraataa taatee, keeyyattoota keenya isaan irratti kan dubbiftu hin taaneHaa ta’u malee Nuti [ergaa kanaan si] ergoo taanee jirra وَمَا كُنتَ بِجَانِبِ ٱلطُّورِ إِذۡ نَادَيۡنَا وَلَٰكِن رَّحۡمَةً مِّن رَّبِّكَ لِتُنذِرَ قَوۡمًا مَّآ أَتَىٰهُم مِّن نَّذِيرٍ مِّن قَبۡلِكَ لَعَلَّهُمۡ يَتَذَكَّرُونَ ٤٦Yeroo Nuti [Muusaatti] lallabne ati gaara Xuur maddii hin turreHaa ta’u malee ummata siin duratti akeekkachiisaan itti hin dhufin haa gorfamaniif akka akeekkachiiftuuf jecha rahmata Rabbii kee irraa ta’een [si ergine] وَلَوۡلَآ أَن تُصِيبَهُم مُّصِيبَةُۢ بِمَا قَدَّمَتۡ أَيۡدِيهِمۡ فَيَقُولُواْ رَبَّنَا لَوۡلَآ أَرۡسَلۡتَ إِلَيۡنَا رَسُولًا فَنَتَّبِعَ ءَايَٰتِكَ وَنَكُونَ مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ ٤٧Odoo waan harki isaanii dabarsiteef balaan isaan tuqee “yaa Rabbii keenya! keeyyattoota kee hordofnee mu’uminoota irraas akka taanu, maaliif ergamaa gara keenyatti hin ergine” jechuu baatanii [silaa si hin erginu turre] فَلَمَّا جَآءَهُمُ ٱلۡحَقُّ مِنۡ عِندِنَا قَالُواْ لَوۡلَآ أُوتِيَ مِثۡلَ مَآ أُوتِيَ مُوسَىٰٓۚ أَوَلَمۡ يَكۡفُرُواْ بِمَآ أُوتِيَ مُوسَىٰ مِن قَبۡلُۖ قَالُواْ سِحۡرَانِ تَظَٰهَرَا وَقَالُوٓاْ إِنَّا بِكُلٍّ كَٰفِرُونَ ٤٨Yeroma dhugaan Nu biraa isaanitti dhufu “Inni maaliif fakkaataan waan Muusaan kennamee isaaf hin kennamne?” jedhanSila isaan duraan waan Muusaaf kennametti kafaranii hin turree? “[Tawraatiifi Qur’aanni] Sihrii lama kan wal gargaaraniidha” jedhan“Dhugumatti, nuti hundattuu kafaroodha” jedhan قُلۡ فَأۡتُواْ بِكِتَٰبٍ مِّنۡ عِندِ ٱللَّهِ هُوَ أَهۡدَىٰ مِنۡهُمَآ أَتَّبِعۡهُ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ ٤٩[Yaa Muhammad] “yoo dhugaa kan dubbattan taataniif, mee kitaaba Rabbiin biraa ta’e isaan lamaan irra qajeelaa ta’e qabadhaa kottaa[Yoo san] anis isa nan hordofaa” jedhiin فَإِن لَّمۡ يَسۡتَجِيبُواْ لَكَ فَٱعۡلَمۡ أَنَّمَا يَتَّبِعُونَ أَهۡوَآءَهُمۡۚ وَمَنۡ أَضَلُّ مِمَّنِ ٱتَّبَعَ هَوَىٰهُ بِغَيۡرِ هُدًى مِّنَ ٱللَّهِۚ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَهۡدِي ٱلۡقَوۡمَ ٱلظَّٰلِمِينَ ٥٠Yoo siif hin owwaatin, fedhii isaanii qofa hordofuu isaanii beekiNama qajeeluma Rabbi irraa ta’een alatti fedhii ofii hordofe caalaa namni jallate tokkoyyuu hin jiruRabbiin ummata miidhaa hojjattoota hin qajeelchu ۞ وَلَقَدۡ وَصَّلۡنَا لَهُمُ ٱلۡقَوۡلَ لَعَلَّهُمۡ يَتَذَكَّرُونَ ٥١Dhugumatti, Nuti akka isaan gorfamanuuf jecha [Qur’aana] isaaniif ifa goonee jirra ٱلَّذِينَ ءَاتَيۡنَٰهُمُ ٱلۡكِتَٰبَ مِن قَبۡلِهِۦ هُم بِهِۦ يُؤۡمِنُونَ ٥٢Warri isa (Qur’aana) dura kitaaba isaaniif kennine, isaan isatti ni amanu وَإِذَا يُتۡلَىٰ عَلَيۡهِمۡ قَالُوٓاْ ءَامَنَّا بِهِۦٓ إِنَّهُ ٱلۡحَقُّ مِن رَّبِّنَآ إِنَّا كُنَّا مِن قَبۡلِهِۦ مُسۡلِمِينَ ٥٣Yeroo inni isaan irratti qara’amus “Isatti amanne; dhugumatti, inni haqa Rabbii keenya irraa ta’eedhaNuti isa duras Muslimtoota turre” jedhan أُوْلَٰٓئِكَ يُؤۡتَوۡنَ أَجۡرَهُم مَّرَّتَيۡنِ بِمَا صَبَرُواْ وَيَدۡرَءُونَ بِٱلۡحَسَنَةِ ٱلسَّيِّئَةَ وَمِمَّا رَزَقۡنَٰهُمۡ يُنفِقُونَ ٥٤Isaan sun waan obsanii, hamtuus toltuudhaan deebisanii, waan Nuti isaaniif kennine irraas kennataniif jecha mindaa isaanii yeroo lama kennamu وَإِذَا سَمِعُواْ ٱللَّغۡوَ أَعۡرَضُواْ عَنۡهُ وَقَالُواْ لَنَآ أَعۡمَٰلُنَا وَلَكُمۡ أَعۡمَٰلُكُمۡ سَلَٰمٌ عَلَيۡكُمۡ لَا نَبۡتَغِي ٱلۡجَٰهِلِينَ ٥٥Yeroo dhara dhaga’anis, irraa garagalaniiti “nuuf dalagaa keenyatu jira; isiniifis dalagaa keessantu jiraNageenyi isin irra haa jiraatuNuti wallaaltota hin barbaannu” jedhan إِنَّكَ لَا تَهۡدِي مَنۡ أَحۡبَبۡتَ وَلَٰكِنَّ ٱللَّهَ يَهۡدِي مَن يَشَآءُۚ وَهُوَ أَعۡلَمُ بِٱلۡمُهۡتَدِينَ ٥٦Dhugumatti, ati nama jaallatte hin qajeelchituGaruu Allaahtu nama fedhe qajeelchaInnis warra qajeelan beekaadha وَقَالُوٓاْ إِن نَّتَّبِعِ ٱلۡهُدَىٰ مَعَكَ نُتَخَطَّفۡ مِنۡ أَرۡضِنَآۚ أَوَلَمۡ نُمَكِّن لَّهُمۡ حَرَمًا ءَامِنًا يُجۡبَىٰٓ إِلَيۡهِ ثَمَرَٰتُ كُلِّ شَيۡءٍ رِّزۡقًا مِّن لَّدُنَّا وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَهُمۡ لَا يَعۡلَمُونَ ٥٧[Isaan] “yoo si waliin karaa qajeelumaa hordofne dachii keenya irraa butamna (guuramna)” jedhanSila nuti [iddoo] kabajamaa, nagayaa, soorata Nu biraa ta’eef fuduraaleen wanta hundaa gara isheetti kan guuramu isaaniif hin mijeessinee? Haa ta’u malee irra hedduun isaanii hin beekanu وَكَمۡ أَهۡلَكۡنَا مِن قَرۡيَةِۭ بَطِرَتۡ مَعِيشَتَهَاۖ فَتِلۡكَ مَسَٰكِنُهُمۡ لَمۡ تُسۡكَن مِّنۢ بَعۡدِهِمۡ إِلَّا قَلِيلًاۖ وَكُنَّا نَحۡنُ ٱلۡوَٰرِثِينَ ٥٨[Warra] gandaa irraas kan jireenya ishee keessatti boontee ishee balleessine hedduudhaIsheen sun gandoota isaanii kan isaaniin booda xiqqoo malee keessa hin jiraataminiidha.[] Nutis dhaaltota taaneerra وَمَا كَانَ رَبُّكَ مُهۡلِكَ ٱلۡقُرَىٰ حَتَّىٰ يَبۡعَثَ فِيٓ أُمِّهَا رَسُولًا يَتۡلُواْ عَلَيۡهِمۡ ءَايَٰتِنَاۚ وَمَا كُنَّا مُهۡلِكِي ٱلۡقُرَىٰٓ إِلَّا وَأَهۡلُهَا ظَٰلِمُونَ ٥٩Rabbiin kee [warra] magaalotaa hanga irra guddoo ishee keessatti ergamaa keeyyattoota keenya isaan irratti dubbisu ergutti kan balleessu hin taaneNuti warra magaalotaa qubattoonni ishee miidhaa hojjattoota ta’anii malee kan balleessinu hin taane وَمَآ أُوتِيتُم مِّن شَيۡءٍ فَمَتَٰعُ ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا وَزِينَتُهَاۚ وَمَا عِندَ ٱللَّهِ خَيۡرٌ وَأَبۡقَىٰٓۚ أَفَلَا تَعۡقِلُونَ ٦٠Wantoota irraa kan isiniif kenname hundi mi’a (meeshaa) jireenya addunyaatiifi miidhagina ishee qofaWanta Allaah bira jirutu akkaan caalaafi hafaadhaSila hin xiinxaltanuu أَفَمَن وَعَدۡنَٰهُ وَعۡدًا حَسَنًا فَهُوَ لَٰقِيهِ كَمَن مَّتَّعۡنَٰهُ مَتَٰعَ ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا ثُمَّ هُوَ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ مِنَ ٱلۡمُحۡضَرِينَ ٦١Sila namni Nuti waadaa gaarii (jannata) waadaa isaaf gallee inni kan isa qunnamu ta’e, akka nama qananii jireenya addunyaa isa qanansiifnee sana booda inni Guyyaa Qiyaamaa warra [jahannam irra] fidamoo irraa ta’uutii وَيَوۡمَ يُنَادِيهِمۡ فَيَقُولُ أَيۡنَ شُرَكَآءِيَ ٱلَّذِينَ كُنتُمۡ تَزۡعُمُونَ ٦٢Guyyaa [Rabbiin] “Hiriyoonni kiyya kan isin dubbataa turtan sun eessa jiru?” jechuun isaanitti lallabu san [yaadadhu] قَالَ ٱلَّذِينَ حَقَّ عَلَيۡهِمُ ٱلۡقَوۡلُ رَبَّنَا هَٰٓؤُلَآءِ ٱلَّذِينَ أَغۡوَيۡنَآ أَغۡوَيۡنَٰهُمۡ كَمَا غَوَيۡنَاۖ تَبَرَّأۡنَآ إِلَيۡكَۖ مَا كَانُوٓاْ إِيَّانَا يَعۡبُدُونَ ٦٣Warri jechi (adabbiin) isaan irratti mirkanaa’e “Yaa Rabbii keenya! Isaan kun warra nuti jallifneedhaAkkuma ofii jallannetti isaan jallifneNuti gara keetti quulqulloofnee, isaan kun nu gabbaraa hin turre” jedhan وَقِيلَ ٱدۡعُواْ شُرَكَآءَكُمۡ فَدَعَوۡهُمۡ فَلَمۡ يَسۡتَجِيبُواْ لَهُمۡ وَرَأَوُاْ ٱلۡعَذَابَۚ لَوۡ أَنَّهُمۡ كَانُواْ يَهۡتَدُونَ ٦٤“Shariikota keessan waammadhaa” jedhameeniIsaan ni waammatu; jarris isaaniif hin owwaatanu, adabbii [ibiddaas] ni arganOdoo qajeeluun isaanii argameera ta’ee [adabbii hin argan turan] وَيَوۡمَ يُنَادِيهِمۡ فَيَقُولُ مَاذَآ أَجَبۡتُمُ ٱلۡمُرۡسَلِينَ ٦٥Guyyaa [Rabbiin] isaanitti lallabee “Ergamtootaaf maal deebiftan?” jedhus [yaadadhu] فَعَمِيَتۡ عَلَيۡهِمُ ٱلۡأَنۢبَآءُ يَوۡمَئِذٍ فَهُمۡ لَا يَتَسَآءَلُونَ ٦٦Guyyaa san oduun isaan jalaa dhokattiIsaan walis hin gaafatanu فَأَمَّا مَن تَابَ وَءَامَنَ وَعَمِلَ صَٰلِحًا فَعَسَىٰٓ أَن يَكُونَ مِنَ ٱلۡمُفۡلِحِينَ ٦٧Namni tawbatee, [Rabbitti] amanee, gaarii hojjate milkaa’ota irraa ta’uun isaa mirkanaa’aadha وَرَبُّكَ يَخۡلُقُ مَا يَشَآءُ وَيَخۡتَارُۗ مَا كَانَ لَهُمُ ٱلۡخِيَرَةُۚ سُبۡحَٰنَ ٱللَّهِ وَتَعَٰلَىٰ عَمَّا يُشۡرِكُونَ ٦٨Rabbiin kee waan fedhe uuma; ni filatasIsaaniif garuu filannoon hin jiruAllaahn waan isaan itti dabalan irraa qulqullaa’ee olis ta’eera وَرَبُّكَ يَعۡلَمُ مَا تُكِنُّ صُدُورُهُمۡ وَمَا يُعۡلِنُونَ ٦٩Rabbiin kee waan qomti isaanii dhoksituufi waan isaan mul’isanis ni beeka وَهُوَ ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۖ لَهُ ٱلۡحَمۡدُ فِي ٱلۡأُولَىٰ وَٱلۡأٓخِرَةِۖ وَلَهُ ٱلۡحُكۡمُ وَإِلَيۡهِ تُرۡجَعُونَ ٧٠Inni AllaahdhaIsa malee dhugaan gabbaramaan hin jiruFaaruun hundi addunyaafi Aakhiraa keessatti kan IsaatiMurtiinis kan IsaatiGaruma Isaa qofa deebifamtu قُلۡ أَرَءَيۡتُمۡ إِن جَعَلَ ٱللَّهُ عَلَيۡكُمُ ٱلَّيۡلَ سَرۡمَدًا إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِ مَنۡ إِلَٰهٌ غَيۡرُ ٱللَّهِ يَأۡتِيكُم بِضِيَآءٍۚ أَفَلَا تَسۡمَعُونَ ٧١“Mee naaf odeessaa! Yoo Rabbiin halkan walitti aansee hanga Guyyaa Qiyaamaatti tursiise, sila Rabbiin malee gabbaramaan ifaan isiniif dhufu eenyu? Sila isin hin dhageessanuu?” jedhiin قُلۡ أَرَءَيۡتُمۡ إِن جَعَلَ ٱللَّهُ عَلَيۡكُمُ ٱلنَّهَارَ سَرۡمَدًا إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِ مَنۡ إِلَٰهٌ غَيۡرُ ٱللَّهِ يَأۡتِيكُم بِلَيۡلٍ تَسۡكُنُونَ فِيهِۚ أَفَلَا تُبۡصِرُونَ ٧٢Ammas “mee naaf odeessaa! yoo Rabbiin guyyaa walitti aansee hanga Guyyaa Qiyaamatti tursiise, sila Rabbiin malee gabbaramaan halkan isa keessa boqottan isiniif fidu eenyu? Sila isin hin argitanuu?” jedhi وَمِن رَّحۡمَتِهِۦ جَعَلَ لَكُمُ ٱلَّيۡلَ وَٱلنَّهَارَ لِتَسۡكُنُواْ فِيهِ وَلِتَبۡتَغُواْ مِن فَضۡلِهِۦ وَلَعَلَّكُمۡ تَشۡكُرُونَ ٧٣Rahmata Isaa irraayyi halkaniifi guyyaa akka isa (halkan) keessa boqottanii [guyyaa] tola Isaa irraa barbaaddattanii fi, akka Isa galatoomfattaniif isinii taasise وَيَوۡمَ يُنَادِيهِمۡ فَيَقُولُ أَيۡنَ شُرَكَآءِيَ ٱلَّذِينَ كُنتُمۡ تَزۡعُمُونَ ٧٤Guyyaa [Rabbiin] “hiriyoonni kiyya kan isin dubbataa turtan sun eessa jiru?” jechuun isaanitti lallabu san [yaadadhu] وَنَزَعۡنَا مِن كُلِّ أُمَّةٍ شَهِيدًا فَقُلۡنَا هَاتُواْ بُرۡهَٰنَكُمۡ فَعَلِمُوٓاْ أَنَّ ٱلۡحَقَّ لِلَّهِ وَضَلَّ عَنۡهُم مَّا كَانُواْ يَفۡتَرُونَ ٧٥Ummata hunda irraa ragaa fuuneeti “ragaa keessan fidaa” jennaanYeroo san dhugaan kan Rabbii qofa ta’uu beekuWanti isaan uummatanis isaan irraa bada ۞ إِنَّ قَٰرُونَ كَانَ مِن قَوۡمِ مُوسَىٰ فَبَغَىٰ عَلَيۡهِمۡۖ وَءَاتَيۡنَٰهُ مِنَ ٱلۡكُنُوزِ مَآ إِنَّ مَفَاتِحَهُۥ لَتَنُوٓأُ بِٱلۡعُصۡبَةِ أُوْلِي ٱلۡقُوَّةِ إِذۡ قَالَ لَهُۥ قَوۡمُهُۥ لَا تَفۡرَحۡۖ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يُحِبُّ ٱلۡفَرِحِينَ ٧٦Dhugumatti, Qaaruun ummata Muusaa irraa tureIsaan irrattis daangaa dabreKuusaa qabeenyaa irraas waan furtuuleen isaa garee jajjaboo ta’anitti ulfaattu isaaf kennineYeroo ummanni isaa “[qabeenyaan] hin boonin; dhugumatti, Allaahn warra boonan hin jaalatu” isaan jedhan san [yaadadhu] وَٱبۡتَغِ فِيمَآ ءَاتَىٰكَ ٱللَّهُ ٱلدَّارَ ٱلۡأٓخِرَةَۖ وَلَا تَنسَ نَصِيبَكَ مِنَ ٱلدُّنۡيَاۖ وَأَحۡسِن كَمَآ أَحۡسَنَ ٱللَّهُ إِلَيۡكَۖ وَلَا تَبۡغِ ٱلۡفَسَادَ فِي ٱلۡأَرۡضِۖ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يُحِبُّ ٱلۡمُفۡسِدِينَ ٧٧“Waan Rabbiin siif kenne keessattis mana Aakhiraa ittiin barbaadiAddunyaa irraas qooda kee hin dagatinAkkuma Allaahn tola gara keetti oole atis tola ooliDachii keessattis badii [facaasuu] hin barbaadinDhugumatti Allaahn balleessitoota hin jaalatu.” قَالَ إِنَّمَآ أُوتِيتُهُۥ عَلَىٰ عِلۡمٍ عِندِيٓۚ أَوَلَمۡ يَعۡلَمۡ أَنَّ ٱللَّهَ قَدۡ أَهۡلَكَ مِن قَبۡلِهِۦ مِنَ ٱلۡقُرُونِ مَنۡ هُوَ أَشَدُّ مِنۡهُ قُوَّةً وَأَكۡثَرُ جَمۡعًاۚ وَلَا يُسۡـَٔلُ عَن ذُنُوبِهِمُ ٱلۡمُجۡرِمُونَ ٧٨[Qaaruunis] “wanti an isa kennameef beekumsa na bira jiruuf jecha” jedheDhaloota baay’ee irraa nama inni humnaanis isa (Qaaruun) irra cimaa ta’e, kan qabeenya kuufachuuttiis isa irra baay’ee ta’e dhugumatti isa dura Rabbiin balleessuu hin beeknee? Yakka hojjattoonni badii isaanii irraa hin gaafatamanu فَخَرَجَ عَلَىٰ قَوۡمِهِۦ فِي زِينَتِهِۦۖ قَالَ ٱلَّذِينَ يُرِيدُونَ ٱلۡحَيَوٰةَ ٱلدُّنۡيَا يَٰلَيۡتَ لَنَا مِثۡلَ مَآ أُوتِيَ قَٰرُونُ إِنَّهُۥ لَذُو حَظٍّ عَظِيمٍ ٧٩Faaya isaa uffatee ummata isaa irratti baheIsaan jireenya addunyaa fedhan “fakkaataan waan Qaaruuniif kennamee nuuf ta’uu hawwina; dhugumatti inni abbaa qooda guddaati” jedhan وَقَالَ ٱلَّذِينَ أُوتُواْ ٱلۡعِلۡمَ وَيۡلَكُمۡ ثَوَابُ ٱللَّهِ خَيۡرٌ لِّمَنۡ ءَامَنَ وَعَمِلَ صَٰلِحًاۚ وَلَا يُلَقَّىٰهَآ إِلَّا ٱلصَّٰبِرُونَ ٨٠Isaan beekumsa kennamanis ni jedhan: “yaa badii keessan! Nama amanee, gaarii hojjateef mindaa Rabbiitu irra caalaKanas obsitoota malee eenyunuu hin kennamu.” فَخَسَفۡنَا بِهِۦ وَبِدَارِهِ ٱلۡأَرۡضَ فَمَا كَانَ لَهُۥ مِن فِئَةٍ يَنصُرُونَهُۥ مِن دُونِ ٱللَّهِ وَمَا كَانَ مِنَ ٱلۡمُنتَصِرِينَ ٨١Isaafi ganda isaatis ni dhidhimsine (dachii ittiin kunne)Gareen Rabbiin alaa kan isa tumsan isaaf hin taaneInnis warra of baraarsan irraa hin taane وَأَصۡبَحَ ٱلَّذِينَ تَمَنَّوۡاْ مَكَانَهُۥ بِٱلۡأَمۡسِ يَقُولُونَ وَيۡكَأَنَّ ٱللَّهَ يَبۡسُطُ ٱلرِّزۡقَ لِمَن يَشَآءُ مِنۡ عِبَادِهِۦ وَيَقۡدِرُۖ لَوۡلَآ أَن مَّنَّ ٱللَّهُ عَلَيۡنَا لَخَسَفَ بِنَاۖ وَيۡكَأَنَّهُۥ لَا يُفۡلِحُ ٱلۡكَٰفِرُونَ ٨٢Isaan kaleessa iddoo isaa hawwan “edaa Rabbiin dhugumatti gabroota Isaa irraa nama fedheef soorata bal’isee [nama fedhetti] immoo dhiphisa! Odoo Rabbiin ni’imaa Isaa nurratti ooluu baatee, silaa nuun kuta (dhidhimsa) tureEdaa dhugumatti kaafiroonni hin milkaa’anu!” jedhaa bulan تِلۡكَ ٱلدَّارُ ٱلۡأٓخِرَةُ نَجۡعَلُهَا لِلَّذِينَ لَا يُرِيدُونَ عُلُوًّا فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلَا فَسَادًاۚ وَٱلۡعَٰقِبَةُ لِلۡمُتَّقِينَ ٨٣Ganda Aakhiraa san warra dachii keessatti ol aantummaafi badii [raawwachuu] hin feeneef ishee goonaBooddeen (gaariin) warra Rabbiin sodaataniifi مَن جَآءَ بِٱلۡحَسَنَةِ فَلَهُۥ خَيۡرٌ مِّنۡهَاۖ وَمَن جَآءَ بِٱلسَّيِّئَةِ فَلَا يُجۡزَى ٱلَّذِينَ عَمِلُواْ ٱلسَّيِّـَٔاتِ إِلَّا مَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ ٨٤Namni gaarii dalage waan san irra caalutu isaaf jiraNamni hamtuun dhufes, [fakkii ishee argata]Warri hojii gadhee hojjatan waan hojjataa turan malee hin mindeeffamanu إِنَّ ٱلَّذِي فَرَضَ عَلَيۡكَ ٱلۡقُرۡءَانَ لَرَآدُّكَ إِلَىٰ مَعَادٍۚ قُل رَّبِّيٓ أَعۡلَمُ مَن جَآءَ بِٱلۡهُدَىٰ وَمَنۡ هُوَ فِي ضَلَٰلٍ مُّبِينٍ ٨٥Dhugumatti, Inni Qur’aana si irratti buuse, gara iddoo deebiitti (Makkaatti) si deebisa.[] “Rabbiin kiyya nama qajeelumaan dhufeefi nama jallina ifa bahaa ta’e keessa jiru akkaan beekaadha” jedhi وَمَا كُنتَ تَرۡجُوٓاْ أَن يُلۡقَىٰٓ إِلَيۡكَ ٱلۡكِتَٰبُ إِلَّا رَحۡمَةً مِّن رَّبِّكَۖ فَلَا تَكُونَنَّ ظَهِيرًا لِّلۡكَٰفِرِينَ ٨٦Rahmata Rabbii kee irraa ta’een [sirratti buufne malee] ati kitaabni gara keetti buufamuu kajeelaa hin turreKaafirootaaf gargaaraa hin tahin وَلَا يَصُدُّنَّكَ عَنۡ ءَايَٰتِ ٱللَّهِ بَعۡدَ إِذۡ أُنزِلَتۡ إِلَيۡكَۖ وَٱدۡعُ إِلَىٰ رَبِّكَۖ وَلَا تَكُونَنَّ مِنَ ٱلۡمُشۡرِكِينَ ٨٧Erga isheen gara keetti buufamtee booda keeyyattoota Rabbii irraa isaan si hin deebisinGara Rabbii keetiitti waamiMushrikoota irraas hin ta’in وَلَا تَدۡعُ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَۘ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۚ كُلُّ شَيۡءٍ هَالِكٌ إِلَّا وَجۡهَهُۥۚ لَهُ ٱلۡحُكۡمُ وَإِلَيۡهِ تُرۡجَعُونَ ٨٨Rabbii wajjiin gabbaramaa biraa hin kadhatin (hin gabbarin)Dhugaan gabbaramaan Isa malee hin jiruFuula Isaa malee wanti hundi ni badaMurtiinis kan IsaatiGaruma Isaatti deebifamtu

Translation: Ghali Apapur Apaghuna.