Millat al-Islam

Chapter 75 · 40 verses · Ghali Apapur Apaghuna

Surah Al-Qiyama in Oromo

Arabic with tafsir Listen to Surah Al-Qiyama (1375 reciters)

بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

لَآ أُقۡسِمُ بِيَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِ ١Lakki! Guyyaa Qiyaamaatiinin kakadha وَلَآ أُقۡسِمُ بِٱلنَّفۡسِ ٱللَّوَّامَةِ ٢Lubbuu of komattuu taateenis nan kakadha; (mindaa galfamuuf jirtu) أَيَحۡسَبُ ٱلۡإِنسَٰنُ أَلَّن نَّجۡمَعَ عِظَامَهُۥ ٣Sila namni lafee isaa walitti hin qabnuu yaadaa بَلَىٰ قَٰدِرِينَ عَلَىٰٓ أَن نُّسَوِّيَ بَنَانَهُۥ ٤Eeyyeen (walitti ni qabna)(Nuti) qubbeen isaatuu akka turanitti deebifnee sirreessuu irratti danda'oodha بَلۡ يُرِيدُ ٱلۡإِنسَٰنُ لِيَفۡجُرَ أَمَامَهُۥ ٥Dhugumatti namni fuuldura isaa (Qiyaamaa) sobsiisuu fedha يَسۡـَٔلُ أَيَّانَ يَوۡمُ ٱلۡقِيَٰمَةِ ٦Guyyaan Qiyaamaa yoomii?"gaafata فَإِذَا بَرِقَ ٱلۡبَصَرُ ٧(Guyyaan sun) yeroo ijji dhamaatu وَخَسَفَ ٱلۡقَمَرُ ٨(Yeroo) jiini ifa dhabu (gaddiddaa’u) وَجُمِعَ ٱلشَّمۡسُ وَٱلۡقَمَرُ ٩Aduufi jiinis walitti qabamu يَقُولُ ٱلۡإِنسَٰنُ يَوۡمَئِذٍ أَيۡنَ ٱلۡمَفَرُّ ١٠Guyyaa san namni "bakki baqaa eessa?" jedha كـَلَّا لَا وَزَرَ ١١Dhorgamaa! (Guyyaa san) iddoon baqaa hin jiru إِلَىٰ رَبِّكَ يَوۡمَئِذٍ ٱلۡمُسۡتَقَرُّ ١٢Guyyaa san bakki qubannaa gara Gooftaa keetiiti يُنَبَّؤُاْ ٱلۡإِنسَٰنُ يَوۡمَئِذِۭ بِمَا قَدَّمَ وَأَخَّرَ ١٣Namni guyyaa san wanti inni hojjateefi dhiise itti himama بَلِ ٱلۡإِنسَٰنُ عَلَىٰ نَفۡسِهِۦ بَصِيرَةٌ ١٤Dhugumatti, namni of irratti ragaadha وَلَوۡ أَلۡقَىٰ مَعَاذِيرَهُۥ ١٥Odoma rakkoo adda addaa dhiyeeffateeyyuu لَا تُحَرِّكۡ بِهِۦ لِسَانَكَ لِتَعۡجَلَ بِهِۦٓ ١٦Isa (qabachuu)tti ariifachuuf jecha arraba kee isaan hin sochoosin إِنَّ عَلَيۡنَا جَمۡعَهُۥ وَقُرۡءَانَهُۥ ١٧Dhugumatti, isa (onnee kee keessatti) walitti qabuufi isa dubbisuun kee nurra jira فَإِذَا قَرَأۡنَٰهُ فَٱتَّبِعۡ قُرۡءَانَهُۥ ١٨Yeroo Nuti isa qaraane qiraatii isaa hordofi ثُمَّ إِنَّ عَلَيۡنَا بَيَانَهُۥ ١٩Ergasii isa ibsuun Nurra jira كـَلَّا بَلۡ تُحِبُّونَ ٱلۡعَاجِلَةَ ٢٠Dhugumatti, isin ariifattuu (duuniyaa) jaalattu وَتَذَرُونَ ٱلۡأٓخِرَةَ ٢١Aakhiraa ni dhiiftu وُجُوهٌ يَوۡمَئِذٍ نَّاضِرَةٌ ٢٢Fuulli gariin Guyyaa san iftuudha إِلَىٰ رَبِّهَا نَاظِرَةٌ ٢٣Gara Gooftaa ishees ilaaltuudha وَوُجُوهٌ يَوۡمَئِذِۭ بَاسِرَةٌ ٢٤Fuulli gariinis Guyyaa san akkaan suntuurtuudha تَظُنُّ أَن يُفۡعَلَ بِهَا فَاقِرَةٌ ٢٥Balaan guddaan ishee irratti raawwatamuu yaaddi كـَلَّآ إِذَا بَلَغَتِ ٱلتَّرَاقِيَ ٢٦Dhaga’aa! Yeroo (lubbuun ba'uuf) kokkee bira geesse وَقِيلَ مَنۡۜ رَاقٍ ٢٧(Yeroo) "eenyutu isa yaala?" jedhame وَظَنَّ أَنَّهُ ٱلۡفِرَاقُ ٢٨(Namni du'aa jiru sun) ‘dhugumatti, inni (addunyaa kana irraa) adda ba'uu dha’ jechuu yeroo mirkaneeffate وَٱلۡتَفَّتِ ٱلسَّاقُ بِٱلسَّاقِ ٢٩(Yeroo) mogoleen mogoleetti maramte إِلَىٰ رَبِّكَ يَوۡمَئِذٍ ٱلۡمَسَاقُ ٣٠Guyyaa san oofamiinsi gara Gooftaa keetiiti فَلَا صَدَّقَ وَلَا صَلَّىٰ ٣١Hin amanne; hin salaanne وَلَٰكِن كَذَّبَ وَتَوَلَّىٰ ٣٢Garuu kijibsiisee irraa gara gale ثُمَّ ذَهَبَ إِلَىٰٓ أَهۡلِهِۦ يَتَمَطَّىٰٓ ٣٣Ergasii boonaa gara maatii isaa deeme أَوۡلَىٰ لَكَ فَأَوۡلَىٰ ٣٤Badiin siif haa ta’u! Ammas badiin ثُمَّ أَوۡلَىٰ لَكَ فَأَوۡلَىٰٓ ٣٥Sana booda badiin siif haa ta’u! Ammas badiin أَيَحۡسَبُ ٱلۡإِنسَٰنُ أَن يُتۡرَكَ سُدًى ٣٦Sila namni akkanumaan dhiifamuu yaadaa أَلَمۡ يَكُ نُطۡفَةً مِّن مَّنِيٍّ يُمۡنَىٰ ٣٧Sila inni bishaan saalaa kan dhangalaafamu irraa ta'ee hin turree ثُمَّ كَانَ عَلَقَةً فَخَلَقَ فَسَوَّىٰ ٣٨Ergasii dhiiga ititaa ta'eeti (nama godhee) uumee guute فَجَعَلَ مِنۡهُ ٱلزَّوۡجَيۡنِ ٱلذَّكَرَ وَٱلۡأُنثَىٰٓ ٣٩Isa irraas cimdii lama, dhiiraafi dhalaa, taasise أَلَيۡسَ ذَٰلِكَ بِقَٰدِرٍ عَلَىٰٓ أَن يُحۡـِۧيَ ٱلۡمَوۡتَىٰ ٤٠Sila (Rabbiin akkas godhe) sun du'aa jiraachisuu irratti danda'aa mitii

Translation: Ghali Apapur Apaghuna.