Millat al-Islam

Chapter 61 · 14 verses · Ghali Apapur Apaghuna

Surah As-Saff in Oromo

Arabic with tafsir Listen to Surah As-Saff (1174 reciters)
Medinanسورة الصف14 verses

بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

سَبَّحَ لِلَّهِ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۖ وَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ ١Wantoonni samii keessaafi wantoonni dachii keessaa (hundi) Rabbiin qulqulleesseInnis injifataa ogeessa يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ لِمَ تَقُولُونَ مَا لَا تَفۡعَلُونَ ٢Yaa warra amantan! Maaliif waan hin hojjanne haasoftu كَبُرَ مَقۡتًا عِندَ ٱللَّهِ أَن تَقُولُواْ مَا لَا تَفۡعَلُونَ ٣Waan hin hojjanne haasa'uun keessan jibbaansi isaa Rabbiin biratti guddate إِنَّ ٱللَّهَ يُحِبُّ ٱلَّذِينَ يُقَٰتِلُونَ فِي سَبِيلِهِۦ صَفًّا كَأَنَّهُم بُنۡيَٰنٌ مَّرۡصُوصٌ ٤Rabbiin warra karaa Isaa keessatti akka ijaarsaa wal qabataa ta'anii hiriiraan lolan ni jaalata وَإِذۡ قَالَ مُوسَىٰ لِقَوۡمِهِۦ يَٰقَوۡمِ لِمَ تُؤۡذُونَنِي وَقَد تَّعۡلَمُونَ أَنِّي رَسُولُ ٱللَّهِ إِلَيۡكُمۡۖ فَلَمَّا زَاغُوٓاْ أَزَاغَ ٱللَّهُ قُلُوبَهُمۡۚ وَٱللَّهُ لَا يَهۡدِي ٱلۡقَوۡمَ ٱلۡفَٰسِقِينَ ٥Yeroo Muusaan ummata isaatiin "yaa ummata (kiyya)! Odoo akka ani Ergamaa Rabbii kan gara keessanitti (ergame ta'uu) sirriitti beektanuu maaliif na rakkiftan?" jedhe [yaadadhaa]Yeroma isaan jallatanu Rabbiin onnee isaanii jalliseRabbiin ummata finciltoota hin qajeelchu وَإِذۡ قَالَ عِيسَى ٱبۡنُ مَرۡيَمَ يَٰبَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ إِنِّي رَسُولُ ٱللَّهِ إِلَيۡكُم مُّصَدِّقًا لِّمَا بَيۡنَ يَدَيَّ مِنَ ٱلتَّوۡرَىٰةِ وَمُبَشِّرَۢا بِرَسُولٍ يَأۡتِي مِنۢ بَعۡدِي ٱسۡمُهُۥٓ أَحۡمَدُۖ فَلَمَّا جَآءَهُم بِٱلۡبَيِّنَٰتِ قَالُواْ هَٰذَا سِحۡرٌ مُّبِينٌ ٦Yeroo Iisaa Ibni Maryam "yaa Banii Israa'iil! Ani Ergamaa Rabbii kan waan Tawraatiin keessatti na dura bu'e dhugoomsuufi ergamaa na booda dhufu kan maqaan isaa Ahmad ta'een (isin) gammachiisu ta'ee gara keessan ergame" jedhe [yaadadhaa]Yeroma inni ragaawwan ifaan isaanitti dhufes "kun 'sihrii' (falfala) ifa galaa dha" jedhan وَمَنۡ أَظۡلَمُ مِمَّنِ ٱفۡتَرَىٰ عَلَى ٱللَّهِ ٱلۡكَذِبَ وَهُوَ يُدۡعَىٰٓ إِلَى ٱلۡإِسۡلَٰمِۚ وَٱللَّهُ لَا يَهۡدِي ٱلۡقَوۡمَ ٱلظَّٰلِمِينَ ٧Nama odoo gara Islaamaa waamamuu Rabbi irratti kijiba uumee odeesse caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Rabbiinis ummata miidhaa raawwattoota hin qajeelchu يُرِيدُونَ لِيُطۡفِـُٔواْ نُورَ ٱللَّهِ بِأَفۡوَٰهِهِمۡ وَٱللَّهُ مُتِمُّ نُورِهِۦ وَلَوۡ كَرِهَ ٱلۡكَٰفِرُونَ ٨Ifa Rabbii afaan isaaniitiin balleessuu fedhuOdoma kaafiroonni jibbaniiyyuu Rabbiin ifa Isaa ni guuta هُوَ ٱلَّذِيٓ أَرۡسَلَ رَسُولَهُۥ بِٱلۡهُدَىٰ وَدِينِ ٱلۡحَقِّ لِيُظۡهِرَهُۥ عَلَى ٱلدِّينِ كُلِّهِۦ وَلَوۡ كَرِهَ ٱلۡمُشۡرِكُونَ ٩Inni Isa odoo mushrikoonni jibbanuu, amantiiwwan biraa hunda irratti ol taasisuuf jecha ergamaa Isaa qajeelfamaafi amantii haqaatiin ergeedha يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ هَلۡ أَدُلُّكُمۡ عَلَىٰ تِجَٰرَةٍ تُنجِيكُم مِّنۡ عَذَابٍ أَلِيمٍ ١٠Yaa warra amantan! Mee daldala adabbii laalessaa irraa isin baraarsu irratti isin qajeelchuu تُؤۡمِنُونَ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ وَتُجَٰهِدُونَ فِي سَبِيلِ ٱللَّهِ بِأَمۡوَٰلِكُمۡ وَأَنفُسِكُمۡۚ ذَٰلِكُمۡ خَيۡرٌ لَّكُمۡ إِن كُنتُمۡ تَعۡلَمُونَ ١١Rabbiifi ergamaa Isaatti amantu, akkasumas karaa Rabbii keessatti qabeenyaafi lubbuu keessaniin qabsooftuYoo kan beektan taataniif kanatu (waan hunda) isiniif caala يَغۡفِرۡ لَكُمۡ ذُنُوبَكُمۡ وَيُدۡخِلۡكُمۡ جَنَّٰتٍ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ وَمَسَٰكِنَ طَيِّبَةً فِي جَنَّٰتِ عَدۡنٍۚ ذَٰلِكَ ٱلۡفَوۡزُ ٱلۡعَظِيمُ ١٢(Yoo kana dalagdaniif Rabbiin) badii keessan isiniif araaramaJannatoota laggeen jala ishee yaatus isin seensisaManneen babbareedaa Jannata qubannaa keessattis (isiniif qopheessee jira)Kun milkii guddaadha وَأُخۡرَىٰ تُحِبُّونَهَاۖ نَصۡرٌ مِّنَ ٱللَّهِ وَفَتۡحٌ قَرِيبٌۗ وَبَشِّرِ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ ١٣Waan biraas kan isin jaalattan (isiniif kenna)(Isheenis) tumsa Rabbi irraa ta'eefi banamuu (Makkaa) dhihoo ta'eedhaMu’uminootas gammachiisi يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ كُونُوٓاْ أَنصَارَ ٱللَّهِ كَمَا قَالَ عِيسَى ٱبۡنُ مَرۡيَمَ لِلۡحَوَارِيِّـۧنَ مَنۡ أَنصَارِيٓ إِلَى ٱللَّهِۖ قَالَ ٱلۡحَوَارِيُّونَ نَحۡنُ أَنصَارُ ٱللَّهِۖ فَـَٔامَنَت طَّآئِفَةٌ مِّنۢ بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ وَكَفَرَت طَّآئِفَةٌۖ فَأَيَّدۡنَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ عَلَىٰ عَدُوِّهِمۡ فَأَصۡبَحُواْ ظَٰهِرِينَ ١٤Yaa warra amantan! Akkuma Iisaa Ibnu Maryam hawaariyyootaan "(waamicha ani) gara Rabbiitti (godhu irratti) namni na tumsu eenyu?" jennaan hawaariyoonnis "nutu tumsitoota Rabbiiti" jedhan san isinis tumsitoota Rabbii ta'aaIlmaan Israa'iil irraayis gartokkeen amananii gartokkeen kafaranIsaan amanan san diinota isaanii irratti jabeessinaan injifatoo ta'an

Translation: Ghali Apapur Apaghuna.