Millat al-Islam

Chapter 32 · 30 verses · Ghali Apapur Apaghuna

Surah As-Sajda in Oromo

Arabic with tafsir Listen to Surah As-Sajda (1273 reciters)
Meccanسورة السجدة30 verses

بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

الٓمٓ ١Alif Laam Miim تَنزِيلُ ٱلۡكِتَٰبِ لَا رَيۡبَ فِيهِ مِن رَّبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ ٢Buufamni kitaabichaa Rabbii aalamaa irraa ta'uun shakkiin isa keessa hinjiru أَمۡ يَقُولُونَ ٱفۡتَرَىٰهُۚ بَلۡ هُوَ ٱلۡحَقُّ مِن رَّبِّكَ لِتُنذِرَ قَوۡمًا مَّآ أَتَىٰهُم مِّن نَّذِيرٍ مِّن قَبۡلِكَ لَعَلَّهُمۡ يَهۡتَدُونَ ٣Sila “(Muhammadtu) of irraa isa uume” jedhuu? Akkasii mitiDhugumatti, inni dhugaa Rabbii kee irraa ta’ee, ummata siin duratti dinniinaan itti hin dhufin akka dinniintuuf jecha (siif buufame) ٱللَّهُ ٱلَّذِي خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ وَمَا بَيۡنَهُمَا فِي سِتَّةِ أَيَّامٍ ثُمَّ ٱسۡتَوَىٰ عَلَى ٱلۡعَرۡشِۖ مَا لَكُم مِّن دُونِهِۦ مِن وَلِيٍّ وَلَا شَفِيعٍۚ أَفَلَا تَتَذَكَّرُونَ ٤Allaahn isa samii, dachiifi waan gidduu isaan lamaanii jiran hunda guyyoota jaha keessatti uumee sana booda Arshii irratti (ol ta’iinsa isaan malu) ol ta’eedhaIsaa gaditti gargaaraafi araarsaan tokkollee isiniif hin jiruSila hin gorfamtanuu يُدَبِّرُ ٱلۡأَمۡرَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ إِلَى ٱلۡأَرۡضِ ثُمَّ يَعۡرُجُ إِلَيۡهِ فِي يَوۡمٍ كَانَ مِقۡدَارُهُۥٓ أَلۡفَ سَنَةٍ مِّمَّا تَعُدُّونَ ٥Inni wantoota hunda samii irraa gara dachiitti gara gaggalcha (qindeessa)Sana booda guyyaa dheerinni isaa waan isin lakkooftan irraa waggaa kuma ta’e keessatti gara isaa ol koru ذَٰلِكَ عَٰلِمُ ٱلۡغَيۡبِ وَٱلشَّهَٰدَةِ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ ٦Inni sana hojjate beekaa fagoofi waan mul’atuu, kan injifataa, rahmata godhaa ta’eeti ٱلَّذِيٓ أَحۡسَنَ كُلَّ شَيۡءٍ خَلَقَهُۥۖ وَبَدَأَ خَلۡقَ ٱلۡإِنسَٰنِ مِن طِينٍ ٧(Inni) isa waan uume hunda miidhagseefi uumama namaa dhoqqee irraa jalqabeedha ثُمَّ جَعَلَ نَسۡلَهُۥ مِن سُلَٰلَةٍ مِّن مَّآءٍ مَّهِينٍ ٨Sana booda sanyii isaa dhiiga ititaa bishaan laafaa irraa ta’e irraa godhe ثُمَّ سَوَّىٰهُ وَنَفَخَ فِيهِ مِن رُّوحِهِۦۖ وَجَعَلَ لَكُمُ ٱلسَّمۡعَ وَٱلۡأَبۡصَٰرَ وَٱلۡأَفۡـِٔدَةَۚ قَلِيلًا مَّا تَشۡكُرُونَ ٩Sana booda isa walqixxeessee ruuhii [uumaa] isaa irraa ta’e isa keessatti afuufeDhageettii, argaafi Onnees isiniif taasiseXiqquma galateeffattu وَقَالُوٓاْ أَءِذَا ضَلَلۡنَا فِي ٱلۡأَرۡضِ أَءِنَّا لَفِي خَلۡقٍ جَدِيدِۭۚ بَلۡ هُم بِلِقَآءِ رَبِّهِمۡ كَٰفِرُونَ ١٠“Sila yeroo (duunee) dachii keessa fagaanne nuti uumama haaraa keessatti taanaa?” jedhanDhugumatti, isaan qunnamtii Rabbii isaaniitti kafaroodha ۞ قُلۡ يَتَوَفَّىٰكُم مَّلَكُ ٱلۡمَوۡتِ ٱلَّذِي وُكِّلَ بِكُمۡ ثُمَّ إِلَىٰ رَبِّكُمۡ تُرۡجَعُونَ ١١“Maleykaa du’aa isa isin irratti ramadametu isin ajjeesaSana booda gara gooftaa keessanii deebifamtu” jedhiin وَلَوۡ تَرَىٰٓ إِذِ ٱلۡمُجۡرِمُونَ نَاكِسُواْ رُءُوسِهِمۡ عِندَ رَبِّهِمۡ رَبَّنَآ أَبۡصَرۡنَا وَسَمِعۡنَا فَٱرۡجِعۡنَا نَعۡمَلۡ صَٰلِحًا إِنَّا مُوقِنُونَ ١٢Yeroo yakkamtoonni Rabbii isaanii biratti mataa isaanii gadi buusanii “yaa Gooftaa keenya! Arginee, dhageenyee, nuti dhugoomsoodhaa, hojii gaarii hojjannaa (addunyaatti) nu deebisi” jedhan san odoo argitee [dubbii cimaa argita turte] وَلَوۡ شِئۡنَا لَأٓتَيۡنَا كُلَّ نَفۡسٍ هُدَىٰهَا وَلَٰكِنۡ حَقَّ ٱلۡقَوۡلُ مِنِّي لَأَمۡلَأَنَّ جَهَنَّمَ مِنَ ٱلۡجِنَّةِ وَٱلنَّاسِ أَجۡمَعِينَ ١٣Odoo feenee lubbuu hundaa qajeeluma ishee isheedhaaf kennina turreGaruu jecha “jinnootaafi namoota walitti qabaman irraa jahannam nan guuta” jedhutu Ana irraa haqa ta’ee jira فَذُوقُواْ بِمَا نَسِيتُمۡ لِقَآءَ يَوۡمِكُمۡ هَٰذَآ إِنَّا نَسِينَٰكُمۡۖ وَذُوقُواْ عَذَابَ ٱلۡخُلۡدِ بِمَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ ١٤“Waan qunnamtii guyyaa keessan kanaa dagattaniif (adabbii) dhandhamaaNutis (adabbii keessatti) isin dhiifna; waan dalagaa turtaniifis adabbii yeroo hundaa dhandhamaa” (jedhamu) إِنَّمَا يُؤۡمِنُ بِـَٔايَٰتِنَا ٱلَّذِينَ إِذَا ذُكِّرُواْ بِهَا خَرُّواْۤ سُجَّدًاۤ وَسَبَّحُواْ بِحَمۡدِ رَبِّهِمۡ وَهُمۡ لَا يَسۡتَكۡبِرُونَ ۩ ١٥Keeyyattoota keenyatti warra yeroo isheedhaan gorfaman kan hin boonne ta’anii sujuuda bu’anii, Rabbii isaanii faarsan malee kan amanu hin jiru تَتَجَافَىٰ جُنُوبُهُمۡ عَنِ ٱلۡمَضَاجِعِ يَدۡعُونَ رَبَّهُمۡ خَوۡفًا وَطَمَعًا وَمِمَّا رَزَقۡنَٰهُمۡ يُنفِقُونَ ١٦Cinaachi isaaniis ciisicha irraa ni fagaattiSodaataafi kajeelaa Goftaa isaanii ni kadhatuWaan isaaniif kennine irraas ni sadaqatu فَلَا تَعۡلَمُ نَفۡسٌ مَّآ أُخۡفِيَ لَهُم مِّن قُرَّةِ أَعۡيُنٍ جَزَآءَۢ بِمَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ ١٧Mindaa waan isaan hojjataa turaniif jecha, gammachuu ijaa irraa waan isaaniif dhokfame lubbuun tokkoyyuu hin beektu أَفَمَن كَانَ مُؤۡمِنًا كَمَن كَانَ فَاسِقًاۚ لَّا يَسۡتَوُۥنَ ١٨Sila namni mu’umina ta’e akka nama fincilaatii? Wal hin qixxaa’an أَمَّا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ فَلَهُمۡ جَنَّٰتُ ٱلۡمَأۡوَىٰ نُزُلَۢا بِمَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ ١٩Warri amananii gaggaarii hojjatan waan isaan hojjataa turaniif jecha, qophii ta’ee jannata qobsumaatu isaaniif jira وَأَمَّا ٱلَّذِينَ فَسَقُواْ فَمَأۡوَىٰهُمُ ٱلنَّارُۖ كُلَّمَآ أَرَادُوٓاْ أَن يَخۡرُجُواْ مِنۡهَآ أُعِيدُواْ فِيهَا وَقِيلَ لَهُمۡ ذُوقُواْ عَذَابَ ٱلنَّارِ ٱلَّذِي كُنتُم بِهِۦ تُكَذِّبُونَ ٢٠Isaan fincilan immoo teessoon isaanii ibiddaDhawaatuma ishee irraa ba’uu fedhaniin ishee keessatti deebifamu“Adaba ibiddaa kan isa sobsiisaa turtan dhandhamaa” isaaniin jedhama وَلَنُذِيقَنَّهُم مِّنَ ٱلۡعَذَابِ ٱلۡأَدۡنَىٰ دُونَ ٱلۡعَذَابِ ٱلۡأَكۡبَرِ لَعَلَّهُمۡ يَرۡجِعُونَ ٢١Dhugumatti, Nuti akka isaan (gara iimaanaatti) debi’aniif jecha adabbii guddaa dura, adabbii xiqqaa (kan addunyaa) isaan dhamdhamsiifna وَمَنۡ أَظۡلَمُ مِمَّن ذُكِّرَ بِـَٔايَٰتِ رَبِّهِۦ ثُمَّ أَعۡرَضَ عَنۡهَآۚ إِنَّا مِنَ ٱلۡمُجۡرِمِينَ مُنتَقِمُونَ ٢٢Nama keeyyattoota Gooftaa isaatiin gorfamee sana booda ishee irraa duubatti deebi’e caalaa namni miidhaa dalage hin jiruDhugumatti, Nuti yakkamtoota irraa haaloo bahatoodha وَلَقَدۡ ءَاتَيۡنَا مُوسَى ٱلۡكِتَٰبَ فَلَا تَكُن فِي مِرۡيَةٍ مِّن لِّقَآئِهِۦۖ وَجَعَلۡنَٰهُ هُدًى لِّبَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ ٢٣Dhugumatti, Muusaaf kitaaba kennineerraIsaan wal qunnamuu irraa shakkii keessa hin ta’inIlmaan Israa’iiliifis qajeeluma isa taasifne وَجَعَلۡنَا مِنۡهُمۡ أَئِمَّةً يَهۡدُونَ بِأَمۡرِنَا لَمَّا صَبَرُواْۖ وَكَانُواْ بِـَٔايَٰتِنَا يُوقِنُونَ ٢٤Yeroma isaan obsaniifi keeyyattoota keenya dhugoomsan, isaan irraa imaamota ajaja keenyaan qajeelchan taasifne إِنَّ رَبَّكَ هُوَ يَفۡصِلُ بَيۡنَهُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ فِيمَا كَانُواْ فِيهِ يَخۡتَلِفُونَ ٢٥Dhugumatti, Gooftaan kee isumatu Guyyaa Qiyaamaa wantoota isaan isa keessatti wal dhabaa turan keessatti gidduu isaaniitti murteessa أَوَلَمۡ يَهۡدِ لَهُمۡ كَمۡ أَهۡلَكۡنَا مِن قَبۡلِهِم مِّنَ ٱلۡقُرُونِ يَمۡشُونَ فِي مَسَٰكِنِهِمۡۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٍۚ أَفَلَا يَسۡمَعُونَ ٢٦Sila akka Nuti isaaniin duratti dhaloota baay’ee irraa balleessine gandoota isaanii keessa kan deeman ta’anii ifa isaaniif hin taanee? Dhugumatti, sana keessa mallattooleetu jiraSila hin dhagahanuu أَوَلَمۡ يَرَوۡاْ أَنَّا نَسُوقُ ٱلۡمَآءَ إِلَى ٱلۡأَرۡضِ ٱلۡجُرُزِ فَنُخۡرِجُ بِهِۦ زَرۡعًا تَأۡكُلُ مِنۡهُ أَنۡعَٰمُهُمۡ وَأَنفُسُهُمۡۚ أَفَلَا يُبۡصِرُونَ ٢٧Sila akka nuti bishaan gara dachii gogaa oofnee biqiloota horiin isaaniitiifi ofii isaaniitii irraa nyaatan ittiin biqilchinu hin ilaallee? Sila hin arganuu وَيَقُولُونَ مَتَىٰ هَٰذَا ٱلۡفَتۡحُ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ ٢٨“Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif murtiin kun yoom ta’a?” jedhu قُلۡ يَوۡمَ ٱلۡفَتۡحِ لَا يَنفَعُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓاْ إِيمَٰنُهُمۡ وَلَا هُمۡ يُنظَرُونَ ٢٩Guyyaa murtii san warra kafaran iimaanni isaanii isaan hin fayyaduYeroonis isaaniif hin kennamu فَأَعۡرِضۡ عَنۡهُمۡ وَٱنتَظِرۡ إِنَّهُم مُّنتَظِرُونَ ٣٠Isaan irraa gara gali[Adabbii isaanitti bu’u] eegiDhugumatti, isaanis (baduu kee) eegoodha

Translation: Ghali Apapur Apaghuna.