Millat al-Islam

Chapter 41 · 54 verses · Ghali Apapur Apaghuna

Surah Fussilat in Oromo

Arabic with tafsir Listen to Surah Fussilat (1187 reciters)
Meccanسورة فصلت54 verses

بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

حمٓ ١Haa Miim تَنزِيلٌ مِّنَ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ ٢(Qur’aanni kun) Rabbii mararfataa, rahmata godhaa ta’e irraa buufamaadha كِتَٰبٌ فُصِّلَتۡ ءَايَٰتُهُۥ قُرۡءَانًا عَرَبِيًّا لِّقَوۡمٍ يَعۡلَمُونَ ٣Kitaaba keeyyattoonni isaa namoota beekaniif, dubbifamaa Afaan Arabaa ta’ee, adda baafamteedha بَشِيرًا وَنَذِيرًا فَأَعۡرَضَ أَكۡثَرُهُمۡ فَهُمۡ لَا يَسۡمَعُونَ ٤Gammachiisaafi sodaachisaa ta’ee (buufamee dha); irra hedduun isaanii irraa gara galanSaniifuu isaan hin dhagayan وَقَالُواْ قُلُوبُنَا فِيٓ أَكِنَّةٍ مِّمَّا تَدۡعُونَآ إِلَيۡهِ وَفِيٓ ءَاذَانِنَا وَقۡرٌ وَمِنۢ بَيۡنِنَا وَبَيۡنِكَ حِجَابٌ فَٱعۡمَلۡ إِنَّنَا عَٰمِلُونَ ٥Ni jedhan: “onneen keenya waan isin itti nu waamtan irraa haguuggaa keessa jiraGurra keenya keessas duudummaatu jiraGidduu keenyaafi gidduu keetis waan haguugutu jiraKanaaf ati (waan feete) dalagi; nutis (waan feene) dalagna قُلۡ إِنَّمَآ أَنَا۠ بَشَرٌ مِّثۡلُكُمۡ يُوحَىٰٓ إِلَيَّ أَنَّمَآ إِلَٰهُكُمۡ إِلَٰهٌ وَٰحِدٌ فَٱسۡتَقِيمُوٓاْ إِلَيۡهِ وَٱسۡتَغۡفِرُوهُۗ وَوَيۡلٌ لِّلۡمُشۡرِكِينَ ٦Jedhi: “ani namuma akka keessaniiti; ‘dhugaan gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkicha qofa; gara Isaa qajeelaa, araaramas Isa gaafadhaa, warra (Isatti) qindeessaniif adabatu jira’ jechuutu gara kiyyatti beeksisa godhama.” ٱلَّذِينَ لَا يُؤۡتُونَ ٱلزَّكَوٰةَ وَهُم بِٱلۡأٓخِرَةِ هُمۡ كَٰفِرُونَ ٧Isaan warra zakaa hin kennine, kan Aakhirattis kafaraniidha إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ لَهُمۡ أَجۡرٌ غَيۡرُ مَمۡنُونٍ ٨Dhugumatti, isaan amananii, toltuu hojjatan isaaniif mindaa adda hin cinnetu jira ۞ قُلۡ أَئِنَّكُمۡ لَتَكۡفُرُونَ بِٱلَّذِي خَلَقَ ٱلۡأَرۡضَ فِي يَوۡمَيۡنِ وَتَجۡعَلُونَ لَهُۥٓ أَندَادًاۚ ذَٰلِكَ رَبُّ ٱلۡعَٰلَمِينَ ٩Jedhi: “Sila isin Isa dachii guyyaa lama keessatti uumetti kafartanii, hiriyyaa Isaaf gootuu? Sun Gooftaa aalama hundaati وَجَعَلَ فِيهَا رَوَٰسِيَ مِن فَوۡقِهَا وَبَٰرَكَ فِيهَا وَقَدَّرَ فِيهَآ أَقۡوَٰتَهَا فِيٓ أَرۡبَعَةِ أَيَّامٍ سَوَآءً لِّلسَّآئِلِينَ ١٠Ishee (dachii) keessatti gaarreen lafa qabatoo ta’an; gubbaa isiitti godhee, ishee keessattis barakaa godheIshee keessatti wantoota ittiin jiraatan guyyuma afur guutuu keessatti warra itti haajamaniif murteesse ثُمَّ ٱسۡتَوَىٰٓ إِلَى ٱلسَّمَآءِ وَهِيَ دُخَانٌ فَقَالَ لَهَا وَلِلۡأَرۡضِ ٱئۡتِيَا طَوۡعًا أَوۡ كَرۡهًا قَالَتَآ أَتَيۡنَا طَآئِعِينَ ١١Ergasii haala isheen aara taatee jirtuun samii ol ta’e, isheefi dachiinis “jaalattanii yookiin jibbitanii kottaa” jedheIsaanis “jaalannee dhufne” jedhan فَقَضَىٰهُنَّ سَبۡعَ سَمَٰوَاتٍ فِي يَوۡمَيۡنِ وَأَوۡحَىٰ فِي كُلِّ سَمَآءٍ أَمۡرَهَاۚ وَزَيَّنَّا ٱلسَّمَآءَ ٱلدُّنۡيَا بِمَصَٰبِيحَ وَحِفۡظًاۚ ذَٰلِكَ تَقۡدِيرُ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡعَلِيمِ ١٢Guyyaa lama keessatti samii torba godhee xumuree, samii hunda keessatti, dhimma ishee ilaalchisee beeksisa itti godheSamii addunyaas ifaadhaan (urjiin) miidhagsinee, tika cimaas (tiksine)Kun murtii (Rabbii) injifataa, beekaati فَإِنۡ أَعۡرَضُواْ فَقُلۡ أَنذَرۡتُكُمۡ صَٰعِقَةً مِّثۡلَ صَٰعِقَةِ عَادٍ وَثَمُودَ ١٣Yoo isaan gara galan “ani iyyansa hamaa, akka iyyansa ummata Aadiifi Samuudin isin sodaachiseera” jedhiin إِذۡ جَآءَتۡهُمُ ٱلرُّسُلُ مِنۢ بَيۡنِ أَيۡدِيهِمۡ وَمِنۡ خَلۡفِهِمۡ أَلَّا تَعۡبُدُوٓاْ إِلَّا ٱللَّهَۖ قَالُواْ لَوۡ شَآءَ رَبُّنَا لَأَنزَلَ مَلَٰٓئِكَةً فَإِنَّا بِمَآ أُرۡسِلۡتُم بِهِۦ كَٰفِرُونَ ١٤(adabbii) yeroo ergamtoonni fuuldura isaaniitiifi duuba isaaniitiin itti dhufanii “Rabbiin malee waan biraa hin gabbarinaa” (isaaniin jennaan), “Gooftaan keenya odoo fedhee malaykota buusa ture; kanaaf nuti waan isin itti amantanitti kafarree jirra” jedhanii san (isin sodaachise) فَأَمَّا عَادٌ فَٱسۡتَكۡبَرُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ بِغَيۡرِ ٱلۡحَقِّ وَقَالُواْ مَنۡ أَشَدُّ مِنَّا قُوَّةًۖ أَوَلَمۡ يَرَوۡاْ أَنَّ ٱللَّهَ ٱلَّذِي خَلَقَهُمۡ هُوَ أَشَدُّ مِنۡهُمۡ قُوَّةًۖ وَكَانُواْ بِـَٔايَٰتِنَا يَجۡحَدُونَ ١٥Aad immoo dachii keessatti haqaan ala boonanii “humnaan namni nurra cimaa eenyu?” jedhanSila Rabbiin, Inni isaan uume sun dhugumatti, humnaan isaan irra cimaa ta’uu hin arginee? Keeyyattoota keenya mormitoota turan فَأَرۡسَلۡنَا عَلَيۡهِمۡ رِيحًا صَرۡصَرًا فِيٓ أَيَّامٍ نَّحِسَاتٍ لِّنُذِيقَهُمۡ عَذَابَ ٱلۡخِزۡيِ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَاۖ وَلَعَذَابُ ٱلۡأٓخِرَةِ أَخۡزَىٰۖ وَهُمۡ لَا يُنصَرُونَ ١٦Akka jiruu addunyaa keessatti adabbii salphinaa isaan dhandhamsiifnuuf jecha guyyoota (isaaniif) hamaa keessatti bubbee cimaa isaan irratti ergine(Haa ta’uu malee) adabbii Aakhiraatu irra salphisaadhaIsaan hin tumsamanu وَأَمَّا ثَمُودُ فَهَدَيۡنَٰهُمۡ فَٱسۡتَحَبُّواْ ٱلۡعَمَىٰ عَلَى ٱلۡهُدَىٰ فَأَخَذَتۡهُمۡ صَٰعِقَةُ ٱلۡعَذَابِ ٱلۡهُونِ بِمَا كَانُواْ يَكۡسِبُونَ ١٧Samuudiinis isaan qajeelchineeti, qajeelloo irra jallina filatani; waan isaan hojjataa turaniif duuti adabbii salphisaa isaan qabatte وَنَجَّيۡنَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَكَانُواْ يَتَّقُونَ ١٨Isaan amananii, Rabbiin kan sodaatan turan nagaya baafne وَيَوۡمَ يُحۡشَرُ أَعۡدَآءُ ٱللَّهِ إِلَى ٱلنَّارِ فَهُمۡ يُوزَعُونَ ١٩Guyyaa diinotiin Rabbii gara ibiddaatti walitti qabamanii ittifaman san [yaadadhu] حَتَّىٰٓ إِذَا مَا جَآءُوهَا شَهِدَ عَلَيۡهِمۡ سَمۡعُهُمۡ وَأَبۡصَٰرُهُمۡ وَجُلُودُهُم بِمَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ ٢٠Yeroo ishee bira dhufan, dhageettiin isaanii, agartuun isaanitiifi gogaan isaanii waan isaan dalagaa turan ragaa isaan irratti ba’u وَقَالُواْ لِجُلُودِهِمۡ لِمَ شَهِدتُّمۡ عَلَيۡنَاۖ قَالُوٓاْ أَنطَقَنَا ٱللَّهُ ٱلَّذِيٓ أَنطَقَ كُلَّ شَيۡءٍۚ وَهُوَ خَلَقَكُمۡ أَوَّلَ مَرَّةٍ وَإِلَيۡهِ تُرۡجَعُونَ ٢١Gogaa isaanitiin “Maalif ragaa nurratti baatu?” jedhan[Isaan] ni jedhu: “Rabbii Isa waan hunda dubbachiise, kan yeroo jalqabaa isin uume, kan gara Isaatti deebifamtantu nu dubbachiise.” وَمَا كُنتُمۡ تَسۡتَتِرُونَ أَن يَشۡهَدَ عَلَيۡكُمۡ سَمۡعُكُمۡ وَلَآ أَبۡصَٰرُكُمۡ وَلَا جُلُودُكُمۡ وَلَٰكِن ظَنَنتُمۡ أَنَّ ٱللَّهَ لَا يَعۡلَمُ كَثِيرًا مِّمَّا تَعۡمَلُونَ ٢٢Isinis dhageettiin keessan, agartuun keessaniifi gogaan keessan ragaa isin irratti ba’uu kan of dhoksitanu hin taaneHaa ta’u malee, Rabbiin hedduu waan isin dalagdanii beekuu dhabuu yaaddan وَذَٰلِكُمۡ ظَنُّكُمُ ٱلَّذِي ظَنَنتُم بِرَبِّكُمۡ أَرۡدَىٰكُمۡ فَأَصۡبَحۡتُم مِّنَ ٱلۡخَٰسِرِينَ ٢٣Sun yaada keessan, kan isin Gooftaa keessanitti yaaddaniidhaIsin balleessee, warra hoonga’an irraa taatan فَإِن يَصۡبِرُواْ فَٱلنَّارُ مَثۡوًى لَّهُمۡۖ وَإِن يَسۡتَعۡتِبُواْ فَمَا هُم مِّنَ ٱلۡمُعۡتَبِينَ ٢٤Yoo obsanis, ibiddi teessoo isaaniiti, yoo ceephoo buufachuu barbaadanis, isaan warra ceephefamu irraayii miti ۞ وَقَيَّضۡنَا لَهُمۡ قُرَنَآءَ فَزَيَّنُواْ لَهُم مَّا بَيۡنَ أَيۡدِيهِمۡ وَمَا خَلۡفَهُمۡ وَحَقَّ عَلَيۡهِمُ ٱلۡقَوۡلُ فِيٓ أُمَمٍ قَدۡ خَلَتۡ مِن قَبۡلِهِم مِّنَ ٱلۡجِنِّ وَٱلۡإِنسِۖ إِنَّهُمۡ كَانُواْ خَٰسِرِينَ ٢٥Nuti hiriyoota (Sheyxaanaa) isaaniif ramadneeti, wantoota fuuldura isaaniitiifi wantoota booda isaanii isaaniif bareechanJechi (adabbiin) akkuma ummatoota isaaniin duraa kan jinniifi nama irratti mirkanaa’e, isaan irrattis mirkanaa’eIsaan dhugumatti hoonga’oo ta’aniiru وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَا تَسۡمَعُواْ لِهَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانِ وَٱلۡغَوۡاْ فِيهِ لَعَلَّكُمۡ تَغۡلِبُونَ ٢٦Isaan kafaran “Qur’aana kana hin dhaga’inaa; akka injifattaniif (yeroo dubbifamu) isa keessatti wacaa” jedhan فَلَنُذِيقَنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ عَذَابًا شَدِيدًا وَلَنَجۡزِيَنَّهُمۡ أَسۡوَأَ ٱلَّذِي كَانُواْ يَعۡمَلُونَ ٢٧Isaan kafaran dhugumaan adabbii cimaa isaan dhandhamsiifnaDhugumatti, hamtuu isaan dalagaa turaniifis isaan mindeessina ذَٰلِكَ جَزَآءُ أَعۡدَآءِ ٱللَّهِ ٱلنَّارُۖ لَهُمۡ فِيهَا دَارُ ٱلۡخُلۡدِ جَزَآءَۢ بِمَا كَانُواْ بِـَٔايَٰتِنَا يَجۡحَدُونَ ٢٨Sun waan mindaan diinotii Rabbii ibidda ta’eefiIsaaniif ishee keessa mana yeroo hundaatu jiraWaan keeyyattoota keenya mormaniif isaaniif mindaa ta’a وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ رَبَّنَآ أَرِنَا ٱلَّذَيۡنِ أَضَلَّانَا مِنَ ٱلۡجِنِّ وَٱلۡإِنسِ نَجۡعَلۡهُمَا تَحۡتَ أَقۡدَامِنَا لِيَكُونَا مِنَ ٱلۡأَسۡفَلِينَ ٢٩Isaan kafaran “Gooftaa keenya! Isaan jinnootaafi namoota irraa nu jallisan lamaan nutti agarsiisi; akka warra jalaa keessa ta’aniif faana keenya jala isaan goona” jedhan إِنَّ ٱلَّذِينَ قَالُواْ رَبُّنَا ٱللَّهُ ثُمَّ ٱسۡتَقَٰمُواْ تَتَنَزَّلُ عَلَيۡهِمُ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ أَلَّا تَخَافُواْ وَلَا تَحۡزَنُواْ وَأَبۡشِرُواْ بِٱلۡجَنَّةِ ٱلَّتِي كُنتُمۡ تُوعَدُونَ ٣٠Dhugumatti, isaan “gabbaramaan keenya Allaahdha” jedhanii, ergasii achirratti gadi dhaabbatan, (yeroo isaan du’an) malaykonni isaan irratti bubu’aniiti, “hin sodaatinaa; hin gaddinaas; jannata waadaa isiniif galameen gammadaa نَحۡنُ أَوۡلِيَآؤُكُمۡ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا وَفِي ٱلۡأٓخِرَةِۖ وَلَكُمۡ فِيهَا مَا تَشۡتَهِيٓ أَنفُسُكُمۡ وَلَكُمۡ فِيهَا مَا تَدَّعُونَ ٣١Nuti jiruu addunyaa keessatti jaalalloo keessan turre; Aakhirattis akkasumaIsiniif ishee (jannata) keessa waan lubbuun keessan feetutu jiraIsiniif ishee keessa waan barbaaddantu jira نُزُلًا مِّنۡ غَفُورٍ رَّحِيمٍ ٣٢Afeerraa (Rabbii) araaramaa, rahmata godhaa irraa ta’eedha” (isaaniin jedhu) وَمَنۡ أَحۡسَنُ قَوۡلًا مِّمَّن دَعَآ إِلَى ٱللَّهِ وَعَمِلَ صَٰلِحًا وَقَالَ إِنَّنِي مِنَ ٱلۡمُسۡلِمِينَ ٣٣Nama gara Rabbiitti waameefi hojii gaggaarii hojjatee “ani Muslimoota irraayi” jedhe caalaa namni jecha bareedu eenyu وَلَا تَسۡتَوِي ٱلۡحَسَنَةُ وَلَا ٱلسَّيِّئَةُۚ ٱدۡفَعۡ بِٱلَّتِي هِيَ أَحۡسَنُ فَإِذَا ٱلَّذِي بَيۡنَكَ وَبَيۡنَهُۥ عَدَٰوَةٌ كَأَنَّهُۥ وَلِيٌّ حَمِيمٌ ٣٤(Hojiin) gaariiniifi hamtuun wal hin qixxaa’anIshee toltuu taateen deebisiYoos inni gidduu keetiifi gidduu isaa diinummaan jiru akka jaalalloo firaa ta’uu (agarta) وَمَا يُلَقَّىٰهَآ إِلَّا ٱلَّذِينَ صَبَرُواْ وَمَا يُلَقَّىٰهَآ إِلَّا ذُو حَظٍّ عَظِيمٍ ٣٥Warra obsan malee eenyulleen ishee hin argatuAbbaa qooda guddaa qabu malee eenyulleen ishee hin argatu وَإِمَّا يَنزَغَنَّكَ مِنَ ٱلشَّيۡطَٰنِ نَزۡغٌ فَٱسۡتَعِذۡ بِٱللَّهِۖ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ ٣٦Yoo waswaasaan shayxaana irraa ta’e si jallise, Rabbitti maganfadhuDhugumatti, Inni Isumatu dhaga’aa, beekaadha وَمِنۡ ءَايَٰتِهِ ٱلَّيۡلُ وَٱلنَّهَارُ وَٱلشَّمۡسُ وَٱلۡقَمَرُۚ لَا تَسۡجُدُواْ لِلشَّمۡسِ وَلَا لِلۡقَمَرِ وَٱسۡجُدُواْۤ لِلَّهِۤ ٱلَّذِي خَلَقَهُنَّ إِن كُنتُمۡ إِيَّاهُ تَعۡبُدُونَ ٣٧Halkan, Guyyaan, Aduufi Baatiinis mallattoolee Isaa irraayyiYoo kan (dhugaan) Isa gabbartan taatan Aduufis ta’ee baatiif hin salaatinaaRabbii isaan uume qofaaf sagadaa فَإِنِ ٱسۡتَكۡبَرُواْ فَٱلَّذِينَ عِندَ رَبِّكَ يُسَبِّحُونَ لَهُۥ بِٱلَّيۡلِ وَٱلنَّهَارِ وَهُمۡ لَا يَسۡـَٔمُونَ ۩ ٣٨Yoo boonanis, isaan (malaaykoonni) Rabbii kee bira jiran halkaniifi guyyaa Isa qulqullessu; isaan hin hifatanu وَمِنۡ ءَايَٰتِهِۦٓ أَنَّكَ تَرَى ٱلۡأَرۡضَ خَٰشِعَةً فَإِذَآ أَنزَلۡنَا عَلَيۡهَا ٱلۡمَآءَ ٱهۡتَزَّتۡ وَرَبَتۡۚ إِنَّ ٱلَّذِيٓ أَحۡيَاهَا لَمُحۡيِ ٱلۡمَوۡتَىٰٓۚ إِنَّهُۥ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٍ قَدِيرٌ ٣٩Ati dachii gogduu taate arguun mallattoolee Isaa irraayiErgasii yeroo Nuti ishee irratti bishaan (rooba) buufne ni sochooti, ni tullooftisDhugumatti, Inni ishee jiraachise, warra du’e jiraachisaadhaInni waan hunda irratti danda’aadha إِنَّ ٱلَّذِينَ يُلۡحِدُونَ فِيٓ ءَايَٰتِنَا لَا يَخۡفَوۡنَ عَلَيۡنَآۗ أَفَمَن يُلۡقَىٰ فِي ٱلنَّارِ خَيۡرٌ أَم مَّن يَأۡتِيٓ ءَامِنًا يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِۚ ٱعۡمَلُواْ مَا شِئۡتُمۡ إِنَّهُۥ بِمَا تَعۡمَلُونَ بَصِيرٌ ٤٠Dhugumatti, isaan keeyyattoota keenya bakka irraa dabsan nu jalaa dhokachuu hin danda’anuSila Guyyaa Qiyaamaa isa ibidda keessatti darbamu moo, isa nagaa ta’ee dhufutu caala? Waan feetan dalagaa; Inni waan isin dalagdan hunda argaadha إِنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ بِٱلذِّكۡرِ لَمَّا جَآءَهُمۡۖ وَإِنَّهُۥ لَكِتَٰبٌ عَزِيزٌ ٤١Dhugumatti, isaan erga inni itti dhufee booda yaadannotti (Qur’aanatti) kafaran (mindaa ni argatu)Dhugumatti, inni kitaaba injifataadha لَّا يَأۡتِيهِ ٱلۡبَٰطِلُ مِنۢ بَيۡنِ يَدَيۡهِ وَلَا مِنۡ خَلۡفِهِۦۖ تَنزِيلٌ مِّنۡ حَكِيمٍ حَمِيدٍ ٤٢Sobni fuuldura isaatiis ta’ee duuba isaatiin itti hin dhufu(Rabbii) ogeessa faarfamaa ta’e irraa buufame مَّا يُقَالُ لَكَ إِلَّا مَا قَدۡ قِيلَ لِلرُّسُلِ مِن قَبۡلِكَۚ إِنَّ رَبَّكَ لَذُو مَغۡفِرَةٍ وَذُو عِقَابٍ أَلِيمٍ ٤٣Waan ergamtoota si duraatiin jedhameen ala wanti siin jedhamu hin jiruDhugumatti, Gooftaan kee abbaa araaramaatiifi abbaa adabbii laaleessaati وَلَوۡ جَعَلۡنَٰهُ قُرۡءَانًا أَعۡجَمِيًّا لَّقَالُواْ لَوۡلَا فُصِّلَتۡ ءَايَٰتُهُۥٓۖ ءَا۬عۡجَمِيٌّ وَعَرَبِيٌّۗ قُلۡ هُوَ لِلَّذِينَ ءَامَنُواْ هُدًى وَشِفَآءٌۚ وَٱلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ فِيٓ ءَاذَانِهِمۡ وَقۡرٌ وَهُوَ عَلَيۡهِمۡ عَمًىۚ أُوْلَٰٓئِكَ يُنَادَوۡنَ مِن مَّكَانِۭ بَعِيدٍ ٤٤Odoo Qur’aana afaan ajamii (Arabiffaan ala) goonee, sila “maaliif keeyyattoonni isaa sirritti hin ibsamin; ergamaan Arabaa, akkamitti afaan Ajamiin bu’e?” jedhu turan(Yaa Muhammad!) jedhiin: “Inni warra amananiif qajeelfamaafi qorichaIsaan hin amanin gurra isaanii keessa duudummaatu jiraInnis isaan irratti jaamummaadhaIsaan sun (akka nama) iddoo fagoo irraa waamamuuti.” وَلَقَدۡ ءَاتَيۡنَا مُوسَى ٱلۡكِتَٰبَ فَٱخۡتُلِفَ فِيهِۚ وَلَوۡلَا كَلِمَةٌ سَبَقَتۡ مِن رَّبِّكَ لَقُضِيَ بَيۡنَهُمۡۚ وَإِنَّهُمۡ لَفِي شَكٍّ مِّنۡهُ مُرِيبٍ ٤٥Dhugumatti, Muusaaf kitaaba kennineeti, isa keessatti wal dhabameOdoo jechi Gooftaa kee biraa dabarte jiraachuu baattee gidduu isaaniitti murtiin ni kennama tureIsaan isa irraa shakkii mamsiisaa keessa jiru مَّنۡ عَمِلَ صَٰلِحًا فَلِنَفۡسِهِۦۖ وَمَنۡ أَسَآءَ فَعَلَيۡهَاۗ وَمَا رَبُّكَ بِظَلَّٰمٍ لِّلۡعَبِيدِ ٤٦Namni toltuu hojjate ofumaafiNamni hamtuu hojjates isheedhuma irrattiGooftaan kee gabroota kan miidhuu miti

Juz 25

۞ إِلَيۡهِ يُرَدُّ عِلۡمُ ٱلسَّاعَةِۚ وَمَا تَخۡرُجُ مِن ثَمَرَٰتٍ مِّنۡ أَكۡمَامِهَا وَمَا تَحۡمِلُ مِنۡ أُنثَىٰ وَلَا تَضَعُ إِلَّا بِعِلۡمِهِۦۚ وَيَوۡمَ يُنَادِيهِمۡ أَيۡنَ شُرَكَآءِي قَالُوٓاْ ءَاذَنَّٰكَ مَا مِنَّا مِن شَهِيدٍ ٤٧Beekumsi Qiyaamaa garuma Isaatti deebifamaBeekumsa Rabbiitiin ala firiin kamillee qola ishee keessaa hin baatu, dubartiin kamuu hin ulfooftu, hin deessusGuyyaa “shariikonni kiyya eessa jiru?” (jedhee) Inni itti lallabu ni jedhu: “(Yaa Rabbi!) nurraa kan (Ati shariika qabaachuu) ragaa ba’u dhabamuu si beeksifneerra.” وَضَلَّ عَنۡهُم مَّا كَانُواْ يَدۡعُونَ مِن قَبۡلُۖ وَظَنُّواْ مَا لَهُم مِّن مَّحِيصٍ ٤٨Wanti isaan duraan (addunyaa irratti) kadhachaa (gabbaraa) turanis isaan irraa badeKarri itti dheessan isaaniif hin jiruu ni mirkaneeffatu لَّا يَسۡـَٔمُ ٱلۡإِنسَٰنُ مِن دُعَآءِ ٱلۡخَيۡرِ وَإِن مَّسَّهُ ٱلشَّرُّ فَيَـُٔوسٌ قَنُوطٌ ٤٩Namni qabeenya kadhachuu irraa hin hifatuYeroo hiyyummaan isa tuqe akkaan abdii murataa, rahmata Rabbii irraa garaa kutataa ta’a وَلَئِنۡ أَذَقۡنَٰهُ رَحۡمَةً مِّنَّا مِنۢ بَعۡدِ ضَرَّآءَ مَسَّتۡهُ لَيَقُولَنَّ هَٰذَا لِي وَمَآ أَظُنُّ ٱلسَّاعَةَ قَآئِمَةً وَلَئِن رُّجِعۡتُ إِلَىٰ رَبِّيٓ إِنَّ لِي عِندَهُۥ لَلۡحُسۡنَىٰۚ فَلَنُنَبِّئَنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ بِمَا عَمِلُواْ وَلَنُذِيقَنَّهُم مِّنۡ عَذَابٍ غَلِيظٍ ٥٠Odoo erga rakkoon isa tuqee booda rahmata Nu irraa ta’e isa dhandhamsiifnee silaa “kun anaaf mala; ani Qiyaaman ni dhaabbatti jedhee hin yaadu; yoon gara Gooftaa kiyyaa deebifames, Isa bira (carraa) gaariitu naaf jira” jedhaDhugumatti, warra kafaran waan isaan hojjachaa turan isaanitti odeessinee, adabbii ulfaataas isaan dhandamsiisuuf jirra وَإِذَآ أَنۡعَمۡنَا عَلَى ٱلۡإِنسَٰنِ أَعۡرَضَ وَنَـَٔا بِجَانِبِهِۦ وَإِذَا مَسَّهُ ٱلشَّرُّ فَذُو دُعَآءٍ عَرِيضٍ ٥١Yeroo Nuti nama irratti tola oolle, inni gara galeeti (iimaana) irraa fagaataYeroo hamtuun isa tuqes yeruma san abbaa kadhaa hedduu ta’a قُلۡ أَرَءَيۡتُمۡ إِن كَانَ مِنۡ عِندِ ٱللَّهِ ثُمَّ كَفَرۡتُم بِهِۦ مَنۡ أَضَلُّ مِمَّنۡ هُوَ فِي شِقَاقِۭ بَعِيدٍ ٥٢Jedhi: “Mee naaf himaa! Yoo (Qur’aanni) Rabbi biraa ta’ee, ergasii isin isatti kafartan? Nama isa mormii fagoo ta’e keessa jiru irra jallaan ni jiraa سَنُرِيهِمۡ ءَايَٰتِنَا فِي ٱلۡأٓفَاقِ وَفِيٓ أَنفُسِهِمۡ حَتَّىٰ يَتَبَيَّنَ لَهُمۡ أَنَّهُ ٱلۡحَقُّۗ أَوَلَمۡ يَكۡفِ بِرَبِّكَ أَنَّهُۥ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٍ شَهِيدٌ ٥٣Dhugaa ta’uun isaa (Qur’aanaa) hanga isaaniif ifa ta’utti Nuti mallattoowwan keenya moggaa (samii)fi lubbuu isaanii keessatti isaan agarsiifnaInni waan hunda irratti to’ataa ta’uun Gooftaa keetiif hin ga’uu أَلَآ إِنَّهُمۡ فِي مِرۡيَةٍ مِّن لِّقَآءِ رَبِّهِمۡۗ أَلَآ إِنَّهُۥ بِكُلِّ شَيۡءٍ مُّحِيطُۢ ٥٤Mee dhagayaa! Dhugumatti, isaan (kun) Gooftaa isaanii qunnamuu irraa mamii keessa jiruDhaga’aa! Dhugumatti, Inni waan hundaan marsee jira

Translation: Ghali Apapur Apaghuna.