بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
قَدۡ أَفۡلَحَ ٱلۡمُؤۡمِنُونَ ١Dhugumatti, mu’uminoonni milkaa’an ٱلَّذِينَ هُمۡ فِي صَلَاتِهِمۡ خَٰشِعُونَ ٢Isaan warra salaata isaanii keessatti khushuu’a qabaniidha وَٱلَّذِينَ هُمۡ عَنِ ٱللَّغۡوِ مُعۡرِضُونَ ٣Isaan warra wanta bu’aa hin qabne irraa garagalaniidha وَٱلَّذِينَ هُمۡ لِلزَّكَوٰةِ فَٰعِلُونَ ٤Isaan warra zakaas raawwataniidha وَٱلَّذِينَ هُمۡ لِفُرُوجِهِمۡ حَٰفِظُونَ ٥Isaan warra qaama saalaa isaanii tikfatoo ta’aniidha إِلَّا عَلَىٰٓ أَزۡوَٰجِهِمۡ أَوۡ مَا مَلَكَتۡ أَيۡمَٰنُهُمۡ فَإِنَّهُمۡ غَيۡرُ مَلُومِينَ ٦Haadha manaa isaanii yookiin waan mirgi isaanii dhuunfatte irratti maleeDhugumatti, isaan komatamoo miti فَمَنِ ٱبۡتَغَىٰ وَرَآءَ ذَٰلِكَ فَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡعَادُونَ ٧Namni sanaan ala (waan biraa) barbaade, isaan sun daangaa dabroodha وَٱلَّذِينَ هُمۡ لِأَمَٰنَٰتِهِمۡ وَعَهۡدِهِمۡ رَٰعُونَ ٨Isaan warra amaanaa isaaniitiifi waadaa isaaniis tikfatoo ta’aniidha وَٱلَّذِينَ هُمۡ عَلَىٰ صَلَوَٰتِهِمۡ يُحَافِظُونَ ٩Isaan warra salaata isaanii irratti tikfataniidha أُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡوَٰرِثُونَ ١٠Isaan sun isaanuma qofatu dhaaltota (jannataati) ٱلَّذِينَ يَرِثُونَ ٱلۡفِرۡدَوۡسَ هُمۡ فِيهَا خَٰلِدُونَ ١١Isaan ishee keessatti hafoo ta'anii Firdawsiin dhaalu وَلَقَدۡ خَلَقۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ مِن سُلَٰلَةٍ مِّن طِينٍ ١٢Dhugumatti, Nuti ilma namaa qulqulluu (cunfaa) dhoqqee irraa ta'e irraa uumne ثُمَّ جَعَلۡنَٰهُ نُطۡفَةً فِي قَرَارٍ مَّكِينٍ ١٣Sana booda coba bishaan saalaa kan iddoo tasgabbaa’aa, mijaa'aa (gadaamessa) keessatti isa taasifne ثُمَّ خَلَقۡنَا ٱلنُّطۡفَةَ عَلَقَةً فَخَلَقۡنَا ٱلۡعَلَقَةَ مُضۡغَةً فَخَلَقۡنَا ٱلۡمُضۡغَةَ عِظَٰمًا فَكَسَوۡنَا ٱلۡعِظَٰمَ لَحۡمًا ثُمَّ أَنشَأۡنَٰهُ خَلۡقًا ءَاخَرَۚ فَتَبَارَكَ ٱللَّهُ أَحۡسَنُ ٱلۡخَٰلِقِينَ ١٤Sana booda bishaan saalaa dhiiga ititaa taasifne; ergasii dhiiga ititaa muraa foonii taasifne; ergasii foonittii (sana) lafee taasifne; ergasii lafees foon itti uffifne; sana booda uumama biraa (daa’ima) isa gooneRabbiin irra tolchaa uumtotaa ta’e qulqullaa’e ثُمَّ إِنَّكُم بَعۡدَ ذَٰلِكَ لَمَيِّتُونَ ١٥Isin sana booda du’oodha ثُمَّ إِنَّكُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ تُبۡعَثُونَ ١٦Sana booda dhugumatti, isin Guyyaa Qiyaamaa ni kaafamtu وَلَقَدۡ خَلَقۡنَا فَوۡقَكُمۡ سَبۡعَ طَرَآئِقَ وَمَا كُنَّا عَنِ ٱلۡخَلۡقِ غَٰفِلِينَ ١٧Ammas dhugumatti, Nuti gubbaa keessanitti samii torba uumnee jirraNuti uumuu irraa kan dagannu hin taane وَأَنزَلۡنَا مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءَۢ بِقَدَرٍ فَأَسۡكَنَّٰهُ فِي ٱلۡأَرۡضِۖ وَإِنَّا عَلَىٰ ذَهَابِۭ بِهِۦ لَقَٰدِرُونَ ١٨Samii irraas bishaan (rooba) hanga barbaachisaa ta’een buufnee ergasii dachii keessa isa kuufneDhugumatti, Nuti isa deemsisuu irrattis danda’oodha فَأَنشَأۡنَا لَكُم بِهِۦ جَنَّٰتٍ مِّن نَّخِيلٍ وَأَعۡنَٰبٍ لَّكُمۡ فِيهَا فَوَٰكِهُ كَثِيرَةٌ وَمِنۡهَا تَأۡكُلُونَ ١٩Isa saniin iddoowwan ashaakiltii kan mukkeen timiraafi inabaa kan isaan keessa isiniif fuduraaleen heddu jiraniifi isinis ishee irraa nyaattan isiniif magarsine وَشَجَرَةً تَخۡرُجُ مِن طُورِ سَيۡنَآءَ تَنۢبُتُ بِٱلدُّهۡنِ وَصِبۡغٍ لِّلۡأٓكِلِينَ ٢٠Muka gaara Xuuru siinaa irraa baatu (margitu), kan dhadhaa dibatamu biqilchituufi warra nyaataniifis ittoo taatus (isiniif uumne) وَإِنَّ لَكُمۡ فِي ٱلۡأَنۡعَٰمِ لَعِبۡرَةًۖ نُّسۡقِيكُم مِّمَّا فِي بُطُونِهَا وَلَكُمۡ فِيهَا مَنَٰفِعُ كَثِيرَةٌ وَمِنۡهَا تَأۡكُلُونَ ٢١Dhugumatti, isiniif beyladoota keessa waan xiinxaltantu jiraWaan garaa isaanii keessa jiru irraas (aannan) isin obaafnaAmmas isiniif isaan keessa bu’aalee (biraa) baay’eetu jiraIsaan irraas ni nyaattu وَعَلَيۡهَا وَعَلَى ٱلۡفُلۡكِ تُحۡمَلُونَ ٢٢Isheefi dooniiwwan irrattis baadhatamtu وَلَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا نُوحًا إِلَىٰ قَوۡمِهِۦ فَقَالَ يَٰقَوۡمِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ مَا لَكُم مِّنۡ إِلَٰهٍ غَيۡرُهُۥٓۚ أَفَلَا تَتَّقُونَ ٢٣Dhugumatti, Nuti Nuuhiin gara ummata isaa erginee jirraInnis ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Allaah gabbaraaIsa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiruSila isin (Allaah) hin sodaattanii?” فَقَالَ ٱلۡمَلَؤُاْ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ مِن قَوۡمِهِۦ مَا هَٰذَآ إِلَّا بَشَرٌ مِّثۡلُكُمۡ يُرِيدُ أَن يَتَفَضَّلَ عَلَيۡكُمۡ وَلَوۡ شَآءَ ٱللَّهُ لَأَنزَلَ مَلَٰٓئِكَةً مَّا سَمِعۡنَا بِهَٰذَا فِيٓ ءَابَآئِنَا ٱلۡأَوَّلِينَ ٢٤Qondaaltonni ummata isaa irraa kafaran ni jedhan: “Kun namuma akka keessaniiti malee waan biraa hin taaneIsin irra of caalchisuu fedhaRabbiin odoo fedhee silaa maleykota buusa tureWaan kana nuti abbootii keenya durii keessattis hin dhageenye إِنۡ هُوَ إِلَّا رَجُلُۢ بِهِۦ جِنَّةٌ فَتَرَبَّصُواْ بِهِۦ حَتَّىٰ حِينٍ ٢٥Inni nama maraatummaan itti jiru malee waan biraa mitiKanaafuu hanga yeroo murtaa’ee isa eegaa.” قَالَ رَبِّ ٱنصُرۡنِي بِمَا كَذَّبُونِ ٢٦(Nuuhis) ni jedhe: “Gooftaa kiyya! Waan ana sobsiisaniif isaan irratti na gargaari.” فَأَوۡحَيۡنَآ إِلَيۡهِ أَنِ ٱصۡنَعِ ٱلۡفُلۡكَ بِأَعۡيُنِنَا وَوَحۡيِنَا فَإِذَا جَآءَ أَمۡرُنَا وَفَارَ ٱلتَّنُّورُ فَٱسۡلُكۡ فِيهَا مِن كُلٍّ زَوۡجَيۡنِ ٱثۡنَيۡنِ وَأَهۡلَكَ إِلَّا مَن سَبَقَ عَلَيۡهِ ٱلۡقَوۡلُ مِنۡهُمۡۖ وَلَا تُخَٰطِبۡنِي فِي ٱلَّذِينَ ظَلَمُوٓاْ إِنَّهُم مُّغۡرَقُونَ ٢٧Nuti (akkana jechuun): gara isaatti wahyii goone: “Ilaalchaafi ajaja keenyaan doonii hojjadhuYeroo ajajni keenya dhufee, badaa ibiddaa (jalaan bishaan) madde, waan hunda irraa gosoota lama lama (kormaafi dhalaa) ishee (doonii san) keessa seensisiMaatii keetis (seensisi) nama isaan irraa jechi (adabbiin) keenya duraan irratti dabre maleeWaa’ee warra miidhaa hojjatanii keessatti homaa ana hin gaafatinDhugumatti, isaan bishaaniin nyaatamoodha فَإِذَا ٱسۡتَوَيۡتَ أَنتَ وَمَن مَّعَكَ عَلَى ٱلۡفُلۡكِ فَقُلِ ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ ٱلَّذِي نَجَّىٰنَا مِنَ ٱلۡقَوۡمِ ٱلظَّٰلِمِينَ ٢٨Yeroo atiifi namoonni si waliin jiran doonii gubbaa baatan “Faaruun kan Rabbii Isa namoota miidhaa hojjatan irraa nu baraarseeti” jedhi وَقُل رَّبِّ أَنزِلۡنِي مُنزَلًا مُّبَارَكًا وَأَنتَ خَيۡرُ ٱلۡمُنزِلِينَ ٢٩Ammas jedhi: “Gooftaa kiyya! Qubsuma barakaa qabu na qubsiisi; Atis irra caalaa qubsiiftotaati.” إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٍ وَإِن كُنَّا لَمُبۡتَلِينَ ٣٠Dhugumatti, (adaba ummata Nuuh) kana keessa mallattooleetu jira; Nuti dhugumatti (ummata Nuuhii) qormaatoo taanee jirra ثُمَّ أَنشَأۡنَا مِنۢ بَعۡدِهِمۡ قَرۡنًا ءَاخَرِينَ ٣١Sana boodas, isaan duubaan dhaloota biroo uumne فَأَرۡسَلۡنَا فِيهِمۡ رَسُولًا مِّنۡهُمۡ أَنِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ مَا لَكُم مِّنۡ إِلَٰهٍ غَيۡرُهُۥٓۚ أَفَلَا تَتَّقُونَ ٣٢Isaan keessatti ergamaa isaan irraa ta’e erginee “Rabbiin gabbaraa; Isa malee Gooftaan biraa isiniif hin jiruSila isin (Allaah) hin sodaattanuu?” (jenne) وَقَالَ ٱلۡمَلَأُ مِن قَوۡمِهِ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ وَكَذَّبُواْ بِلِقَآءِ ٱلۡأٓخِرَةِ وَأَتۡرَفۡنَٰهُمۡ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا مَا هَٰذَآ إِلَّا بَشَرٌ مِّثۡلُكُمۡ يَأۡكُلُ مِمَّا تَأۡكُلُونَ مِنۡهُ وَيَشۡرَبُ مِمَّا تَشۡرَبُونَ ٣٣Ummata isaa kanneen kafaran, kan qunnamtii Aakhiraa sobsiisaniifi jireenya addunyaa keessatti Nuti isaan garmalee duroomsine irraa qondaalonni ni jedhan: “Kun namuma akka keessaniiti malee waan biraatii mitiWaan isin nyaattan irraa nyaata; waan isin dhugdan irraas dhuga وَلَئِنۡ أَطَعۡتُم بَشَرًا مِّثۡلَكُمۡ إِنَّكُمۡ إِذًا لَّخَٰسِرُونَ ٣٤Yoo nama akka keessaniitiif ajajamtan, dhugumatti isin yoos hoonga’oodha أَيَعِدُكُمۡ أَنَّكُمۡ إِذَا مِتُّمۡ وَكُنتُمۡ تُرَابًا وَعِظَٰمًا أَنَّكُم مُّخۡرَجُونَ ٣٥Sila isin erga duutanii biyyeefi lafee taatanii booda deebitanii (qabrii keessaa) baafamtu (jedhee) isin baallamaa ۞ هَيۡهَاتَ هَيۡهَاتَ لِمَا تُوعَدُونَ ٣٦Wanti isin ittiin dinniinamtan (qabrii irraa kaafamuun) fagaate! fagaate إِنۡ هِيَ إِلَّا حَيَاتُنَا ٱلدُّنۡيَا نَمُوتُ وَنَحۡيَا وَمَا نَحۡنُ بِمَبۡعُوثِينَ ٣٧Isheen jireenya keenya addunyaa malee kan biraatii mitiNuti ni duuna; ni jiraannasNuti kaafamoo miti إِنۡ هُوَ إِلَّا رَجُلٌ ٱفۡتَرَىٰ عَلَى ٱللَّهِ كَذِبًا وَمَا نَحۡنُ لَهُۥ بِمُؤۡمِنِينَ ٣٨Inni namicha Rabbi irratti soba odeessu malee waan biraa mitiNutis isaaf amanoo hin taane.” قَالَ رَبِّ ٱنصُرۡنِي بِمَا كَذَّبُونِ ٣٩[Inni] “Gooftaa kiyya! Waan na sobsiisaniif na tumsi” jedhe قَالَ عَمَّا قَلِيلٍ لَّيُصۡبِحُنَّ نَٰدِمِينَ ٤٠(Rabbiinis) “Yeroo muraasa booda, isaan dhugumatti gaabbitoota ta’uuf jiru” jedhe فَأَخَذَتۡهُمُ ٱلصَّيۡحَةُ بِٱلۡحَقِّ فَجَعَلۡنَٰهُمۡ غُثَآءًۚ فَبُعۡدًا لِّلۡقَوۡمِ ٱلظَّٰلِمِينَ ٤١Iyyi cimaan dhugaadhaan isaan qabatteYoosuu hoomacha isaan gooneUmmatoota miidhaa hojjattootaaf (rahmata Rabbii irraa) fageenyi haa ta’u ثُمَّ أَنشَأۡنَا مِنۢ بَعۡدِهِمۡ قُرُونًا ءَاخَرِينَ ٤٢Ergasii, isaan booda dhaloota biroo uumne مَا تَسۡبِقُ مِنۡ أُمَّةٍ أَجَلَهَا وَمَا يَسۡتَـٔۡخِرُونَ ٤٣Ummanni kamillee beellama ishee hin dabartu; boodas hin aantu ثُمَّ أَرۡسَلۡنَا رُسُلَنَا تَتۡرَاۖ كُلَّ مَا جَآءَ أُمَّةً رَّسُولُهَا كَذَّبُوهُۖ فَأَتۡبَعۡنَا بَعۡضَهُم بَعۡضًا وَجَعَلۡنَٰهُمۡ أَحَادِيثَۚ فَبُعۡدًا لِّقَوۡمٍ لَّا يُؤۡمِنُونَ ٤٤Sana booda ergamtoota keenya walduraa duubaan ergineDhawaatuma ummata tokkotti ergamaan ishee dhufuun isa sobsiisuKanaafuu (badii keessatti) garii isaanii garii hordofsiifneOduu odeeffamu isaan taasifneNamoota hin amanneef fageenyi haa ta’u ثُمَّ أَرۡسَلۡنَا مُوسَىٰ وَأَخَاهُ هَٰرُونَ بِـَٔايَٰتِنَا وَسُلۡطَٰنٍ مُّبِينٍ ٤٥Sana booda Muusaafi obboleessa isaa Haaruuniin raajiiwwan keenyaafi ragaa ifa galaan ergine إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ وَمَلَإِيْهِۦ فَٱسۡتَكۡبَرُواْ وَكَانُواْ قَوۡمًا عَالِينَ ٤٦Gara Fir’awniifi qondaaltota isaa (ergine)Isaan garuu ni boonan; namoota ol aanoo of taasisan فَقَالُوٓاْ أَنُؤۡمِنُ لِبَشَرَيۡنِ مِثۡلِنَا وَقَوۡمُهُمَا لَنَا عَٰبِدُونَ ٤٧Ni jedhan: “Sila namoota lama kan nu fakkaataniifi ummanni isaanii nuuf gabbartoota ta'an isaaniif amannaa فَكَذَّبُوهُمَا فَكَانُواْ مِنَ ٱلۡمُهۡلَكِينَ ٤٨Kanaafuu isaan lamaan ni sobsiisanWarra balleeffaman irraas ta’an وَلَقَدۡ ءَاتَيۡنَا مُوسَى ٱلۡكِتَٰبَ لَعَلَّهُمۡ يَهۡتَدُونَ ٤٩Akka isaan (haqatti) qajeelaniif jecha dhugumatti, Muusaaf kitaaba kenninee jirra وَجَعَلۡنَا ٱبۡنَ مَرۡيَمَ وَأُمَّهُۥٓ ءَايَةً وَءَاوَيۡنَٰهُمَآ إِلَىٰ رَبۡوَةٍ ذَاتِ قَرَارٍ وَمَعِينٍ ٥٠Ilma Maryamiifi haadha isaatis mallattoo taasifneIsaan lamaanuu gara iddoo ol fuudhamaa; tasgabbiifi burqituu isaan qubsiifnee jirra يَٰٓأَيُّهَا ٱلرُّسُلُ كُلُواْ مِنَ ٱلطَّيِّبَٰتِ وَٱعۡمَلُواْ صَٰلِحًاۖ إِنِّي بِمَا تَعۡمَلُونَ عَلِيمٌ ٥١Yaa ergamtoota (kiyya)! Wantoota gaggaarii irraa nyaadhaaDalagaalee gaggaariis hojjadhaaDhugumatti, Ani waan isin hojjattan akkaan beekaadha وَإِنَّ هَٰذِهِۦٓ أُمَّتُكُمۡ أُمَّةً وَٰحِدَةً وَأَنَا۠ رَبُّكُمۡ فَٱتَّقُونِ ٥٢Isheen kun (Rabbii tokkicha gabbaruun) karaa tokko taatee amantii keessaniAnis Gooftaa keessanii ana sodaadhaa فَتَقَطَّعُوٓاْ أَمۡرَهُم بَيۡنَهُمۡ زُبُرًاۖ كُلُّ حِزۡبِۭ بِمَا لَدَيۡهِمۡ فَرِحُونَ ٥٣Amantii isaaniis gidduu isaanitti addaan cicciratanGareen hundinuu waan isaan bira jirutti gammadu فَذَرۡهُمۡ فِي غَمۡرَتِهِمۡ حَتَّىٰ حِينٍ ٥٤Hanga yeroo murtaa'eetti jallina isaanii keessatti isaan dhiisi أَيَحۡسَبُونَ أَنَّمَا نُمِدُّهُم بِهِۦ مِن مَّالٍ وَبَنِينَ ٥٥Sila sababni Nuti qabeenyaafi ilmaan irraa isaaniif daballu (isaaniif gaarii)se’uu نُسَارِعُ لَهُمۡ فِي ٱلۡخَيۡرَٰتِۚ بَل لَّا يَشۡعُرُونَ ٥٦Toltuuwwan isaaniif ariifachiifna (se'uu?) Lakkii; (Nuti kanaaf hin goone)Garuu isaan hin hubatan إِنَّ ٱلَّذِينَ هُم مِّنۡ خَشۡيَةِ رَبِّهِم مُّشۡفِقُونَ ٥٧Dhugumatti, warri sodaa Gooftaa isaanii irraa naasuun jiraatan وَٱلَّذِينَ هُم بِـَٔايَٰتِ رَبِّهِمۡ يُؤۡمِنُونَ ٥٨Warri keeyyattoota Gooftaa isaaniittis amanan وَٱلَّذِينَ هُم بِرَبِّهِمۡ لَا يُشۡرِكُونَ ٥٩Warri Gooftaa isaaniittis homaa hin qindeessine وَٱلَّذِينَ يُؤۡتُونَ مَآ ءَاتَواْ وَّقُلُوبُهُمۡ وَجِلَةٌ أَنَّهُمۡ إِلَىٰ رَبِّهِمۡ رَٰجِعُونَ ٦٠Ammas warri waan kennan onneen isaanii sodaan guutamteefi dhugumaan (qormaataaf) gara Gooftaa isaanii akka deebi’an amanaa kennan أُوْلَٰٓئِكَ يُسَٰرِعُونَ فِي ٱلۡخَيۡرَٰتِ وَهُمۡ لَهَا سَٰبِقُونَ ٦١Isaan sun hojiiwwan gaggaarii keessatti akkaan ariifatoodha; isaan isheedhaaf dorgomoodha وَلَا نُكَلِّفُ نَفۡسًا إِلَّا وُسۡعَهَاۚ وَلَدَيۡنَا كِتَٰبٌ يَنطِقُ بِٱلۡحَقِّ وَهُمۡ لَا يُظۡلَمُونَ ٦٢Nuti nama tokkos dandeettii isaatiin ala isa hin dirqisiifnuNu bira kitaaba dhugaa dubbatutu jiraIsaanis hin miidhamanu بَلۡ قُلُوبُهُمۡ فِي غَمۡرَةٍ مِّنۡ هَٰذَا وَلَهُمۡ أَعۡمَٰلٌ مِّن دُونِ ذَٰلِكَ هُمۡ لَهَا عَٰمِلُونَ ٦٣Dhugumatti onneen isaanii (Qur’aana) kana irraa haguuggaa keessa jirtiIsaaniif kana malees dalagaalee (gadhee) biraa kan isaan hojjatantu jira حَتَّىٰٓ إِذَآ أَخَذۡنَا مُتۡرَفِيهِم بِٱلۡعَذَابِ إِذَا هُمۡ يَجۡـَٔرُونَ ٦٤Yeroma Nuti isaan irraa warra jireenya qananii daangaa dabre keessa jiraachaa turan adabaan qabnu, yeroma san isaan (deeggarsa kadhaaf) sagalee ol fuudhanii iyyu لَا تَجۡـَٔرُواْ ٱلۡيَوۡمَۖ إِنَّكُم مِّنَّا لَا تُنصَرُونَ ٦٥Har’a hin iyyinaaDhugumatti, isin Nu irraa tumsa hin argattanu قَدۡ كَانَتۡ ءَايَٰتِي تُتۡلَىٰ عَلَيۡكُمۡ فَكُنتُمۡ عَلَىٰٓ أَعۡقَٰبِكُمۡ تَنكِصُونَ ٦٦Dhugumatti, keeyyattoonni kiyya isin irratti dubbifamaa turaniiti, isin duubatti irraa deebi’aa turtan مُسۡتَكۡبِرِينَ بِهِۦ سَٰمِرًا تَهۡجُرُونَ ٦٧Isaan (Harama makkaatiin) warra boonan taatanii halkanis ka'abaa biratti (Qur'aana) arrabsitu أَفَلَمۡ يَدَّبَّرُواْ ٱلۡقَوۡلَ أَمۡ جَآءَهُم مَّا لَمۡ يَأۡتِ ءَابَآءَهُمُ ٱلۡأَوَّلِينَ ٦٨Sila jecha (Rabbii) hin xiinxalanuu? Moo waan abbootii isaanii kan jalqabaatti hin dhufintu isaanitti dhufe أَمۡ لَمۡ يَعۡرِفُواْ رَسُولَهُمۡ فَهُمۡ لَهُۥ مُنكِرُونَ ٦٩Ergamaa isaanii hin beekinii, isa sobsiisan moo أَمۡ يَقُولُونَ بِهِۦ جِنَّةُۢۚ بَلۡ جَآءَهُم بِٱلۡحَقِّ وَأَكۡثَرُهُمۡ لِلۡحَقِّ كَٰرِهُونَ ٧٠“Moo maraatummaatu isatti jira” jedhu? Lakkii; odoo irra baay’een isaanii dhugaa jibbanuu inni dhugaan isaanitti dhufe وَلَوِ ٱتَّبَعَ ٱلۡحَقُّ أَهۡوَآءَهُمۡ لَفَسَدَتِ ٱلسَّمَٰوَٰتُ وَٱلۡأَرۡضُ وَمَن فِيهِنَّۚ بَلۡ أَتَيۡنَٰهُم بِذِكۡرِهِمۡ فَهُمۡ عَن ذِكۡرِهِم مُّعۡرِضُونَ ٧١Odoo dhugaan fedha lubbuu isaanii hordofee, silaa samii, dachiifi wantoonni isaan keessa jiranis ni badu turanInumaayyuu; nuti Qur'aana kabajaan isaanii keessa jiru isaaniif kennineeti, isaan kabajaa isaanii irraa garagalu أَمۡ تَسۡـَٔلُهُمۡ خَرۡجًا فَخَرَاجُ رَبِّكَ خَيۡرٌۖ وَهُوَ خَيۡرُ ٱلرَّٰزِقِينَ ٧٢Moo gatii akka siif kafalan isaan gaafatta? Gatii Gooftaa keetiitu caalaInnis irra caalaa warra kennaniiti وَإِنَّكَ لَتَدۡعُوهُمۡ إِلَىٰ صِرَٰطٍ مُّسۡتَقِيمٍ ٧٣Dhugumatti, ati gara karaa qajeelaatti isaan waamta وَإِنَّ ٱلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ بِٱلۡأٓخِرَةِ عَنِ ٱلصِّرَٰطِ لَنَٰكِبُونَ ٧٤Dhugumatti Isaan Aakhiraatti hin amanne karaa (qajeelaa) irraa akkaan jallatoodha ۞ وَلَوۡ رَحِمۡنَٰهُمۡ وَكَشَفۡنَا مَا بِهِم مِّن ضُرٍّ لَّلَجُّواْ فِي طُغۡيَٰنِهِمۡ يَعۡمَهُونَ ٧٥Odoma rahmata isaaniif goonee, rakkoo isaan irra jirus irraa kaafnee, dhugumatti isaan dhama'anii jallina isaanii keessa jiraatu وَلَقَدۡ أَخَذۡنَٰهُم بِٱلۡعَذَابِ فَمَا ٱسۡتَكَانُواْ لِرَبِّهِمۡ وَمَا يَتَضَرَّعُونَ ٧٦Dhugumatti, Nuti adabaan isaan qabnee jirraIsaan Gooftaa isaaniitiif gadi of hin qabne; Isattis hin watwaanne حَتَّىٰٓ إِذَا فَتَحۡنَا عَلَيۡهِم بَابًا ذَا عَذَابٍ شَدِيدٍ إِذَا هُمۡ فِيهِ مُبۡلِسُونَ ٧٧Yeroo balbala adabbii cimaa qabu isaan irratti banne, yeroma san isaan abdii muratoodha وَهُوَ ٱلَّذِيٓ أَنشَأَ لَكُمُ ٱلسَّمۡعَ وَٱلۡأَبۡصَٰرَ وَٱلۡأَفۡـِٔدَةَۚ قَلِيلًا مَّا تَشۡكُرُونَ ٧٨Innis Isa dhageettii, argaafi onnee isiniif uumeedhaWanti isin galateeffattan xiqqoo qofa وَهُوَ ٱلَّذِي ذَرَأَكُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَإِلَيۡهِ تُحۡشَرُونَ ٧٩Innis Isa dachii keessa isin facaaseedhaGara Isaattis walitti qabamtu وَهُوَ ٱلَّذِي يُحۡيِۦ وَيُمِيتُ وَلَهُ ٱخۡتِلَٰفُ ٱلَّيۡلِ وَٱلنَّهَارِۚ أَفَلَا تَعۡقِلُونَ ٨٠Innis Isa jiraachisuufi ajjeesuudhaJijjiiramni halkaniifi guyyaas kan IsaatiSila hin hubattanii بَلۡ قَالُواْ مِثۡلَ مَا قَالَ ٱلۡأَوَّلُونَ ٨١Fakkaatuma waan warri duraanii jedhanii jedhan قَالُوٓاْ أَءِذَا مِتۡنَا وَكُنَّا تُرَابًا وَعِظَٰمًا أَءِنَّا لَمَبۡعُوثُونَ ٨٢Ni jedhan: “Sila erga duunee biyyeefi lafee taane booda, dhugumatti nuti (deebinee) kaafamnaa لَقَدۡ وُعِدۡنَا نَحۡنُ وَءَابَآؤُنَا هَٰذَا مِن قَبۡلُ إِنۡ هَٰذَآ إِلَّآ أَسَٰطِيرُ ٱلۡأَوَّلِينَ ٨٣Dhugumatti, nuufi abbootiin keenyas kana dura kana waadaa galamnee jirraKun ogbarruu warra durii malee waan biraatii miti.” قُل لِّمَنِ ٱلۡأَرۡضُ وَمَن فِيهَآ إِن كُنتُمۡ تَعۡلَمُونَ ٨٤Jedhi: “Yoo kan beektan taatan dachiiniifi isaan ishee keessa jiran kan eenyuti?” سَيَقُولُونَ لِلَّهِۚ قُلۡ أَفَلَا تَذَكَّرُونَ ٨٥“Kan Rabbiiti” jedhu“Sila isin hin gorfamtanuu?" jedhi قُلۡ مَن رَّبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ ٱلسَّبۡعِ وَرَبُّ ٱلۡعَرۡشِ ٱلۡعَظِيمِ ٨٦“Gooftaan samii torbaniifi Gooftaan Arshii guddaa eenyu?” jedhi سَيَقُولُونَ لِلَّهِۚ قُلۡ أَفَلَا تَتَّقُونَ ٨٧“Kan Rabbiiti” jechuuf jiru“Sila isin Allaah hin sodaattanuu?” jedhiin قُلۡ مَنۢ بِيَدِهِۦ مَلَكُوتُ كُلِّ شَيۡءٍ وَهُوَ يُجِيرُ وَلَا يُجَارُ عَلَيۡهِ إِن كُنتُمۡ تَعۡلَمُونَ ٨٨“Inni mootummaan waan hundaa harka Isaa jiru innis kan tiksu; isa irratti kan hin tikfamne, yoo kan bektan taatan eenyu?” jedhiin سَيَقُولُونَ لِلَّهِۚ قُلۡ فَأَنَّىٰ تُسۡحَرُونَ ٨٩“Kan Allaahti” jedhu“Akkam (dhugaa) irraa garagalfamtu ree?” jedhiin بَلۡ أَتَيۡنَٰهُم بِٱلۡحَقِّ وَإِنَّهُمۡ لَكَٰذِبُونَ ٩٠Inumaayyu, Nuti dhugaan isaanitti dhufnee jirraDhugumatti, isaanis sobdoota مَا ٱتَّخَذَ ٱللَّهُ مِن وَلَدٍ وَمَا كَانَ مَعَهُۥ مِنۡ إِلَٰهٍۚ إِذًا لَّذَهَبَ كُلُّ إِلَٰهِۭ بِمَا خَلَقَ وَلَعَلَا بَعۡضُهُمۡ عَلَىٰ بَعۡضٍۚ سُبۡحَٰنَ ٱللَّهِ عَمَّا يَصِفُونَ ٩١Rabbiin ilma hin godhanneIsa waliinis gabbaramaan tokkoyyuu hin jiru(Odoo jiraatanii) silaa gabbaramaan hundi waan uumeen deemaGariin isaanii garii irratti ol ta’u turanRabbiin waan isaan itti fakkeessan (hunda) irraa qulqullaa’e عَٰلِمِ ٱلۡغَيۡبِ وَٱلشَّهَٰدَةِ فَتَعَٰلَىٰ عَمَّا يُشۡرِكُونَ ٩٢Beekaan waan fagoofi dhihoo sun (qulqullaa’e)Waan isaan itti dabalan irraas ol ta’e قُل رَّبِّ إِمَّا تُرِيَنِّي مَا يُوعَدُونَ ٩٣Jedhi: “Gooftaa kiyya! Yoo (adabbii) isaaniif waadaa galame natti agarsiifte رَبِّ فَلَا تَجۡعَلۡنِي فِي ٱلۡقَوۡمِ ٱلظَّٰلِمِينَ ٩٤Gooftaa kiyya! (adaba irraa na baraarsi); ummata miidhaa hojjattoota keessas na hin taasisin.” وَإِنَّا عَلَىٰٓ أَن نُّرِيَكَ مَا نَعِدُهُمۡ لَقَٰدِرُونَ ٩٥Dhugumatti, Nutis waan isaaniif waadaa galle si argisiisuu irratti danda’oodha ٱدۡفَعۡ بِٱلَّتِي هِيَ أَحۡسَنُ ٱلسَّيِّئَةَۚ نَحۡنُ أَعۡلَمُ بِمَا يَصِفُونَ ٩٦Hamtuu kamuu ishee irra gaariidhaan deebisiNuti waan isaan jedhan akkaan beekoodha وَقُل رَّبِّ أَعُوذُ بِكَ مِنۡ هَمَزَٰتِ ٱلشَّيَٰطِينِ ٩٧Jedhi: “Gooftaa kiyya! Ani hasaasa sheyxaanotaa irraa Sittin maganfadha وَأَعُوذُ بِكَ رَبِّ أَن يَحۡضُرُونِ ٩٨Gooftaa kiyya! Isaan natti dhufuu irraa Sittin maganfadha.” حَتَّىٰٓ إِذَا جَآءَ أَحَدَهُمُ ٱلۡمَوۡتُ قَالَ رَبِّ ٱرۡجِعُونِ ٩٩Yeroo tokkoon isaaniitti duuti dhufu ni jedha: “Gooftaa kiyya! Na deebisi لَعَلِّيٓ أَعۡمَلُ صَٰلِحًا فِيمَا تَرَكۡتُۚ كـَلَّآۚ إِنَّهَا كَلِمَةٌ هُوَ قَآئِلُهَاۖ وَمِن وَرَآئِهِم بَرۡزَخٌ إِلَىٰ يَوۡمِ يُبۡعَثُونَ ١٠٠Ani waaniin dhiise keessatti gaarii hojjachuun kajeela.” Lakkii! Isheen kun jecha inni ishee jedhu (qofa)Hanga guyyaa kaafamaatti, isaan duuba cufaatu jira فَإِذَا نُفِخَ فِي ٱلصُّورِ فَلَآ أَنسَابَ بَيۡنَهُمۡ يَوۡمَئِذٍ وَلَا يَتَسَآءَلُونَ ١٠١Yeroo garriin (xurumbaan) afuufame, guyyaa san firummaan gidduu isaanii hin jiru; walis hin gaafatan فَمَن ثَقُلَتۡ مَوَٰزِينُهُۥ فَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡمُفۡلِحُونَ ١٠٢Namni madaalli (hojii gaarii) isaa ulfaatte, isaan sun warra milkaa’oodha وَمَنۡ خَفَّتۡ مَوَٰزِينُهُۥ فَأُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ خَسِرُوٓاْ أَنفُسَهُمۡ فِي جَهَنَّمَ خَٰلِدُونَ ١٠٣Namni madaalli (hojii gaarii) isaa salphattes, isaan sun warra lubbuu isaanii hoongessanJahannam keessas yeroo hunda jiraatu تَلۡفَحُ وُجُوهَهُمُ ٱلنَّارُ وَهُمۡ فِيهَا كَٰلِحُونَ ١٠٤Ibiddi fuula isaanii ni gubdiIsaanis achi keessatti fuulaa fokkatoota أَلَمۡ تَكُنۡ ءَايَٰتِي تُتۡلَىٰ عَلَيۡكُمۡ فَكُنتُم بِهَا تُكَذِّبُونَ ١٠٥Sila keeyyattoonni kiyya isin irratti dubbifamaa turtee, isinis isaan sobsiisaa hin turree قَالُواْ رَبَّنَا غَلَبَتۡ عَلَيۡنَا شِقۡوَتُنَا وَكُنَّا قَوۡمًا ضَآلِّينَ ١٠٦Isaanis ni jedhan: “(Yaa) Gooftaa keenya! Gogiinsa keenyatu nu injifate; nus ummata jallatoo taane رَبَّنَآ أَخۡرِجۡنَا مِنۡهَا فَإِنۡ عُدۡنَا فَإِنَّا ظَٰلِمُونَ ١٠٧Gooftaa keenya! Ishee irraa nu baasiErgasii yoo itti deebine, dhugumatti nutu miidhaa hojjattoota.” قَالَ ٱخۡسَـُٔواْ فِيهَا وَلَا تُكَلِّمُونِ ١٠٨(Rabbiinis) "Salphadhaatii ishee (jahannam) keessa fagaadhaaAnas hin dubbisinaa" jedha إِنَّهُۥ كَانَ فَرِيقٌ مِّنۡ عِبَادِي يَقُولُونَ رَبَّنَآ ءَامَنَّا فَٱغۡفِرۡ لَنَا وَٱرۡحَمۡنَا وَأَنتَ خَيۡرُ ٱلرَّٰحِمِينَ ١٠٩Dhugumatti, gareen gabroota kiyya irraa ta’e tokko “Gooftaa keenya! Amannee jirraKanaafuu nuuf araaramii, rahmataas nuuf godhiAti irra caalaa warra rahmata godhaniiti” jedhaa turaniiti فَٱتَّخَذۡتُمُوهُمۡ سِخۡرِيًّا حَتَّىٰٓ أَنسَوۡكُمۡ ذِكۡرِي وَكُنتُم مِّنۡهُمۡ تَضۡحَكُونَ ١١٠Isinis hanga yaadannoo (faaruu) kiyya isin dagachiisanitti isaanitti qishnaa (baacaa) turtanIsaanittis kolfaa turtan إِنِّي جَزَيۡتُهُمُ ٱلۡيَوۡمَ بِمَا صَبَرُوٓاْ أَنَّهُمۡ هُمُ ٱلۡفَآئِزُونَ ١١١Dhugumatti, Ani har’a waan isaan obsaniif isaan milkaa’oo ta’uudhaan isaaniif galata galche قَٰلَ كَمۡ لَبِثۡتُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ عَدَدَ سِنِينَ ١١٢(Rabbiin) ni jedhe: “Sila dachii keessa lakkoofsa waggaa hangamii jiraattan?” قَالُواْ لَبِثۡنَا يَوۡمًا أَوۡ بَعۡضَ يَوۡمٍ فَسۡـَٔلِ ٱلۡعَآدِّينَ ١١٣[Isaan] ni jedhan: “Nuti guyyaa tokko yookiin garii guyyaa jiraanneWarra lakkaa’an gaafadhu.” قَٰلَ إِن لَّبِثۡتُمۡ إِلَّا قَلِيلًاۖ لَّوۡ أَنَّكُمۡ كُنتُمۡ تَعۡلَمُونَ ١١٤(Rabbiin) ni jedha: “Odoo kan beektan taatanii isin (yeroo) xiqqoo malee hin jiraanne أَفَحَسِبۡتُمۡ أَنَّمَا خَلَقۡنَٰكُمۡ عَبَثًا وَأَنَّكُمۡ إِلَيۡنَا لَا تُرۡجَعُونَ ١١٥Sila Nuti taphumaaf isin uumnee yaadduu? Ammas isin gara keenyatti deebifamuu dhabuu yaadduu” فَتَعَٰلَى ٱللَّهُ ٱلۡمَلِكُ ٱلۡحَقُّۖ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ رَبُّ ٱلۡعَرۡشِ ٱلۡكَرِيمِ ١١٦Rabbiin mootii dhugaa ta’e, ol ta’eIsa malee Gooftaan biraa hin jiruInni Gooftaa Arshii kabajamaati وَمَن يَدۡعُ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَ لَا بُرۡهَٰنَ لَهُۥ بِهِۦ فَإِنَّمَا حِسَابُهُۥ عِندَ رَبِّهِۦٓۚ إِنَّهُۥ لَا يُفۡلِحُ ٱلۡكَٰفِرُونَ ١١٧Namni Rabbii wajjin odoo ragaa isa irratti hin qabne, gabbaramaa biraa kadhatu (gabbaru), qormaanni isaa Gooftaa isaa bira jiraDhugumatti, warri kaafaran hin milkaa’anu وَقُل رَّبِّ ٱغۡفِرۡ وَٱرۡحَمۡ وَأَنتَ خَيۡرُ ٱلرَّٰحِمِينَ ١١٨“Gooftaa kiyya! Naaf araarami, rahmatas (naaf) godhiAti irra caalaa warra rahmata godhaniiti” jedhi