ملة الإسلام

السورة 37 · 182 آية · Ghali Apapur Apaghuna

سورة الصافات باللغة الأورومية

السورة بالعربية مع التفسير استمع إلى سورة الصافات (1,203 قارئاً)
مكيةسورة الصافات١٨٢ آية

بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

وَٱلصَّٰٓفَّٰتِ صَفًّا ١(Maleykota) hiriiruu hiriiraniin (kakadha) فَٱلزَّٰجِرَٰتِ زَجۡرًا ٢(Maleeykota) oofiinsa oofaniinis فَٱلتَّٰلِيَٰتِ ذِكۡرًا ٣(Isaan Qur’aana) dubbisuu dubbisaniinis إِنَّ إِلَٰهَكُمۡ لَوَٰحِدٌ ٤Dhugaan gabbaramaan keessan tokkicha رَّبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَا وَرَبُّ ٱلۡمَشَٰرِقِ ٥(Inni) Gooftaa samii, dachiifi wantoota jidduu isaan lamaanii jiraniitiGooftaa baha adda addaatis إِنَّا زَيَّنَّا ٱلسَّمَآءَ ٱلدُّنۡيَا بِزِينَةٍ ٱلۡكَوَاكِبِ ٦Dhugumatti, Nuti samii addunyaa faaya urjiitiin miidhagsineerra وَحِفۡظًا مِّن كُلِّ شَيۡطَٰنٍ مَّارِدٍ ٧Sheyxaana fincilaa ta’e hunda irraas tiksuu (tiksineerra) لَّا يَسَّمَّعُونَ إِلَى ٱلۡمَلَإِ ٱلۡأَعۡلَىٰ وَيُقۡذَفُونَ مِن كُلِّ جَانِبٍ ٨Gara garee ol aanaa hin dhaggeeffachiifamanuGama hunda irraa (urjiin) darbataman دُحُورًاۖ وَلَهُمۡ عَذَابٌ وَاصِبٌ ٩Ari’amuuf jecha (darbatamu)Isaaniif adabbii addaan hin cinnetu jira إِلَّا مَنۡ خَطِفَ ٱلۡخَطۡفَةَ فَأَتۡبَعَهُۥ شِهَابٌ ثَاقِبٌ ١٠Warra (wahyii) butiinsa butee, qaanqeen uraa ta’e isa hordofe malee فَٱسۡتَفۡتِهِمۡ أَهُمۡ أَشَدُّ خَلۡقًا أَم مَّنۡ خَلَقۡنَآۚ إِنَّا خَلَقۡنَٰهُم مِّن طِينٍ لَّازِبِۭ ١١Mee Isaan gaafadhuUumuu keessatti kan irra cimu isaani moo warra uumne kan biraati? Nuti dhoqqee walitti qabattuu irraa isaan uumne بَلۡ عَجِبۡتَ وَيَسۡخَرُونَ ١٢Dhugumatti, (diduu isaanii) dinqisiifattee jirta; isaan immoo ni qoosu وَإِذَا ذُكِّرُواْ لَا يَذۡكُرُونَ ١٣Yeroo gorfamanis hin gorfamanu وَإِذَا رَأَوۡاْ ءَايَةً يَسۡتَسۡخِرُونَ ١٤Yeroo mallattoo arganis ni baacu وَقَالُوٓاْ إِنۡ هَٰذَآ إِلَّا سِحۡرٌ مُّبِينٌ ١٥“Kun Sihrii ifa galaadha malee waan biraatii miti” jadhan أَءِذَا مِتۡنَا وَكُنَّا تُرَابًا وَعِظَٰمًا أَءِنَّا لَمَبۡعُوثُونَ ١٦“Sila erga duunee, biyyeefi lafee taanee booda, nuti kaafamnaa أَوَءَابَآؤُنَا ٱلۡأَوَّلُونَ ١٧Abbootiin keenya kan jalqabaatis moo قُلۡ نَعَمۡ وَأَنتُمۡ دَٰخِرُونَ ١٨(Yaa Muhammad!) “eeyyeen; xiqqaatoo taatanii (kaafamtu)” jedhiin فَإِنَّمَا هِيَ زَجۡرَةٌ وَٰحِدَةٌ فَإِذَا هُمۡ يَنظُرُونَ ١٩Isheen iyyansa tokko qofa; yeroo san isaan ni ilaalu وَقَالُواْ يَٰوَيۡلَنَا هَٰذَا يَوۡمُ ٱلدِّينِ ٢٠“Yaa badii keenya! Kun guyyaa murtiiti” jedhan هَٰذَا يَوۡمُ ٱلۡفَصۡلِ ٱلَّذِي كُنتُم بِهِۦ تُكَذِّبُونَ ٢١“Kun Guyyaa murtii kan isin sobsiisaa turtaniidha” (jedhama) ۞ ٱحۡشُرُواْ ٱلَّذِينَ ظَلَمُواْ وَأَزۡوَٰجَهُمۡ وَمَا كَانُواْ يَعۡبُدُونَ ٢٢“Isaan miidhaa dalagan, hiriyoota (fakkaatoo) isaaniitiifi waan isaan gabbaraa turanis walitti qabaa” (malaykotaan jedhama) مِن دُونِ ٱللَّهِ فَٱهۡدُوهُمۡ إِلَىٰ صِرَٰطِ ٱلۡجَحِيمِ ٢٣“Rabbiin ala (warra gabbaraa turan walitti qabaa); gara karaa ibidda jahiim isaan qajeelchaa وَقِفُوهُمۡۖ إِنَّهُم مَّسۡـُٔولُونَ ٢٤Isaan dhaabaa; dhugumatti, isaan ni gaafatamu مَا لَكُمۡ لَا تَنَاصَرُونَ ٢٥Sila maal taataniiti wal hin tumsine?” بَلۡ هُمُ ٱلۡيَوۡمَ مُسۡتَسۡلِمُونَ ٢٦Dhugumatti isaan har’a harka kennoodha وَأَقۡبَلَ بَعۡضُهُمۡ عَلَىٰ بَعۡضٍ يَتَسَآءَلُونَ ٢٧Gariin isaanii garii irratti gara galanii, wal gaafatu قَالُوٓاْ إِنَّكُمۡ كُنتُمۡ تَأۡتُونَنَا عَنِ ٱلۡيَمِينِ ٢٨Ni jedhu: “dhugumatti, isin mirga irraan [gaarii fakkeessuun] nutti dhufaa turtan.” قَالُواْ بَل لَّمۡ تَكُونُواْ مُؤۡمِنِينَ ٢٩Ni jedhuun: “isinumatu mu’uminoota hin ta’ini وَمَا كَانَ لَنَا عَلَيۡكُم مِّن سُلۡطَٰنِۭۖ بَلۡ كُنتُمۡ قَوۡمًا طَٰغِينَ ٣٠Nuti isin irratti aangoo hin qabnu turreGaruu isinumatu ummata daangaa dabroo taatan.” فَحَقَّ عَلَيۡنَا قَوۡلُ رَبِّنَآۖ إِنَّا لَذَآئِقُونَ ٣١Jechi Rabbii keenyaa nurratti mirkanaa’eera; dhugumatti nuti (adabbii) dhandhamoodha فَأَغۡوَيۡنَٰكُمۡ إِنَّا كُنَّا غَٰوِينَ ٣٢Ofii keenyaa jallanneeti isin jallifne” [jedhu] فَإِنَّهُمۡ يَوۡمَئِذٍ فِي ٱلۡعَذَابِ مُشۡتَرِكُونَ ٣٣Isaan guyyaa san adabbii keessatti waliin hirmaatoodha إِنَّا كَذَٰلِكَ نَفۡعَلُ بِٱلۡمُجۡرِمِينَ ٣٤Nuti warra badii hojjatan irratti akka kana dalagna إِنَّهُمۡ كَانُوٓاْ إِذَا قِيلَ لَهُمۡ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا ٱللَّهُ يَسۡتَكۡبِرُونَ ٣٥Dhugumatti, isaan yeroo “Rabbiin malee gabbaramaan dhugaa hin jiru” isaanin jedhamu ni boonu وَيَقُولُونَ أَئِنَّا لَتَارِكُوٓاْ ءَالِهَتِنَا لِشَاعِرٍ مَّجۡنُونِۭ ٣٦“Sila nuti weellisaa maraataa (kanaaf) gabbaramtoota keenya dhiifnaa?” jedhu بَلۡ جَآءَ بِٱلۡحَقِّ وَصَدَّقَ ٱلۡمُرۡسَلِينَ ٣٧Lakki! Inni dhugaan dhufeeti ergamtootas dhugoomse إِنَّكُمۡ لَذَآئِقُواْ ٱلۡعَذَابِ ٱلۡأَلِيمِ ٣٨Dhugumatti, isin adabbii laalessaa dhandhamuuf jirtu وَمَا تُجۡزَوۡنَ إِلَّا مَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ ٣٩Waan dalagaa turtan malee hin mindeeffamtan إِلَّا عِبَادَ ٱللَّهِ ٱلۡمُخۡلَصِينَ ٤٠Garuu gabroonni Rabbii qulqulluun أُوْلَٰٓئِكَ لَهُمۡ رِزۡقٌ مَّعۡلُومٌ ٤١Warri sun kennaa beekamaa ta’etu isaaniif jira فَوَٰكِهُ وَهُم مُّكۡرَمُونَ ٤٢Oduma kabajamoo ta’anuu fuduraaleen isaaniif taatuudha فِي جَنَّٰتِ ٱلنَّعِيمِ ٤٣Jannata qananii keessatti (kabajamoodha) عَلَىٰ سُرُرٍ مُّتَقَٰبِلِينَ ٤٤Haala walitti gara galoo ta’aniin siree irratti ta’u يُطَافُ عَلَيۡهِم بِكَأۡسٍ مِّن مَّعِينِۭ ٤٥Kubbaayyaa farsoo qulqulluu irraa ta’een isaan irra naanna’ama بَيۡضَآءَ لَذَّةٍ لِّلشَّٰرِبِينَ ٤٦Adii, warra dhuganiif mi’aayaa kan taate لَا فِيهَا غَوۡلٌ وَلَا هُمۡ عَنۡهَا يُنزَفُونَ ٤٧Ishee keessa dhukkubni hin jiru; isaan ishee irraa hin machaa’anis وَعِندَهُمۡ قَٰصِرَٰتُ ٱلطَّرۡفِ عِينٌ ٤٨Isaan bira dubartoota ija isaanii gabaabsan, kan ijji babaldhaa ta’etu jira كَأَنَّهُنَّ بَيۡضٌ مَّكۡنُونٌ ٤٩Isaan (qulqullina keessatti) akka hanqaaquu eegamaati فَأَقۡبَلَ بَعۡضُهُمۡ عَلَىٰ بَعۡضٍ يَتَسَآءَلُونَ ٥٠Gariin isaanii garii irratti, gara galaniiti wal gaafatu قَالَ قَآئِلٌ مِّنۡهُمۡ إِنِّي كَانَ لِي قَرِينٌ ٥١Jedhaan isaan irraa ta’e ni jedha: “ani (addunyaa irratti) hiriyaan qaba ture يَقُولُ أَءِنَّكَ لَمِنَ ٱلۡمُصَدِّقِينَ ٥٢Kan “sila ati warra (du’a booda kaafamni akka jiru) amanan irraayii?” jedhu أَءِذَا مِتۡنَا وَكُنَّا تُرَابًا وَعِظَٰمًا أَءِنَّا لَمَدِينُونَ ٥٣“Sila erga duunee biyyeefi lafee (nyaatame) taanee booda kaafamnee mindeeffamnaa?” قَالَ هَلۡ أَنتُم مُّطَّلِعُونَ ٥٤Ni jedhe: “Sila isin (ana waliin deemtanii ) gadi hin ilaaltanii?” فَٱطَّلَعَ فَرَءَاهُ فِي سَوَآءِ ٱلۡجَحِيمِ ٥٥Gadi millatee walakkaa jahiimitti isa arge قَالَ تَٱللَّهِ إِن كِدتَّ لَتُرۡدِينِ ٥٦Ni jedhe: “Rabbiin kakadhee! Na balleessitee oolte وَلَوۡلَا نِعۡمَةُ رَبِّي لَكُنتُ مِنَ ٱلۡمُحۡضَرِينَ ٥٧Odoo tolli Gooftaa kiyyaa na tiksuu baatee, silaa anis warra (ibidda) seenan irraa ta’een ture.” أَفَمَا نَحۡنُ بِمَيِّتِينَ ٥٨(Warri jannataa ni jedhu): “sila nuti lamuu wahii duunaa إِلَّا مَوۡتَتَنَا ٱلۡأُولَىٰ وَمَا نَحۡنُ بِمُعَذَّبِينَ ٥٩Du’a keenya kan jalqabaa malee; nuti adabamoos miti.” إِنَّ هَٰذَا لَهُوَ ٱلۡفَوۡزُ ٱلۡعَظِيمُ ٦٠Kun isumatu milkii guddaadha لِمِثۡلِ هَٰذَا فَلۡيَعۡمَلِ ٱلۡعَٰمِلُونَ ٦١Fakkaataa kanaatiif hojjattoonni haa hojjatanu أَذَٰلِكَ خَيۡرٌ نُّزُلًا أَمۡ شَجَرَةُ ٱلزَّقُّومِ ٦٢Qubannaaf sanatu caala moo, (muka hadhaawaa) zaqquumtu caala إِنَّا جَعَلۡنَٰهَا فِتۡنَةً لِّلظَّٰلِمِينَ ٦٣Dhugumatti Nuti miidhaa raawwattootaaf mokkoroo ishee taasifne إِنَّهَا شَجَرَةٌ تَخۡرُجُ فِيٓ أَصۡلِ ٱلۡجَحِيمِ ٦٤Isheen muka hundee ibidda jahannam keessaan baatuudha طَلۡعُهَا كَأَنَّهُۥ رُءُوسُ ٱلشَّيَٰطِينِ ٦٥Firiin ishee akka mataa sheyxaanotaati فَإِنَّهُمۡ لَأٓكِلُونَ مِنۡهَا فَمَالِـُٔونَ مِنۡهَا ٱلۡبُطُونَ ٦٦Isaan ishee irraa nyaatanii garaa isaanii ishee irraa guuttatu ثُمَّ إِنَّ لَهُمۡ عَلَيۡهَا لَشَوۡبًا مِّنۡ حَمِيمٍ ٦٧Sana booda isaaniif (dhugaatii) bishaan danfaa irraa makametu jira ثُمَّ إِنَّ مَرۡجِعَهُمۡ لَإِلَى ٱلۡجَحِيمِ ٦٨Sana booda deebiin isaanii gara ibidda jahannam ta’a إِنَّهُمۡ أَلۡفَوۡاْ ءَابَآءَهُمۡ ضَآلِّينَ ٦٩Dhugumatti, isaan abbootii isaanii jallattoota arganiiti فَهُمۡ عَلَىٰٓ ءَاثَٰرِهِمۡ يُهۡرَعُونَ ٧٠Isaan faana isaanii irra deemu وَلَقَدۡ ضَلَّ قَبۡلَهُمۡ أَكۡثَرُ ٱلۡأَوَّلِينَ ٧١Isaan duras irra baay’een ummattoota durii jallatanii jiru وَلَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا فِيهِم مُّنذِرِينَ ٧٢Dhugumatti isaan keessatti dinniintota erginee jirra فَٱنظُرۡ كَيۡفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلۡمُنذَرِينَ ٧٣Booddeen warra dinniinamee akkam akka ta’e ilaali إِلَّا عِبَادَ ٱللَّهِ ٱلۡمُخۡلَصِينَ ٧٤Gabroota Rabbii qulqulleeffamoo malee وَلَقَدۡ نَادَىٰنَا نُوحٌ فَلَنِعۡمَ ٱلۡمُجِيبُونَ ٧٥Dhugumatti Nuuh nutti lallabee ture; Nuti warri waamicha owwaate waa tolle وَنَجَّيۡنَٰهُ وَأَهۡلَهُۥ مِنَ ٱلۡكَرۡبِ ٱلۡعَظِيمِ ٧٦Badii guddaa (bishaanin liqimfamuu) irraa isaafi maatii isaa baraarsine وَجَعَلۡنَا ذُرِّيَّتَهُۥ هُمُ ٱلۡبَاقِينَ ٧٧Hortee isaa isaanuma (warra badii jalaa) hafan taasifne وَتَرَكۡنَا عَلَيۡهِ فِي ٱلۡأٓخِرِينَ ٧٨Isaaf dhaloota boodaa keessatti (yaadannoo gaarii) dhiifne سَلَٰمٌ عَلَىٰ نُوحٍ فِي ٱلۡعَٰلَمِينَ ٧٩Nageenyi aalama keessatti Nuuh irra haa jiraatu إِنَّا كَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلۡمُحۡسِنِينَ ٨٠Nuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina إِنَّهُۥ مِنۡ عِبَادِنَا ٱلۡمُؤۡمِنِينَ ٨١Inni gabroota keenya mu’uminootaa irraayi ثُمَّ أَغۡرَقۡنَا ٱلۡأٓخَرِينَ ٨٢Sana booda warra kaan ni dhidhimsine ۞ وَإِنَّ مِن شِيعَتِهِۦ لَإِبۡرَٰهِيمَ ٨٣Ibraahiimis hordoftoota (karaa) isaa ( Nuuh) irraayi إِذۡ جَآءَ رَبَّهُۥ بِقَلۡبٍ سَلِيمٍ ٨٤Yeroo Rabbii isaa bira onnee qulqulluun dhufe (dubbadhu) إِذۡ قَالَ لِأَبِيهِ وَقَوۡمِهِۦ مَاذَا تَعۡبُدُونَ ٨٥Yeroo abbaa isaatiifi ummata isaatiin “maal gabbartu?” jedhe أَئِفۡكًا ءَالِهَةً دُونَ ٱللَّهِ تُرِيدُونَ ٨٦“Sila kijibaani, gooftoota Allaahn ala jiran godhachuu feetanii فَمَا ظَنُّكُم بِرَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ ٨٧Rabbii aalama hundaa irratti yaanni keessan maali?” فَنَظَرَ نَظۡرَةً فِي ٱلنُّجُومِ ٨٨Achumaan urjiiwwan keessa ilaalcha tokko ilaale فَقَالَ إِنِّي سَقِيمٌ ٨٩Ergasii “ani dhukkubsataadha” jedhe فَتَوَلَّوۡاْ عَنۡهُ مُدۡبِرِينَ ٩٠Isa irraa gara galanii deeman فَرَاغَ إِلَىٰٓ ءَالِهَتِهِمۡ فَقَالَ أَلَا تَأۡكُلُونَ ٩١Ergasii inni gara gabbaramtoota isaanii maqee “sila hin nyaattanuu?” jedheen مَا لَكُمۡ لَا تَنطِقُونَ ٩٢Maal taatanii hin dubbanne فَرَاغَ عَلَيۡهِمۡ ضَرۡبَۢا بِٱلۡيَمِينِ ٩٣Ergasii isaan irratti mirgaan rukuttaa irratti raawwate فَأَقۡبَلُوٓاْ إِلَيۡهِ يَزِفُّونَ ٩٤(Mushrikoonni) saffisaan gara isaa gara galan قَالَ أَتَعۡبُدُونَ مَا تَنۡحِتُونَ ٩٥(Ibraahiim) ni jedhe: “sila waanuma (ofii keessanii) boccan gabbartuu وَٱللَّهُ خَلَقَكُمۡ وَمَا تَعۡمَلُونَ ٩٦Odoo Allaahn isiniifi waan isin dalagdanis uume jiruu.” قَالُواْ ٱبۡنُواْ لَهُۥ بُنۡيَٰنًا فَأَلۡقُوهُ فِي ٱلۡجَحِيمِ ٩٧(Mushrikoonni) ni jedhan: “jaarmaya isaaf ijaaraa; ergasii ibidda boba’aa keessatti isa darbaa.” فَأَرَادُواْ بِهِۦ كَيۡدًا فَجَعَلۡنَٰهُمُ ٱلۡأَسۡفَلِينَ ٩٨Isaan tooftaa isatti baasuu fedhanii Nuti immoo warra jalaa (moo’amoo) isaan taasifne وَقَالَ إِنِّي ذَاهِبٌ إِلَىٰ رَبِّي سَيَهۡدِينِ ٩٩Innis ni jedhe: “Ani gara Rabbii kiyyaa deemaadha; Inni na qajeelcha رَبِّ هَبۡ لِي مِنَ ٱلصَّٰلِحِينَ ١٠٠(Yaa) Rabbii (kiyya)! (Ilmaan) gaggaarii naaf kenni.” فَبَشَّرۡنَٰهُ بِغُلَٰمٍ حَلِيمٍ ١٠١Ilma obsaadhaan isa gammachiifne فَلَمَّا بَلَغَ مَعَهُ ٱلسَّعۡيَ قَالَ يَٰبُنَيَّ إِنِّيٓ أَرَىٰ فِي ٱلۡمَنَامِ أَنِّيٓ أَذۡبَحُكَ فَٱنظُرۡ مَاذَا تَرَىٰۚ قَالَ يَٰٓأَبَتِ ٱفۡعَلۡ مَا تُؤۡمَرُۖ سَتَجِدُنِيٓ إِن شَآءَ ٱللَّهُ مِنَ ٱلصَّٰبِرِينَ ١٠٢Yeroma isa waliin deemuu irra ga’u ni jedhe: “yaa ilma kiyya! Ani abjuu keessatti kan si gorra’un argeWaan siif mul’atu ilaali.” (Ilmis) ni jedhe: “Yaa abbaa kiyya! Waan ajajamte dalagiYoo Rabbiin fedhe obsitoota irraa ta’uu na argita.” فَلَمَّآ أَسۡلَمَا وَتَلَّهُۥ لِلۡجَبِينِ ١٠٣Yeroo isaan lamaanuu (fedha Rabbiitiif) harka kennan, (abbaan ilma isaa kana) adda isaa irratti ciibse وَنَٰدَيۡنَٰهُ أَن يَٰٓإِبۡرَٰهِيمُ ١٠٤Nutis “Yaa Ibraahiim!” jechuun itti lallabne قَدۡ صَدَّقۡتَ ٱلرُّءۡيَآۚ إِنَّا كَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلۡمُحۡسِنِينَ ١٠٥“Abjuu (kee) dhugoomsiteettaNuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.” إِنَّ هَٰذَا لَهُوَ ٱلۡبَلَٰٓؤُاْ ٱلۡمُبِينُ ١٠٦Dhugumatti, kun mokkoroo ifa galaadha وَفَدَيۡنَٰهُ بِذِبۡحٍ عَظِيمٍ ١٠٧Gorra’amaa guddaadhaan isa furre وَتَرَكۡنَا عَلَيۡهِ فِي ٱلۡأٓخِرِينَ ١٠٨Isaaf (yaadannoo gaarii) warra boodaa keessatti dhiifne سَلَٰمٌ عَلَىٰٓ إِبۡرَٰهِيمَ ١٠٩Nageenyi Ibraahiim irra haa jiraatu كَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلۡمُحۡسِنِينَ ١١٠Akka kanatti toltuu hojjattoota mindaa isaaniif kennina إِنَّهُۥ مِنۡ عِبَادِنَا ٱلۡمُؤۡمِنِينَ ١١١Inni gabroota keenya mu’uminootaa irraayi وَبَشَّرۡنَٰهُ بِإِسۡحَٰقَ نَبِيًّا مِّنَ ٱلصَّٰلِحِينَ ١١٢Is-haaqiin, nabiyyii warra gaggaarii irraa ta’een isa gammachiifne وَبَٰرَكۡنَا عَلَيۡهِ وَعَلَىٰٓ إِسۡحَٰقَۚ وَمِن ذُرِّيَّتِهِمَا مُحۡسِنٌ وَظَالِمٌ لِّنَفۡسِهِۦ مُبِينٌ ١١٣Isa irrattiifi Is-haaq irrattis barakaa gooneSanyii isaan lamaanii irraa nama toltuu hojjatuufi kan lubbuu isaa miidhaa ifa ta’etu jira وَلَقَدۡ مَنَنَّا عَلَىٰ مُوسَىٰ وَهَٰرُونَ ١١٤Muusaafi Haaruun irrattis dhugumatti tola oollee jirra وَنَجَّيۡنَٰهُمَا وَقَوۡمَهُمَا مِنَ ٱلۡكَرۡبِ ٱلۡعَظِيمِ ١١٥Isaan lamaaniifi ummata isaanis rakkina guddaa irraa baraarsinee jirra وَنَصَرۡنَٰهُمۡ فَكَانُواْ هُمُ ٱلۡغَٰلِبِينَ ١١٦Isaan tumsinee, isaanumatu injifattoota ta’ani وَءَاتَيۡنَٰهُمَا ٱلۡكِتَٰبَ ٱلۡمُسۡتَبِينَ ١١٧Kitaaba ifa ta’e isaaniif kennine وَهَدَيۡنَٰهُمَا ٱلصِّرَٰطَ ٱلۡمُسۡتَقِيمَ ١١٨Karaa qajeelaa isaan qajeelchine وَتَرَكۡنَا عَلَيۡهِمَا فِي ٱلۡأٓخِرِينَ ١١٩Isaan lamaaniif dhaloota boodaa keessatti (yaadannoo gaarii) dhiifnee jirra سَلَٰمٌ عَلَىٰ مُوسَىٰ وَهَٰرُونَ ١٢٠Nageenyi Muusaafi Haaruun irra haa jiraatu إِنَّا كَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلۡمُحۡسِنِينَ ١٢١Nuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina إِنَّهُمَا مِنۡ عِبَادِنَا ٱلۡمُؤۡمِنِينَ ١٢٢Isaan lamaanuu gabroota keenya mu’uminoota irraayi وَإِنَّ إِلۡيَاسَ لَمِنَ ٱلۡمُرۡسَلِينَ ١٢٣Dhugumatti, Ilyaasis ergamtoota irraayi إِذۡ قَالَ لِقَوۡمِهِۦٓ أَلَا تَتَّقُونَ ١٢٤Yeroo ummata isaatiin jedhu [yaadadhu]:“Rabbiin hin sadaattanuu أَتَدۡعُونَ بَعۡلًا وَتَذَرُونَ أَحۡسَنَ ٱلۡخَٰلِقِينَ ١٢٥Sila ‘Ba’al’[] gabbartanii (Gooftaa) warra waa uumu hunda irra caalaa ta’e dhiiftuu ٱللَّهَ رَبَّكُمۡ وَرَبَّ ءَابَآئِكُمُ ٱلۡأَوَّلِينَ ١٢٦Allaah Goftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan isaan jalqabaa ta’e.” فَكَذَّبُوهُ فَإِنَّهُمۡ لَمُحۡضَرُونَ ١٢٧Isa sobsiisanKanaafuu isaan dhugumatti (adabaaf) dhiheeffamu إِلَّا عِبَادَ ٱللَّهِ ٱلۡمُخۡلَصِينَ ١٢٨Gabroota Rabbii qulqulleeffamoo malee وَتَرَكۡنَا عَلَيۡهِ فِي ٱلۡأٓخِرِينَ ١٢٩Isaaf dhaloota boodaa keessatti (yaadannoo gaarii) dhiifnee jirra سَلَٰمٌ عَلَىٰٓ إِلۡ يَاسِينَ ١٣٠Nageenyi Ilyaas irra haa jiraatu إِنَّا كَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلۡمُحۡسِنِينَ ١٣١Nuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina إِنَّهُۥ مِنۡ عِبَادِنَا ٱلۡمُؤۡمِنِينَ ١٣٢Inni gabroota keenya mu’uminoota irraayi وَإِنَّ لُوطًا لَّمِنَ ٱلۡمُرۡسَلِينَ ١٣٣Luuxiis dhugumatti ergamtoota irraayi إِذۡ نَجَّيۡنَٰهُ وَأَهۡلَهُۥٓ أَجۡمَعِينَ ١٣٤Yeroo isaafi maatii isaa hunda (adaba jalaa) baraarsine [yaadadhu] إِلَّا عَجُوزًا فِي ٱلۡغَٰبِرِينَ ١٣٥Jaartii (niitii isaa) kan warra (adabbiif) hafan keessa taate malee ثُمَّ دَمَّرۡنَا ٱلۡأٓخَرِينَ ١٣٦Sana booda kan biraa hunda ni balleessine وَإِنَّكُمۡ لَتَمُرُّونَ عَلَيۡهِم مُّصۡبِحِينَ ١٣٧Isin ganamfatoo taatanii isaan irra dabartu وَبِٱلَّيۡلِۚ أَفَلَا تَعۡقِلُونَ ١٣٨Halkanis (irra qaxxaamurtu); sila sammuu hin qabdanii وَإِنَّ يُونُسَ لَمِنَ ٱلۡمُرۡسَلِينَ ١٣٩Dhugumatti, (nabi) Yuunusis ergamtoota irraayi إِذۡ أَبَقَ إِلَى ٱلۡفُلۡكِ ٱلۡمَشۡحُونِ ١٤٠Yeroo gara doonii (fe’isaan) guutamee sokke [yaadadhu] فَسَاهَمَ فَكَانَ مِنَ ٱلۡمُدۡحَضِينَ ١٤١(Namoota doonii waliin) carraa kaasee, warra carraan itti ba’e irraa ta’e فَٱلۡتَقَمَهُ ٱلۡحُوتُ وَهُوَ مُلِيمٌ ١٤٢Haala komatamaa ta’een qurxummiin isa liqimse فَلَوۡلَآ أَنَّهُۥ كَانَ مِنَ ٱلۡمُسَبِّحِينَ ١٤٣Odoo inni warra Rabbiin qulqulleessan irraa ta’uu baatee لَلَبِثَ فِي بَطۡنِهِۦٓ إِلَىٰ يَوۡمِ يُبۡعَثُونَ ١٤٤Silaa hanga guyyaa kaafamaniitti garaa isaa (qurxumichaa) keessa jiraata ture ۞ فَنَبَذۡنَٰهُ بِٱلۡعَرَآءِ وَهُوَ سَقِيمٌ ١٤٥Isaa dhukkubsataa lafa dirreetti isa darbine وَأَنۢبَتۡنَا عَلَيۡهِ شَجَرَةً مِّن يَقۡطِينٍ ١٤٦Muka buqqee irraa ta’e isa irratti biqilchine وَأَرۡسَلۡنَٰهُ إِلَىٰ مِاْئَةِ أَلۡفٍ أَوۡ يَزِيدُونَ ١٤٧Gara (namoota) kuma dhibbaa yookiin sanarra dabalaniitti isa ergine فَـَٔامَنُواْ فَمَتَّعۡنَٰهُمۡ إِلَىٰ حِينٍ ١٤٨Achumaan amannaan hanga yeroo murtaa’eetti isaan qanansiifne فَٱسۡتَفۡتِهِمۡ أَلِرَبِّكَ ٱلۡبَنَاتُ وَلَهُمُ ٱلۡبَنُونَ ١٤٩(Yaa Muhammad!) isaan gaafadhu: “Sila Gooftaa keetiif ilmaan dubaraa ta’aniiti, isaaniif immoo ilmaan dhiiraa ta’anii?” أَمۡ خَلَقۡنَا ٱلۡمَلَٰٓئِكَةَ إِنَٰثًا وَهُمۡ شَٰهِدُونَ ١٥٠Moo isaanii argani malaykota dubara uumnee أَلَآ إِنَّهُم مِّنۡ إِفۡكِهِمۡ لَيَقُولُونَ ١٥١Dhagaayaa! Isaan soba isaanii irraa ni jedhu وَلَدَ ٱللَّهُ وَإِنَّهُمۡ لَكَٰذِبُونَ ١٥٢“Rabbiin ni dhale” (jedhu) Dhugumatti, isaan kijiboodha أَصۡطَفَى ٱلۡبَنَاتِ عَلَى ٱلۡبَنِينَ ١٥٣Sila Inni ilmaan dubaraati ilmaan dhiiraa irra filatee مَا لَكُمۡ كَيۡفَ تَحۡكُمُونَ ١٥٤Maal taatan? Akkamitti murteessitan أَفَلَا تَذَكَّرُونَ ١٥٥Sila hin gorfamtanuu أَمۡ لَكُمۡ سُلۡطَٰنٌ مُّبِينٌ ١٥٦Moo ragaa ifa ta’etu isiniif jira فَأۡتُواْ بِكِتَٰبِكُمۡ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ ١٥٧Yoo kan dhugaa jettan taataniif kitaaba keessaniin koottaa وَجَعَلُواْ بَيۡنَهُۥ وَبَيۡنَ ٱلۡجِنَّةِ نَسَبًاۚ وَلَقَدۡ عَلِمَتِ ٱلۡجِنَّةُ إِنَّهُمۡ لَمُحۡضَرُونَ ١٥٨Gidduu Isaatiifi gidduu malaykotaatti firummaa godhanMalaykoonni dhugumatti akka isaan (kun) dhiaatuuf jiran sirritti beekanii jiru سُبۡحَٰنَ ٱللَّهِ عَمَّا يَصِفُونَ ١٥٩Waan isaan (kaafirtoonni), isaan jedhan irraa Rabbiin qulqullaa’e إِلَّا عِبَادَ ٱللَّهِ ٱلۡمُخۡلَصِينَ ١٦٠Gabroota Rabbii isaan qulqulleeffamoo malee (ni dhihaatu) فَإِنَّكُمۡ وَمَا تَعۡبُدُونَ ١٦١Isiniifi wantoonni isin gabbartan مَآ أَنتُمۡ عَلَيۡهِ بِفَٰتِنِينَ ١٦٢Isin isa irratti (nama amane kamillee) jallistootaa miti إِلَّا مَنۡ هُوَ صَالِ ٱلۡجَحِيمِ ١٦٣Namoota ibidda jahannam seenun (itti murtaa’e) malee وَمَا مِنَّآ إِلَّا لَهُۥ مَقَامٌ مَّعۡلُومٌ ١٦٤Nurraa (maleykaan) tokkollee iddoon beekamaan isaaf ta’u malee hin hafu وَإِنَّا لَنَحۡنُ ٱلصَّآفُّونَ ١٦٥Nuti (maleykonni), dhugumatti, hiriira galoodha وَإِنَّا لَنَحۡنُ ٱلۡمُسَبِّحُونَ ١٦٦Nuti dhugumatti Rabbiin qulqullessoodha وَإِن كَانُواْ لَيَقُولُونَ ١٦٧Isaan (mushrikoonni Makkaa) ni jedhu لَوۡ أَنَّ عِندَنَا ذِكۡرًا مِّنَ ٱلۡأَوَّلِينَ ١٦٨“Odoo yaadannoo warra durii keessaa tokko nu bira jiraatee لَكُنَّا عِبَادَ ٱللَّهِ ٱلۡمُخۡلَصِينَ ١٦٩Silaa dhugumatti gabroota Rabbii qulqulleeffamoo taana turre.” فَكَفَرُواْ بِهِۦۖ فَسَوۡفَ يَعۡلَمُونَ ١٧٠(Qur’aanni itti dhufnaan) isatti kafaranFuula dura beekuuf jiraatu وَلَقَدۡ سَبَقَتۡ كَلِمَتُنَا لِعِبَادِنَا ٱلۡمُرۡسَلِينَ ١٧١Dhugumatti, jechi keenya gabroota keenya ergamtootaaf dabreera إِنَّهُمۡ لَهُمُ ٱلۡمَنصُورُونَ ١٧٢Isaan isaanumatu tumsamoodha وَإِنَّ جُندَنَا لَهُمُ ٱلۡغَٰلِبُونَ ١٧٣Waraanni keenyas injifattoonni isaanuma (jechuunis dabarte) فَتَوَلَّ عَنۡهُمۡ حَتَّىٰ حِينٍ ١٧٤(Yaa Muhammad!) Yeroo murtaa’eef isaan dhiisii irraa garagali وَأَبۡصِرۡهُمۡ فَسَوۡفَ يُبۡصِرُونَ ١٧٥Ati itti eegi, fuula dura (waan isaaniif qophaa’e) ni argu أَفَبِعَذَابِنَا يَسۡتَعۡجِلُونَ ١٧٦Sila adabbii keenya jarjarfatanii فَإِذَا نَزَلَ بِسَاحَتِهِمۡ فَسَآءَ صَبَاحُ ٱلۡمُنذَرِينَ ١٧٧Yeroo (adabbiin) qe’ee isaaniitti bu’e, bariisaan warra dinniinamanii fokkateera وَتَوَلَّ عَنۡهُمۡ حَتَّىٰ حِينٍ ١٧٨(Yaa Muhammad!) hanga yeroo murtaa’eetti isaan irraa garagali وَأَبۡصِرۡ فَسَوۡفَ يُبۡصِرُونَ ١٧٩Itti eegi, fuula dura (waan isaaniif qophaa’e) ni argu سُبۡحَٰنَ رَبِّكَ رَبِّ ٱلۡعِزَّةِ عَمَّا يَصِفُونَ ١٨٠Goftaan kee, Gooftaan injifannaa, waan isaan jedhaniin irraa qulqullaa’e وَسَلَٰمٌ عَلَى ٱلۡمُرۡسَلِينَ ١٨١Nageenyis ergamtoota irra haa jiraatu وَٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ ١٨٢Faaruun hundi kan Allaah, Gooftaa aalama hundaati

الترجمة: Ghali Apapur Apaghuna.