ملة الإسلام

السورة 26 · 227 آية · Ghali Apapur Apaghuna

سورة الشعراء باللغة الأورومية

السورة بالعربية مع التفسير استمع إلى سورة الشعراء (1,209 قارئاً)
مكيةسورة الشعراء٢٢٧ آية

بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

طسٓمٓ ١Xaa Siin Miim تِلۡكَ ءَايَٰتُ ٱلۡكِتَٰبِ ٱلۡمُبِينِ ٢Kun keeyyattoota kitaaba (dhugaa soba irraa) adda baasaa ta’eeti لَعَلَّكَ بَٰخِعٌ نَّفۡسَكَ أَلَّا يَكُونُواْ مُؤۡمِنِينَ ٣(Yaa Muhammad!) Ati Mu’uminoota ta’uu dhabuu isaaniitiif [gaddaan] lubbuu kee baasuun siif sodaatama إِن نَّشَأۡ نُنَزِّلۡ عَلَيۡهِم مِّنَ ٱلسَّمَآءِ ءَايَةً فَظَلَّتۡ أَعۡنَٰقُهُمۡ لَهَا خَٰضِعِينَ ٤Odoo feenee samii irraa mallattoo isaan irratti buufnee (isheedhaaf ajajamuun) mormi isaanii isheedhaaf gadi jedhaa taati ture وَمَا يَأۡتِيهِم مِّن ذِكۡرٍ مِّنَ ٱلرَّحۡمَٰنِ مُحۡدَثٍ إِلَّا كَانُواْ عَنۡهُ مُعۡرِضِينَ ٥Isaan kan sobsiisan ta’anii malee gorsi (kitaabni) haaraan Rahmaan irraa isaaniif kan dhufu hin taane فَقَدۡ كَذَّبُواْ فَسَيَأۡتِيهِمۡ أَنۢبَٰٓؤُاْ مَا كَانُواْ بِهِۦ يَسۡتَهۡزِءُونَ ٦Dhugumatti isaan [Qur’aana kana] sobsiisaniiruOduun waan isaan itti qishnaa (qoosaa) turanii isaanitti dhufuuf jira أَوَلَمۡ يَرَوۡاْ إِلَى ٱلۡأَرۡضِ كَمۡ أَنۢبَتۡنَا فِيهَا مِن كُلِّ زَوۡجٍ كَرِيمٍ ٧Sila gara Dachii akka nuti gosoota gaggaarii hunda irraa meeqaatama ishee keessatti biqilchine isaan hin ilaallee إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةًۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ ٨Dhugumatti, sana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaaniis kan amanan hin taane وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ ٩Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha وَإِذۡ نَادَىٰ رَبُّكَ مُوسَىٰٓ أَنِ ٱئۡتِ ٱلۡقَوۡمَ ٱلظَّٰلِمِينَ ١٠Yeroo Gooftaan kee “Gara ummata miidhaa dalagdootaa deemi” [jedhee] Muusaa waame [yaadadhu] قَوۡمَ فِرۡعَوۡنَۚ أَلَا يَتَّقُونَ ١١“Gara ummata Fir’awn [dhaqi]Sila Rabbiin hin sodaatanii? [jedhiin].” قَالَ رَبِّ إِنِّيٓ أَخَافُ أَن يُكَذِّبُونِ ١٢[Muusaanis] ni jedhe: “Gooftaa kiyya! Dhugumatti, ani na sobsiisuun sodaadha وَيَضِيقُ صَدۡرِي وَلَا يَنطَلِقُ لِسَانِي فَأَرۡسِلۡ إِلَىٰ هَٰرُونَ ١٣[Yoo na sobsiisan] qomti kiyyas ni dhiphataArrabni kiyyas hin diriiruKanaafuu gara Haaruunitti ergi وَلَهُمۡ عَلَيَّ ذَنۢبٌ فَأَخَافُ أَن يَقۡتُلُونِ ١٤Isaaniifis yakka [dhiigaatu] narra jira; kanaafuu na ajjeesuun sodaadha.” قَالَ كـَلَّاۖ فَٱذۡهَبَا بِـَٔايَٰتِنَآۖ إِنَّا مَعَكُم مُّسۡتَمِعُونَ ١٥[Rabbiinis] ni jedhe: “lakki! (si hin ajjeesanu)Isin lamaan mallattoolee keenyaan deemaaDhugumatti, Nuti isinii waliin dhageeffatoota.” فَأۡتِيَا فِرۡعَوۡنَ فَقُولَآ إِنَّا رَسُولُ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ ١٦“Fir’awnitti dhaqaatii ‘Nuti ergamaa Gooftaa aalama hundaati’ jedhaa أَنۡ أَرۡسِلۡ مَعَنَا بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ ١٧“Ilmaan Israa’iil nu waliin gadi dhiisi” jechuudhaan [ergamne jedhaa] قَالَ أَلَمۡ نُرَبِّكَ فِينَا وَلِيدًا وَلَبِثۡتَ فِينَا مِنۡ عُمُرِكَ سِنِينَ ١٨[Fir’awnis] ni jedhe: “sila nuti mucaa xiqqaa taatee of biratti si hin guddifnee? Umrii kee irraas waggoota baay’ee nu keessa hin turree وَفَعَلۡتَ فَعۡلَتَكَ ٱلَّتِي فَعَلۡتَ وَأَنتَ مِنَ ٱلۡكَٰفِرِينَ ١٩Dalagaa kee ishee dalagde (ajjeechaa raawwatte) sanas hin hojjannee? Ati gantoota irraahi” [jedhe] قَالَ فَعَلۡتُهَآ إِذًا وَأَنَا۠ مِنَ ٱلضَّآلِّينَ ٢٠[Muusaanis] ni jedhe: “Yeroo san wallaaltota irraa ta’een ishee hojjadhe فَفَرَرۡتُ مِنكُمۡ لَمَّا خِفۡتُكُمۡ فَوَهَبَ لِي رَبِّي حُكۡمًا وَجَعَلَنِي مِنَ ٱلۡمُرۡسَلِينَ ٢١Yeroman isin sodaadhun isin irraa dheesse; Gooftaan kiyyas beekumsa naaf kennee ergamtoota irraa na godhe وَتِلۡكَ نِعۡمَةٌ تَمُنُّهَا عَلَيَّ أَنۡ عَبَّدتَّ بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ ٢٢Sunis Ilmaan Israa’iil gabra godhachuu keetiin tola ati narratti himattuudha.” قَالَ فِرۡعَوۡنُ وَمَا رَبُّ ٱلۡعَٰلَمِينَ ٢٣Fir’awn “gooftaan aalama hundaa maali?” jedhe قَالَ رَبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَآۖ إِن كُنتُم مُّوقِنِينَ ٢٤[Muusaanis]: “gooftaa Samii, Dachiifi waan gidduu isaan lamaaniiti; yoo kan dhugoomsitan taatan [itti amanaa]” jedheen قَالَ لِمَنۡ حَوۡلَهُۥٓ أَلَا تَسۡتَمِعُونَ ٢٥[Fir’awnis] namoota maddii isaa jiraniin “Sila [waan inni jedhu] hin dhageessanuu?” jedhe قَالَ رَبُّكُمۡ وَرَبُّ ءَابَآئِكُمُ ٱلۡأَوَّلِينَ ٢٦[Muusaan] “Gooftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan kan jalqabaati” jedhe قَالَ إِنَّ رَسُولَكُمُ ٱلَّذِيٓ أُرۡسِلَ إِلَيۡكُمۡ لَمَجۡنُونٌ ٢٧[Fir’awn] “ergamaan keessan inni gara keessanitti ergame dhugumatti maraatuudha” jedhe قَالَ رَبُّ ٱلۡمَشۡرِقِ وَٱلۡمَغۡرِبِ وَمَا بَيۡنَهُمَآۖ إِن كُنتُمۡ تَعۡقِلُونَ ٢٨[Muusaan] “Gooftaa Bahaa, Dhihaafi waan gidduu isaan lamaanii jiruuti; yoo kan hubattan taataniif [itti amanaa]” jedhe قَالَ لَئِنِ ٱتَّخَذۡتَ إِلَٰهًا غَيۡرِي لَأَجۡعَلَنَّكَ مِنَ ٱلۡمَسۡجُونِينَ ٢٩[Fir’awn] “dhugumatti, yoo ati ana malee gabbaramaa biraa godhatte, hidhamtoota irraan si taasisa” jedhe قَالَ أَوَلَوۡ جِئۡتُكَ بِشَيۡءٍ مُّبِينٍ ٣٠[Muusaan] “sila odoo waan (ragaa) ifa ta’een sitti dhufeellee moo?” jedhe قَالَ فَأۡتِ بِهِۦٓ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ ٣١[Fir’awn] “yoo warra dhugaa dubbatan irraa taate isa fidi” jedhe فَأَلۡقَىٰ عَصَاهُ فَإِذَا هِيَ ثُعۡبَانٌ مُّبِينٌ ٣٢[Muusaan] ulee isaa ni darbateYeroma san isheen jawwee ifa galaa taate وَنَزَعَ يَدَهُۥ فَإِذَا هِيَ بَيۡضَآءُ لِلنَّٰظِرِينَ ٣٣Harka isaas [bobaa isaa jalaa] ni baase; Yeroma san isheen warra ilaalaniif adii taate قَالَ لِلۡمَلَإِ حَوۡلَهُۥٓ إِنَّ هَٰذَا لَسَٰحِرٌ عَلِيمٌ ٣٤[Fir’awn] qondaaltota naanna’a isaa jiraniin “dhugumatti, kun saahiree (falfalaa) akkaan beekaadha” jedhe يُرِيدُ أَن يُخۡرِجَكُم مِّنۡ أَرۡضِكُم بِسِحۡرِهِۦ فَمَاذَا تَأۡمُرُونَ ٣٥“Sihrii isaatiin dachii keessan irraa isin baasuu fedhaa, isin immoo maalitti na ajajju” (jedhe) قَالُوٓاْ أَرۡجِهۡ وَأَخَاهُ وَٱبۡعَثۡ فِي ٱلۡمَدَآئِنِ حَٰشِرِينَ ٣٦[Isaanis] ni jedhan: “Isaafi obboleessa isaas tursiisiMagaalota keessattis walitti qabdoota ergi يَأۡتُوكَ بِكُلِّ سَحَّارٍ عَلِيمٍ ٣٧Saahiroota (falfaltoota) beekumsa qaban hundaan sitti haa dhufanu.” فَجُمِعَ ٱلسَّحَرَةُ لِمِيقَٰتِ يَوۡمٍ مَّعۡلُومٍ ٣٨Saahiroonnis beellama guyyaa beekamaatiif walitti qabaman وَقِيلَ لِلنَّاسِ هَلۡ أَنتُم مُّجۡتَمِعُونَ ٣٩Namootaanis ni jedhame: “Isin sila walitti qabamtanii? (Dafaa walitti qabamaa) لَعَلَّنَا نَتَّبِعُ ٱلسَّحَرَةَ إِن كَانُواْ هُمُ ٱلۡغَٰلِبِينَ ٤٠Yoo isaan kan injifatan ta’an, Saahiroota (falfaltoota) hordofuun keenya ni kajeelamaa.” فَلَمَّا جَآءَ ٱلسَّحَرَةُ قَالُواْ لِفِرۡعَوۡنَ أَئِنَّ لَنَا لَأَجۡرًا إِن كُنَّا نَحۡنُ ٱلۡغَٰلِبِينَ ٤١Falfaltoonni yeroma dhufan, Fir’awniin “Sila dhugumatti yoo nuti mo’attoota taaneef mindaan nuuf jiraa? ” jedhan قَالَ نَعَمۡ وَإِنَّكُمۡ إِذًا لَّمِنَ ٱلۡمُقَرَّبِينَ ٤٢[Fir’awnis] “Eeyyeen; isin yoosan [natti] dhihaattota irraa taatu” jedhe قَالَ لَهُم مُّوسَىٰٓ أَلۡقُواْ مَآ أَنتُم مُّلۡقُونَ ٤٣Muusaanis “Isin waan darbuu feetan darbaa” isaanin jedhe فَأَلۡقَوۡاْ حِبَالَهُمۡ وَعِصِيَّهُمۡ وَقَالُواْ بِعِزَّةِ فِرۡعَوۡنَ إِنَّا لَنَحۡنُ ٱلۡغَٰلِبُونَ ٤٤Haadaafi uleewwan isaanii ni darban; “Jabeenya Fir’awniin! Nuti dhugumatti nutu injifattoota” jedhan فَأَلۡقَىٰ مُوسَىٰ عَصَاهُ فَإِذَا هِيَ تَلۡقَفُ مَا يَأۡفِكُونَ ٤٥Muusaanis ulee isaa ni darbateYeroma san isheen waan isaan sobaan fakkeessan hunda liqimsite فَأُلۡقِيَ ٱلسَّحَرَةُ سَٰجِدِينَ ٤٦Falfaltoonnis [yeroma kana argan] sujuuda bu’aa ta’anii gadi kufan قَالُوٓاْ ءَامَنَّا بِرَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ ٤٧Ni jedhanis: “Gooftaa aalama hundaatti amanne رَبِّ مُوسَىٰ وَهَٰرُونَ ٤٨Gooftaa Muusaafi Haaruunitti.” قَالَ ءَامَنتُمۡ لَهُۥ قَبۡلَ أَنۡ ءَاذَنَ لَكُمۡۖ إِنَّهُۥ لَكَبِيرُكُمُ ٱلَّذِي عَلَّمَكُمُ ٱلسِّحۡرَ فَلَسَوۡفَ تَعۡلَمُونَۚ لَأُقَطِّعَنَّ أَيۡدِيَكُمۡ وَأَرۡجُلَكُم مِّنۡ خِلَٰفٍ وَلَأُصَلِّبَنَّكُمۡ أَجۡمَعِينَ ٤٩[Fir’awnis] ni jedhe: “Odoo ani isiniif hin eeyyamin isatti amantanii? Dhugumatti, inni hayyuu keessan kan sihrii isin barsiiseedhaFuuldurattis [waan ta’u] beekuuf jirtuDhugumatti, ani Harka keessaniifi Luka keessan wal-faallessuudhaan isin irraan mummuraDhugumatti hunduma keessan isinin fannisa.” قَالُواْ لَا ضَيۡرَۖ إِنَّآ إِلَىٰ رَبِّنَا مُنقَلِبُونَ ٥٠Ni jedhan: “Miidhaan [nurra] hin jiru! Dhugumatti, nuti gara Gooftaa keenyaa deebi’oodha إِنَّا نَطۡمَعُ أَن يَغۡفِرَ لَنَا رَبُّنَا خَطَٰيَٰنَآ أَن كُنَّآ أَوَّلَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ ٥١Dhugumatti, nuti warra jalqaba amanan ta’uudhaan Rabbiin keenya badii keenya nuuf araaramuu ni kajeella .” ۞ وَأَوۡحَيۡنَآ إِلَىٰ مُوسَىٰٓ أَنۡ أَسۡرِ بِعِبَادِيٓ إِنَّكُم مُّتَّبَعُونَ ٥٢Gara Muusaattis “halkaniin gabroota kiyyaan deemi (baqadhu) dhugumatti isin [diinota keessaniin] hordofamoodha” jechuun wahyii goone فَأَرۡسَلَ فِرۡعَوۡنُ فِي ٱلۡمَدَآئِنِ حَٰشِرِينَ ٥٣Fir’awnis magaalota keessatti walitti qabdoota ergee إِنَّ هَٰٓؤُلَآءِ لَشِرۡذِمَةٌ قَلِيلُونَ ٥٤“Dhugumatti warri kun gareewwan xiqqoodha وَإِنَّهُمۡ لَنَا لَغَآئِظُونَ ٥٥Isaanis dhugumatti nu dallansiisoodha وَإِنَّا لَجَمِيعٌ حَٰذِرُونَ ٥٦Nutis baay’ee of eegdota” [jedhe] فَأَخۡرَجۡنَٰهُم مِّن جَنَّٰتٍ وَعُيُونٍ ٥٧Ashaakiltiileefi burqaawwan irraas isaan baafne وَكُنُوزٍ وَمَقَامٍ كَرِيمٍ ٥٨Kuusaa qabeenyaafi iddoowwan kabajamaa irraas كَذَٰلِكَۖ وَأَوۡرَثۡنَٰهَا بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ ٥٩Akka kanatti Ilmaan Israa’iil ishee dhaalchifne فَأَتۡبَعُوهُم مُّشۡرِقِينَ ٦٠Bariifatoo ta’anii isaan hordofan فَلَمَّا تَرَٰٓءَا ٱلۡجَمۡعَانِ قَالَ أَصۡحَٰبُ مُوسَىٰٓ إِنَّا لَمُدۡرَكُونَ ٦١Yeroma gareen lamaan wal argan, gareen Muusaa “nuti dhugumatti [garee Fir’awniin] dhaqqabamoodha” jedhan قَالَ كـَلَّآۖ إِنَّ مَعِيَ رَبِّي سَيَهۡدِينِ ٦٢[Muusaan] ni jedhe: “lakkisaa! Dhugumatti, Gooftaan kiyya na wajjin jiraInni [furmaatatti] na qajeelcha.” فَأَوۡحَيۡنَآ إِلَىٰ مُوسَىٰٓ أَنِ ٱضۡرِب بِّعَصَاكَ ٱلۡبَحۡرَۖ فَٱنفَلَقَ فَكَانَ كُلُّ فِرۡقٍ كَٱلطَّوۡدِ ٱلۡعَظِيمِ ٦٣Gara Muusaatti “ulee keetiin galaana rukuti” jechuun wahyii goone[Yeroma inni dhahu] qoqqoodamee Kutaan qoodama isaa hunduu akka gaara guddaa ta’e وَأَزۡلَفۡنَا ثَمَّ ٱلۡأٓخَرِينَ ٦٤Bakka sanattis warra biraa dhiheessine وَأَنجَيۡنَا مُوسَىٰ وَمَن مَّعَهُۥٓ أَجۡمَعِينَ ٦٥Muusaafi warra isa waliin turan hundaa ni baraarsine ثُمَّ أَغۡرَقۡنَا ٱلۡأٓخَرِينَ ٦٦Sana booda warra biroo bishaaniin dhidhimsine إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةًۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ ٦٧Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ ٦٨Dhugumatti Rabbiin kee, Isumatu injifataa, rahmata godhaadha وَٱتۡلُ عَلَيۡهِمۡ نَبَأَ إِبۡرَٰهِيمَ ٦٩Seenaa Ibraahimis isaan irratti dubbisi إِذۡ قَالَ لِأَبِيهِ وَقَوۡمِهِۦ مَا تَعۡبُدُونَ ٧٠Yeroo inni abbaafi ummata isaatiin “maal gabbartu?” jedhe قَالُواْ نَعۡبُدُ أَصۡنَامًا فَنَظَلُّ لَهَا عَٰكِفِينَ ٧١“Taabotawwan gabbarra; ishee [gabbaruu] irras warra turu taane” jedhan قَالَ هَلۡ يَسۡمَعُونَكُمۡ إِذۡ تَدۡعُونَ ٧٢[Ibraahiim] ni jedhe: “sila yeroo isaan waammattan isin dhagahanii أَوۡ يَنفَعُونَكُمۡ أَوۡ يَضُرُّونَ ٧٣Yookiinis isin fayyaduu? Yookiinis isin miidhuu?” قَالُواْ بَلۡ وَجَدۡنَآ ءَابَآءَنَا كَذَٰلِكَ يَفۡعَلُونَ ٧٤[Isaanis] “Lakkisaa; abbootii keenya akkas kan dalagan agarre” jedhan قَالَ أَفَرَءَيۡتُم مَّا كُنتُمۡ تَعۡبُدُونَ ٧٥[Ibraahiim] ni jedhe: “Sila waan gabbaraa turtan hubattanii jirtuu أَنتُمۡ وَءَابَآؤُكُمُ ٱلۡأَقۡدَمُونَ ٧٦Isiniifi abbootiin keessan kan duraaniis فَإِنَّهُمۡ عَدُوٌّ لِّيٓ إِلَّا رَبَّ ٱلۡعَٰلَمِينَ ٧٧Dhugumatti, isaan anaaf diinota; garuu Gooftaa aalama hundaa malee (inni jaalalloo kooti) ٱلَّذِي خَلَقَنِي فَهُوَ يَهۡدِينِ ٧٨[Inni] isa na uume, isatu na qajeelcha.” وَٱلَّذِي هُوَ يُطۡعِمُنِي وَيَسۡقِينِ ٧٩Inni Isa na nyaachisuufi na obaasuudha وَإِذَا مَرِضۡتُ فَهُوَ يَشۡفِينِ ٨٠Yeroo an dhukkubsadhes, Isatu na fayyisa وَٱلَّذِي يُمِيتُنِي ثُمَّ يُحۡيِينِ ٨١Isa na ajjeesuufi Sana booda na jiraachisuudha وَٱلَّذِيٓ أَطۡمَعُ أَن يَغۡفِرَ لِي خَطِيٓـَٔتِي يَوۡمَ ٱلدِّينِ ٨٢Isa guyyaa murtiis badii kiyya akka naaf araaramu kajeeluudha رَبِّ هَبۡ لِي حُكۡمًا وَأَلۡحِقۡنِي بِٱلصَّٰلِحِينَ ٨٣Gooftaa kiyya! beekumsa naaf kenniNamoota gaggaariittis na dhaqqabsiisi وَٱجۡعَل لِّي لِسَانَ صِدۡقٍ فِي ٱلۡأٓخِرِينَ ٨٤Dhaloota boodaa keessattis faaruu gaarii naaf taasisi وَٱجۡعَلۡنِي مِن وَرَثَةِ جَنَّةِ ٱلنَّعِيمِ ٨٥Dhaaltota Jannata qananii dhaalan irraas na taasisi وَٱغۡفِرۡ لِأَبِيٓ إِنَّهُۥ كَانَ مِنَ ٱلضَّآلِّينَ ٨٦Abbaa kiyyaafis araaramiDhugumatti, inni jallattoota irraa ta’eera وَلَا تُخۡزِنِي يَوۡمَ يُبۡعَثُونَ ٨٧Guyyaa isaan (gabroonni) kaafamanis na hin xinneessin.” يَوۡمَ لَا يَنفَعُ مَالٌ وَلَا بَنُونَ ٨٨Guyyaa qabeenyiifi ilmaanis homaa hin fayyadne إِلَّا مَنۡ أَتَى ٱللَّهَ بِقَلۡبٍ سَلِيمٍ ٨٩Nama onnee qulqulluudhaan Rabbitti dhufe malee وَأُزۡلِفَتِ ٱلۡجَنَّةُ لِلۡمُتَّقِينَ ٩٠[Guyyaa] Jannannis warra Rabbiin sodaataniif dhiheeffamte وَبُرِّزَتِ ٱلۡجَحِيمُ لِلۡغَاوِينَ ٩١[Guyyaa] Ibiddi jahannamis jallattootaaf muldhifamte وَقِيلَ لَهُمۡ أَيۡنَ مَا كُنتُمۡ تَعۡبُدُونَ ٩٢[Guyyaa] “wanti isin gabbaraa turtan eessa jiru?” isaaniin jedhame مِن دُونِ ٱللَّهِ هَلۡ يَنصُرُونَكُمۡ أَوۡ يَنتَصِرُونَ ٩٣“Rabbii gaditti (ta’anii) Sila isin tumsuu? Yookiin of ni tumsuu?” فَكُبۡكِبُواْ فِيهَا هُمۡ وَٱلۡغَاوُۥنَ ٩٤Isaaniifi jallattoonni ishee keessatti darbaman وَجُنُودُ إِبۡلِيسَ أَجۡمَعُونَ ٩٥Waraanni Ibliis hunduu (ni darbaman) قَالُواْ وَهُمۡ فِيهَا يَخۡتَصِمُونَ ٩٦Isaan ishee keessatti wal falmaa ni jedhu تَٱللَّهِ إِن كُنَّا لَفِي ضَلَٰلٍ مُّبِينٍ ٩٧Allaahn kakannee! Nuti dhugumatti jallina ifa ta’e keessa turre إِذۡ نُسَوِّيكُم بِرَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ ٩٨Yeroo Gooftaa aalama hundaatti isin qixxeessinu san وَمَآ أَضَلَّنَآ إِلَّا ٱلۡمُجۡرِمُونَ ٩٩Ficiltoota malee homtuu nu hin jallisne فَمَا لَنَا مِن شَٰفِعِينَ ١٠٠Araarsitoonni tokkollee nuuf hin jiru وَلَا صَدِيقٍ حَمِيمٍ ١٠١Hiriyaan garaa laafus (hin jiru) فَلَوۡ أَنَّ لَنَا كَرَّةً فَنَكُونَ مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ ١٠٢Odoo (addunyaatti) deebiin tokkollee nuuf jiraatee silaa Mu’uminoota irraa taana turre إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةًۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ ١٠٣Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ ١٠٤Dhugumatti Gooftaan kee isumatu injifataa, rahmata godhaadha كَذَّبَتۡ قَوۡمُ نُوحٍ ٱلۡمُرۡسَلِينَ ١٠٥Ummanni Nuuh ergamtoota sobsiiftee jirti إِذۡ قَالَ لَهُمۡ أَخُوهُمۡ نُوحٌ أَلَا تَتَّقُونَ ١٠٦Yeroo obboleessi isaanii Nuuh jedheen: “Sila Rabbiin hin sodaattanii إِنِّي لَكُمۡ رَسُولٌ أَمِينٌ ١٠٧Ani isiniif ergamaa amanamaadha فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ ١٠٨Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa وَمَآ أَسۡـَٔلُكُمۡ عَلَيۡهِ مِنۡ أَجۡرٍۖ إِنۡ أَجۡرِيَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ ١٠٩Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irratti malee hin taane فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ ١١٠Rabbiin sodaadhaaAjaja kiyyas fudhaa.” ۞ قَالُوٓاْ أَنُؤۡمِنُ لَكَ وَٱتَّبَعَكَ ٱلۡأَرۡذَلُونَ ١١١[Ummanni isaas] “sila nuti odoo warri gadi aanoon si hordofanii jiranuu siif amannaa?” jedhan قَالَ وَمَا عِلۡمِي بِمَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ ١١٢[Innis] ni jedhe: “Waan isaan dalagaa turan maalittin beeka إِنۡ حِسَابُهُمۡ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّيۖ لَوۡ تَشۡعُرُونَ ١١٣Odoo beektanii qormaanni isaanii Gooftaa kiyya qofa irra malee hin taane وَمَآ أَنَا۠ بِطَارِدِ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ ١١٤Ani ari’aa (fageesaa) Mu’uminootaa hin taane إِنۡ أَنَا۠ إِلَّا نَذِيرٌ مُّبِينٌ ١١٥Ani akeekkachiisaa ifa bahaa ta’e malee hin taane.” قَالُواْ لَئِن لَّمۡ تَنتَهِ يَٰنُوحُ لَتَكُونَنَّ مِنَ ٱلۡمَرۡجُومِينَ ١١٦[Isaan] ni jedhan: “Yaa Nuuh! [waan jettu irraa] yoo dhorgamuu baatte, warra dhakaan cafaqaman irraa taata.” قَالَ رَبِّ إِنَّ قَوۡمِي كَذَّبُونِ ١١٧[Nuuhis] ni jedhe: “Yaa gooftaa kiyya! Dhugumatti, ummanni koo na sobsiisaniiru فَٱفۡتَحۡ بَيۡنِي وَبَيۡنَهُمۡ فَتۡحًا وَنَجِّنِي وَمَن مَّعِيَ مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ ١١٨Ati gidduu kiyyaafi gidduu isaaniitti murtii [haqaa] murteessiAnaafi Mu’uminoota irraa nama na waliin ta’anis baraarsi.” فَأَنجَيۡنَٰهُ وَمَن مَّعَهُۥ فِي ٱلۡفُلۡكِ ٱلۡمَشۡحُونِ ١١٩Nutis isaafi namoota isa waliin turan doonii guutamte keessatti isaan baraarsine ثُمَّ أَغۡرَقۡنَا بَعۡدُ ٱلۡبَاقِينَ ١٢٠Ergasii booda [bilisa isaan baasuutii] warra hafan ni dhidhimsine إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةًۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ ١٢١Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraGaruu irra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ ١٢٢Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha كَذَّبَتۡ عَادٌ ٱلۡمُرۡسَلِينَ ١٢٣Aad (ummanni huud) ergamtoota sobsiifte إِذۡ قَالَ لَهُمۡ أَخُوهُمۡ هُودٌ أَلَا تَتَّقُونَ ١٢٤Yeroo obboleessi isaanii Huud isaaniin jedhe: “Sila (Rabbiin) hin sodaattanii إِنِّي لَكُمۡ رَسُولٌ أَمِينٌ ١٢٥Ani isiniif ergamaa amanamaadha فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ ١٢٦Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa وَمَآ أَسۡـَٔلُكُمۡ عَلَيۡهِ مِنۡ أَجۡرٍۖ إِنۡ أَجۡرِيَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ ١٢٧Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irratti malee hin taane أَتَبۡنُونَ بِكُلِّ رِيعٍ ءَايَةً تَعۡبَثُونَ ١٢٨Sila isin kan [nama tarutti] qishintanu taatanii iddoo ol fuudhamaa hunda irratti [gamoo] mallattoo ijaartuu وَتَتَّخِذُونَ مَصَانِعَ لَعَلَّكُمۡ تَخۡلُدُونَ ١٢٩Kuusaa bishaaniitiifi gamoowwanis akka waan keessatti haftanuutti tolfattuu وَإِذَا بَطَشۡتُم بَطَشۡتُمۡ جَبَّارِينَ ١٣٠Yeroo [namoota adabbiif] qabdanis gara jabeeyyii taatanii qabdan فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ ١٣١Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa وَٱتَّقُواْ ٱلَّذِيٓ أَمَدَّكُم بِمَا تَعۡلَمُونَ ١٣٢Isa waan [gaggaarii] isin beektan hundaan isin badhaases sodaadhaa أَمَدَّكُم بِأَنۡعَٰمٍ وَبَنِينَ ١٣٣Beyladootaafi ilmaaniinis isin badhaase وَجَنَّٰتٍ وَعُيُونٍ ١٣٤Ashaakiltiiwwaniifi burqaawwaniinis [isin qananiise] إِنِّيٓ أَخَافُ عَلَيۡكُمۡ عَذَابَ يَوۡمٍ عَظِيمٍ ١٣٥Ani adabbii Guyyaa guddaan isin irratti sodaadha.” قَالُواْ سَوَآءٌ عَلَيۡنَآ أَوَعَظۡتَ أَمۡ لَمۡ تَكُن مِّنَ ٱلۡوَٰعِظِينَ ١٣٦[Ummanni Huud] ni jedhan: “Yoo nu gorsites yoo warra gorsan irraa ta’uu baattes nurratti waluma qixa إِنۡ هَٰذَآ إِلَّا خُلُقُ ٱلۡأَوَّلِينَ ١٣٧Kun amaluma warra duriiti malee waan biraa miti وَمَا نَحۡنُ بِمُعَذَّبِينَ ١٣٨Nuti kan adabamnuu miti” [jedhan] فَكَذَّبُوهُ فَأَهۡلَكۡنَٰهُمۡۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةًۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ ١٣٩Isa sobsiisanii Nutis isaan balleessineDhugumatti, kana keessa mallattootu jiraGaruu irra hedduun isaanii mu’uminoota hin taane وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ ١٤٠Dhugumatti, Rabbiin kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha كَذَّبَتۡ ثَمُودُ ٱلۡمُرۡسَلِينَ ١٤١Samuud (ummanni Saalih) ergamtoota sobsiifte إِذۡ قَالَ لَهُمۡ أَخُوهُمۡ صَٰلِحٌ أَلَا تَتَّقُونَ ١٤٢Yeroo obboleessi isaanii Saalih isaaniin jedhe: “Sila Rabbiin hin sodaattanii إِنِّي لَكُمۡ رَسُولٌ أَمِينٌ ١٤٣Ani isiniif ergamaa amanamaadha فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ ١٤٤Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa وَمَآ أَسۡـَٔلُكُمۡ عَلَيۡهِ مِنۡ أَجۡرٍۖ إِنۡ أَجۡرِيَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ ١٤٥Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane أَتُتۡرَكُونَ فِي مَا هَٰهُنَآ ءَامِنِينَ ١٤٦Sila waan as jiru (qabeenya kana) keessatti nageenyaan dhiifamtuu فِي جَنَّٰتٍ وَعُيُونٍ ١٤٧Ashaakiltiiwwaniifi burqaawwan keessatti وَزُرُوعٍ وَنَخۡلٍ طَلۡعُهَا هَضِيمٌ ١٤٨Oorruuwwaniifi muka tamirii ijji ishee Bilchaataa taate (keessattis ni dhiifamtuu) وَتَنۡحِتُونَ مِنَ ٱلۡجِبَالِ بُيُوتًا فَٰرِهِينَ ١٤٩Cocollee taatanii gaarreen irraas manoota bocattuu (soqattuu) فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ ١٥٠Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa وَلَا تُطِيعُوٓاْ أَمۡرَ ٱلۡمُسۡرِفِينَ ١٥١Ajaja warra daangaa dabranii hin fudhatinaa ٱلَّذِينَ يُفۡسِدُونَ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلَا يُصۡلِحُونَ ١٥٢Isaan Dachii keessatti badii raawwataniifi toltuu hin raawwannee” [jedhe] قَالُوٓاْ إِنَّمَآ أَنتَ مِنَ ٱلۡمُسَحَّرِينَ ١٥٣[Isaan] ni jedhan: “Ati namoota sihriin (falfalli) baay’een itti godhame irraa isa tokkoodha مَآ أَنتَ إِلَّا بَشَرٌ مِّثۡلُنَا فَأۡتِ بِـَٔايَةٍ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ ١٥٤Ati namuma akka keenyaati malee waan biraatii mitiWarra dhugaa dubbatan irraa yoo taate mallattoo fidi.” قَالَ هَٰذِهِۦ نَاقَةٌ لَّهَا شِرۡبٌ وَلَكُمۡ شِرۡبُ يَوۡمٍ مَّعۡلُومٍ ١٥٥[Saalihis] ni jedhe: “Isheen kun Gaala; isheef carraa dhugaatiitu jira; Isiniifis carraa dhugaatii guyyaa beekamaa ta’eetu jira وَلَا تَمَسُّوهَا بِسُوٓءٍ فَيَأۡخُذَكُمۡ عَذَابُ يَوۡمٍ عَظِيمٍ ١٥٦Hamtuun ishee hin tuqinaa[Yoo akkas gootan] adabbii guyyaa guddaatu isin mudata.” فَعَقَرُوهَا فَأَصۡبَحُواْ نَٰدِمِينَ ١٥٧Ishee waraananii yeroma san sheena’oota ta’an فَأَخَذَهُمُ ٱلۡعَذَابُۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةًۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ ١٥٨Adabbichis isaan qabateDhugumatti, kana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ ١٥٩Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha كَذَّبَتۡ قَوۡمُ لُوطٍ ٱلۡمُرۡسَلِينَ ١٦٠Ummanni Luuxis ergamoota sobsiifte إِذۡ قَالَ لَهُمۡ أَخُوهُمۡ لُوطٌ أَلَا تَتَّقُونَ ١٦١Yeroo obboleessi isaanii Luux isaanin jedhu: “Sila Rabbiin hin sodaattanii إِنِّي لَكُمۡ رَسُولٌ أَمِينٌ ١٦٢Dhugumatti, ani isiniif ergamaa amanamaadha فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ ١٦٣Rabbiin sodaadhaa; ergaa kiyyas fudhaa وَمَآ أَسۡـَٔلُكُمۡ عَلَيۡهِ مِنۡ أَجۡرٍۖ إِنۡ أَجۡرِيَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ ١٦٤Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhuMindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane أَتَأۡتُونَ ٱلذُّكۡرَانَ مِنَ ٱلۡعَٰلَمِينَ ١٦٥Sila isin (qunnamtii saalaatiif) aalama hunda irraa dhiirotatti dhuftuu وَتَذَرُونَ مَا خَلَقَ لَكُمۡ رَبُّكُم مِّنۡ أَزۡوَٰجِكُمۚ بَلۡ أَنتُمۡ قَوۡمٌ عَادُونَ ١٦٦Waan Gooftaan keessan haadhotii manaa keessan irraa isiniif uumes ni dhiiftuu? Dhugumatti isin ummata daangaa dabritoota” [jedhe] قَالُواْ لَئِن لَّمۡ تَنتَهِ يَٰلُوطُ لَتَكُونَنَّ مِنَ ٱلۡمُخۡرَجِينَ ١٦٧[Isaan] ni jedhan: “Yaa Luux! Yoo [waan jettu irraa] hin dhorgamin, dhugumatti warra [biyyarraa] baafaman irraa taata.” قَالَ إِنِّي لِعَمَلِكُم مِّنَ ٱلۡقَالِينَ ١٦٨[Luuxis] ni jedhe: “Dhugumatti, ani namoota dalagaa keessan jibban irraayyi رَبِّ نَجِّنِي وَأَهۡلِي مِمَّا يَعۡمَلُونَ ١٦٩Yaa Gooftaa kiyya! Anaafi maatii kiyya waan isaan dalagan irraa nu baraari.” فَنَجَّيۡنَٰهُ وَأَهۡلَهُۥٓ أَجۡمَعِينَ ١٧٠Isaafi maatii isaas walumaa galatti ni baraarsine إِلَّا عَجُوزًا فِي ٱلۡغَٰبِرِينَ ١٧١Jaartii tokko kan warra [adaba keessatti] hafan irraa taate malee ثُمَّ دَمَّرۡنَا ٱلۡأٓخَرِينَ ١٧٢Ergasii warra biroo ni balleessine وَأَمۡطَرۡنَا عَلَيۡهِم مَّطَرًاۖ فَسَآءَ مَطَرُ ٱلۡمُنذَرِينَ ١٧٣Bokkaa [adabbii] isaan irratti roobsineRoobni warra akeekkachiifamanii waa fokkate إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةًۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ ١٧٤Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaaniis Mu’uminoota hin taane وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ ١٧٥Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha كَذَّبَ أَصۡحَٰبُ لۡـَٔيۡكَةِ ٱلۡمُرۡسَلِينَ ١٧٦Jiraattonni Aykah (bosonaa) ergamoota sobsiifte إِذۡ قَالَ لَهُمۡ شُعَيۡبٌ أَلَا تَتَّقُونَ ١٧٧Yeroo Shu’ayb isaaniin jedhu: “sila Rabbiin hin sodaattanuu إِنِّي لَكُمۡ رَسُولٌ أَمِينٌ ١٧٨Ani isiniif ergamaa amanamaadha فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ ١٧٩Rabbiin sodaadhaa; ergaa kiyyas fudhadhaa وَمَآ أَسۡـَٔلُكُمۡ عَلَيۡهِ مِنۡ أَجۡرٍۖ إِنۡ أَجۡرِيَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ ١٨٠Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhuMindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane ۞ أَوۡفُواْ ٱلۡكَيۡلَ وَلَا تَكُونُواْ مِنَ ٱلۡمُخۡسِرِينَ ١٨١Safara guutaa; [haqa namaa] hir’iftoota irraa hin ta’inaa وَزِنُواْ بِٱلۡقِسۡطَاسِ ٱلۡمُسۡتَقِيمِ ١٨٢Madaala sirrii ta’een madaalaa وَلَا تَبۡخَسُواْ ٱلنَّاسَ أَشۡيَآءَهُمۡ وَلَا تَعۡثَوۡاْ فِي ٱلۡأَرۡضِ مُفۡسِدِينَ ١٨٣Namoota wantoota isaanii irraa hin hir’isinaa; badii hojjattoota taataniis dechii keessa badiin hin deeminaa وَٱتَّقُواْ ٱلَّذِي خَلَقَكُمۡ وَٱلۡجِبِلَّةَ ٱلۡأَوَّلِينَ ١٨٤Isa isiniifi dhaloota duraanii uume sodaadhaa.” قَالُوٓاْ إِنَّمَآ أَنتَ مِنَ ٱلۡمُسَحَّرِينَ ١٨٥[Isaan] ni jedhan: “Ati namoota sihriin (falfalli) baay’een itti godhame irraa isa tokkoodha وَمَآ أَنتَ إِلَّا بَشَرٌ مِّثۡلُنَا وَإِن نَّظُنُّكَ لَمِنَ ٱلۡكَٰذِبِينَ ١٨٦Ati nama fakkii keenyaa malee (uumaa biroo) hin taane; nutis sobdoota irraa ta’uu si yaadna فَأَسۡقِطۡ عَلَيۡنَا كِسَفًا مِّنَ ٱلسَّمَآءِ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ ١٨٧Yoo warra dhugaa dubbatan irraa taate samii irraa cittuu wahii nurratti kuffisi” [jedhaniin] قَالَ رَبِّيٓ أَعۡلَمُ بِمَا تَعۡمَلُونَ ١٨٨[Inni] ni jedhe: “Gooftaan kiyya waan isin dalagdan beekaadha.” فَكَذَّبُوهُ فَأَخَذَهُمۡ عَذَابُ يَوۡمِ ٱلظُّلَّةِۚ إِنَّهُۥ كَانَ عَذَابَ يَوۡمٍ عَظِيمٍ ١٨٩Isa sobsiisanAdabbiin guyyaa gaaddisaa (duumessa gurraachaa) isaan qabateDhugumatti, inni adabbii guyyaa guddaa ta’eera إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةًۖ وَمَا كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّؤۡمِنِينَ ١٩٠Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraGaruu irra hedduun isaanii mu’uminoota hin taane وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ ١٩١Dhugumatti, Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha وَإِنَّهُۥ لَتَنزِيلُ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ ١٩٢Dhugumatti, inni (Qur’aanni) buufamaa Gooftaa aalama hundaati نَزَلَ بِهِ ٱلرُّوحُ ٱلۡأَمِينُ ١٩٣Ruuhii amanamaa ta’e (Jibriiltu) isaan bu’e عَلَىٰ قَلۡبِكَ لِتَكُونَ مِنَ ٱلۡمُنذِرِينَ ١٩٤Akka ati akeekkachiiftota irraa taatuuf jecha onnee kee irratti [buuse] بِلِسَانٍ عَرَبِيٍّ مُّبِينٍ ١٩٥Qooqa Arabiffaa ifaa ta’een وَإِنَّهُۥ لَفِي زُبُرِ ٱلۡأَوَّلِينَ ١٩٦Dhugumatti, inni (waa’een Qur’aanaa) kitaabota durii keessa jira أَوَلَمۡ يَكُن لَّهُمۡ ءَايَةً أَن يَعۡلَمَهُۥ عُلَمَٰٓؤُاْ بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ ١٩٧Sila beektonni Ilmaan Israa’iil isa beekuun mallattoo isaaniif (warra Makkaatiif) hin ta’uu وَلَوۡ نَزَّلۡنَٰهُ عَلَىٰ بَعۡضِ ٱلۡأَعۡجَمِينَ ١٩٨Odoo garii nama Araba hin ta’inii irratti isa (Qur’aana) buufnee فَقَرَأَهُۥ عَلَيۡهِم مَّا كَانُواْ بِهِۦ مُؤۡمِنِينَ ١٩٩Innis isaan irratti dubbisee, isaan kan isatti amanan hin taane كَذَٰلِكَ سَلَكۡنَٰهُ فِي قُلُوبِ ٱلۡمُجۡرِمِينَ ٢٠٠Akka kanatti isa (diddaa Qur’aanaa) onnee badi raawwattootaa keessa seensifne لَا يُؤۡمِنُونَ بِهِۦ حَتَّىٰ يَرَوُاْ ٱلۡعَذَابَ ٱلۡأَلِيمَ ٢٠١Hanga adabbii laalessaa ta’e arganitti isatti hin amananu فَيَأۡتِيَهُم بَغۡتَةً وَهُمۡ لَا يَشۡعُرُونَ ٢٠٢Inni (adabbichi) odoo isaan hin beekin tasa isaanitti dhufa فَيَقُولُواْ هَلۡ نَحۡنُ مُنظَرُونَ ٢٠٣[Akka amannuuf] “yeroon nuuf kennamuu danda’aa?” jedhu أَفَبِعَذَابِنَا يَسۡتَعۡجِلُونَ ٢٠٤Sila adabbii keenya ariifachiifatuu أَفَرَءَيۡتَ إِن مَّتَّعۡنَٰهُمۡ سِنِينَ ٢٠٥Mee naaf himi! Odoo waggoota hedduuf isaan qanansiifnee ثُمَّ جَآءَهُم مَّا كَانُواْ يُوعَدُونَ ٢٠٦Sana booda wanti isaan ittiin akeekkachiifamaa turan isaanitti dhufee مَآ أَغۡنَىٰ عَنۡهُم مَّا كَانُواْ يُمَتَّعُونَ ٢٠٧Wanti isaan ittiin qanani’aa turan [adaba Rabbii irraa] maal isaan irraa deebisa وَمَآ أَهۡلَكۡنَا مِن قَرۡيَةٍ إِلَّا لَهَا مُنذِرُونَ ٢٠٨Magaalaa tokkollee akeekkachiisaan isaaniif jiraatu malee isaan hin balleessine ذِكۡرَىٰ وَمَا كُنَّا ظَٰلِمِينَ ٢٠٩[Kun] yaadachiisa; Nuti miidhaa hojjattoota hin taane وَمَا تَنَزَّلَتۡ بِهِ ٱلشَّيَٰطِينُ ٢١٠Sheyxaanonnis isaan [Qur’aanaan] hin buune وَمَا يَنۢبَغِي لَهُمۡ وَمَا يَسۡتَطِيعُونَ ٢١١Isaaniifis hin malu[Isa fiduu] hin danda’anus إِنَّهُمۡ عَنِ ٱلسَّمۡعِ لَمَعۡزُولُونَ ٢١٢Dhugumatti, isaan isa dhagahuu irraa fageeffamoodha فَلَا تَدۡعُ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَ فَتَكُونَ مِنَ ٱلۡمُعَذَّبِينَ ٢١٣Rabbii waliin gooftaa biraa hin kadhatin[Yoo akkas goote] warra adabaman irraa taata وَأَنذِرۡ عَشِيرَتَكَ ٱلۡأَقۡرَبِينَ ٢١٤Firoota kee dhihoo ta’an akeekkachiisi وَٱخۡفِضۡ جَنَاحَكَ لِمَنِ ٱتَّبَعَكَ مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ ٢١٥Mu’uminoota irraa nama si hordofeef nyaara (kooluu) kee gadi qabi فَإِنۡ عَصَوۡكَ فَقُلۡ إِنِّي بَرِيٓءٌ مِّمَّا تَعۡمَلُونَ ٢١٦Yoo ajaja kee fudhachuu didanis “Ani waan isin hojjattan irraa qulqulluudha” jedhiin وَتَوَكَّلۡ عَلَى ٱلۡعَزِيزِ ٱلرَّحِيمِ ٢١٧[Rabbii] injifataa, rahmata godhaa ta’e irratti hirkadhu ٱلَّذِي يَرَىٰكَ حِينَ تَقُومُ ٢١٨Isa yeroo ati dhaabbattu si argu [irratti hirkadhu] وَتَقَلُّبَكَ فِي ٱلسَّٰجِدِينَ ٢١٩[Isa] sochiiwwan ati warra sagadan keessatti gootu [argu irratti hirkadhu] إِنَّهُۥ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ ٢٢٠Dhugumatti, Inni Isatu argaa, beekaadha هَلۡ أُنَبِّئُكُمۡ عَلَىٰ مَن تَنَزَّلُ ٱلشَّيَٰطِينُ ٢٢١Sheyxaanonni eenyu irratti akka bu’an isinitti himuu تَنَزَّلُ عَلَىٰ كُلِّ أَفَّاكٍ أَثِيمٍ ٢٢٢Kijibaa, badii hojjataa hunda irratti buuti يُلۡقُونَ ٱلسَّمۡعَ وَأَكۡثَرُهُمۡ كَٰذِبُونَ ٢٢٣Wanta dhagahanis [waa himtuu irratti] gadi buusuIrra baay’een isaanii immo kijibdoota وَٱلشُّعَرَآءُ يَتَّبِعُهُمُ ٱلۡغَاوُۥنَ ٢٢٤Walaleessitoota jallattootatu isaan hordofa أَلَمۡ تَرَ أَنَّهُمۡ فِي كُلِّ وَادٍ يَهِيمُونَ ٢٢٥Isaan dhugumatti sulula (bowwaa) hunda keessa akka seenan hin agartuu وَأَنَّهُمۡ يَقُولُونَ مَا لَا يَفۡعَلُونَ ٢٢٦Dhugumatti isaan waan hin dalagne kan dubbatan ta’uu [hin agartuu] إِلَّا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ وَذَكَرُواْ ٱللَّهَ كَثِيرًا وَٱنتَصَرُواْ مِنۢ بَعۡدِ مَا ظُلِمُواْۗ وَسَيَعۡلَمُ ٱلَّذِينَ ظَلَمُوٓاْ أَيَّ مُنقَلَبٍ يَنقَلِبُونَ ٢٢٧Warra amananiifi gaggaarii hojjatan, kan baay’inaan Rabbiin faarsan, erga miidhamanii booda [walaloodhaan] of irraa deebisan [harka kaffalatan] malee[Isaan hin komatanu]Isaan miidhaa dalaganis [eega du’anii booda] deebifama akkamii akka deebifaman beekuuf jiru

الترجمة: Ghali Apapur Apaghuna.