ملة الإسلام

السورة 50 · 45 آية · Ghali Apapur Apaghuna

سورة ق باللغة الأورومية

السورة بالعربية مع التفسير استمع إلى سورة ق (1,405 قارئاً)
مكيةسورة ق٤٥ آية

بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

قٓۚ وَٱلۡقُرۡءَانِ ٱلۡمَجِيدِ ١QaafQur’aana guddaanin (kakadha) بَلۡ عَجِبُوٓاْ أَن جَآءَهُم مُّنذِرٌ مِّنۡهُمۡ فَقَالَ ٱلۡكَٰفِرُونَ هَٰذَا شَيۡءٌ عَجِيبٌ ٢Dhugumaatti, sodaachisaan isaan irraa ta’e isaanitti dhufuu dinqisiifatanKaafiroonni “kun waan dinqisiisaadha” jedhan أَءِذَا مِتۡنَا وَكُنَّا تُرَابًاۖ ذَٰلِكَ رَجۡعُۢ بَعِيدٌ ٣“Sila yeroo duunee biyyee taane (ni kaafamnaa)? Sun deebii fagoodha.”(jedhu) قَدۡ عَلِمۡنَا مَا تَنقُصُ ٱلۡأَرۡضُ مِنۡهُمۡۖ وَعِندَنَا كِتَٰبٌ حَفِيظُۢ ٤Dhugumatti, waan dachiin isaan irraa hir’iftu beeknee jirraGalmee tiksaatu nu bira jira بَلۡ كَذَّبُواْ بِٱلۡحَقِّ لَمَّا جَآءَهُمۡ فَهُمۡ فِيٓ أَمۡرٍ مَّرِيجٍ ٥Dhugumatti isaan dhugaa, yeroo inni isaanitti dhufu sobsiisanii jiruIsaan dubbii wal makataa keessa jiru أَفَلَمۡ يَنظُرُوٓاْ إِلَى ٱلسَّمَآءِ فَوۡقَهُمۡ كَيۡفَ بَنَيۡنَٰهَا وَزَيَّنَّٰهَا وَمَا لَهَا مِن فُرُوجٍ ٦Sila gara samii gubbaa isaanii jirtuu, kan uraa homaatuu hin qabne, akkamitti akka ishee ijaarreefi miidhagsine hin ilaallee وَٱلۡأَرۡضَ مَدَدۡنَٰهَا وَأَلۡقَيۡنَا فِيهَا رَوَٰسِيَ وَأَنۢبَتۡنَا فِيهَا مِن كُلِّ زَوۡجِۭ بَهِيجٍ ٧Dachii diriirsinee gaarreen dhaabbatoo ishee keessatti gadi suuqnee akaakuu (biqiltootaa) babbareedoo hunda irraa ishee keessatti magarsine تَبۡصِرَةً وَذِكۡرَىٰ لِكُلِّ عَبۡدٍ مُّنِيبٍ ٨Gabricha tawbatuuf hubannaafi gorsa akka ta’uuf (kana goone) وَنَزَّلۡنَا مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءً مُّبَٰرَكًا فَأَنۢبَتۡنَا بِهِۦ جَنَّٰتٍ وَحَبَّ ٱلۡحَصِيدِ ٩Samii irraas bishaan barakaa qabu buufnee ergasii isaan ashaakiltiiwwaniifi firiiwwan haamamanis biqilchine وَٱلنَّخۡلَ بَاسِقَٰتٍ لَّهَا طَلۡعٌ نَّضِيدٌ ١٠Hundee muka timiraa dhedheeroo, kan daraaraa kuufamaa qabuus (ni magarsine) رِّزۡقًا لِّلۡعِبَادِۖ وَأَحۡيَيۡنَا بِهِۦ بَلۡدَةً مَّيۡتًاۚ كَذَٰلِكَ ٱلۡخُرُوجُ ١١Gabroota nyaachisuuf jecha (buufne)Isaan (bishaan saniin) dachii duutuu jiraachifneBaafamuunis akkasuma كَذَّبَتۡ قَبۡلَهُمۡ قَوۡمُ نُوحٍ وَأَصۡحَٰبُ ٱلرَّسِّ وَثَمُودُ ١٢Isaaniin dura ummanni Nuuh, warri eelaa (biirii)fi Samuudis ni sobsiifte وَعَادٌ وَفِرۡعَوۡنُ وَإِخۡوَٰنُ لُوطٍ ١٣Aad, Fir’awniifi obboleeyyan Luuxis وَأَصۡحَٰبُ ٱلۡأَيۡكَةِ وَقَوۡمُ تُبَّعٍۚ كُلٌّ كَذَّبَ ٱلرُّسُلَ فَحَقَّ وَعِيدِ ١٤Warri bosonaafi ummanni Tubba’isHunduu ergamtoota sobsiisanii, adabbiin kiyya isaanitti mirkanaa’e أَفَعَيِينَا بِٱلۡخَلۡقِ ٱلۡأَوَّلِۚ بَلۡ هُمۡ فِي لَبۡسٍ مِّنۡ خَلۡقٍ جَدِيدٍ ١٥Sila Nuti uumaa duraatiin ni dadhabnee? Lakkii! Isaan uumaa haarawa irraa shakkii wal makate keessa jiru وَلَقَدۡ خَلَقۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ وَنَعۡلَمُ مَا تُوَسۡوِسُ بِهِۦ نَفۡسُهُۥۖ وَنَحۡنُ أَقۡرَبُ إِلَيۡهِ مِنۡ حَبۡلِ ٱلۡوَرِيدِ ١٦Nuti dhugumatti, nama uumneerraWaan lubbuun isaa itti hasaastus ni beeknaNuti (beekumsa keenyan) hidda dhiigaa (hamaa) irra gara isaatti dhihoodha إِذۡ يَتَلَقَّى ٱلۡمُتَلَقِّيَانِ عَنِ ٱلۡيَمِينِ وَعَنِ ٱلشِّمَالِ قَعِيدٌ ١٧Yeroo (maleeykonni) jecha fuudhan lamaan mirgaafi bitaa isaa irra taa’anii jecha fuudhan (nuti gara isaatti dhihoo dha) مَّا يَلۡفِظُ مِن قَوۡلٍ إِلَّا لَدَيۡهِ رَقِيبٌ عَتِيدٌ ١٨Tiksaan itti dhihaataan isa bira jiraatu malee jecha tokkoyyuu hin dubbatu وَجَآءَتۡ سَكۡرَةُ ٱلۡمَوۡتِ بِٱلۡحَقِّۖ ذَٰلِكَ مَا كُنتَ مِنۡهُ تَحِيدُ ١٩Machiin du’aa dhugaan dhuftee jirti“Kun waan ati irraa dheessaa turteedha” (jedhamaan) وَنُفِخَ فِي ٱلصُّورِۚ ذَٰلِكَ يَوۡمُ ٱلۡوَعِيدِ ٢٠Xurumbaa ni afuufama; sun guyyaa waadaati وَجَآءَتۡ كُلُّ نَفۡسٍ مَّعَهَا سَآئِقٌ وَشَهِيدٌ ٢١Lubbuun hundi haala ishee wajjin oofaafi ragaa bahaan jiranuun dhufte لَّقَدۡ كُنتَ فِي غَفۡلَةٍ مِّنۡ هَٰذَا فَكَشَفۡنَا عَنكَ غِطَآءَكَ فَبَصَرُكَ ٱلۡيَوۡمَ حَدِيدٌ ٢٢“Ati kana irraa daguu keessa turteNuti haguuggaa kee sirraa kaafneKanaafuu ijji kee har’a qara” (jedhamaan) وَقَالَ قَرِينُهُۥ هَٰذَا مَا لَدَيَّ عَتِيدٌ ٢٣Qindiin (maleeyakaan) isaa ni jedha: “kun waan (galmaa’ee) na bira jiruudha.” أَلۡقِيَا فِي جَهَنَّمَ كُلَّ كَفَّارٍ عَنِيدٍ ٢٤Isin lamaanuu akkaan kafaraa haqa didaa hunda jahannamitti darbaa مَّنَّاعٍ لِّلۡخَيۡرِ مُعۡتَدٍ مُّرِيبٍ ٢٥(Kaafira) toltuu dhorgaa, daangaa dabraafi shakkaa ta’e (jahannamitti darbaa) ٱلَّذِي جَعَلَ مَعَ ٱللَّهِ إِلَٰهًا ءَاخَرَ فَأَلۡقِيَاهُ فِي ٱلۡعَذَابِ ٱلشَّدِيدِ ٢٦Isa Rabbii wajjin gabbaramaa biraa taasise adabbii cimaa keessa isa buusaa ۞ قَالَ قَرِينُهُۥ رَبَّنَا مَآ أَطۡغَيۡتُهُۥ وَلَٰكِن كَانَ فِي ضَلَٰلِۭ بَعِيدٍ ٢٧Hiriyaan isaa (kan sheyxaanaa) ni jedha: “Gooftaa keenya! Ani daangaa isa hin dabarsineGaruu isumatu jallina fagoo ta’e keessa ture.” قَالَ لَا تَخۡتَصِمُواْ لَدَيَّ وَقَدۡ قَدَّمۡتُ إِلَيۡكُم بِٱلۡوَعِيدِ ٢٨Rabbiin ni jedha: “Ana biratti wal hin falminaa; Ani dursee sodaachisa kiyya gara keessanitti ergeera مَا يُبَدَّلُ ٱلۡقَوۡلُ لَدَيَّ وَمَآ أَنَا۠ بِظَلَّٰمٍ لِّلۡعَبِيدِ ٢٩Ana biratti jechi hin jijjiiramu; Anis gabroota kiyya irratti miidhaa raawataa miti.” يَوۡمَ نَقُولُ لِجَهَنَّمَ هَلِ ٱمۡتَلَأۡتِ وَتَقُولُ هَلۡ مِن مَّزِيدٍ ٣٠Guyyaa Nuti jahannamiin “sila guutamteettaa?” jennuun, isheen immoo “dabalanni jiraa?” jettu (hin jijjiiramu) وَأُزۡلِفَتِ ٱلۡجَنَّةُ لِلۡمُتَّقِينَ غَيۡرَ بَعِيدٍ ٣١Jannannis namoota Rabbi sodaataniif haala hin fagaatiniin dhiheeffamte هَٰذَا مَا تُوعَدُونَ لِكُلِّ أَوَّابٍ حَفِيظٍ ٣٢Cufa nama akkaan gara Rabbii deebi’aa tikfataa ta’eetiin “kun waan waadaa galamtaniidha” (jedhama) مَّنۡ خَشِيَ ٱلرَّحۡمَٰنَ بِٱلۡغَيۡبِ وَجَآءَ بِقَلۡبٍ مُّنِيبٍ ٣٣“Nama fagotti Rabbi sodaatee, onnee gara Rabbii deebituun dhufeefi ٱدۡخُلُوهَا بِسَلَٰمٍۖ ذَٰلِكَ يَوۡمُ ٱلۡخُلُودِ ٣٤Nagayaan ishee seenaa; sun guyyaa hafiinsaati” (jedhama) لَهُم مَّا يَشَآءُونَ فِيهَا وَلَدَيۡنَا مَزِيدٌ ٣٥Isaaniif waan fedhantu ishee keessa jiraNu bira daballis jira وَكَمۡ أَهۡلَكۡنَا قَبۡلَهُم مِّن قَرۡنٍ هُمۡ أَشَدُّ مِنۡهُم بَطۡشًا فَنَقَّبُواْ فِي ٱلۡبِلَٰدِ هَلۡ مِن مَّحِيصٍ ٣٦Isaan dura dhaloota humnaan isaan irra ciccimoo turan baay’ee balleessinee jirraBiyya keessa “iddoo baqaa argannaa?” jechaa fiigaa turan إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَذِكۡرَىٰ لِمَن كَانَ لَهُۥ قَلۡبٌ أَوۡ أَلۡقَى ٱلسَّمۡعَ وَهُوَ شَهِيدٌ ٣٧Dhugumatti, nama onnee qabuuf yookiin isa yeroo (gorsa) irratti hirmaatu gurra itti kennuuf, sana keessa yaadannootu jira وَلَقَدۡ خَلَقۡنَا ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ وَمَا بَيۡنَهُمَا فِي سِتَّةِ أَيَّامٍ وَمَا مَسَّنَا مِن لُّغُوبٍ ٣٨Dhugumatti, Nuti samiifi dachii, akkasumas wantoota gidduu isaanii jiran guyyoota jaha keessatti uumne; dadhabbiin tokkoyyuu Nu hin tuqne فَٱصۡبِرۡ عَلَىٰ مَا يَقُولُونَ وَسَبِّحۡ بِحَمۡدِ رَبِّكَ قَبۡلَ طُلُوعِ ٱلشَّمۡسِ وَقَبۡلَ ٱلۡغُرُوبِ ٣٩Waan isaan jedhanu irratti obsiFaaruu Rabbii keetiitiinis baha biiftuu duraafi lixa (ishee) dura salaati وَمِنَ ٱلَّيۡلِ فَسَبِّحۡهُ وَأَدۡبَٰرَ ٱلسُّجُودِ ٤٠Halkan irraas Isa qulqulleessi; salaata boodas (sunnaalee sagadi) وَٱسۡتَمِعۡ يَوۡمَ يُنَادِ ٱلۡمُنَادِ مِن مَّكَانٍ قَرِيبٍ ٤١Guyyaa lallabaan iddoo dhihoo irraa lallabus dhaggeeffadhu يَوۡمَ يَسۡمَعُونَ ٱلصَّيۡحَةَ بِٱلۡحَقِّۚ ذَٰلِكَ يَوۡمُ ٱلۡخُرُوجِ ٤٢Guyyaa dhugaan iyyansa dhagayan, sun guyyaa (qabrii irraa) ba’iinsaati إِنَّا نَحۡنُ نُحۡيِۦ وَنُمِيتُ وَإِلَيۡنَا ٱلۡمَصِيرُ ٤٣Nuti, Numatu jiraachisa; Numatu ajjeesas; deebiin (dhumaas) garumma keenya يَوۡمَ تَشَقَّقُ ٱلۡأَرۡضُ عَنۡهُمۡ سِرَاعًاۚ ذَٰلِكَ حَشۡرٌ عَلَيۡنَا يَسِيرٌ ٤٤Guyyaa dachiin isaan irraa ariitiidhaan babbaqaqxu (deebiin garuma keenya)Sun walitti qabuu Nurratti laafaa ta’eedha نَّحۡنُ أَعۡلَمُ بِمَا يَقُولُونَۖ وَمَآ أَنتَ عَلَيۡهِم بِجَبَّارٍۖ فَذَكِّرۡ بِٱلۡقُرۡءَانِ مَن يَخَافُ وَعِيدِ ٤٥Nuti akkaan beekoo waan isaan jedhaniitiAtis isaan irratti moosifamaa hin taaneNama adabbii kiyya sodaatu Qur’aanaan gorsi

الترجمة: Ghali Apapur Apaghuna.