بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ ٱلَّذِي لَهُۥ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلَهُ ٱلۡحَمۡدُ فِي ٱلۡأٓخِرَةِۚ وَهُوَ ٱلۡحَكِيمُ ٱلۡخَبِيرُ ١Faaruun hundi kan Rabbii Isa wanti samii keessaafi wanti dachii keessaa hundi kan Isaa ta’eetiAakhirattis faaruun hundi kanuma IsaatiInni ogeessa, beekaadha يَعۡلَمُ مَا يَلِجُ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَمَا يَخۡرُجُ مِنۡهَا وَمَا يَنزِلُ مِنَ ٱلسَّمَآءِ وَمَا يَعۡرُجُ فِيهَاۚ وَهُوَ ٱلرَّحِيمُ ٱلۡغَفُورُ ٢Inni waan dachii keessa seenu, waan ishee irraa bahu, waan samii irraa bu’uufi waan ishee keessa ol ba’us ni beekaInni mararfataa, araaramaadha وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَا تَأۡتِينَا ٱلسَّاعَةُۖ قُلۡ بَلَىٰ وَرَبِّي لَتَأۡتِيَنَّكُمۡ عَٰلِمِ ٱلۡغَيۡبِۖ لَا يَعۡزُبُ عَنۡهُ مِثۡقَالُ ذَرَّةٍ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَلَا فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلَآ أَصۡغَرُ مِن ذَٰلِكَ وَلَآ أَكۡبَرُ إِلَّا فِي كِتَٰبٍ مُّبِينٍ ٣Warri kafaran “Qiyaamaan nutti hin dhuftu” jedhan“Akka isin jettanii mitiRabbii kiyya beekaa waan fagootiin kakadhee! Isheen dhugumatti, isinitti dhufti” jedhiinWanti hanga madaala atamii, wanti sana irra xiqqaafi kan sana irra guddaas samii keessaafi dachii keessattis, isa irraa kan hin fagaanne ta’ee, kitaaba ifa baasaa ta’e keessa jiraatu malee (hin hafu) لِّيَجۡزِيَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِۚ أُوْلَٰٓئِكَ لَهُم مَّغۡفِرَةٌ وَرِزۡقٌ كَرِيمٌ ٤Isaan amananii toltuu hojjatan mindeessuuf jecha (Qiyaamaan dhufti)Warri sun araaramaafi soorata gaarii ta’etu isaaniif jira وَٱلَّذِينَ سَعَوۡ فِيٓ ءَايَٰتِنَا مُعَٰجِزِينَ أُوْلَٰٓئِكَ لَهُمۡ عَذَابٌ مِّن رِّجۡزٍ أَلِيمٌ ٥Isaan keeyyattoota keenya dadhabsiisoo ta’anii socho’an immoo, adabbii (gosa) adabbii laalessaa irraa ta’etu isaaniif jira وَيَرَى ٱلَّذِينَ أُوتُواْ ٱلۡعِلۡمَ ٱلَّذِيٓ أُنزِلَ إِلَيۡكَ مِن رَّبِّكَ هُوَ ٱلۡحَقَّ وَيَهۡدِيٓ إِلَىٰ صِرَٰطِ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡحَمِيدِ ٦Isaan beekumsi kennameef, inni Rabbii kee irraa gara keetti buufame inni dhugaa ta’uufi gara karaa (Rabbii) injifataa, faarfamaa ta’eetti kan qajeelchu ta’uu ni beeku وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ هَلۡ نَدُلُّكُمۡ عَلَىٰ رَجُلٍ يُنَبِّئُكُمۡ إِذَا مُزِّقۡتُمۡ كُلَّ مُمَزَّقٍ إِنَّكُمۡ لَفِي خَلۡقٍ جَدِيدٍ ٧Isaan kafaranis “(duutanii) cicciramiinsa guutuu yeroo cicciramtan isin uumaa haarawa keessatti taatu jedhee namicha isinitti odeessutti isin qajeelchinuu?” jedhan أَفۡتَرَىٰ عَلَى ٱللَّهِ كَذِبًا أَم بِهِۦ جِنَّةُۢۗ بَلِ ٱلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ بِٱلۡأٓخِرَةِ فِي ٱلۡعَذَابِ وَٱلضَّلَٰلِ ٱلۡبَعِيدِ ٨“Rabbi irratti soba oddeessa moo maraatummaatu isatti jira?” (jedhu)Akkasii mitii; isaan Aakhiratti hin amanne (Aakhiraatti) adabaafi (addunyaatti) jallina fagoo ta’e keessa jiru أَفَلَمۡ يَرَوۡاْ إِلَىٰ مَا بَيۡنَ أَيۡدِيهِمۡ وَمَا خَلۡفَهُم مِّنَ ٱلسَّمَآءِ وَٱلۡأَرۡضِۚ إِن نَّشَأۡ نَخۡسِفۡ بِهِمُ ٱلۡأَرۡضَ أَوۡ نُسۡقِطۡ عَلَيۡهِمۡ كِسَفًا مِّنَ ٱلسَّمَآءِۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةً لِّكُلِّ عَبۡدٍ مُّنِيبٍ ٩Sila isaan samiifi dachii irraa gara waan dura isaaniifi waan duuba isaanii jiru hin ilaallee? Yoo feenes dachii isaaniin kunna; yookiin cittuu samii irraa taate isaan irratti kuffifnaDhugumatti, sana keessa gabricha gara Rabbiitti tawbaa deebi’u hundaaf mallattootu jira ۞ وَلَقَدۡ ءَاتَيۡنَا دَاوُۥدَ مِنَّا فَضۡلًاۖ يَٰجِبَالُ أَوِّبِي مَعَهُۥ وَٱلطَّيۡرَۖ وَأَلَنَّا لَهُ ٱلۡحَدِيدَ ١٠Dhugumatti, Nuti Daawudiif tola Nu biraa ta’e kennineerra“Yaa gaarreenii! sinbira wajjin ta’uun isa (Daawudii) wajjin (Rabbiin) faarsaa” (jenne)Sibiilas isaaf laaffifnee jirra أَنِ ٱعۡمَلۡ سَٰبِغَٰتٍ وَقَدِّرۡ فِي ٱلسَّرۡدِۖ وَٱعۡمَلُواْ صَٰلِحًاۖ إِنِّي بِمَا تَعۡمَلُونَ بَصِيرٌ ١١“Qoloo (uffata lolaa) babal’aas hojjadhu; dhawaa isaa keessattis hanga shallagiToltuuwwanis dalagaa; ani wanta isin hojjattan hunda argaadha وَلِسُلَيۡمَٰنَ ٱلرِّيحَ غُدُوُّهَا شَهۡرٌ وَرَوَاحُهَا شَهۡرٌۖ وَأَسَلۡنَا لَهُۥ عَيۡنَ ٱلۡقِطۡرِۖ وَمِنَ ٱلۡجِنِّ مَن يَعۡمَلُ بَيۡنَ يَدَيۡهِ بِإِذۡنِ رَبِّهِۦۖ وَمَن يَزِغۡ مِنۡهُمۡ عَنۡ أَمۡرِنَا نُذِقۡهُ مِنۡ عَذَابِ ٱلسَّعِيرِ ١٢Suleeymaaniifis waaree dura (karaa) ji’a tokkoo kan deemtuufi waaree boodas (karaa) ji’a tokkoo kan balaliituu taatee bubbee (isaaf laaffifne)Madda sibiilaas (nahaasaas) isaaf yaafnee jirraJinnoota irraas warra hayyama Gooftaa Isaaniitiin fuuldura isaatti hojjatantu jiraIsaan irraa kan ajaja keenya irraa dabe, adabbii ibidda boba’aa irraa ta’e isa dhandhamsiifna يَعۡمَلُونَ لَهُۥ مَا يَشَآءُ مِن مَّحَٰرِيبَ وَتَمَٰثِيلَ وَجِفَانٍ كَٱلۡجَوَابِ وَقُدُورٍ رَّاسِيَٰتٍۚ ٱعۡمَلُوٓاْ ءَالَ دَاوُۥدَ شُكۡرًاۚ وَقَلِيلٌ مِّنۡ عِبَادِيَ ٱلشَّكُورُ ١٣Iddoolee ibaadaa, fakkiiwwan, gabateewwan guddinni isaa akka naannigaa ta’eefi okkoteewwan nahaasaa kan iddoo qabattee teessu irraa wanta inni barbaade isaaf hojjatu“Yaa maatii Daawuud (ajaja isaa guutuun) galata (Rabbii) hojjadhaaGabroota kiyya irraas namni Ana galatoomfataan xiqqaadha” (jenneen) فَلَمَّا قَضَيۡنَا عَلَيۡهِ ٱلۡمَوۡتَ مَا دَلَّهُمۡ عَلَىٰ مَوۡتِهِۦٓ إِلَّا دَآبَّةُ ٱلۡأَرۡضِ تَأۡكُلُ مِنسَأَتَهُۥۖ فَلَمَّا خَرَّ تَبَيَّنَتِ ٱلۡجِنُّ أَن لَّوۡ كَانُواْ يَعۡلَمُونَ ٱلۡغَيۡبَ مَا لَبِثُواْ فِي ٱلۡعَذَابِ ٱلۡمُهِينِ ١٤Yeroma Nuti du’a isa (Suleeymaan) irratti murteessine, rirma dachii kan ulee isaa nyaattu tokko malee wanti du’uu isaa irratti isaan qajelche hin jiruYeroma inni kufu, jinnoonni odoo iccitii (ghaybii) kan beekan ta’anii, silaa adabbii salphisaa ta’e keessa hin turru jechuu hubatan لَقَدۡ كَانَ لِسَبَإٍ فِي مَسۡكَنِهِمۡ ءَايَةٌۖ جَنَّتَانِ عَن يَمِينٍ وَشِمَالٍۖ كُلُواْ مِن رِّزۡقِ رَبِّكُمۡ وَٱشۡكُرُواْ لَهُۥۚ بَلۡدَةٌ طَيِّبَةٌ وَرَبٌّ غَفُورٌ ١٥Dhugumatti, (warra) ‘Saba’iif’ iddoo jireenya isaanii keessatti mallattoon ta’eera(Isheenis) oyruu lama gama mirgaafi bitaatiin kan taateedha“Soorata Gooftaa keessanii irraa nyaadhaa; galatas Isaaf galchaa.” (Biyyattiin keessanis) biyya gaariidha(Rabbiin keessanis) Gooftaa araaramaadha” (isaaniin jedhame) فَأَعۡرَضُواْ فَأَرۡسَلۡنَا عَلَيۡهِمۡ سَيۡلَ ٱلۡعَرِمِ وَبَدَّلۡنَٰهُم بِجَنَّتَيۡهِمۡ جَنَّتَيۡنِ ذَوَاتَيۡ أُكُلٍ خَمۡطٍ وَأَثۡلٍ وَشَيۡءٍ مِّن سِدۡرٍ قَلِيلٍ ١٦(Ajaja Rabbii irraas) gara galaniiti lolaa hidhaa irraa isaanitti ergineAshaakiltii isaan lamaaniis oyruu lama kan abbaa dhandhama hadhaa’aa, birbirsaafi qurquraa irraas waan xiqqoo (kan qabdutti) isaaniif jijjiirre ذَٰلِكَ جَزَيۡنَٰهُم بِمَا كَفَرُواْۖ وَهَلۡ نُجَٰزِيٓ إِلَّا ٱلۡكَفُورَ ١٧Waan isaan kafaraniif sana mindaa isaaniif kennine(Adaba akka kanaa) akkaan kafaraa malee ni mindeessinaa وَجَعَلۡنَا بَيۡنَهُمۡ وَبَيۡنَ ٱلۡقُرَى ٱلَّتِي بَٰرَكۡنَا فِيهَا قُرًى ظَٰهِرَةً وَقَدَّرۡنَا فِيهَا ٱلسَّيۡرَۖ سِيرُواْ فِيهَا لَيَالِيَ وَأَيَّامًا ءَامِنِينَ ١٨Gidduu isaaniitiifi gidduu gandattii barakaa ishee keessatti gooneetti gandoota walitti dhaabbatan goonee hanga adeemsaas ishee keessatti ni safarre“Isaan keessas halkan hedduufi guyyootas nagayaan deemaa.” فَقَالُواْ رَبَّنَا بَٰعِدۡ بَيۡنَ أَسۡفَارِنَا وَظَلَمُوٓاْ أَنفُسَهُمۡ فَجَعَلۡنَٰهُمۡ أَحَادِيثَ وَمَزَّقۡنَٰهُمۡ كُلَّ مُمَزَّقٍۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٍ لِّكُلِّ صَبَّارٍ شَكُورٍ ١٩Isaanis “Yaa gooftaa keenya! Gidduu deemsa (karaa) keenyaa addaan fageessi” jedhanLubbuu isaaniis miidhanii, oduuwwan isaan taasifnee, bittinneessuu guutuu isaan bittinneessineDhugumatti, sana keessa namoota akkaan obsaniifi akkaan Rabbiin galatoomfatan hundaaf mallattooleetu jira وَلَقَدۡ صَدَّقَ عَلَيۡهِمۡ إِبۡلِيسُ ظَنَّهُۥ فَٱتَّبَعُوهُ إِلَّا فَرِيقًا مِّنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ ٢٠Dhugumatti, Ibliis yaada isaa isaan irratti dhugoomseeraGaree xiqqaa mu’uminoota irraa ta’e malee isas hordofaniiru وَمَا كَانَ لَهُۥ عَلَيۡهِم مِّن سُلۡطَٰنٍ إِلَّا لِنَعۡلَمَ مَن يُؤۡمِنُ بِٱلۡأٓخِرَةِ مِمَّنۡ هُوَ مِنۡهَا فِي شَكٍّۗ وَرَبُّكَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٍ حَفِيظٌ ٢١Isa Aakhiraa dhugoomsu, isa ishee irraa shakkii keessa jiru irraa akka adda beeknuuf malee isaaf taaytaan tokkollee isaan irratti hin taaneRabbiin keetis wantoota hunda irratti tiksaadha قُلِ ٱدۡعُواْ ٱلَّذِينَ زَعَمۡتُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ لَا يَمۡلِكُونَ مِثۡقَالَ ذَرَّةٍ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَلَا فِي ٱلۡأَرۡضِ وَمَا لَهُمۡ فِيهِمَا مِن شِرۡكٍ وَمَا لَهُۥ مِنۡهُم مِّن ظَهِيرٍ ٢٢(Yaa Muhammad!) “mee isaan Rabbiin ala (gooftoleedha) jettan sana waammadhaaSamiifi dachii keessatti waan hanga atomiillee hin qabanIsaan lamaan (samiifi dachii) keessattis qoodni isaaniif hin jiruIsaaf (Rabbiif) gargaaraan isaan irraa ta’e tokkollee hin jiru وَلَا تَنفَعُ ٱلشَّفَٰعَةُ عِندَهُۥٓ إِلَّا لِمَنۡ أَذِنَ لَهُۥۚ حَتَّىٰٓ إِذَا فُزِّعَ عَن قُلُوبِهِمۡ قَالُواْ مَاذَا قَالَ رَبُّكُمۡۖ قَالُواْ ٱلۡحَقَّۖ وَهُوَ ٱلۡعَلِيُّ ٱلۡكَبِيرُ ٢٣Manguddummaan Isa (Rabbiin) biratti nama Inni isaaf hayyame malee hin fayyadduYeroo onnee isaanii (manguddootaa) irraa sodaan deeme “Rabbiin keessan maal jedhe?” jedhanii gaafatu“Dhugaa (jedhe); Innis ol ta’aa, guddaadha” jedhu ۞ قُلۡ مَن يَرۡزُقُكُم مِّنَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ قُلِ ٱللَّهُۖ وَإِنَّآ أَوۡ إِيَّاكُمۡ لَعَلَىٰ هُدًى أَوۡ فِي ضَلَٰلٍ مُّبِينٍ ٢٤(Yaa Muhammad!) “Eenyutu samiifi dachii irraa isin soora?” jedhi“Rabbuma” jedhiinDhugumatti nuti yookiin isin qajeeluma irra yookiin jallina ifa ta’e keessa jirra” jedhiin قُل لَّا تُسۡـَٔلُونَ عَمَّآ أَجۡرَمۡنَا وَلَا نُسۡـَٔلُ عَمَّا تَعۡمَلُونَ ٢٥“Isin badii nuti hojjanne irraa hin gaafatamtanu; nutis waan isin hojjattan irraa hin gaafatamnu” jedhiin قُلۡ يَجۡمَعُ بَيۡنَنَا رَبُّنَا ثُمَّ يَفۡتَحُ بَيۡنَنَا بِٱلۡحَقِّ وَهُوَ ٱلۡفَتَّاحُ ٱلۡعَلِيمُ ٢٦“Gooftaan keenya walitti nu qaba; ergasiis dhugaadhaan gidduu keenyatti murteessaInni haqaan murteessaa, beekaadha” jedhiin قُلۡ أَرُونِيَ ٱلَّذِينَ أَلۡحَقۡتُم بِهِۦ شُرَكَآءَۖ كـَلَّاۚ بَلۡ هُوَ ٱللَّهُ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ ٢٧(Yaa Muhammad! Warra mushrikaatiin) “Warra shariikota gootanii Isatti dhaqqabsiiftan san mee natti argisiisaa? Dhorgamaa! (Inni shariika hin qabu)Dhugumatti, Inni Allaah injifataa, ogeessa” jedhiin وَمَآ أَرۡسَلۡنَٰكَ إِلَّا كَآفَّةً لِّلنَّاسِ بَشِيرًا وَنَذِيرًا وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعۡلَمُونَ ٢٨Nuti nama hundaaf walumaagalatti gammachiisaafi akeekkachiisaa goonee malee si hin ergineGaruu irra hedduun namootaa hin beekanu وَيَقُولُونَ مَتَىٰ هَٰذَا ٱلۡوَعۡدُ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ ٢٩“Yoo kan dhugaa dubbattan taatan waadaan (Qiyaamaan) kun yoomi?” jedhu قُل لَّكُم مِّيعَادُ يَوۡمٍ لَّا تَسۡتَـٔۡخِرُونَ عَنۡهُ سَاعَةً وَلَا تَسۡتَقۡدِمُونَ ٣٠“Beellama guyyaa tokkoo kan isin ishee irraa duubatti hin hafneefi duras hin darbinetu isiniif jira” jedhiin وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَن نُّؤۡمِنَ بِهَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانِ وَلَا بِٱلَّذِي بَيۡنَ يَدَيۡهِۗ وَلَوۡ تَرَىٰٓ إِذِ ٱلظَّٰلِمُونَ مَوۡقُوفُونَ عِندَ رَبِّهِمۡ يَرۡجِعُ بَعۡضُهُمۡ إِلَىٰ بَعۡضٍ ٱلۡقَوۡلَ يَقُولُ ٱلَّذِينَ ٱسۡتُضۡعِفُواْ لِلَّذِينَ ٱسۡتَكۡبَرُواْ لَوۡلَآ أَنتُمۡ لَكُنَّا مُؤۡمِنِينَ ٣١Isaan kafaran “Qur’aana kanaafi (kitaaba) isa dura bu’ettis hin amannu” jedhanMiidhaa raawwattoonni yeroo isaan Gooftaa isaanii bira dhaabbatanii jecha gariin isaanii garii irratti deebisu odoo argitee! (Silaa wanta cimaa agarta turte)Isaan dadhaboo turan isaan boonaa turaniin “odoo isin jiraachuu baattanii silaa nuti ni amanna turre” jedhu قَالَ ٱلَّذِينَ ٱسۡتَكۡبَرُواْ لِلَّذِينَ ٱسۡتُضۡعِفُوٓاْ أَنَحۡنُ صَدَدۡنَٰكُمۡ عَنِ ٱلۡهُدَىٰ بَعۡدَ إِذۡ جَآءَكُمۖ بَلۡ كُنتُم مُّجۡرِمِينَ ٣٢Isaan boonaa turanis isaan dadhaboo turaniin “sila nutu karaa qajeelaa irraa erga inni isinitti dhufee booda isin deebisee? Lakkisaa! Isinumatu yakkamtoota taatan” jedhuun وَقَالَ ٱلَّذِينَ ٱسۡتُضۡعِفُواْ لِلَّذِينَ ٱسۡتَكۡبَرُواْ بَلۡ مَكۡرُ ٱلَّيۡلِ وَٱلنَّهَارِ إِذۡ تَأۡمُرُونَنَآ أَن نَّكۡفُرَ بِٱللَّهِ وَنَجۡعَلَ لَهُۥٓ أَندَادًاۚ وَأَسَرُّواْ ٱلنَّدَامَةَ لَمَّا رَأَوُاْ ٱلۡعَذَابَۚ وَجَعَلۡنَا ٱلۡأَغۡلَٰلَ فِيٓ أَعۡنَاقِ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْۖ هَلۡ يُجۡزَوۡنَ إِلَّا مَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ ٣٣Isaan dadhaboo turanis isaan boonaa turaniin “Lakkisaa; mala keessan kan halkaniifi guyyaatu; yeroo akka Rabbitti kafarruufi hiriyootaas akka Isaaf taasifnu nu ajajjan santu (badii keessa nu buuse).” jedhanHundi isaaniituu yeroo adabicha argan gaabbii (sheenaa) isaanii ni dhokfatanMorma warra kafaranii keessa dirii (sansalata) goonaSila waan dalagaa turan malee ni mindeeffamuu وَمَآ أَرۡسَلۡنَا فِي قَرۡيَةٍ مِّن نَّذِيرٍ إِلَّا قَالَ مُتۡرَفُوهَآ إِنَّا بِمَآ أُرۡسِلۡتُم بِهِۦ كَٰفِرُونَ ٣٤Magaalaa kamillee keessatti akeekkachiisaa tokkoyuu erginee badhaadhoon ishee “nuti waan isin ittiin ergamatan kanatti kafaroodha” jedhan malee hin hafanu وَقَالُواْ نَحۡنُ أَكۡثَرُ أَمۡوَٰلًا وَأَوۡلَٰدًا وَمَا نَحۡنُ بِمُعَذَّبِينَ ٣٥“Nuti qabeenyaafi ilmaanis isin caalaa baay’ee qabnaNutis kan adabamnu hin taane” jedhan قُلۡ إِنَّ رَبِّي يَبۡسُطُ ٱلرِّزۡقَ لِمَن يَشَآءُ وَيَقۡدِرُ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعۡلَمُونَ ٣٦“Dhugumatti, Gooftaan kiyya soorata nama fedheef bal’isa; (kan fedhe irratti immoo) ni dhiphisaGaruu irra hedduun namaa (kana) hin beekanu” jedhiin وَمَآ أَمۡوَٰلُكُمۡ وَلَآ أَوۡلَٰدُكُم بِٱلَّتِي تُقَرِّبُكُمۡ عِندَنَا زُلۡفَىٰٓ إِلَّا مَنۡ ءَامَنَ وَعَمِلَ صَٰلِحًا فَأُوْلَٰٓئِكَ لَهُمۡ جَزَآءُ ٱلضِّعۡفِ بِمَا عَمِلُواْ وَهُمۡ فِي ٱلۡغُرُفَٰتِ ءَامِنُونَ ٣٧Qabeenyi keessaniifi ilmaan keessan kan dhiheenya gara keenyatti isin dhiheessu hin taaneHaa ta’u malee namoonni amananii, gaggaarii dalagan isaan sun sababa waan isaan dalaganiitiin mindaa dachaa ta’etu isaaniif jiraIsaanis gamoowwan ol fuudhamoo keessa nageenyaan jiraatu وَٱلَّذِينَ يَسۡعَوۡنَ فِيٓ ءَايَٰتِنَا مُعَٰجِزِينَ أُوْلَٰٓئِكَ فِي ٱلۡعَذَابِ مُحۡضَرُونَ ٣٨Warri dadhabsiisoo ta’anii keeyyattoota keenya keessatti sochii godhan, jarri sun adabbii (ibiddaa) keessa fidamoodha قُلۡ إِنَّ رَبِّي يَبۡسُطُ ٱلرِّزۡقَ لِمَن يَشَآءُ مِنۡ عِبَادِهِۦ وَيَقۡدِرُ لَهُۥۚ وَمَآ أَنفَقۡتُم مِّن شَيۡءٍ فَهُوَ يُخۡلِفُهُۥۖ وَهُوَ خَيۡرُ ٱلرَّٰزِقِينَ ٣٩“Dhugumatti, Rabbiin kiyya gabroota Isaa irraa nama fedheef soorata bal’isa; (nama fedhes) isatti dhiphisa.Wanta kam irraayyuu waan isin kennattan Inni bakka isa buusaInnis irra caalaa warra soorata kennaniiti وَيَوۡمَ يَحۡشُرُهُمۡ جَمِيعًا ثُمَّ يَقُولُ لِلۡمَلَٰٓئِكَةِ أَهَٰٓؤُلَآءِ إِيَّاكُمۡ كَانُواْ يَعۡبُدُونَ ٤٠(Yaa Muhammad!) guyyaa (Rabbiin) hunda isaanii (gabbaraafi gabbaramaas) kaasee, ergasii maleykotaan “sila isaan kun isin gabbaraa turanii?” jedhu [yaadadhu] قَالُواْ سُبۡحَٰنَكَ أَنتَ وَلِيُّنَا مِن دُونِهِمۖ بَلۡ كَانُواْ يَعۡبُدُونَ ٱلۡجِنَّۖ أَكۡثَرُهُم بِهِم مُّؤۡمِنُونَ ٤١(Maleykonnis) “(yaa gooftaa keenya!) qulqullina siif malu (si qulqulleessinee); isaan odoo hin taane gargaaraan keenya Suma qofa(Akka isaan jedhan) mitii isaan jinni gabbaraa turanIrra hedduun isaaniis isaanitti amanoodha” jedhan فَٱلۡيَوۡمَ لَا يَمۡلِكُ بَعۡضُكُمۡ لِبَعۡضٍ نَّفۡعًا وَلَا ضَرًّا وَنَقُولُ لِلَّذِينَ ظَلَمُواْ ذُوقُواْ عَذَابَ ٱلنَّارِ ٱلَّتِي كُنتُم بِهَا تُكَذِّبُونَ ٤٢Har’a (Guyyaa Qiyaamaa), gariin keessan garii fayyaduus ta’ee miidhuu hin danda’uIsaan lubbuu ofii miidhaniinis “adaba Ibiddaa ishee sobsiisaa turtan san dhandhamaa” jenna وَإِذَا تُتۡلَىٰ عَلَيۡهِمۡ ءَايَٰتُنَا بَيِّنَٰتٍ قَالُواْ مَا هَٰذَآ إِلَّا رَجُلٌ يُرِيدُ أَن يَصُدَّكُمۡ عَمَّا كَانَ يَعۡبُدُ ءَابَآؤُكُمۡ وَقَالُواْ مَا هَٰذَآ إِلَّآ إِفۡكٌ مُّفۡتَرًىۚ وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لِلۡحَقِّ لَمَّا جَآءَهُمۡ إِنۡ هَٰذَآ إِلَّا سِحۡرٌ مُّبِينٌ ٤٣Yeroo keeyyatoonni keenya ifa taatee isaan irratti dubbifamtus “kun namicha waan abbootiin keessan gabbaraa turan irraa isin dhorguu fedhu malee waan biraatii miti” jedhu“Kun soba uumamaadha malee waan biraa hin taane” jedhuIsaan kafaran yeroma dhugaan isaanitti dhufe “kuni sihrii ifa bahaa malee waan biraa hin taane” jedhan وَمَآ ءَاتَيۡنَٰهُم مِّن كُتُبٍ يَدۡرُسُونَهَاۖ وَمَآ أَرۡسَلۡنَآ إِلَيۡهِمۡ قَبۡلَكَ مِن نَّذِيرٍ ٤٤Kitaabota isaan baratan tokkollee isaaniif hin kennineSiin durattis akeekkachiisaa (ergamaa) tokkollee gara isaaniitti hin ergine وَكَذَّبَ ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡ وَمَا بَلَغُواْ مِعۡشَارَ مَآ ءَاتَيۡنَٰهُمۡ فَكَذَّبُواْ رُسُلِيۖ فَكَيۡفَ كَانَ نَكِيرِ ٤٥Warri isaaniin duraas sobsiisanii jiruIsaan kun (humnaafi qabeenyaanis) tokko kurnaffaa waan isaaniif kenninee hin geenyeErgamtoota kiyya sobsiisanii (Nuti isaan balleessine)adabbiin kiyyas akkam ta’e? (Mee xiinxali) ۞ قُلۡ إِنَّمَآ أَعِظُكُم بِوَٰحِدَةٍۖ أَن تَقُومُواْ لِلَّهِ مَثۡنَىٰ وَفُرَٰدَىٰ ثُمَّ تَتَفَكَّرُواْۚ مَا بِصَاحِبِكُم مِّن جِنَّةٍۚ إِنۡ هُوَ إِلَّا نَذِيرٌ لَّكُم بَيۡنَ يَدَيۡ عَذَابٍ شَدِيدٍ ٤٦(Yaa Muhammad!) jedhi: “kan ani isin gorsu waan tokko qofattiInnis akka cimdiifi kophaanis Allaahf dhaabattanii, ergasii saahiba keessan (Muhammaditti) maraatummaan tokkollee hin jiru jechuu xiinxaltaniifiInni akeekkachiisaa adabbii cimaa dura isiniif (ergame) malee waan biraa hin taane قُلۡ مَا سَأَلۡتُكُم مِّنۡ أَجۡرٍ فَهُوَ لَكُمۡۖ إِنۡ أَجۡرِيَ إِلَّا عَلَى ٱللَّهِۖ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٍ شَهِيدٌ ٤٧Jedhi: “mindaa irraa wanti ani isin gaafadhe (yoo jiraates) inni isinumaafiMindaan kiyyas Rabbi irratti malee hin taaneInnis waan hunda irratti hirmaataa argaadha.” قُلۡ إِنَّ رَبِّي يَقۡذِفُ بِٱلۡحَقِّ عَلَّٰمُ ٱلۡغُيُوبِ ٤٨“Dhugumatti, Rabbiin kiyya dhugaa ni buusa(Inni) beekaa iccitiiwwan hundaati” jedhiin قُلۡ جَآءَ ٱلۡحَقُّ وَمَا يُبۡدِئُ ٱلۡبَٰطِلُ وَمَا يُعِيدُ ٤٩“Dhugaan dhufe; sobni (taaytaa isaa) hin jalqabu; hin deebi’us” jedhiin قُلۡ إِن ضَلَلۡتُ فَإِنَّمَآ أَضِلُّ عَلَىٰ نَفۡسِيۖ وَإِنِ ٱهۡتَدَيۡتُ فَبِمَا يُوحِيٓ إِلَيَّ رَبِّيٓۚ إِنَّهُۥ سَمِيعٌ قَرِيبٌ ٥٠“Yoon jalladhes, kan ani jalladhu lubbuu kiyya irrattiYoon karaa qajeelaa qabadhes, waan Rabbiin kiyya gara kiyyatti erguuniInni dhugumatti dhagayaa, dhihaataadha” jedhi وَلَوۡ تَرَىٰٓ إِذۡ فَزِعُواْ فَلَا فَوۡتَ وَأُخِذُواْ مِن مَّكَانٍ قَرِيبٍ ٥١(Yaa Mohammad SAW!) odoo yeroo isaan (ibidda arganii) rifatan agartee, (silaa waan guddaa agarta)Iddoon itti bahanis (isaaniif) hin jiruIddoo dhihoo irraa qabamanii jiru وَقَالُوٓاْ ءَامَنَّا بِهِۦ وَأَنَّىٰ لَهُمُ ٱلتَّنَاوُشُ مِن مَّكَانِۭ بَعِيدٍ ٥٢(Guyyaa Qiyaamaa) “Isatti amannee jirra” jedhuIddoo fagoo (biyya addunyaa) irraa (iimaana) fudhachuun akkamitti isaaniif mijjata وَقَدۡ كَفَرُواْ بِهِۦ مِن قَبۡلُۖ وَيَقۡذِفُونَ بِٱلۡغَيۡبِ مِن مَّكَانِۭ بَعِيدٍ ٥٣Dhugumatti, kana dura isatti kafaranii turanIddoo fagoo ta’e irraa (tilmaamaan) haasawa darbatu وَحِيلَ بَيۡنَهُمۡ وَبَيۡنَ مَا يَشۡتَهُونَ كَمَا فُعِلَ بِأَشۡيَاعِهِم مِّن قَبۡلُۚ إِنَّهُمۡ كَانُواْ فِي شَكٍّ مُّرِيبِۭ ٥٤Gidduu isaaniitiifi gidduu waan isaan fedhaniitti akkuma san dura fakkaattota isaanii irratti godhametti haguuggiin godhamee jira; Dhugumatti, isaan shakkii cimaa keessatti ta’anii jiru