Millat al-Islam

Chapter 84 · 25 verses · Ghali Apapur Apaghuna

Surah Al-Inshiqaq in Oromo

Arabic with tafsir Listen to Surah Al-Inshiqaq (1262 reciters)

بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

إِذَا ٱلسَّمَآءُ ٱنشَقَّتۡ ١Yeroo samiin dhodhoote وَأَذِنَتۡ لِرَبِّهَا وَحُقَّتۡ ٢(Yeroo isheen ajaja) Gooftaa ishee dhaggeeffatte; (wanti kana godhu waan itti argameef) dhugaa qabdi وَإِذَا ٱلۡأَرۡضُ مُدَّتۡ ٣Yeroo dachiinis diriirfamte وَأَلۡقَتۡ مَا فِيهَا وَتَخَلَّتۡ ٤Waan ishee keessa jiru darbitee, duwwaas taate وَأَذِنَتۡ لِرَبِّهَا وَحُقَّتۡ ٥(Yeroo isheen ajaja) Gooftaa ishee dhaggeeffatte; (wanti kana godhu waan itti argameef) dhugaa qabdi يَٰٓأَيُّهَا ٱلۡإِنسَٰنُ إِنَّكَ كَادِحٌ إِلَىٰ رَبِّكَ كَدۡحًا فَمُلَٰقِيهِ ٦Yaa namootaa! Dhugumatti, ati gara Rabbii keetii (dhaqqabuuf) hojiin qabsaa’aadhaa, isa (hojii kee) qunnamaadhas فَأَمَّا مَنۡ أُوتِيَ كِتَٰبَهُۥ بِيَمِينِهِۦ ٧Namni galmee isaa mirga isaatiin kenname فَسَوۡفَ يُحَاسَبُ حِسَابًا يَسِيرًا ٨Qormaata salphaa qoramuuf jira وَيَنقَلِبُ إِلَىٰٓ أَهۡلِهِۦ مَسۡرُورًا ٩Gammadaa gara maatii isaa deebi’a وَأَمَّا مَنۡ أُوتِيَ كِتَٰبَهُۥ وَرَآءَ ظَهۡرِهِۦ ١٠Namni galmee isaa dugda duubaan kenname immoo فَسَوۡفَ يَدۡعُواْ ثُبُورًا ١١Badii kadhachuuf jira وَيَصۡلَىٰ سَعِيرًا ١٢Ibidda boba’aa seena إِنَّهُۥ كَانَ فِيٓ أَهۡلِهِۦ مَسۡرُورًا ١٣Dhugumatti, inni maatii isaa keessatti gammadaa ture إِنَّهُۥ ظَنَّ أَن لَّن يَحُورَ ١٤Dhugamatti, inni (gama Rabbii) deebi’uu dhabuu yaade بَلَىٰٓۚ إِنَّ رَبَّهُۥ كَانَ بِهِۦ بَصِيرًا ١٥Lakki! (ni deebi’a)Gooftaan isaa isa argaadha فَلَآ أُقۡسِمُ بِٱلشَّفَقِ ١٦Haa dhorgamu! Diimina galgalaattin kakadha وَٱلَّيۡلِ وَمَا وَسَقَ ١٧Halkaniifi waan inni walitti qabeenis (nan kakadha) وَٱلۡقَمَرِ إِذَا ٱتَّسَقَ ١٨Ji'attis yeroo inni guuteenin (kakadha) لَتَرۡكَبُنَّ طَبَقًا عَن طَبَقٍ ١٩Dhugumatti, isin sadarkaa tokko irraa gara sadarkaa biraatti ceetu فَمَا لَهُمۡ لَا يُؤۡمِنُونَ ٢٠Maaltu isaaniif jiraayi hin amanne وَإِذَا قُرِئَ عَلَيۡهِمُ ٱلۡقُرۡءَانُ لَا يَسۡجُدُونَۤ ۩ ٢١Yeroo Qur'aanni isaan irratti qara'amus sujuuda hin bu'an بَلِ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ يُكَذِّبُونَ ٢٢Dhugumaatti, warri kafaran ni sobsiisu وَٱللَّهُ أَعۡلَمُ بِمَا يُوعُونَ ٢٣Rabbiin irra beekaa waan isaan (onnee isaanii keessatti) walitti qabaniiti فَبَشِّرۡهُم بِعَذَابٍ أَلِيمٍ ٢٤Adaba laalessaadhaan isaan gammachiisi إِلَّا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ لَهُمۡ أَجۡرٌ غَيۡرُ مَمۡنُونِۭ ٢٥Garuu isaan amananii gaggaarii hojjatan isaaniif mindaa hin cinnetu jira

Translation: Ghali Apapur Apaghuna.