Millat al-Islam

Chapter 85 · 22 verses · Ghali Apapur Apaghuna

Surah Al-Burooj in Oromo

Arabic with tafsir Listen to Surah Al-Burooj (1318 reciters)
Meccanسورة البروج22 verses

بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

وَٱلسَّمَآءِ ذَاتِ ٱلۡبُرُوجِ ١Samii abbaa orbitii urjiitiin (nan kakadha) وَٱلۡيَوۡمِ ٱلۡمَوۡعُودِ ٢Guyyaa beellamamaanis وَشَاهِدٍ وَمَشۡهُودٍ ٣Ragaa ba'aafi warra ragaan itti ba'amuunis (nan kakadhaa) قُتِلَ أَصۡحَٰبُ ٱلۡأُخۡدُودِ ٤Warri boollaa abaaraman ٱلنَّارِ ذَاتِ ٱلۡوَقُودِ ٥(Warri) ibidda boba’aa إِذۡ هُمۡ عَلَيۡهَا قُعُودٌ ٦Yeroo isaan ishee irra taa'an وَهُمۡ عَلَىٰ مَا يَفۡعَلُونَ بِٱلۡمُؤۡمِنِينَ شُهُودٌ ٧Isaan waan mu'imintootatti hojjatan irratti hirmaattota وَمَا نَقَمُواْ مِنۡهُمۡ إِلَّآ أَن يُؤۡمِنُواْ بِٱللَّهِ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡحَمِيدِ ٨Rabbii injifataa, faarfamaatti amanuu malee homaa isaan irraa haaloo hin ba’anne ٱلَّذِي لَهُۥ مُلۡكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ وَٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٍ شَهِيدٌ ٩(Rabbiin) Isa mootummaan samiifi dachii Isaaf ta'eedhaRabbiin waan hunda irratti ragaadha إِنَّ ٱلَّذِينَ فَتَنُواْ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ وَٱلۡمُؤۡمِنَٰتِ ثُمَّ لَمۡ يَتُوبُواْ فَلَهُمۡ عَذَابُ جَهَنَّمَ وَلَهُمۡ عَذَابُ ٱلۡحَرِيقِ ١٠Dhugumatti, isaan mu'imintoota dhiiraafi dubartootaa rakkisanii ergasii gara Rabbii isaanii kan hin deebi'Islaamni (hin tawbatin) isaaniif adabbii jahannamtu jira; ammas isaaniif adabbii gubaatu jira إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ لَهُمۡ جَنَّٰتٌ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُۚ ذَٰلِكَ ٱلۡفَوۡزُ ٱلۡكَبِيرُ ١١Dhugumatti, isaan amananii gaggaarii hojjatan, isaaniif ashaakiltiiwwan laggeen jala ishee yaatutu jiraSun milkii guddaadha إِنَّ بَطۡشَ رَبِّكَ لَشَدِيدٌ ١٢Dhugumatti, qabaan Gooftaa keetii daran cimaadha إِنَّهُۥ هُوَ يُبۡدِئُ وَيُعِيدُ ١٣Inni Isumatu [uumama] jalqaba; (du'a boodas) ni deebisa وَهُوَ ٱلۡغَفُورُ ٱلۡوَدُودُ ١٤Inni akkaan araaramaa, akkaan jaalataadha ذُو ٱلۡعَرۡشِ ٱلۡمَجِيدُ ١٥(Inni) abbaa Arshiiti; guddaadha فَعَّالٌ لِّمَا يُرِيدُ ١٦Waan fedhe akkaan hojjataadha هَلۡ أَتَىٰكَ حَدِيثُ ٱلۡجُنُودِ ١٧Sila oduun humna waraanaa si ga'eeraa فِرۡعَوۡنَ وَثَمُودَ ١٨(Waraana) Fir'awniifi Samuud بَلِ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ فِي تَكۡذِيبٍ ١٩Dhugumatti, isaan kafaran kijibsiisuu keessa jiru وَٱللَّهُ مِن وَرَآئِهِم مُّحِيطُۢ ٢٠Rabbiin immoo duuba isaanii irraan marsaadha بَلۡ هُوَ قُرۡءَانٌ مَّجِيدٌ ٢١Dhugumatti, inni Qur'aana guddaadha فِي لَوۡحٍ مَّحۡفُوظِۭ ٢٢Luuhii tiikfamaa keessa jira

Translation: Ghali Apapur Apaghuna.