Millat al-Islam

Chapter 77 · 50 verses · Ghali Apapur Apaghuna

Surah Al-Mursalat in Oromo

Arabic with tafsir Listen to Surah Al-Mursalat (1212 reciters)

بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

وَٱلۡمُرۡسَلَٰتِ عُرۡفًا ١(Maleykota) wal hordoftuu ta'anii ergamaniinin kakadha فَٱلۡعَٰصِفَٰتِ عَصۡفًا ٢(Bubbeewwan) humnaan bubbisuu bubbisaniinis وَٱلنَّٰشِرَٰتِ نَشۡرًا ٣(Bubbeewwan rooba) faffacaasuu facaasaniinis فَٱلۡفَٰرِقَٰتِ فَرۡقًا ٤(Keeyyatoota haqaafi dhara) adda baasuu adda baasanittis فَٱلۡمُلۡقِيَٰتِ ذِكۡرًا ٥(Malaykota) ergaa buuftotattis عُذۡرًا أَوۡ نُذۡرًا ٦Sababaa dhabamsiisuuf yookiin akeekkachiisuuf jecha (kan buusanittin kakadha) إِنَّمَا تُوعَدُونَ لَوَٰقِعٌ ٧Wanti (Qiyaamaan) isin sodaachifamtan argamaadha فَإِذَا ٱلنُّجُومُ طُمِسَتۡ ٨Yeroo urjiiwwan ifti ishee haqamte وَإِذَا ٱلسَّمَآءُ فُرِجَتۡ ٩Yeroo samiinis babbanamte وَإِذَا ٱلۡجِبَالُ نُسِفَتۡ ١٠Yeroo gaarreenis (bakka irraa) bubuqqifamte وَإِذَا ٱلرُّسُلُ أُقِّتَتۡ ١١Yeroo Ergamoonnis beellamaan walitii qabamte لِأَيِّ يَوۡمٍ أُجِّلَتۡ ١٢Guyyaa kamiif beellamaman لِيَوۡمِ ٱلۡفَصۡلِ ١٣Guyyaa addaan bahiinsaatiif (beellamaman) وَمَآ أَدۡرَىٰكَ مَا يَوۡمُ ٱلۡفَصۡلِ ١٤Guyyaan Addaan bahiinsaa maal akka ta'e maaltu si beeksise وَيۡلٌ يَوۡمَئِذٍ لِّلۡمُكَذِّبِينَ ١٥Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e أَلَمۡ نُهۡلِكِ ٱلۡأَوَّلِينَ ١٦Sila Nuti warra duraanii hin balleessinee ثُمَّ نُتۡبِعُهُمُ ٱلۡأٓخِرِينَ ١٧Ergasiis warra boodaa isaan hordofsiifna كَذَٰلِكَ نَفۡعَلُ بِٱلۡمُجۡرِمِينَ ١٨Yakkamtootas akkanuma goona وَيۡلٌ يَوۡمَئِذٍ لِّلۡمُكَذِّبِينَ ١٩Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e أَلَمۡ نَخۡلُقكُّم مِّن مَّآءٍ مَّهِينٍ ٢٠Sila Nuti bishaan dadhabaa (maniyyii) irraa isin hin uumnee فَجَعَلۡنَٰهُ فِي قَرَارٍ مَّكِينٍ ٢١Bakka mijaa'aa keessas isa goone إِلَىٰ قَدَرٍ مَّعۡلُومٍ ٢٢Hanga yeroo beekamaatti فَقَدَرۡنَا فَنِعۡمَ ٱلۡقَٰدِرُونَ ٢٣Ni shallagnes; nuti shallagdoota akkaan tole وَيۡلٌ يَوۡمَئِذٍ لِّلۡمُكَذِّبِينَ ٢٤Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e أَلَمۡ نَجۡعَلِ ٱلۡأَرۡضَ كِفَاتًا ٢٥Sila Nuti dachii kan hunda walitti qabdu hin taasifnee أَحۡيَآءً وَأَمۡوَٰتًا ٢٦Jiraafi du'aas (walitti qabdi) وَجَعَلۡنَا فِيهَا رَوَٰسِيَ شَٰمِخَٰتٍ وَأَسۡقَيۡنَٰكُم مَّآءً فُرَاتًا ٢٧Gaarreen ragga'oo dhedheeraa ishee keessatti gooneBishaan mi'aawaas isin obaafne وَيۡلٌ يَوۡمَئِذٍ لِّلۡمُكَذِّبِينَ ٢٨Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e ٱنطَلِقُوٓاْ إِلَىٰ مَا كُنتُم بِهِۦ تُكَذِّبُونَ ٢٩(Isaaniin ni jedhama): "gara waan sobsiisaa turtanii deemaa ٱنطَلِقُوٓاْ إِلَىٰ ظِلٍّ ذِي ثَلَٰثِ شُعَبٍ ٣٠Gara gaaddisa abbaa damee sadihii deemaa لَّا ظَلِيلٍ وَلَا يُغۡنِي مِنَ ٱللَّهَبِ ٣١Gaaddiseessaa miti; boba'aa ibiddaa irraas hin duroomsu إِنَّهَا تَرۡمِي بِشَرَرٍ كَٱلۡقَصۡرِ ٣٢Isheen qaanqeewwan akka gamoo darbatti كَأَنَّهُۥ جِمَٰلَتٌ صُفۡرٌ ٣٣Inni (qaanqechi) gaalota bobboora fakkaata وَيۡلٌ يَوۡمَئِذٍ لِّلۡمُكَذِّبِينَ ٣٤Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e هَٰذَا يَوۡمُ لَا يَنطِقُونَ ٣٥Kun Guyyaa isaan hin dubbanneedha وَلَا يُؤۡذَنُ لَهُمۡ فَيَعۡتَذِرُونَ ٣٦Rakkoo haa himataniif isaaniif hin eeyyamamu وَيۡلٌ يَوۡمَئِذٍ لِّلۡمُكَذِّبِينَ ٣٧Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e هَٰذَا يَوۡمُ ٱلۡفَصۡلِۖ جَمَعۡنَٰكُمۡ وَٱلۡأَوَّلِينَ ٣٨Kun guyyaa adda foo'amiinsaati; Isiniifi warra duraas walitti qabne فَإِن كَانَ لَكُمۡ كَيۡدٌ فَكِيدُونِ ٣٩Yoo tooftaa wahii qabaattan tooftaa Natti baafadhaa وَيۡلٌ يَوۡمَئِذٍ لِّلۡمُكَذِّبِينَ ٤٠Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e إِنَّ ٱلۡمُتَّقِينَ فِي ظِلَٰلٍ وَعُيُونٍ ٤١Dhugumatti, warri Rabbiin sodaatan gaaddisootaafi burqituuwwan keessa jiraatu وَفَوَٰكِهَ مِمَّا يَشۡتَهُونَ ٤٢Asheeta irraa waan fedhan (keessa taa'u) كُلُواْ وَٱشۡرَبُواْ هَنِيٓـَٔۢا بِمَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ ٤٣Sababaa waan dalagaa turtaniitiif gammachuun nyaadhaa; dhugaa" (jedhamu) إِنَّا كَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلۡمُحۡسِنِينَ ٤٤Nuti akka kanatti warra toltuu hojjatan mindeessina وَيۡلٌ يَوۡمَئِذٍ لِّلۡمُكَذِّبِينَ ٤٥Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e كُلُواْ وَتَمَتَّعُواْ قَلِيلًا إِنَّكُم مُّجۡرِمُونَ ٤٦(Addunyaa irratti) "nyaadhaa; xiqqoo qanani'aa; dhugumatti isin badii hojjattoota” (isaaniin jedhama) وَيۡلٌ يَوۡمَئِذٍ لِّلۡمُكَذِّبِينَ ٤٧Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e وَإِذَا قِيلَ لَهُمُ ٱرۡكَعُواْ لَا يَرۡكَعُونَ ٤٨Yeroo ‘salaataa’ isaaniin jedhames hin salaatanu وَيۡلٌ يَوۡمَئِذٍ لِّلۡمُكَذِّبِينَ ٤٩Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e فَبِأَيِّ حَدِيثِۭ بَعۡدَهُۥ يُؤۡمِنُونَ ٥٠Isaan ala haasawa kamitti amanu ree

Translation: Ghali Apapur Apaghuna.