بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
عَمَّ يَتَسَآءَلُونَ ١[Warri hin amanin] maal irraa wal gaafatuu عَنِ ٱلنَّبَإِ ٱلۡعَظِيمِ ٢Oduu guddaa irraa [wal gaafatu] ٱلَّذِي هُمۡ فِيهِ مُخۡتَلِفُونَ ٣Isa isaan isa keessatti wal dhaban [irraayi] كـَلَّا سَيَعۡلَمُونَ ٤Haa dhowwamanu! fuula dura beekuuf jiru ثُمَّ كـَلَّا سَيَعۡلَمُونَ ٥Ammas haa dhowwamanu! fuula dura beekuuf jiru أَلَمۡ نَجۡعَلِ ٱلۡأَرۡضَ مِهَٰدًا ٦Sila Nuti dachii firaasha hin goonee وَٱلۡجِبَالَ أَوۡتَادًا ٧Gaarreenis shikaala [hin goonee] وَخَلَقۡنَٰكُمۡ أَزۡوَٰجًا ٨Cimdiis goonee isin uumne وَجَعَلۡنَا نَوۡمَكُمۡ سُبَاتًا ٩Hirriba keessan boqonnaa goone وَجَعَلۡنَا ٱلَّيۡلَ لِبَاسًا ١٠Halkan uffata goone وَجَعَلۡنَا ٱلنَّهَارَ مَعَاشًا ١١Guyyaas yeroo jireenyaa (keessa hojjatan) goone وَبَنَيۡنَا فَوۡقَكُمۡ سَبۡعًا شِدَادًا ١٢Gubbaa keessanittis [samii] jajjaboo torba ijaarre وَجَعَلۡنَا سِرَاجًا وَهَّاجًا ١٣Ifaa boba'aas uumne وَأَنزَلۡنَا مِنَ ٱلۡمُعۡصِرَٰتِ مَآءً ثَجَّاجًا ١٤Duumessa irraas bishaan dhangala'aa baay'ee buufne لِّنُخۡرِجَ بِهِۦ حَبًّا وَنَبَاتًا ١٥Isaan fuduraafi marga baasuuf jecha [buufne] وَجَنَّٰتٍ أَلۡفَافًا ١٦Ashaakiltii damee wal keessa seensifattes إِنَّ يَوۡمَ ٱلۡفَصۡلِ كَانَ مِيقَٰتًا ١٧Dhugumatti, guyyaan fooyamaa yeroo beellamamaa ta'e يَوۡمَ يُنفَخُ فِي ٱلصُّورِ فَتَأۡتُونَ أَفۡوَاجًا ١٨[Guyyaan sun] guyyaa Garriin (xurumbaan) afuufamee isinis garee gareen dhuftanuudha وَفُتِحَتِ ٱلسَّمَآءُ فَكَانَتۡ أَبۡوَٰبًا ١٩[Guyyaa] samiinillee banamtee hulaalee taatuudha وَسُيِّرَتِ ٱلۡجِبَالُ فَكَانَتۡ سَرَابًا ٢٠Gaarreenis deemsifamtee siribii (siribduu) taate إِنَّ جَهَنَّمَ كَانَتۡ مِرۡصَادًا ٢١Dhugumatti jahannam waldaa taateetti لِّلطَّٰغِينَ مَـَٔابًا ٢٢Warra daangaa dabraniif iddoo deebiiti لَّٰبِثِينَ فِيهَآ أَحۡقَابًا ٢٣Yeroo dheeraaf ishee keessa turu لَّا يَذُوقُونَ فِيهَا بَرۡدًا وَلَا شَرَابًا ٢٤Ishee keessatti qabbanas ta'ee dhugaatii hin dhandhamanu إِلَّا حَمِيمًا وَغَسَّاقًا ٢٥Bishaan akkaan danfaafi malaa malee [dhugaatii biraa hin argatanu] جَزَآءً وِفَاقًا ٢٦Mindaa wal madaalu [mindeeffaman] إِنَّهُمۡ كَانُواْ لَا يَرۡجُونَ حِسَابًا ٢٧Isaan qormaata hin sodaatanu turan وَكَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَا كِذَّابًا ٢٨Keeyyattoota keenyas kijibsiisuu kijibsiisan وَكُلَّ شَيۡءٍ أَحۡصَيۡنَٰهُ كِتَٰبًا ٢٩Wanta cufaayyuu haala barreeffameen walitti qabne فَذُوقُواْ فَلَن نَّزِيدَكُمۡ إِلَّا عَذَابًا ٣٠“Dhandhamaa; azaaba malees isiniif hin daballu” [isaaniin jedhama] إِنَّ لِلۡمُتَّقِينَ مَفَازًا ٣١Dhugumatti, warra Rabbiin sodaataniif milkiitu jira حَدَآئِقَ وَأَعۡنَٰبًا ٣٢Ashaakiltiifi inabatu [jira] وَكَوَاعِبَ أَتۡرَابًا ٣٣Dubartoota harma guntuttuu hiriyaa ta'antu [jiru] وَكَأۡسًا دِهَاقًا ٣٤Geeba (xoofoo) guutamtuu لَّا يَسۡمَعُونَ فِيهَا لَغۡوًا وَلَا كِذَّٰبًا ٣٥Achi keessatti dubbii badaafi wal kijibsiisuu hin dhaga'anu جَزَآءً مِّن رَّبِّكَ عَطَآءً حِسَابًا ٣٦Mindaa Gooftaa kee irraa ta’e kennaa ga’aa [mindeeffaman] رَّبِّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَا ٱلرَّحۡمَٰنِۖ لَا يَمۡلِكُونَ مِنۡهُ خِطَابًا ٣٧Gooftaa samii, dachiifi waan gidduu isaanii jiru, mararfataa kan ta'e [irraa mindeeffaman]Isaa wajjin dubbachuu hin danda'anu يَوۡمَ يَقُومُ ٱلرُّوحُ وَٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ صَفًّاۖ لَّا يَتَكَلَّمُونَ إِلَّا مَنۡ أَذِنَ لَهُ ٱلرَّحۡمَٰنُ وَقَالَ صَوَابًا ٣٨Guyyaa Jibriiliifi Maleykonni haala hiriiraniin dhaabbatan nama Rabbiin eeyyameefi dhugaa dubbate malee hin haasawanu ذَٰلِكَ ٱلۡيَوۡمُ ٱلۡحَقُّۖ فَمَن شَآءَ ٱتَّخَذَ إِلَىٰ رَبِّهِۦ مَـَٔابًا ٣٩Sun guyyaa [dhufaatiin isaa] haqaatiNamni fedhe [hojii gaarii hojjachuun] gara Gooftaa isaatti deebii tolfata إِنَّآ أَنذَرۡنَٰكُمۡ عَذَابًا قَرِيبًا يَوۡمَ يَنظُرُ ٱلۡمَرۡءُ مَا قَدَّمَتۡ يَدَاهُ وَيَقُولُ ٱلۡكَافِرُ يَٰلَيۡتَنِي كُنتُ تُرَٰبَۢا ٤٠Nuti adabbii dhihoo kan guyyaa namni waan harki lamaan isaa dabarfatte arguufi kaafirris "yaa hawwii kiyya! odoon biyyee ta’ee maal qaba" jedhu san isin sodaachifneerra