بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
هَلۡ أَتَىٰكَ حَدِيثُ ٱلۡغَٰشِيَةِ ١Sila oduun haguugduu[] (Qiyaamaa) sitti dhufeeraa وُجُوهٌ يَوۡمَئِذٍ خَٰشِعَةٌ ٢Fuulli gariin guyyaa san xiqqaattuudha عَامِلَةٌ نَّاصِبَةٌ ٣Hojjattuu ifaajjuudha تَصۡلَىٰ نَارًا حَامِيَةً ٤Ibidda gubduu seenti تُسۡقَىٰ مِنۡ عَيۡنٍ ءَانِيَةٍ ٥Burqituu danfituu irraa obaafamti لَّيۡسَ لَهُمۡ طَعَامٌ إِلَّا مِن ضَرِيعٍ ٦Adaamii malee nyaanni isaaniif hin jiru لَّا يُسۡمِنُ وَلَا يُغۡنِي مِن جُوعٍ ٧Hin gabbisu; beela irraas hin duroomsu وُجُوهٌ يَوۡمَئِذٍ نَّاعِمَةٌ ٨Fuulli gariin guyyaa san qananiituudha لِّسَعۡيِهَا رَاضِيَةٌ ٩Dalagaa ishee jaalattuudha فِي جَنَّةٍ عَالِيَةٍ ١٠Jannata ol fuudhamtuu keessa jiraatti لَّا تَسۡمَعُ فِيهَا لَٰغِيَةً ١١Ishee keessatti waca hin dhaga'anu فِيهَا عَيۡنٌ جَارِيَةٌ ١٢Ishee keessa burqituu yaatutu jirti فِيهَا سُرُرٌ مَّرۡفُوعَةٌ ١٣Ishee keessa sireewwan ol fuudhamtuutu jirti وَأَكۡوَابٌ مَّوۡضُوعَةٌ ١٤Kubbaayyaawwan kaa’amtuutu jirti وَنَمَارِقُ مَصۡفُوفَةٌ ١٥Boraatiiwwan tarree galfamantu (isaaniif jira) وَزَرَابِيُّ مَبۡثُوثَةٌ ١٦Afaawwan diriirfamanis (isaaniif jirti) أَفَلَا يَنظُرُونَ إِلَى ٱلۡإِبِلِ كَيۡفَ خُلِقَتۡ ١٧Sila gara gaalaa akkamitti akka uumamte hin ilaalanuu وَإِلَى ٱلسَّمَآءِ كَيۡفَ رُفِعَتۡ ١٨Gara samii akkamitti akka ol fuudhamte (hin ilaalanuu) وَإِلَى ٱلۡجِبَالِ كَيۡفَ نُصِبَتۡ ١٩Gara gaarreenis akkamitti akka dhaabamte (hin ilaalanuu) وَإِلَى ٱلۡأَرۡضِ كَيۡفَ سُطِحَتۡ ٢٠Gara dachiis akkamitti akka diriirfamte (hin ilaalanuu) فَذَكِّرۡ إِنَّمَآ أَنتَ مُذَكِّرٌ ٢١Yaadachiisi; ati yaadachiisaa qofa لَّسۡتَ عَلَيۡهِم بِمُصَيۡطِرٍ ٢٢Isaan irratti dirqisiisaa hin taane إِلَّا مَن تَوَلَّىٰ وَكَفَرَ ٢٣Garuu nama gara galee kafare فَيُعَذِّبُهُ ٱللَّهُ ٱلۡعَذَابَ ٱلۡأَكۡبَرَ ٢٤Rabbiin adabbii guddaa isa adaba إِنَّ إِلَيۡنَآ إِيَابَهُمۡ ٢٥Deebiin isaanii garuma Keenya ثُمَّ إِنَّ عَلَيۡنَا حِسَابَهُم ٢٦Ergasii qormaanni isaanii Nurra jira