ملة الإسلام

السورة 18 · 110 آية · Ghali Apapur Apaghuna

سورة الكهف باللغة الأورومية

السورة بالعربية مع التفسير استمع إلى سورة الكهف (1,425 قارئاً)
مكيةسورة الكهف١١٠ آية

بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ ٱلَّذِيٓ أَنزَلَ عَلَىٰ عَبۡدِهِ ٱلۡكِتَٰبَ وَلَمۡ يَجۡعَل لَّهُۥ عِوَجَاۜ ١Faaruun hundi kan Rabbii gabricha Isaa irratti kitaaba buusee isa keessattis daba hin godhiniiti قَيِّمًا لِّيُنذِرَ بَأۡسًا شَدِيدًا مِّن لَّدُنۡهُ وَيُبَشِّرَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ ٱلَّذِينَ يَعۡمَلُونَ ٱلصَّٰلِحَٰتِ أَنَّ لَهُمۡ أَجۡرًا حَسَنًا ٢Qajeelaa (godhee) akka adabbii cimaa Isa biraa ta’e ittiin sodaachisee, mu’uminoota gaggaarii hojjatan ‘mindaan bareedaan isaaniif jiraachuudhaan’ gammachiisuuf (buuse) مَّٰكِثِينَ فِيهِ أَبَدًا ٣Isa keessa yeroo hunda jiraatoodha وَيُنذِرَ ٱلَّذِينَ قَالُواْ ٱتَّخَذَ ٱللَّهُ وَلَدًا ٤Isaan “Rabbiin ilma qaba” jedhanis sodaachisuuf (isa buuse) مَّا لَهُم بِهِۦ مِنۡ عِلۡمٍ وَلَا لِأٓبَآئِهِمۡۚ كَبُرَتۡ كَلِمَةً تَخۡرُجُ مِنۡ أَفۡوَٰهِهِمۡۚ إِن يَقُولُونَ إِلَّا كَذِبًا ٥Isaaniifi abbootii isaaniitiifis isa irratti beekumsi[] hin jiruJechi afaan isaanii irraa baatu waa guddatte! Soba malee homaa hin haasa’anu فَلَعَلَّكَ بَٰخِعٌ نَّفۡسَكَ عَلَىٰٓ ءَاثَٰرِهِمۡ إِن لَّمۡ يُؤۡمِنُواْ بِهَٰذَا ٱلۡحَدِيثِ أَسَفًا ٦Yoo isaan haasa’a kanatti amanuu baatan gaddaan faana isaanii irratti lubbuu kee balleessuutu siif sodaatama إِنَّا جَعَلۡنَا مَا عَلَى ٱلۡأَرۡضِ زِينَةً لَّهَا لِنَبۡلُوَهُمۡ أَيُّهُمۡ أَحۡسَنُ عَمَلًا ٧Dhugumatti, Nuti isaan irraa eenyu akka irra tolchee hojjatu mul’isuuf waan dachii irra jiru (hunda) isheef miidhagina taasifne وَإِنَّا لَجَٰعِلُونَ مَا عَلَيۡهَا صَعِيدًا جُرُزًا ٨Dhugumatti, Nuti wantoota ishee (dachii) irra jiran hunda dirree duwwaa biqilaa hin qabne taasisoodha أَمۡ حَسِبۡتَ أَنَّ أَصۡحَٰبَ ٱلۡكَهۡفِ وَٱلرَّقِيمِ كَانُواْ مِنۡ ءَايَٰتِنَا عَجَبًا ٩Sila (seenaan) warra holqaafi gabatee mallattoolee keenya irraa dinqisiisaa ta’uu yaaddee إِذۡ أَوَى ٱلۡفِتۡيَةُ إِلَى ٱلۡكَهۡفِ فَقَالُواْ رَبَّنَآ ءَاتِنَا مِن لَّدُنكَ رَحۡمَةً وَهَيِّئۡ لَنَا مِنۡ أَمۡرِنَا رَشَدًا ١٠Yeroo dargaggoonni gara holqaa galanii “(yaa) Gooftaa keenya! Si biraa rahmata nuuf kenni; dhimma keenya irraas karaa qajeelaa nuuf mijeessi” jedhan (waan ta’e yaadadhu) فَضَرَبۡنَا عَلَىٰٓ ءَاذَانِهِمۡ فِي ٱلۡكَهۡفِ سِنِينَ عَدَدًا ١١Holqa keessattis waggoota lakkaa’amaniif dhageettii isaanii irratti (hirriba) darbine ثُمَّ بَعَثۡنَٰهُمۡ لِنَعۡلَمَ أَيُّ ٱلۡحِزۡبَيۡنِ أَحۡصَىٰ لِمَا لَبِثُوٓاْ أَمَدًا ١٢Ergasii Nuti ‘kamii gareewwan lamaaniitu dheerina yeroo turanii irra hubataa beekuuf jecha’ isaan dammaqsine نَّحۡنُ نَقُصُّ عَلَيۡكَ نَبَأَهُم بِٱلۡحَقِّۚ إِنَّهُمۡ فِتۡيَةٌ ءَامَنُواْ بِرَبِّهِمۡ وَزِدۡنَٰهُمۡ هُدًى ١٣Nuti oduu isaanii dhugaan siif odeessinaDhugumatti, isaan dargaggoota Gooftaa isaaniitti amananii, qajeeluma isaaniif daballeedha وَرَبَطۡنَا عَلَىٰ قُلُوبِهِمۡ إِذۡ قَامُواْ فَقَالُواْ رَبُّنَا رَبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ لَن نَّدۡعُوَاْ مِن دُونِهِۦٓ إِلَٰهًاۖ لَّقَدۡ قُلۡنَآ إِذًا شَطَطًا ١٤Ammas Nuti yeroo isaan dhaabbatanii “Gooftaan keenya Gooftaa samiifi dachiitiNuti Isa malee gabbaramaa biraa hin waammannuDhugumatti, (yoo kana raawwanne), haasa’a (kufrii keessa) daangaa dabre dubbanne jirra” jedhan onnee isaanii irratti (iimaana) jabeessinee jirra هَٰٓؤُلَآءِ قَوۡمُنَا ٱتَّخَذُواْ مِن دُونِهِۦٓ ءَالِهَةًۖ لَّوۡلَا يَأۡتُونَ عَلَيۡهِم بِسُلۡطَٰنِۭ بَيِّنٍۖ فَمَنۡ أَظۡلَمُ مِمَّنِ ٱفۡتَرَىٰ عَلَى ٱللَّهِ كَذِبًا ١٥“Ummanni keenya kun Isaa gaditti gabbaramoota biraa taasifataniiruMaaliif ragaa ifa ta’e isaan irratti hin fidatanu? Nama Rabbi irratti soba uume caalaa namni miidhaa hojjate eenyu وَإِذِ ٱعۡتَزَلۡتُمُوهُمۡ وَمَا يَعۡبُدُونَ إِلَّا ٱللَّهَ فَأۡوُۥٓاْ إِلَى ٱلۡكَهۡفِ يَنشُرۡ لَكُمۡ رَبُّكُم مِّن رَّحۡمَتِهِۦ وَيُهَيِّئۡ لَكُم مِّنۡ أَمۡرِكُم مِّرۡفَقًا ١٦(Dargaggoonnis ni jedhan): “Yeroo isaaniifi wantoota isaan Rabbiin ala gabbaran irraa fagaattan, gara holqaa galaaGooftaan keessan rahmata Isaa irraa isiniif bal’iseeti dhimma keessan irraas laafina isiiniif qopheessa.” ۞ وَتَرَى ٱلشَّمۡسَ إِذَا طَلَعَت تَّزَٰوَرُ عَن كَهۡفِهِمۡ ذَاتَ ٱلۡيَمِينِ وَإِذَا غَرَبَت تَّقۡرِضُهُمۡ ذَاتَ ٱلشِّمَالِ وَهُمۡ فِي فَجۡوَةٍ مِّنۡهُۚ ذَٰلِكَ مِنۡ ءَايَٰتِ ٱللَّهِۗ مَن يَهۡدِ ٱللَّهُ فَهُوَ ٱلۡمُهۡتَدِۖ وَمَن يُضۡلِلۡ فَلَن تَجِدَ لَهُۥ وَلِيًّا مُّرۡشِدًا ١٧Aduus yeroo baatu holqa isaanii irraa kan gara mirgaatti dabdu argitaYeroo dhiitus, haala isaan bal’ina isa (goda) irraa ta’e keessa jiraniin gara bitaatti isaan dhiiftiKun mallattoolee Rabbii irraayiNamni Rabbiin (isa) qajeelche, isatu qajeelaadhaNamni Inni jallise immoo gargaaraa isa qajeelchu isaaf hin argitu وَتَحۡسَبُهُمۡ أَيۡقَاظًا وَهُمۡ رُقُودٌۚ وَنُقَلِّبُهُمۡ ذَاتَ ٱلۡيَمِينِ وَذَاتَ ٱلشِّمَالِۖ وَكَلۡبُهُم بَٰسِطٌ ذِرَاعَيۡهِ بِٱلۡوَصِيدِۚ لَوِ ٱطَّلَعۡتَ عَلَيۡهِمۡ لَوَلَّيۡتَ مِنۡهُمۡ فِرَارًا وَلَمُلِئۡتَ مِنۡهُمۡ رُعۡبًا ١٨Kanuma isaan rafaa jiranu dammaqoo isaan seetaMirgaafi bitaatti isaan garagaggalchinaSareen isaaniis dhundhumma isaa lamaan moggaa (holqaatti) diriirsaadhaOdoo isaan argitee dhugumatti, silaa baqannaan isaan irraa garagalta; isaan irraas sodaa guutamta turte وَكَذَٰلِكَ بَعَثۡنَٰهُمۡ لِيَتَسَآءَلُواْ بَيۡنَهُمۡۚ قَالَ قَآئِلٌ مِّنۡهُمۡ كَمۡ لَبِثۡتُمۡۖ قَالُواْ لَبِثۡنَا يَوۡمًا أَوۡ بَعۡضَ يَوۡمٍۚ قَالُواْ رَبُّكُمۡ أَعۡلَمُ بِمَا لَبِثۡتُمۡ فَٱبۡعَثُوٓاْ أَحَدَكُم بِوَرِقِكُمۡ هَٰذِهِۦٓ إِلَى ٱلۡمَدِينَةِ فَلۡيَنظُرۡ أَيُّهَآ أَزۡكَىٰ طَعَامًا فَلۡيَأۡتِكُم بِرِزۡقٍ مِّنۡهُ وَلۡيَتَلَطَّفۡ وَلَا يُشۡعِرَنَّ بِكُمۡ أَحَدًا ١٩Akkuma san, akka gidduu isaanitti wal gaafataniif jecha isaan dammaqsineJedhaan isaan irraa ta’e tokko “Yeroo hangam (as) turtan?” jedhe“Guyyaa tokko yookiin garii guyyaa turre” jedhanNi jedhan: “Yeroo hangam akka (as) turtan Gooftaa keessan (qofatu) akkaan beekaTokkoo keessan maallaqa keessan kanaan gara magaalaa ergaaNyaanni gaariin kam akka ta’e ilaalee, isa irraa soorata isiniif haa fiduHaa dhokatus; waa’ee keessanis nama tokkos akka hin beeksifne إِنَّهُمۡ إِن يَظۡهَرُواْ عَلَيۡكُمۡ يَرۡجُمُوكُمۡ أَوۡ يُعِيدُوكُمۡ فِي مِلَّتِهِمۡ وَلَن تُفۡلِحُوٓاْ إِذًا أَبَدًا ٢٠Isaan yoo isin argan, dhagaan tumanii isin ajjeesu yookiin amantii isaaniitti isin deebisuYoo san ammoo gonkumaa hin milkooftan.” وَكَذَٰلِكَ أَعۡثَرۡنَا عَلَيۡهِمۡ لِيَعۡلَمُوٓاْ أَنَّ وَعۡدَ ٱللَّهِ حَقٌّ وَأَنَّ ٱلسَّاعَةَ لَا رَيۡبَ فِيهَآ إِذۡ يَتَنَٰزَعُونَ بَيۡنَهُمۡ أَمۡرَهُمۡۖ فَقَالُواْ ٱبۡنُواْ عَلَيۡهِم بُنۡيَٰنًاۖ رَّبُّهُمۡ أَعۡلَمُ بِهِمۡۚ قَالَ ٱلَّذِينَ غَلَبُواْ عَلَىٰٓ أَمۡرِهِمۡ لَنَتَّخِذَنَّ عَلَيۡهِم مَّسۡجِدًا ٢١Akka kanatti akka isaan beellamni Rabbii dhugaa ta’uu beekaniifi Qiyaamaas shakkiin ishee keessa jiraachuu dhabuu akka beekaniif, yeroo isaan gidduu isaaniitti waa’ee warra holqaa keessatti wal dhaban, isaan irratti mul’ifneNi jedhan: “Gooftaa isaaniitu akkaan isaan beekaa, ijaarsa isaan irratti ijaaraa.” Warri dhimma isaanii irratti injifatan immoo “Nuti dhugumatti, masjida isaan irratti godhanna” jedhan سَيَقُولُونَ ثَلَٰثَةٌ رَّابِعُهُمۡ كَلۡبُهُمۡ وَيَقُولُونَ خَمۡسَةٌ سَادِسُهُمۡ كَلۡبُهُمۡ رَجۡمَۢا بِٱلۡغَيۡبِۖ وَيَقُولُونَ سَبۡعَةٌ وَثَامِنُهُمۡ كَلۡبُهُمۡۚ قُل رَّبِّيٓ أَعۡلَمُ بِعِدَّتِهِم مَّا يَعۡلَمُهُمۡ إِلَّا قَلِيلٌۗ فَلَا تُمَارِ فِيهِمۡ إِلَّا مِرَآءً ظَٰهِرًا وَلَا تَسۡتَفۡتِ فِيهِم مِّنۡهُمۡ أَحَدًا ٢٢(Waan hin argin shaallaguudhaan) “Isaan yoo sadi ta’an, afraffaan isaanii saree isaaniiti” jechuuf jiru“Isaan shan yoo ta’an jahaffaan isaanii saree isaaniiti” jedhus“Isaan torba yoo ta’an saddeettaffaan isaaniis saree isaaniti” jedhu(Yaa Muhammad!): “Lakkoofsa isaanii Gooftaa kiyyatu akkaan beeka, namoota muraasa malee isaan hin beeku” jedhiKanaafuu mormii ifa ta’e malee, waa’ee isaanii keessatti hin falminWaa’ee isaanii keessattis isaan irraa nama tokkos hin gaafatin وَلَا تَقُولَنَّ لِشَاْيۡءٍ إِنِّي فَاعِلٌ ذَٰلِكَ غَدًا ٢٣Waan tokkos “Ani waan san boru hojjataadha” hin jedhin إِلَّآ أَن يَشَآءَ ٱللَّهُۚ وَٱذۡكُر رَّبَّكَ إِذَا نَسِيتَ وَقُلۡ عَسَىٰٓ أَن يَهۡدِيَنِ رَبِّي لِأَقۡرَبَ مِنۡ هَٰذَا رَشَدًا ٢٤“Yoo Rabbiin fedhe” (jettu) maleeyeroo dagattes Gooftaa kee yaadadhu“Gooftaan kiyya gara karaa isa kana irra qajeelumatti dhihoo ta’ee na qajeelchuun ni kajeelama” jedhi وَلَبِثُواْ فِي كَهۡفِهِمۡ ثَلَٰثَ مِاْئَةٍ سِنِينَ وَٱزۡدَادُواْ تِسۡعًا ٢٥Isaanis holqa isaanii keessa waggoota dhibba sadi turanii sagalis dabalatan قُلِ ٱللَّهُ أَعۡلَمُ بِمَا لَبِثُواْۖ لَهُۥ غَيۡبُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ أَبۡصِرۡ بِهِۦ وَأَسۡمِعۡۚ مَا لَهُم مِّن دُونِهِۦ مِن وَلِيٍّ وَلَا يُشۡرِكُ فِي حُكۡمِهِۦٓ أَحَدًا ٢٦“Hanga isaan turan Rabbumatu akkaan beekaa(Beekumsi) fagoo kan samiifi dachii Isumaafi” jedhiAkkam arga! Akkam dhaga’as! Isaaniif Isa malee gargaaraan hin jiruMurtii Isaa keessattis tokkollee hin hirmaachisu وَٱتۡلُ مَآ أُوحِيَ إِلَيۡكَ مِن كِتَابِ رَبِّكَۖ لَا مُبَدِّلَ لِكَلِمَٰتِهِۦ وَلَن تَجِدَ مِن دُونِهِۦ مُلۡتَحَدًا ٢٧Waan kitaaba Gooftaa keetii (Qur’aana) irraa gara keetti beeksisa godhame dubbisiJechoota Isaa jijjiiraan hin jiruIsa malee iddoo itti dabdus hin argattu وَٱصۡبِرۡ نَفۡسَكَ مَعَ ٱلَّذِينَ يَدۡعُونَ رَبَّهُم بِٱلۡغَدَوٰةِ وَٱلۡعَشِيِّ يُرِيدُونَ وَجۡهَهُۥۖ وَلَا تَعۡدُ عَيۡنَاكَ عَنۡهُمۡ تُرِيدُ زِينَةَ ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَاۖ وَلَا تُطِعۡ مَنۡ أَغۡفَلۡنَا قَلۡبَهُۥ عَن ذِكۡرِنَا وَٱتَّبَعَ هَوَىٰهُ وَكَانَ أَمۡرُهُۥ فُرُطًا ٢٨Lubbuu keetis isaan Fuula Isaa fedhanii Gooftaa isaanii ganamaafi galgala waammatanii wajjiin hidhiMiidhagina jireenya addunyaa feetee ija kee lamaan isaan irra hin qaarsinNama onnee isaa yaadannoo keenya irraa cufne, kan fedha lubbuu isaa hordofuufi dhimmi isaa daangaa darbaa ta’eef hin ajajamin وَقُلِ ٱلۡحَقُّ مِن رَّبِّكُمۡۖ فَمَن شَآءَ فَلۡيُؤۡمِن وَمَن شَآءَ فَلۡيَكۡفُرۡۚ إِنَّآ أَعۡتَدۡنَا لِلظَّٰلِمِينَ نَارًا أَحَاطَ بِهِمۡ سُرَادِقُهَاۚ وَإِن يَسۡتَغِيثُواْ يُغَاثُواْ بِمَآءٍ كَٱلۡمُهۡلِ يَشۡوِي ٱلۡوُجُوهَۚ بِئۡسَ ٱلشَّرَابُ وَسَآءَتۡ مُرۡتَفَقًا ٢٩Jedhis: “Dhugaan Gooftaa keessan irraayiNamni fedhe haa amanu; namni fedhes haa kafaruDhugumatti, Nuti miidhaa hojjattootaaf ibidda dallaan ishee isaanitti marse qopheessinee jirraYoo birmachiifatanis bishaan akka rajaa (siicoo) danfeetti fuula quncisutu isaaniif kennamaDhugaatichis akkaan fokkate! Hirkannaanis akkaan fokkate إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ إِنَّا لَا نُضِيعُ أَجۡرَ مَنۡ أَحۡسَنَ عَمَلًا ٣٠Dhugumatti isaan amananii, gaggaarii hojjatan, Nuti mindaa nama dalagaa tolchee hin balleessinu أُوْلَٰٓئِكَ لَهُمۡ جَنَّٰتُ عَدۡنٍ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهِمُ ٱلۡأَنۡهَٰرُ يُحَلَّوۡنَ فِيهَا مِنۡ أَسَاوِرَ مِن ذَهَبٍ وَيَلۡبَسُونَ ثِيَابًا خُضۡرًا مِّن سُندُسٍ وَإِسۡتَبۡرَقٍ مُّتَّكِـِٔينَ فِيهَا عَلَى ٱلۡأَرَآئِكِۚ نِعۡمَ ٱلثَّوَابُ وَحَسُنَتۡ مُرۡتَفَقًا ٣١Warra san isaaniif jannata qubsumaa kan laggeen isaan jala yaatuutu jiraAchi keessatti isaan gumeewwan warqee irraa ta’een miidhagfamuUffata magariisa hariira haphiifi furdaa irraa hojjatamanis uffatuIshee keessatti sireewwan irratti hirkatanii taa’uMindaan waa tole! Hirkannaanis waa bareedde ۞ وَٱضۡرِبۡ لَهُم مَّثَلًا رَّجُلَيۡنِ جَعَلۡنَا لِأَحَدِهِمَا جَنَّتَيۡنِ مِنۡ أَعۡنَٰبٍ وَحَفَفۡنَٰهُمَا بِنَخۡلٍ وَجَعَلۡنَا بَيۡنَهُمَا زَرۡعًا ٣٢Dhiira lama kan tokkoo isaaniittiif oyruu lama kan inaba irraa ta’an taasifnee, isaan lamaanuu muka timiraatiin marsinee, gidduu isaaniittis midhaan (facaafamu) taasifne fakkeenya isaaniif godhi كِلۡتَا ٱلۡجَنَّتَيۡنِ ءَاتَتۡ أُكُلَهَا وَلَمۡ تَظۡلِم مِّنۡهُ شَيۡـًٔاۚ وَفَجَّرۡنَا خِلَٰلَهُمَا نَهَرًا ٣٣Oyruun lamaanuu firii isaanii odoo homaa hin hirdhisin kennite; gidduu isaaniitii laga maddisiifne (san fakkeenya godhiif) وَكَانَ لَهُۥ ثَمَرٌ فَقَالَ لِصَٰحِبِهِۦ وَهُوَ يُحَاوِرُهُۥٓ أَنَا۠ أَكۡثَرُ مِنكَ مَالًا وَأَعَزُّ نَفَرًا ٣٤Isaaf midhaan godhatee hiriyaa isaatiin odoo itti haasa’uu “Anatu qabeenyaan si caala; gosaanis sirra jabaadha” jedheen وَدَخَلَ جَنَّتَهُۥ وَهُوَ ظَالِمٌ لِّنَفۡسِهِۦ قَالَ مَآ أَظُنُّ أَن تَبِيدَ هَٰذِهِۦٓ أَبَدًا ٣٥Haala lubbuu isaa miidhaa ta’een oyruu isaa seenee ni jedhe: “Isiin kun gonkumaa ni baddii hin yaadu وَمَآ أَظُنُّ ٱلسَّاعَةَ قَآئِمَةً وَلَئِن رُّدِدتُّ إِلَىٰ رَبِّي لَأَجِدَنَّ خَيۡرًا مِّنۡهَا مُنقَلَبًا ٣٦Qiyaamaanis ni dhaabbattii hin yaaduDhugumatti, yoon gara Gooftaa kiyyaa deebifameef, iddoo deebii kan isa caaluun argadha.” قَالَ لَهُۥ صَاحِبُهُۥ وَهُوَ يُحَاوِرُهُۥٓ أَكَفَرۡتَ بِٱلَّذِي خَلَقَكَ مِن تُرَابٍ ثُمَّ مِن نُّطۡفَةٍ ثُمَّ سَوَّىٰكَ رَجُلًا ٣٧Hiriyyaan isaas kan isaan haasa’u ta’ee ni jedhe: “Sila ati Isa biyyee irraa, ergasii bishaan saalaa irraa si uumee, ergasii nama guutuu si godhetti kafartee لَّٰكِنَّا۠ هُوَ ٱللَّهُ رَبِّي وَلَآ أُشۡرِكُ بِرَبِّيٓ أَحَدًا ٣٨Ani garuu Inni, Allaah’n Gooftaa kiyya; ani Gooftaa kiyyatti tokkollee hin dabalu وَلَوۡلَآ إِذۡ دَخَلۡتَ جَنَّتَكَ قُلۡتَ مَا شَآءَ ٱللَّهُ لَا قُوَّةَ إِلَّا بِٱللَّهِۚ إِن تَرَنِ أَنَا۠ أَقَلَّ مِنكَ مَالًا وَوَلَدًا ٣٩Yeroo oyruu kee seentu “waan Rabbiin fedhetu (ta’a); Rabbiin malee humni (naaf) hin jiru” maaliif jechuu dhiifte! Yoo ana horiifi ilmaaniiniis sirra xiqqaa ta’uu na agartes فَعَسَىٰ رَبِّيٓ أَن يُؤۡتِيَنِ خَيۡرًا مِّن جَنَّتِكَ وَيُرۡسِلَ عَلَيۡهَا حُسۡبَانًا مِّنَ ٱلسَّمَآءِ فَتُصۡبِحَ صَعِيدًا زَلَقًا ٤٠Gooftaan kiyya waan oyruu kee irra caalu naaf kennee, ishee (kee) irratti immoo samii irraa adabbii buusee, dirree duwwaa ta’uun ishee ni mala أَوۡ يُصۡبِحَ مَآؤُهَا غَوۡرًا فَلَن تَسۡتَطِيعَ لَهُۥ طَلَبًا ٤١Yookiin bishaan ishee gadi lixaa taanaan ati isa barbaaduu dadhabuun (ni mala).” وَأُحِيطَ بِثَمَرِهِۦ فَأَصۡبَحَ يُقَلِّبُ كَفَّيۡهِ عَلَىٰ مَآ أَنفَقَ فِيهَا وَهِيَ خَاوِيَةٌ عَلَىٰ عُرُوشِهَا وَيَقُولُ يَٰلَيۡتَنِي لَمۡ أُشۡرِكۡ بِرَبِّيٓ أَحَدًا ٤٢Midhaan isaattis ni marfame (ni bade)Innis odoo isheen mogolee (jirma) ishee irratti kukkuftee jirtuu, ganaa (shanacha) isaa lamaan gara gaggalchaa “yaa gaabbii koo! Odoon Gooftaa kiyyatti waa tokko dabaluu baadhee” jechuutti seene وَلَمۡ تَكُن لَّهُۥ فِئَةٌ يَنصُرُونَهُۥ مِن دُونِ ٱللَّهِ وَمَا كَانَ مُنتَصِرًا ٤٣Gareen Rabbii gaditti isa tumsitus isaaf hin jirtuInnis tumsamaa hin taane هُنَالِكَ ٱلۡوَلَٰيَةُ لِلَّهِ ٱلۡحَقِّۚ هُوَ خَيۡرٌ ثَوَابًا وَخَيۡرٌ عُقۡبًا ٤٤Achittiis (Qiyaamaas) mootummaan kan Rabbii haqa ta’eetiInni mindeessuutti Isumatu caala; boodattis Isumatu caalaadha وَٱضۡرِبۡ لَهُم مَّثَلَ ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا كَمَآءٍ أَنزَلۡنَٰهُ مِنَ ٱلسَّمَآءِ فَٱخۡتَلَطَ بِهِۦ نَبَاتُ ٱلۡأَرۡضِ فَأَصۡبَحَ هَشِيمًا تَذۡرُوهُ ٱلرِّيَٰحُۗ وَكَانَ ٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٍ مُّقۡتَدِرًا ٤٥Fakkeenya jiruu addunyaa akka bishaan samii irraa buufnee, biqiltuuwwan dachii isatti makamanii, goggogaa caccabaa bubbeen isa faffacaaftu ta’een godhiifiRabbiin waan hunda irratti danda’aa ta’eera ٱلۡمَالُ وَٱلۡبَنُونَ زِينَةُ ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَاۖ وَٱلۡبَٰقِيَٰتُ ٱلصَّٰلِحَٰتُ خَيۡرٌ عِندَ رَبِّكَ ثَوَابًا وَخَيۡرٌ أَمَلًا ٤٦Qabeenyiifi ilmaan faaya jirreenya addunyaatiGaggaarii haftuu taatetu Gooftaa kee biratti mindaadhaan irra caala; gama abdiittis irra caalaadha وَيَوۡمَ نُسَيِّرُ ٱلۡجِبَالَ وَتَرَى ٱلۡأَرۡضَ بَارِزَةً وَحَشَرۡنَٰهُمۡ فَلَمۡ نُغَادِرۡ مِنۡهُمۡ أَحَدًا ٤٧Guyyaa Nuti gaarreen deemsifnee dachiis dirree ta’uu argitee, isaanis walitti qabnu [yaadadhu]Isaan irraas tokkollee hin hanbifnu وَعُرِضُواْ عَلَىٰ رَبِّكَ صَفًّا لَّقَدۡ جِئۡتُمُونَا كَمَا خَلَقۡنَٰكُمۡ أَوَّلَ مَرَّةِۭۚ بَلۡ زَعَمۡتُمۡ أَلَّن نَّجۡعَلَ لَكُم مَّوۡعِدًا ٤٨Hiriiroo godhamanii Gooftaa kee irra fidaman; “dhugumatti, akka yeroo jalqabaa isin uumnetti nutti dhuftanNuti waadaa isiniif godhuu dhabuu yaaddu turtan” (jedhaman) وَوُضِعَ ٱلۡكِتَٰبُ فَتَرَى ٱلۡمُجۡرِمِينَ مُشۡفِقِينَ مِمَّا فِيهِ وَيَقُولُونَ يَٰوَيۡلَتَنَا مَالِ هَٰذَا ٱلۡكِتَٰبِ لَا يُغَادِرُ صَغِيرَةً وَلَا كَبِيرَةً إِلَّآ أَحۡصَىٰهَاۚ وَوَجَدُواْ مَا عَمِلُواْ حَاضِرًاۗ وَلَا يَظۡلِمُ رَبُّكَ أَحَدًا ٤٩Galmeenis kaa’amee, yoma san badii raawwattoota waan isa keessa jiru irraa sodaatoo ta’anii isaan agartaNi jedhus: “Yaa badii keenya! Kitaabni kun kan xiqqoofi guddoos ishee walitti qabu malee hin dhiifne maaluma!” Waan hojjatan dhiyaataa ta’ee arguGooftaan kee tokkollee hin miidhu وَإِذۡ قُلۡنَا لِلۡمَلَٰٓئِكَةِ ٱسۡجُدُواْ لِأٓدَمَ فَسَجَدُوٓاْ إِلَّآ إِبۡلِيسَ كَانَ مِنَ ٱلۡجِنِّ فَفَسَقَ عَنۡ أَمۡرِ رَبِّهِۦٓۗ أَفَتَتَّخِذُونَهُۥ وَذُرِّيَّتَهُۥٓ أَوۡلِيَآءَ مِن دُونِي وَهُمۡ لَكُمۡ عَدُوُّۢۚ بِئۡسَ لِلظَّٰلِمِينَ بَدَلًا ٥٠Yeroo maleeykotaan “Aadamiif sujuuda godhaa” jennes [yaadadhu]Ibliis jinnii irraa ta’ee ajaja Gooftaa isaa irraa fincile malee sujuuda godhanSila isaan isiniif diinoota odoo ta’anii jiranuu, Ana dhiiftanii isaafi sanyii isaa jaalallee godhattuu? (Ibliis) miidhaa raawwattootaaf jijjiirraa ta’uun akkaan fokkate ۞ مَّآ أَشۡهَدتُّهُمۡ خَلۡقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَلَا خَلۡقَ أَنفُسِهِمۡ وَمَا كُنتُ مُتَّخِذَ ٱلۡمُضِلِّينَ عَضُدًا ٥١Ani uumaminsa samii, dachiifi uumaminsa lubbuu isaanii irrattis isaan hin hirmaachifneAni jallistootas gargaartota godhataa hin taane وَيَوۡمَ يَقُولُ نَادُواْ شُرَكَآءِيَ ٱلَّذِينَ زَعَمۡتُمۡ فَدَعَوۡهُمۡ فَلَمۡ يَسۡتَجِيبُواْ لَهُمۡ وَجَعَلۡنَا بَيۡنَهُم مَّوۡبِقًا ٥٢Guyyaa Inni “(warra) hiriyyoota Kiyya akka ta’an dubbattan san waamaa” jedhus [yaadadhu]Isaanis ni waamanii, garuu isaaniif hin owwaatanNutis gidduu isaaniitti hallayyaa (jahannam) taasifna وَرَءَا ٱلۡمُجۡرِمُونَ ٱلنَّارَ فَظَنُّوٓاْ أَنَّهُم مُّوَاقِعُوهَا وَلَمۡ يَجِدُواْ عَنۡهَا مَصۡرِفًا ٥٣Yakkamtoonni ibidda ni arganIshee keessa bu’oo ta’uu isaanii yaadaniKaraa ishee jalaa ittiin ba’anis hin argatan وَلَقَدۡ صَرَّفۡنَا فِي هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانِ لِلنَّاسِ مِن كُلِّ مَثَلٍۚ وَكَانَ ٱلۡإِنسَٰنُ أَكۡثَرَ شَيۡءٍ جَدَلًا ٥٤Nuti dhugumatti Qur’aana kana keessatti fakkeenyota hunda irra deddeebinee (namootaaf) ibsinee jirraNamnis waan hunda irra falmii baay’isaa ta’eera وَمَا مَنَعَ ٱلنَّاسَ أَن يُؤۡمِنُوٓاْ إِذۡ جَآءَهُمُ ٱلۡهُدَىٰ وَيَسۡتَغۡفِرُواْ رَبَّهُمۡ إِلَّآ أَن تَأۡتِيَهُمۡ سُنَّةُ ٱلۡأَوَّلِينَ أَوۡ يَأۡتِيَهُمُ ٱلۡعَذَابُ قُبُلًا ٥٥Namoota yeroo qajeelumni isaanitti dhufe amanuufi Gooftaa isaanii araara kadhachuu irraa wanti isaan dhorge karaan (dhumiinsi) warra durii isaanitti dhufuu yookiin adabbiin fuulduraa isaanitti dhufuu (eeguu) malee homaa hin jiru وَمَا نُرۡسِلُ ٱلۡمُرۡسَلِينَ إِلَّا مُبَشِّرِينَ وَمُنذِرِينَۚ وَيُجَٰدِلُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ بِٱلۡبَٰطِلِ لِيُدۡحِضُواْ بِهِ ٱلۡحَقَّۖ وَٱتَّخَذُوٓاْ ءَايَٰتِي وَمَآ أُنذِرُواْ هُزُوًا ٥٦Nuti ergamtootas gammachiiftotaafi dinniintoota goonee malee hin erginuWarri kafaran sobaan haqa deemsisuuf isaan falmu; keeyyattoota kiyyaafi waan dinniinamanis qishnaa godhatan وَمَنۡ أَظۡلَمُ مِمَّن ذُكِّرَ بِـَٔايَٰتِ رَبِّهِۦ فَأَعۡرَضَ عَنۡهَا وَنَسِيَ مَا قَدَّمَتۡ يَدَاهُۚ إِنَّا جَعَلۡنَا عَلَىٰ قُلُوبِهِمۡ أَكِنَّةً أَن يَفۡقَهُوهُ وَفِيٓ ءَاذَانِهِمۡ وَقۡرًاۖ وَإِن تَدۡعُهُمۡ إِلَى ٱلۡهُدَىٰ فَلَن يَهۡتَدُوٓاْ إِذًا أَبَدًا ٥٧Nama keeyyattoota Gooftaa isaatiin yaadachiifamee ergasii ishee irraa garagaluufi waan harki isaa lamaan dabarfatte dagate caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Nuti dhugumatti akka isaan isa (Qur’aana) hin hubanne onnee isaanii irratti qadaaddaafi gurra isaanii keessattis duudiinsa taasifnee jirraYoo gara qajeellumaa isaan waamtes, isaan yoo san gonkumaa hin qajeelan وَرَبُّكَ ٱلۡغَفُورُ ذُو ٱلرَّحۡمَةِۖ لَوۡ يُؤَاخِذُهُم بِمَا كَسَبُواْ لَعَجَّلَ لَهُمُ ٱلۡعَذَابَۚ بَل لَّهُم مَّوۡعِدٌ لَّن يَجِدُواْ مِن دُونِهِۦ مَوۡئِلًا ٥٨Gooftaan keetis akkaan araaramaa, abbaa rahmataatiOdoo waan isaan hojjataniin isaan qabee, silaa dhugumatti, adabbii isaaniif jerjersa tureGaruu isaaniif waadaa isa malee garri itti deebi’an hin jirre qabu وَتِلۡكَ ٱلۡقُرَىٰٓ أَهۡلَكۡنَٰهُمۡ لَمَّا ظَلَمُواْ وَجَعَلۡنَا لِمَهۡلِكِهِم مَّوۡعِدًا ٥٩(Warra) magaalotaa sanis sababaa isaan miidhaa hojjatan isaan balleessineYeroo isaan itti balleeffamanuufis beellama murtaa’aa taasifneerra وَإِذۡ قَالَ مُوسَىٰ لِفَتَىٰهُ لَآ أَبۡرَحُ حَتَّىٰٓ أَبۡلُغَ مَجۡمَعَ ٱلۡبَحۡرَيۡنِ أَوۡ أَمۡضِيَ حُقُبًا ٦٠Yeroo Muusaan dargaggoo isaatiin “hangan iddoo galaanni lamaan itti wal qunnaman ga’utti yookiin deemsa irratti waggoota (hedduu) fixutti (deemuu) hin dhiisu” jedhe [yaadadhu] فَلَمَّا بَلَغَا مَجۡمَعَ بَيۡنِهِمَا نَسِيَا حُوتَهُمَا فَٱتَّخَذَ سَبِيلَهُۥ فِي ٱلۡبَحۡرِ سَرَبًا ٦١Yeroma isaan lamaan iddoo wal ga’iinsa galaana lamaanii ga’an, qurxummii isaanii ni dagatanInnis (qurxummiin) karaa isaa galaana keessa baqaqaa godhate فَلَمَّا جَاوَزَا قَالَ لِفَتَىٰهُ ءَاتِنَا غَدَآءَنَا لَقَدۡ لَقِينَا مِن سَفَرِنَا هَٰذَا نَصَبًا ٦٢Yeroma isaan lamaan (iddoo san) qaxxaamuran, (Muusaan) dargaggicha isaatiin ni jedhe: “Laaqana keenya nuuf fidiDhugumatti, nuti imala keenya kana irraa dadhabbii guddaa qunnamnee jirra.” قَالَ أَرَءَيۡتَ إِذۡ أَوَيۡنَآ إِلَى ٱلصَّخۡرَةِ فَإِنِّي نَسِيتُ ٱلۡحُوتَ وَمَآ أَنسَىٰنِيهُ إِلَّا ٱلشَّيۡطَٰنُ أَنۡ أَذۡكُرَهُۥۚ وَٱتَّخَذَ سَبِيلَهُۥ فِي ٱلۡبَحۡرِ عَجَبًا ٦٣(Innis) ni jedhe: “Argitee? Sila yeroo nuti gara dhagaa hirkanne, dhugumatti, ani qurxummii irraanfadheeraWanti akka isa hin yaadanne na irraanfachiises sheyxaana malee hin jiruInnis karaa isaa galaana keessa dinqisiisaa godhate.” قَالَ ذَٰلِكَ مَا كُنَّا نَبۡغِۚ فَٱرۡتَدَّا عَلَىٰٓ ءَاثَارِهِمَا قَصَصًا ٦٤(Muusaan) ni jedhe: “Sun waan nuti barbaadaa turreedha.” Faana isaanii irras hordafaa gara duubaa deebi’an فَوَجَدَا عَبۡدًا مِّنۡ عِبَادِنَآ ءَاتَيۡنَٰهُ رَحۡمَةً مِّنۡ عِندِنَا وَعَلَّمۡنَٰهُ مِن لَّدُنَّا عِلۡمًا ٦٥Gabricha gabroota keenya irraa ta’e, kan Nuti of biraa rahmata isaaf kennineefi beekumsa Nurraa ta’e isa barsiifne wahii argan قَالَ لَهُۥ مُوسَىٰ هَلۡ أَتَّبِعُكَ عَلَىٰٓ أَن تُعَلِّمَنِ مِمَّا عُلِّمۡتَ رُشۡدًا ٦٦Muusaanis isaan “sila waan barsiifamte kan qajeelaa ta’e irraa akka na barsiiftuuf si hordofuu danda’aa?” jedhe قَالَ إِنَّكَ لَن تَسۡتَطِيعَ مَعِيَ صَبۡرًا ٦٧(Namichis) ni jedhe: “Dhugumatti, ati ana wajjiin obsuudhaaf hin dandeessu وَكَيۡفَ تَصۡبِرُ عَلَىٰ مَا لَمۡ تُحِطۡ بِهِۦ خُبۡرًا ٦٨Sila waan beekumsa isaa hin qabnee irratti akkamitti obsita?” قَالَ سَتَجِدُنِيٓ إِن شَآءَ ٱللَّهُ صَابِرًا وَلَآ أَعۡصِي لَكَ أَمۡرًا ٦٩(Muusaanis) “Yoo Rabbiin fedhe obsaa ta’uu na argitaAjaja keetis hin didu” jedhe قَالَ فَإِنِ ٱتَّبَعۡتَنِي فَلَا تَسۡـَٔلۡنِي عَن شَيۡءٍ حَتَّىٰٓ أُحۡدِثَ لَكَ مِنۡهُ ذِكۡرًا ٧٠(Namichis) yoo na hordofte, waan tokkoyyuu hanga ani waa’ee isaa siif himutti homaa irraa na hin gaafatin” jedheen فَٱنطَلَقَا حَتَّىٰٓ إِذَا رَكِبَا فِي ٱلسَّفِينَةِ خَرَقَهَاۖ قَالَ أَخَرَقۡتَهَا لِتُغۡرِقَ أَهۡلَهَا لَقَدۡ جِئۡتَ شَيۡـًٔا إِمۡرًا ٧١Isaan lamaanuu hanga doonii tokko keessa yaabbatanitti ni deemanInnis (namichis) ishee ure(Muusaanis) ni jedhe: “Sila namoota ishee keessa jiran bishaan nyaachisuuf ishee urtee? Dhugumatti, ati waan guddaa fidde!” قَالَ أَلَمۡ أَقُلۡ إِنَّكَ لَن تَسۡتَطِيعَ مَعِيَ صَبۡرًا ٧٢(Namichis) ni jedhe: “Sila ani dhugumatti, ati ana wajjiin obsuudhaaf hin dandeessu siin hin jennee?” قَالَ لَا تُؤَاخِذۡنِي بِمَا نَسِيتُ وَلَا تُرۡهِقۡنِي مِنۡ أَمۡرِي عُسۡرًا ٧٣(Muusaanis) ni jedhe: “Waanan irraanfadheef na hin qabinDhimma kiyya irraas rakkoo na hin baachisin.” فَٱنطَلَقَا حَتَّىٰٓ إِذَا لَقِيَا غُلَٰمًا فَقَتَلَهُۥ قَالَ أَقَتَلۡتَ نَفۡسًا زَكِيَّةَۢ بِغَيۡرِ نَفۡسٍ لَّقَدۡ جِئۡتَ شَيۡـًٔا نُّكۡرًا ٧٤Hanga mucaa tokkotti dhufanitti deemanii achumaan isa (mucicha) ajjeese(Muusaanis) “Sila ati lubbuu qulqulluu lubbuu (ajjeesuun) ala ajjeeftaa? Dhugumatti, ati waan fokkataa hojjatteetta” jedhe

الجزء السادس عشر

۞ قَالَ أَلَمۡ أَقُل لَّكَ إِنَّكَ لَن تَسۡتَطِيعَ مَعِيَ صَبۡرًا ٧٥(Namichis) ni jedhe: “Sila ani dhugumatti, ati ana wajjiin obsuudhaaf hin dandeessu siin hin jennee?” قَالَ إِن سَأَلۡتُكَ عَن شَيۡءِۭ بَعۡدَهَا فَلَا تُصَٰحِبۡنِيۖ قَدۡ بَلَغۡتَ مِن لَّدُنِّي عُذۡرًا ٧٦(Muusaanis) ni jedhe: “Yoon ishee kana booda waan tokko irraas si gaafadhe, natti hin miiltomiin (natti hin shariikin)Dhugumatti, ana biraa dhiifama dhumaa irra geessee jirta.” فَٱنطَلَقَا حَتَّىٰٓ إِذَآ أَتَيَآ أَهۡلَ قَرۡيَةٍ ٱسۡتَطۡعَمَآ أَهۡلَهَا فَأَبَوۡاْ أَن يُضَيِّفُوهُمَا فَوَجَدَا فِيهَا جِدَارًا يُرِيدُ أَن يَنقَضَّ فَأَقَامَهُۥۖ قَالَ لَوۡ شِئۡتَ لَتَّخَذۡتَ عَلَيۡهِ أَجۡرًا ٧٧Ergasii isaan lamaan hanga warra magaalattii tokkoo bira dhufanii, jiraattota ishee nyaata gaafannaan, isaan keessummeessuu didanitti deemanErgasii dhaaba mana jiguu fedhuu tokko arganii, (namichi) ol kaasee isa dhaabe(Muusaanis): “Odoo feetee isa irratti mindaa fudhachuu ni dandeessa” jedhe قَالَ هَٰذَا فِرَاقُ بَيۡنِي وَبَيۡنِكَۚ سَأُنَبِّئُكَ بِتَأۡوِيلِ مَا لَمۡ تَسۡتَطِع عَّلَيۡهِ صَبۡرًا ٧٨(Namichis) ni jedhe: “Kun addaan ba’iinsa gidduu kiyyaafi gidduu keetiitiAni hiikkaa wantoota ati irratti obsuu dadhabdee sittiin hima أَمَّا ٱلسَّفِينَةُ فَكَانَتۡ لِمَسَٰكِينَ يَعۡمَلُونَ فِي ٱلۡبَحۡرِ فَأَرَدتُّ أَنۡ أَعِيبَهَا وَكَانَ وَرَآءَهُم مَّلِكٌ يَأۡخُذُ كُلَّ سَفِينَةٍ غَصۡبًا ٧٩Doonittiin qabeenya namoota hiyyeeyyii galaana keessa dalaganii turteWaan isaan fuula duratti mootiin dooniwwan (fayyaa) hunda saamee fudhatu tokko jiruufin ishee irratti hirdhina uumuu fedhe وَأَمَّا ٱلۡغُلَٰمُ فَكَانَ أَبَوَاهُ مُؤۡمِنَيۡنِ فَخَشِينَآ أَن يُرۡهِقَهُمَا طُغۡيَٰنًا وَكُفۡرًا ٨٠Mucichi immoo, haadhaafi abbaan isaa mu’uminootaNutis (yoo guddate) jallinaafi kufriidhaan isaan haguuguu sodaanne فَأَرَدۡنَآ أَن يُبۡدِلَهُمَا رَبُّهُمَا خَيۡرًا مِّنۡهُ زَكَوٰةً وَأَقۡرَبَ رُحۡمًا ٨١Gooftaan isaanii (ilma) qulqullinaan isa irra caaluufi rahmatattis irra dhihoo ta’e bakka isaaniif buusu feene وَأَمَّا ٱلۡجِدَارُ فَكَانَ لِغُلَٰمَيۡنِ يَتِيمَيۡنِ فِي ٱلۡمَدِينَةِ وَكَانَ تَحۡتَهُۥ كَنزٌ لَّهُمَا وَكَانَ أَبُوهُمَا صَٰلِحًا فَأَرَادَ رَبُّكَ أَن يَبۡلُغَآ أَشُدَّهُمَا وَيَسۡتَخۡرِجَا كَنزَهُمَا رَحۡمَةً مِّن رَّبِّكَۚ وَمَا فَعَلۡتُهُۥ عَنۡ أَمۡرِيۚ ذَٰلِكَ تَأۡوِيلُ مَا لَمۡ تَسۡطِع عَّلَيۡهِ صَبۡرًا ٨٢Dhaabni manichaa immoo kan ijoollee yatiimota ta’an lama magaalattii keessa jiraataniiti tureIsa jala immoo qabeenya awwaalame kan isaan lamaaniitu jiraAbbaan isaanii nama gaarii tureGooftaan keetis (ijoollen lamaan) umrii ciminaa irra ga’anii qabeenya isaanii kan lafa jalatti awwaalame rahmata Gooftaa kee irraa ta’een akka baafatan fedheAnis kana (hunda) fedha kiyya irraa ka’ee hin hojjanneKun hiikkaa wantoota ati irratti obsuu dadhabdeeti.” وَيَسۡـَٔلُونَكَ عَن ذِي ٱلۡقَرۡنَيۡنِۖ قُلۡ سَأَتۡلُواْ عَلَيۡكُم مِّنۡهُ ذِكۡرًا ٨٣Zulqarnayni irraas si gaafatu“Ani isa irraa oduun isin irratti dubbisuuf jira” jedhi إِنَّا مَكَّنَّا لَهُۥ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَءَاتَيۡنَٰهُ مِن كُلِّ شَيۡءٍ سَبَبًا ٨٤Dhugumatti, Nuti dachii keessatti isaaf mijeessinee jirraWaan hunda irraas tooftaa isaaf kennine فَأَتۡبَعَ سَبَبًا ٨٥Innis karaa deeme حَتَّىٰٓ إِذَا بَلَغَ مَغۡرِبَ ٱلشَّمۡسِ وَجَدَهَا تَغۡرُبُ فِي عَيۡنٍ حَمِئَةٍ وَوَجَدَ عِندَهَا قَوۡمًاۖ قُلۡنَا يَٰذَا ٱلۡقَرۡنَيۡنِ إِمَّآ أَن تُعَذِّبَ وَإِمَّآ أَن تَتَّخِذَ فِيهِمۡ حُسۡنًا ٨٦Yeroma iddoo lixa aduu ga’u, isheedhaa galaana dhoqqee gurraacha qabdu keessaan lixxuu argeIshee birattis ummata wahii argeNuti ni jenneeni: “Yaa Zulqarnayn! Ati isaan adabuu yookiin isaan keessatti toltuu hojjachuu (filannoo qabda).” قَالَ أَمَّا مَن ظَلَمَ فَسَوۡفَ نُعَذِّبُهُۥ ثُمَّ يُرَدُّ إِلَىٰ رَبِّهِۦ فَيُعَذِّبُهُۥ عَذَابًا نُّكۡرًا ٨٧Inni ni jedhe: “Nama miidhaa hojjate nuti fuulduratti isa adabnaErgasii gara Gooftaa isaa deebifamee Innis adabbii hamaa ta’e isa adabuuf jira وَأَمَّا مَنۡ ءَامَنَ وَعَمِلَ صَٰلِحًا فَلَهُۥ جَزَآءً ٱلۡحُسۡنَىٰۖ وَسَنَقُولُ لَهُۥ مِنۡ أَمۡرِنَا يُسۡرًا ٨٨Nama amanee, gaariis hojjate immoo, isaaf mindaa gaarii ta’etu jiraNutis ajaja keenya irraa laafaatti isa ajajuuf jirra.” ثُمَّ أَتۡبَعَ سَبَبًا ٨٩Sana booda karaa hordofe حَتَّىٰٓ إِذَا بَلَغَ مَطۡلِعَ ٱلشَّمۡسِ وَجَدَهَا تَطۡلُعُ عَلَىٰ قَوۡمٍ لَّمۡ نَجۡعَل لَّهُم مِّن دُونِهَا سِتۡرًا ٩٠Yeroma iddoo baha biiftuu ga’e, isheedhaa ummata ishee irraa golgaa Nuti isaaniif hin taasisin irratti baatu arge كَذَٰلِكَۖ وَقَدۡ أَحَطۡنَا بِمَا لَدَيۡهِ خُبۡرًا ٩١(Dubbichi) akka kanaWantoota isa bira jiran dhugumatti, beekumsaan marsineerra ثُمَّ أَتۡبَعَ سَبَبًا ٩٢Ergasii karaa (kaabaa) hordofe حَتَّىٰٓ إِذَا بَلَغَ بَيۡنَ ٱلسَّدَّيۡنِ وَجَدَ مِن دُونِهِمَا قَوۡمًا لَّا يَكَادُونَ يَفۡقَهُونَ قَوۡلًا ٩٣Yeroma gidduu gaara lamaanii ga’e, isaan lamaanii asitti ummata haasa’a beekuutti hin dhihaanne arge قَالُواْ يَٰذَا ٱلۡقَرۡنَيۡنِ إِنَّ يَأۡجُوجَ وَمَأۡجُوجَ مُفۡسِدُونَ فِي ٱلۡأَرۡضِ فَهَلۡ نَجۡعَلُ لَكَ خَرۡجًا عَلَىٰٓ أَن تَجۡعَلَ بَيۡنَنَا وَبَيۡنَهُمۡ سَدًّا ٩٤(Isaanis) “Yaa Zalqarnayn! Dhugumatti, Ya’ajuujiifi Ma’ajuuj dachii keessatti badii hojjatoodhaNuufi isaan giddutti cufaa godhuu irratti baasii siif goonuu?” jedhan قَالَ مَا مَكَّنِّي فِيهِ رَبِّي خَيۡرٌ فَأَعِينُونِي بِقُوَّةٍ أَجۡعَلۡ بَيۡنَكُمۡ وَبَيۡنَهُمۡ رَدۡمًا ٩٥(Innis) ni jedhe: “Waan Gooftaan kiyya isa keessatti naaf mijeessetu caalaGidduu keessaniifi isaaniitti cufaa nan godhaa, humnaan na gargaaraa ءَاتُونِي زُبَرَ ٱلۡحَدِيدِۖ حَتَّىٰٓ إِذَا سَاوَىٰ بَيۡنَ ٱلصَّدَفَيۡنِ قَالَ ٱنفُخُواْۖ حَتَّىٰٓ إِذَا جَعَلَهُۥ نَارًا قَالَ ءَاتُونِيٓ أُفۡرِغۡ عَلَيۡهِ قِطۡرًا ٩٦Muraa Sibiilaa naaf kennaa.” Yeroo iddoo gaara lamaan gidduu jiru guutu “afuufaa” jedheYeroo ibidda (diimaa) isa godhus “sibiila baqe isa irrattin dhangalaasa naa fidaa” jedhe فَمَا ٱسۡطَٰعُوٓاْ أَن يَظۡهَرُوهُ وَمَا ٱسۡتَطَٰعُواْ لَهُۥ نَقۡبًا ٩٧(Ya’ajuujifi Ma’ajuuj) isa irra koruu hin dandeenye; jalaanis isa uruu hin dandeenye قَالَ هَٰذَا رَحۡمَةٌ مِّن رَّبِّيۖ فَإِذَا جَآءَ وَعۡدُ رَبِّي جَعَلَهُۥ دَكَّآءَۖ وَكَانَ وَعۡدُ رَبِّي حَقًّا ٩٨(Zulqarnayn) ni jedhe: “Kun rahmata Gooftaa kiyya irraa ta’eYeroo waadaan Gooftaa kiyyaa dhufe, Inni bittinnaa’aa isa godhaWaadaan Gooftaa kiyyaa dhugaa ta’eera.” ۞ وَتَرَكۡنَا بَعۡضَهُمۡ يَوۡمَئِذٍ يَمُوجُ فِي بَعۡضٍۖ وَنُفِخَ فِي ٱلصُّورِ فَجَمَعۡنَٰهُمۡ جَمۡعًا ٩٩Guyyaa (Ya’ajuujifi Ma’ajuuj dhufan) san garii isaanii garii keessa kan dhangala’u taasifnee dhiifnaGarriinis (xurumbaanis) ni afuufamaa (uumama hunda) guutumatti walitti isaan qabna وَعَرَضۡنَا جَهَنَّمَ يَوۡمَئِذٍ لِّلۡكَٰفِرِينَ عَرۡضًا ١٠٠Guyyaa san jahannamiin kaafirootaaf dhiyeessuu dhiheessina ٱلَّذِينَ كَانَتۡ أَعۡيُنُهُمۡ فِي غِطَآءٍ عَن ذِكۡرِي وَكَانُواْ لَا يَسۡتَطِيعُونَ سَمۡعًا ١٠١(Isaan) warra ijji isaanii yaadannoo kiyya (Qur’aana) irraa haguuggaa keessa turanii, (isa) dhaga’uu hin dandeenyeedha أَفَحَسِبَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓاْ أَن يَتَّخِذُواْ عِبَادِي مِن دُونِيٓ أَوۡلِيَآءَۚ إِنَّآ أَعۡتَدۡنَا جَهَنَّمَ لِلۡكَٰفِرِينَ نُزُلًا ١٠٢Sila warri kafaran gabroota kiyya Anaa gaditti gabbaramtoota godhachuu yaaduu? Dhugumatti, Nuti jahannamiin kaafirootaf iddoo simannaatiif qopheessineerra قُلۡ هَلۡ نُنَبِّئُكُم بِٱلۡأَخۡسَرِينَ أَعۡمَٰلًا ١٠٣”Sila warra hojiin isaanii akkaan honga’oo ta’an isiniif himnuu?” jedhi ٱلَّذِينَ ضَلَّ سَعۡيُهُمۡ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا وَهُمۡ يَحۡسَبُونَ أَنَّهُمۡ يُحۡسِنُونَ صُنۡعًا ١٠٤Isaan warra odoo dalagaa tolchinee hojjannaa yaadanuu adunyaa keessatti hojiin isaanii duraa badeedha أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ بِـَٔايَٰتِ رَبِّهِمۡ وَلِقَآئِهِۦ فَحَبِطَتۡ أَعۡمَٰلُهُمۡ فَلَا نُقِيمُ لَهُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ وَزۡنًا ١٠٥Isaan sun warra keeyyattoota Gooftaa isaanitiifi wal qunnamtii Isaatti kafaranii dalagaan isaanii baddeedhaKanaafuu Guyyaa Qiyaamaa madaala isaaniif hin dhaabnu ذَٰلِكَ جَزَآؤُهُمۡ جَهَنَّمُ بِمَا كَفَرُواْ وَٱتَّخَذُوٓاْ ءَايَٰتِي وَرُسُلِي هُزُوًا ١٠٦Isaan sun waan kafaranii keeyyattoota kiyyaafi ergamtoota kiyyas qishnaa godhataniif galanni isaanii jahannami إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ كَانَتۡ لَهُمۡ جَنَّٰتُ ٱلۡفِرۡدَوۡسِ نُزُلًا ١٠٧Dhugumatti, isaan amananii, gaggaarii hojjatan, Jannanni Firdaws iddoo simannaa isaaniif taatee jirti خَٰلِدِينَ فِيهَا لَا يَبۡغُونَ عَنۡهَا حِوَلًا ١٠٨Ishee keessa yeroo hunda jiraatuIshee irraa jijjiiramuu hin barbaadan قُل لَّوۡ كَانَ ٱلۡبَحۡرُ مِدَادًا لِّكَلِمَٰتِ رَبِّي لَنَفِدَ ٱلۡبَحۡرُ قَبۡلَ أَن تَنفَدَ كَلِمَٰتُ رَبِّي وَلَوۡ جِئۡنَا بِمِثۡلِهِۦ مَدَدًا ١٠٩Jedhi: “Odoo galaanni qalama jechoonni Gooftaa kiyyaa (ittiin barraa’u) ta’ee, silaa odoo jechoonni Gooftaa kiyyaa hin dhumne galaanni dhuma ture; odoma (galaanni biraa) kan isa fakkaatu gargaarsaan finneeyyuu (galaanatu dhuma ture).” قُلۡ إِنَّمَآ أَنَا۠ بَشَرٌ مِّثۡلُكُمۡ يُوحَىٰٓ إِلَيَّ أَنَّمَآ إِلَٰهُكُمۡ إِلَٰهٌ وَٰحِدٌۖ فَمَن كَانَ يَرۡجُواْ لِقَآءَ رَبِّهِۦ فَلۡيَعۡمَلۡ عَمَلًا صَٰلِحًا وَلَا يُشۡرِكۡ بِعِبَادَةِ رَبِّهِۦٓ أَحَدَۢا ١١٠Jedhi: “Ani namuma akka keessanii kan haqaan gabbaramaan keessan gabaramaa tokkicha qofa ta’uu wahyiin gara kiyyatti godhamuudhaKanaaf namni Gooftaa isaatiin wal ga’uu sodaatu (kajeelu) dalagaa gaarii haa hojjatu; Gooftaa isaa gabbaruu keessattis eenyunillee hin qindeessin.”

الترجمة: Ghali Apapur Apaghuna.