بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
كٓهيعٓصٓ ١Kaaf Haa Yaa Ayn Saade ذِكۡرُ رَحۡمَتِ رَبِّكَ عَبۡدَهُۥ زَكَرِيَّآ ٢(Kun) rahmata gooftaan kee Gabricha Isaa Zakariyyaaf (godhe) dubbachuudha إِذۡ نَادَىٰ رَبَّهُۥ نِدَآءً خَفِيًّا ٣Yeroo inni Rabbii Isaa waamicha dhoksaa waame (dubbadhu) قَالَ رَبِّ إِنِّي وَهَنَ ٱلۡعَظۡمُ مِنِّي وَٱشۡتَعَلَ ٱلرَّأۡسُ شَيۡبًا وَلَمۡ أَكُنۢ بِدُعَآئِكَ رَبِّ شَقِيًّا ٤“Rabbii kiyya! Ani lafeen kiyya laafte; mataan kiyyas Arrii makatee; Rabbii kiyya ani kadhaa keetiin hoonga’aa hin taane” jedhe وَإِنِّي خِفۡتُ ٱلۡمَوَٰلِيَ مِن وَرَآءِي وَكَانَتِ ٱمۡرَأَتِي عَاقِرًا فَهَبۡ لِي مِن لَّدُنكَ وَلِيًّا ٥“Ani booda kootii firoota kiyya sodaadheen jiraNiitiin kiyyas maseentuudhaSuma biraa ilma naaf kenni يَرِثُنِي وَيَرِثُ مِنۡ ءَالِ يَعۡقُوبَۖ وَٱجۡعَلۡهُ رَبِّ رَضِيًّا ٦“Kan ana (amantii kiyya) dhaaluufi kan sanyii Ya’aquub irraas dhaaluYaa Gooftaa kiyya! Jaallatamaas isa taasisi.” يَٰزَكَرِيَّآ إِنَّا نُبَشِّرُكَ بِغُلَٰمٍ ٱسۡمُهُۥ يَحۡيَىٰ لَمۡ نَجۡعَل لَّهُۥ مِن قَبۡلُ سَمِيًّا ٧(Rabbiin ni jedhe): “Yaa Zakariyyaa! Dhugumatti, Nuti ilma maqaan isaa Yahyaa ta’e, kan kana dura maqaa isaa eenyuufillee hin taasisiniin si gammachiifna.” قَالَ رَبِّ أَنَّىٰ يَكُونُ لِي غُلَٰمٌ وَكَانَتِ ٱمۡرَأَتِي عَاقِرًا وَقَدۡ بَلَغۡتُ مِنَ ٱلۡكِبَرِ عِتِيًّا ٨(Zakariyyaan) ni jedhe: “(Yaa) Rabbii kiyya! Odoo haati manaa koo maseena taatee jirtuu, anis dulluma irraa hoonga ga’ee jiruu akkamitti ilmi naaf ta’uu danda?” قَالَ كَذَٰلِكَ قَالَ رَبُّكَ هُوَ عَلَيَّ هَيِّنٌ وَقَدۡ خَلَقۡتُكَ مِن قَبۡلُ وَلَمۡ تَكُ شَيۡـًٔا ٩Ni jedhe: “Dhimmichi akkuma kanaRabbiin kee ‘Kun anaaf laafaadhaDhugumatti, ani kana dura si’ii homaa hin turin si uumeen jira’ jedhe.” قَالَ رَبِّ ٱجۡعَل لِّيٓ ءَايَةًۖ قَالَ ءَايَتُكَ أَلَّا تُكَلِّمَ ٱلنَّاسَ ثَلَٰثَ لَيَالٍ سَوِيًّا ١٠(Zakariyyaanis) ni jedhe: “(Yaa) Rabbii kiyya! Mallattoo wahii naaf godhi.” (Rabbiinis) ni jedhe: “Mallattoon kee halkan sadihiif odoo fayyaa qabduu (Zikrii malee) nama dubbisuu dhabuudha.” فَخَرَجَ عَلَىٰ قَوۡمِهِۦ مِنَ ٱلۡمِحۡرَابِ فَأَوۡحَىٰٓ إِلَيۡهِمۡ أَن سَبِّحُواْ بُكۡرَةً وَعَشِيًّا ١١Ergasii iddoo sagadaa keessaa ummata isaa irratti gadi ba’ee, ganamaafi galgala Rabbiin qulqulleessuu mallattoon itti beeksise يَٰيَحۡيَىٰ خُذِ ٱلۡكِتَٰبَ بِقُوَّةٍۖ وَءَاتَيۡنَٰهُ ٱلۡحُكۡمَ صَبِيًّا ١٢“Yaa Yahyaa! Kitaabicha ciminaan qabadhu” (jenneen)Beekumsas ijoollummaan isaaf kennine وَحَنَانًا مِّن لَّدُنَّا وَزَكَوٰةًۖ وَكَانَ تَقِيًّا ١٣Mararfannaa Nu biraa ta’eefi qulqullinas (isaaf kenninee jirra)Innis (Rabbiin) sodaataa ta’eera وَبَرَّۢا بِوَٰلِدَيۡهِ وَلَمۡ يَكُن جَبَّارًا عَصِيًّا ١٤Haadhaafi abbaa isaatiifis tola oolaa ta’eeraOf tuulaa, didaas hin taane وَسَلَٰمٌ عَلَيۡهِ يَوۡمَ وُلِدَ وَيَوۡمَ يَمُوتُ وَيَوۡمَ يُبۡعَثُ حَيًّا ١٥Nageenyis guyyaa inni dhalate, guyyaa inni du’uufi guyyaa inni lubbuun kaafamus isa irra haa jiraatu وَٱذۡكُرۡ فِي ٱلۡكِتَٰبِ مَرۡيَمَ إِذِ ٱنتَبَذَتۡ مِنۡ أَهۡلِهَا مَكَانًا شَرۡقِيًّا ١٦Kitaabicha (Qur’aana) keessatti Maryamiinis yeroo maatii ishee irraa iddoo gara bahaatti achi baate dubbadhu فَٱتَّخَذَتۡ مِن دُونِهِمۡ حِجَابًا فَأَرۡسَلۡنَآ إِلَيۡهَا رُوحَنَا فَتَمَثَّلَ لَهَا بَشَرًا سَوِيًّا ١٧Isaan irraa haguuggaa godhattee, ergamaa keenya (Jibriiliin) gara isiitti eregineInnis namuma (uumaan isaa) guutuu isiitti fakkaate قَالَتۡ إِنِّيٓ أَعُوذُ بِٱلرَّحۡمَٰنِ مِنكَ إِن كُنتَ تَقِيًّا ١٨Ni jette: “Yoo kan (Rabbiin) sodaattu taateef dhugumatti, ani Rahmaaniinin si irraa tikfama.” قَالَ إِنَّمَآ أَنَا۠ رَسُولُ رَبِّكِ لِأَهَبَ لَكِ غُلَٰمًا زَكِيًّا ١٩(Jibriilis): “Ani ergamaa Rabbii keetiiti; akkan ilma qulqulluu siif kennuuf (Rabbiin na erge)” jedheen قَالَتۡ أَنَّىٰ يَكُونُ لِي غُلَٰمٌ وَلَمۡ يَمۡسَسۡنِي بَشَرٌ وَلَمۡ أَكُ بَغِيًّا ٢٠Ni jette: “Odoo namni tokko ana hin tuqin; sagaagaltuus odoon hin ta’in akkamitti ilmi naaf ta’uu danda’a?” قَالَ كَذَٰلِكِ قَالَ رَبُّكِ هُوَ عَلَيَّ هَيِّنٌۖ وَلِنَجۡعَلَهُۥٓ ءَايَةً لِّلنَّاسِ وَرَحۡمَةً مِّنَّاۚ وَكَانَ أَمۡرًا مَّقۡضِيًّا ٢١Innis ni jedhe: “Dhimmichi akkuma kanaGooftaan keetis ‘kuni natti laafaadha; Namootaafis raajiifi rahmata Nu irraa ta’es akka isa taasifnuufi” jedhe(Kun) dhimma dura murtaa’e ta’eera ۞ فَحَمَلَتۡهُ فَٱنتَبَذَتۡ بِهِۦ مَكَانًا قَصِيًّا ٢٢Yoosuu isa ulfoofte; kophaa ishee gara bakka fagoo isaan deemte فَأَجَآءَهَا ٱلۡمَخَاضُ إِلَىٰ جِذۡعِ ٱلنَّخۡلَةِ قَالَتۡ يَٰلَيۡتَنِي مِتُّ قَبۡلَ هَٰذَا وَكُنتُ نَسۡيًا مَّنسِيًّا ٢٣Ciniinsuun gara gufuu timiraa ishee maqseNi jette: “Yaa badii kiyya! Odoo kana dura du’ee, wan dagatamaa ta’ee maal qaba!” فَنَادَىٰهَا مِن تَحۡتِهَآ أَلَّا تَحۡزَنِي قَدۡ جَعَلَ رَبُّكِ تَحۡتَكِ سَرِيًّا ٢٤“Hin gaddin; dhugumatti, Gooftaan kee jala keetti laga xiqqoo taasiseera” jechuun ishee jalaa isheetti lallabe وَهُزِّيٓ إِلَيۡكِ بِجِذۡعِ ٱلنَّخۡلَةِ تُسَٰقِطۡ عَلَيۡكِ رُطَبًا جَنِيًّا ٢٥“Gufuu timiraa gara keetti hurgufi; asheeta timira bilchaataa ta’e sirratti harcaafti فَكُلِي وَٱشۡرَبِي وَقَرِّي عَيۡنًاۖ فَإِمَّا تَرَيِنَّ مِنَ ٱلۡبَشَرِ أَحَدًا فَقُولِيٓ إِنِّي نَذَرۡتُ لِلرَّحۡمَٰنِ صَوۡمًا فَلَنۡ أُكَلِّمَ ٱلۡيَوۡمَ إِنسِيًّا ٢٦Nyaadhu, dhugii; ijaanis itti gammadiYoo nama tokko argites ‘Dhugumatti, ani Rahmaaniif eenyullee dubbisuu dhabuu qodhaa (nazrii) galeen jiraKanaaf hardha nama tokkos hin dubbisu” jedhi فَأَتَتۡ بِهِۦ قَوۡمَهَا تَحۡمِلُهُۥۖ قَالُواْ يَٰمَرۡيَمُ لَقَدۡ جِئۡتِ شَيۡـًٔا فَرِيًّا ٢٧Ergasii isa baadhattee gara ummata ishee dhufte[Isaan] ni jedhan: “Yaa Maryam! Dhugumatti ati waan akkaan jabaatu fidde يَٰٓأُخۡتَ هَٰرُونَ مَا كَانَ أَبُوكِ ٱمۡرَأَ سَوۡءٍ وَمَا كَانَتۡ أُمُّكِ بَغِيًّا ٢٨Yaa obboleettii Haaruun! Abbaan kee nama badaa hin turre; haati keetis sagaagaltuu hin turre.” فَأَشَارَتۡ إِلَيۡهِۖ قَالُواْ كَيۡفَ نُكَلِّمُ مَن كَانَ فِي ٱلۡمَهۡدِ صَبِيًّا ٢٩(Isiinis) gara isaatti akeekte[Isaan]: “Akkamitti daa’ima siree daa’imummaa keessa jiru dubbifna?” jedhan قَالَ إِنِّي عَبۡدُ ٱللَّهِ ءَاتَىٰنِيَ ٱلۡكِتَٰبَ وَجَعَلَنِي نَبِيًّا ٣٠Innis (daa’imichis) ni jedhe: “Dhugumatti, ani gabricha RabbiitiInni kitaaba naaf kenneera; nabiyyiis na taasisee jira وَجَعَلَنِي مُبَارَكًا أَيۡنَ مَا كُنتُ وَأَوۡصَٰنِي بِٱلصَّلَوٰةِ وَٱلزَّكَوٰةِ مَا دُمۡتُ حَيًّا ٣١Iddoo ani jiru hundattis barakeeffamaa na taasisee jira; salaataafi zakaas hangan lubbuun jiru naaf dhaamee jira وَبَرَّۢا بِوَٰلِدَتِي وَلَمۡ يَجۡعَلۡنِي جَبَّارًا شَقِيًّا ٣٢Haadha kiyyaafis tola oolaa (na godhe); of tuulaa hoonga’aas, ana hin taasifne وَٱلسَّلَٰمُ عَلَيَّ يَوۡمَ وُلِدتُّ وَيَوۡمَ أَمُوتُ وَيَوۡمَ أُبۡعَثُ حَيًّا ٣٣Guyyaa ani dhaladhe, guyyaa ani du’uufi guyyaa ani kaafamuus nageenyi ana irra jira.” ذَٰلِكَ عِيسَى ٱبۡنُ مَرۡيَمَۖ قَوۡلَ ٱلۡحَقِّ ٱلَّذِي فِيهِ يَمۡتَرُونَ ٣٤Inni sun Iisaa ilma Maryami; inni jecha dhugaa kan isaan isa keessatti shakkan saniidha مَا كَانَ لِلَّهِ أَن يَتَّخِذَ مِن وَلَدٍۖ سُبۡحَٰنَهُۥٓۚ إِذَا قَضَىٰٓ أَمۡرًا فَإِنَّمَا يَقُولُ لَهُۥ كُن فَيَكُونُ ٣٥Rabbiif ilma taasifachuun hin maluInni qulqullaa’eYeroo dhimma tokko murteesse, wanti Inni jedhu “ta’i” jechuu qofa; innis yoosuu ta’a وَإِنَّ ٱللَّهَ رَبِّي وَرَبُّكُمۡ فَٱعۡبُدُوهُۚ هَٰذَا صِرَٰطٌ مُّسۡتَقِيمٌ ٣٦(Iisaan) “Dhugumatti, Rabbiin Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessaniKanaaf Isa qofa gabbaraaSantu karaa qajeelaadha” jedhe فَٱخۡتَلَفَ ٱلۡأَحۡزَابُ مِنۢ بَيۡنِهِمۡۖ فَوَيۡلٌ لِّلَّذِينَ كَفَرُواْ مِن مَّشۡهَدِ يَوۡمٍ عَظِيمٍ ٣٧Gareewwan (yahuudaafi nasaaraa) gidduu isaaniitti (waa’ee Iisaa irratti) wal dhaban; wal gayii guyyaa guddaa (Qiyaamaa) san keessatti warra kafaraniif adabbiin mirkanaa’eera أَسۡمِعۡ بِهِمۡ وَأَبۡصِرۡ يَوۡمَ يَأۡتُونَنَا لَٰكِنِ ٱلظَّٰلِمُونَ ٱلۡيَوۡمَ فِي ضَلَٰلٍ مُّبِينٍ ٣٨(Kaafiroonni) guyyaa isaan Nutti dhufan, maaltu akkaan dhaga’oo argoo isaan taasise! Garuu hardha miidhaa raawwattoonni jallina ifaa ta’e keessa jiru وَأَنذِرۡهُمۡ يَوۡمَ ٱلۡحَسۡرَةِ إِذۡ قُضِيَ ٱلۡأَمۡرُ وَهُمۡ فِي غَفۡلَةٍ وَهُمۡ لَا يُؤۡمِنُونَ ٣٩Haala isaan daguu keessatti ta’aniin odoo isaan hin amanin yeroo dhimmichi murtaa’u, Guyyaa Gaabbii san isaan sodaachisi إِنَّا نَحۡنُ نَرِثُ ٱلۡأَرۡضَ وَمَنۡ عَلَيۡهَا وَإِلَيۡنَا يُرۡجَعُونَ ٤٠Dhugumatti, Nuti Numatu dachiifi waan ishee irra jiru dhaala; garuma keenya deebifamus وَٱذۡكُرۡ فِي ٱلۡكِتَٰبِ إِبۡرَٰهِيمَۚ إِنَّهُۥ كَانَ صِدِّيقًا نَّبِيًّا ٤١Kitaaba keessatti Ibraahiimis dubbadhuDhugumatti, inni nama akkaan dhugaa dubbataa, nabiyyii ture إِذۡ قَالَ لِأَبِيهِ يَٰٓأَبَتِ لِمَ تَعۡبُدُ مَا لَا يَسۡمَعُ وَلَا يُبۡصِرُ وَلَا يُغۡنِي عَنكَ شَيۡـًٔا ٤٢Yeroo inni abbaa isaatiin “Yaa abbaa kiyya! Maaliif waan hin dhageenye, hin argineefi homaa sirraa deebisuu hin dandeenye gabbarta?” jedhe (dubbadhu) يَٰٓأَبَتِ إِنِّي قَدۡ جَآءَنِي مِنَ ٱلۡعِلۡمِ مَا لَمۡ يَأۡتِكَ فَٱتَّبِعۡنِيٓ أَهۡدِكَ صِرَٰطًا سَوِيًّا ٤٣“Yaa abbaa koo! Dhugumatti, ani beekumsa irraa wanti sitti hin dhufin natti dhufee jiraKanaafuu na hordofi; ani karaa sirraawaan si qajeelcha يَٰٓأَبَتِ لَا تَعۡبُدِ ٱلشَّيۡطَٰنَۖ إِنَّ ٱلشَّيۡطَٰنَ كَانَ لِلرَّحۡمَٰنِ عَصِيًّا ٤٤Yaa abbaa koo! Sheyxaana hin gabbarin; dhugumatti sheyxaanni Rahmaan didaa ta’eera يَٰٓأَبَتِ إِنِّيٓ أَخَافُ أَن يَمَسَّكَ عَذَابٌ مِّنَ ٱلرَّحۡمَٰنِ فَتَكُونَ لِلشَّيۡطَٰنِ وَلِيًّا ٤٥Yaa abbaa koo! Dhugumatti, ani Rahmaan irraa adabbiin si tuqee, atis sheyxaanaaf jaalallee ta’uu keen sodaadha.” قَالَ أَرَاغِبٌ أَنتَ عَنۡ ءَالِهَتِي يَٰٓإِبۡرَٰهِيمُۖ لَئِن لَّمۡ تَنتَهِ لَأَرۡجُمَنَّكَۖ وَٱهۡجُرۡنِي مَلِيًّا ٤٦(Abbaan isaas) “Yaa Ibraahiim! Ati gabbaramtoota kiyya jibbitaa? Yoo hin dhorgamne, dhugumatti ani dhagaaniin si tuma (si cafaqa)Yeroo dheeraaf ana irraa fagaadhu” jedhe قَالَ سَلَٰمٌ عَلَيۡكَۖ سَأَسۡتَغۡفِرُ لَكَ رَبِّيٓۖ إِنَّهُۥ كَانَ بِي حَفِيًّا ٤٧(Ibraahiimis) “Nageenyi sirra haa jiraatu! Ani Rabbii kiyyan araarama siif kadhaDhugumatti, Inni akkaan rahmata naaf godhaa ta’eera” jedhe وَأَعۡتَزِلُكُمۡ وَمَا تَدۡعُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ وَأَدۡعُواْ رَبِّي عَسَىٰٓ أَلَّآ أَكُونَ بِدُعَآءِ رَبِّي شَقِيًّا ٤٨“Isiniifi wantoota isin Rabbiin alatti gabbartan irraan fagaadhaGooftaa kiyya qofan gabbarasGooftaa kiyya gabbaruu kootiin hoonga’aa ta’uu dhabuu koon abdadha.” فَلَمَّا ٱعۡتَزَلَهُمۡ وَمَا يَعۡبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ وَهَبۡنَا لَهُۥٓ إِسۡحَٰقَ وَيَعۡقُوبَۖ وَكُلًّا جَعَلۡنَا نَبِيًّا ٤٩Yeroma inni isaaniifi waan isaan Rabbii gaditti gabbaran irraa fagaatu, Isihaaqiifi Ya’aquubiin isaaf kennineHunda isaaniis nabiyyii taasifne وَوَهَبۡنَا لَهُم مِّن رَّحۡمَتِنَا وَجَعَلۡنَا لَهُمۡ لِسَانَ صِدۡقٍ عَلِيًّا ٥٠Rahmata keenya irraas isaaniif kennineGaariin dubbatamuu (faaruu) ol fuudhamaas isaaniif goone وَٱذۡكُرۡ فِي ٱلۡكِتَٰبِ مُوسَىٰٓۚ إِنَّهُۥ كَانَ مُخۡلَصًا وَكَانَ رَسُولًا نَّبِيًّا ٥١Kitaaba (Qur’aana) keessatti (waa’ee) Muusaa dubbadhuDhugumatti, inni filatamaa ta’ee jira; ergamaa, nabiyyis ta’eera وَنَٰدَيۡنَٰهُ مِن جَانِبِ ٱلطُّورِ ٱلۡأَيۡمَنِ وَقَرَّبۡنَٰهُ نَجِيًّا ٥٢Nutis moggaa mirga (gaara) Xuur irraa isatti lallabnee, maqoo itti haasa’uunis (of itti) isa dhiheessine وَوَهَبۡنَا لَهُۥ مِن رَّحۡمَتِنَآ أَخَاهُ هَٰرُونَ نَبِيًّا ٥٣Tola keenya irraas obboleessa isaa Haaruuniin nabiyyii (taasifnee) isaaf kennine وَٱذۡكُرۡ فِي ٱلۡكِتَٰبِ إِسۡمَٰعِيلَۚ إِنَّهُۥ كَانَ صَادِقَ ٱلۡوَعۡدِ وَكَانَ رَسُولًا نَّبِيًّا ٥٤Kitaaba (Qur’aana) keessatti (waa’ee) Ismaa’iilis dubbadhuDhugumatti, inni dhugoomsaa waadaa ta’ee jiraErgamaa, nabiyyiis ta’ee jira وَكَانَ يَأۡمُرُ أَهۡلَهُۥ بِٱلصَّلَوٰةِ وَٱلزَّكَوٰةِ وَكَانَ عِندَ رَبِّهِۦ مَرۡضِيًّا ٥٥Maatii (ummata) isaas salaatafi zakaatti kan ajaju tureGooftaa isaa birattis jaallatamaa ture وَٱذۡكُرۡ فِي ٱلۡكِتَٰبِ إِدۡرِيسَۚ إِنَّهُۥ كَانَ صِدِّيقًا نَّبِيًّا ٥٦Kitaaba keessatti Idriisiinis dubbadhuDhugumatti, inni dhugaa dubbataa, nabiyyii ture وَرَفَعۡنَٰهُ مَكَانًا عَلِيًّا ٥٧Iddoo ol aanaattis ol isa fuunee jirra أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ أَنۡعَمَ ٱللَّهُ عَلَيۡهِم مِّنَ ٱلنَّبِيِّـۧنَ مِن ذُرِّيَّةِ ءَادَمَ وَمِمَّنۡ حَمَلۡنَا مَعَ نُوحٍ وَمِن ذُرِّيَّةِ إِبۡرَٰهِيمَ وَإِسۡرَٰٓءِيلَ وَمِمَّنۡ هَدَيۡنَا وَٱجۡتَبَيۡنَآۚ إِذَا تُتۡلَىٰ عَلَيۡهِمۡ ءَايَٰتُ ٱلرَّحۡمَٰنِ خَرُّواْۤ سُجَّدًاۤ وَبُكِيًّا ۩ ٥٨Isaan sun warra Rabbiin isaan irratti tola oole; nabiyyoota ilmaan Aadam irraa ta’anii, warra Nuuhii wajjiin (doonii irratti) baadhanne irraas ta’anii, ilmaan Ibraahiimiifi Israa’iil irraas ta’anii, ammas warra Nuti qajeelchinee filanne irraas kan ta’aniidhaKan yeroo keeyyattoonni Rahmaan isaan irratti dubbifamu sujuudaafi booyaa kufaniidha ۞ فَخَلَفَ مِنۢ بَعۡدِهِمۡ خَلۡفٌ أَضَاعُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَٱتَّبَعُواْ ٱلشَّهَوَٰتِۖ فَسَوۡفَ يَلۡقَوۡنَ غَيًّا ٥٩Isaan boodaas bakka bu’oota (gadhee) salaata miidhaniifi fedha lubbuu isaanii hordofantu hafeHallayyaa jahannam quunnamuuf jiru إِلَّا مَن تَابَ وَءَامَنَ وَعَمِلَ صَٰلِحًا فَأُوْلَٰٓئِكَ يَدۡخُلُونَ ٱلۡجَنَّةَ وَلَا يُظۡلَمُونَ شَيۡـًٔا ٦٠Garuu Namni tawbatee, amanee, gaarii hojjate, Warri sun jannata seenu; homaas hin miidhamanu جَنَّٰتِ عَدۡنٍ ٱلَّتِي وَعَدَ ٱلرَّحۡمَٰنُ عِبَادَهُۥ بِٱلۡغَيۡبِۚ إِنَّهُۥ كَانَ وَعۡدُهُۥ مَأۡتِيًّا ٦١Jannata qubsumaa ishee Rahmaan gabroota Isaatiif fagootti waadaa gale (seenu)Dhugumatti, Inni waadaan Isaa dhufamaa ta’eera لَّا يَسۡمَعُونَ فِيهَا لَغۡوًا إِلَّا سَلَٰمًاۖ وَلَهُمۡ رِزۡقُهُمۡ فِيهَا بُكۡرَةً وَعَشِيًّا ٦٢Nagaa (wal gaafachuu) malee ishee keessatti haasa’a bu’a dhabeessa hin dhagayanIshee keessas isaaniif sooranni isaanii ganamaafi galgala jira تِلۡكَ ٱلۡجَنَّةُ ٱلَّتِي نُورِثُ مِنۡ عِبَادِنَا مَن كَانَ تَقِيًّا ٦٣Jannatni sun ishee gabroota keenya irraa namoota Rabbiin sodaatan dhaalchifnuudha وَمَا نَتَنَزَّلُ إِلَّا بِأَمۡرِ رَبِّكَۖ لَهُۥ مَا بَيۡنَ أَيۡدِينَا وَمَا خَلۡفَنَا وَمَا بَيۡنَ ذَٰلِكَۚ وَمَا كَانَ رَبُّكَ نَسِيًّا ٦٤Nuti (maleykonni) ajaja Gooftaa keetiitiin ala hin buunuWanti fuuldura keenyaa, wanti duuba keenyaafi wanti gidduu sana jirus kan IsaatiGooftaan keetis dagataa hin taane رَّبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَا فَٱعۡبُدۡهُ وَٱصۡطَبِرۡ لِعِبَٰدَتِهِۦۚ هَلۡ تَعۡلَمُ لَهُۥ سَمِيًّا ٦٥(Inni) Gooftaa samii, dachiifi wantoota gidduu isaan lamaan jiran hundaatiKanaafuu Isa (qofa) gabbari; Isa gabbaruu irrattis obsa qabaadhuSila Isaaf moggoo (fakkaataa) wahii ni beektaa وَيَقُولُ ٱلۡإِنسَٰنُ أَءِذَا مَا مِتُّ لَسَوۡفَ أُخۡرَجُ حَيًّا ٦٦Namni “Sila ani ergan du’ee lubbuun jiraadhee (qabrii) baafamaa?” jedha أَوَلَا يَذۡكُرُ ٱلۡإِنسَٰنُ أَنَّا خَلَقۡنَٰهُ مِن قَبۡلُ وَلَمۡ يَكُ شَيۡـًٔا ٦٧Sila namni akka Nuti kanaan dura dhabama irraa isa uumne hin yaadatuu فَوَرَبِّكَ لَنَحۡشُرَنَّهُمۡ وَٱلشَّيَٰطِينَ ثُمَّ لَنُحۡضِرَنَّهُمۡ حَوۡلَ جَهَنَّمَ جِثِيًّا ٦٨Gooftaa keetiin kakannee! Dhugumatti, isaaniifi sheyxaanota walitti qabneeti, ergasii moggaa jahannamitti jilbeenfatoo taasifnee isaan fidna ثُمَّ لَنَنزِعَنَّ مِن كُلِّ شِيعَةٍ أَيُّهُمۡ أَشَدُّ عَلَى ٱلرَّحۡمَٰنِ عِتِيًّا ٦٩Sana booda garee hunda irraa isaan Rahmaan irratti jallinatti irra cimoo ta’an ni baafna ثُمَّ لَنَحۡنُ أَعۡلَمُ بِٱلَّذِينَ هُمۡ أَوۡلَىٰ بِهَا صِلِيًّا ٧٠Ergasii, dhugumatti, Nuti (isaan irraa) warra ishee (Ibidda) seenuu qaban akkaan beekna وَإِن مِّنكُمۡ إِلَّا وَارِدُهَاۚ كَانَ عَلَىٰ رَبِّكَ حَتۡمًا مَّقۡضِيًّا ٧١Isin irraa eenyulleen ishee seenu malee hin hafuDirqama Rabbii keetiin murteeffameedha ثُمَّ نُنَجِّي ٱلَّذِينَ ٱتَّقَواْ وَّنَذَرُ ٱلظَّٰلِمِينَ فِيهَا جِثِيًّا ٧٢Sana booda warra Rabbiin sodaatan nagaa baafna; warra miidhaa hojjatan immoo ishee keessatti jilbiiffatoo taasifnee (isaan) dhiifna وَإِذَا تُتۡلَىٰ عَلَيۡهِمۡ ءَايَٰتُنَا بَيِّنَٰتٍ قَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لِلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ أَيُّ ٱلۡفَرِيقَيۡنِ خَيۡرٌ مَّقَامًا وَأَحۡسَنُ نَدِيًّا ٧٣Yeroo keeyyattoonni keenya ifa ta’anii isaan irratti dubbifamanis, kaafiroonni mu’uminootaan “Garee lamaan keessaa isa kamtu caalmaa sadarkaatiifi miidhagina iddoo waltajjii qaba?” jedhu وَكَمۡ أَهۡلَكۡنَا قَبۡلَهُم مِّن قَرۡنٍ هُمۡ أَحۡسَنُ أَثَٰثًا وَرِءۡيًا ٧٤Isaaniin duras dhaloota heddu kan meeshaa mana keessaatiifi argaa ijaattis isaan caalaa babbareedoo ta’anis balleessinee jirra قُلۡ مَن كَانَ فِي ٱلضَّلَٰلَةِ فَلۡيَمۡدُدۡ لَهُ ٱلرَّحۡمَٰنُ مَدًّاۚ حَتَّىٰٓ إِذَا رَأَوۡاْ مَا يُوعَدُونَ إِمَّا ٱلۡعَذَابَ وَإِمَّا ٱلسَّاعَةَ فَسَيَعۡلَمُونَ مَنۡ هُوَ شَرٌّ مَّكَانًا وَأَضۡعَفُ جُندًا ٧٥Jedhi (Yaa Muhammad!-SAW): “Nama jallina keessa jiru Rahmaan (jallina inni filate) akkaan isaaf haa dabalu; yeroo waan waadaa isaaniif galame, adabbii yookiin Qiyaamaa argan, nama iddoon isaa irra badaafi raayyaa waraanaatti irra dadhabaa ta’e fuulduratti ni beeku وَيَزِيدُ ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ ٱهۡتَدَوۡاْ هُدًىۗ وَٱلۡبَٰقِيَٰتُ ٱلصَّٰلِحَٰتُ خَيۡرٌ عِندَ رَبِّكَ ثَوَابًا وَخَيۡرٌ مَّرَدًّا ٧٦Rabbiinis warra qajeelaniif qajeeluma dabalaHojiiwwan gaggaarii yeroo dheeraaf turantu Rabbii kee biratti mindaa ta’uun caalaadha; deebiidhaanis isatu (irra) caalaadha أَفَرَءَيۡتَ ٱلَّذِي كَفَرَ بِـَٔايَٰتِنَا وَقَالَ لَأُوتَيَنَّ مَالًا وَوَلَدًا ٧٧Sila isa keeyyattoota keenyatti kafaree “Ani dhugumatti, qabeenyaafi ilmaan kennamuufin jira” jedhe naaf himi أَطَّلَعَ ٱلۡغَيۡبَ أَمِ ٱتَّخَذَ عِندَ ٱلرَّحۡمَٰنِ عَهۡدًا ٧٨Sila (iccitii) fagoo irratti mul’atemoo Rahmaan biratti waadaa wahii godhate كـَلَّاۚ سَنَكۡتُبُ مَا يَقُولُ وَنَمُدُّ لَهُۥ مِنَ ٱلۡعَذَابِ مَدًّا ٧٩Lakki; (kun hin ta’u) Nuti waan inni jedhus ni galmeessina; adabbii irraas dabaltii (isaaf malu) isaaf daballa وَنَرِثُهُۥ مَا يَقُولُ وَيَأۡتِينَا فَرۡدًا ٨٠Waan inni (qaba) jedhu (hunda) irraa dhaalla; innis kophaa isaa Nutti dhufa وَٱتَّخَذُواْ مِن دُونِ ٱللَّهِ ءَالِهَةً لِّيَكُونُواْ لَهُمۡ عِزًّا ٨١Akka humnaafi kabajaa isaaniif ta’aniif jecha Rabbiin alatti gabbaramoo godhatan كـَلَّاۚ سَيَكۡفُرُونَ بِعِبَادَتِهِمۡ وَيَكُونُونَ عَلَيۡهِمۡ ضِدًّا ٨٢Lakkisaa; (kun waan ta’uu miti) isaan fuulduratti gabbaruu isaanii ni mormu; isaan irrattis faallaa ta’anii dhiaatu أَلَمۡ تَرَ أَنَّآ أَرۡسَلۡنَا ٱلشَّيَٰطِينَ عَلَى ٱلۡكَٰفِرِينَ تَؤُزُّهُمۡ أَزًّا ٨٣Sila akka Nuti kaafiroota irratti sheyxaanota erginee (badii irratti) kakaasanii dhiibaa turan hin arginee فَلَا تَعۡجَلۡ عَلَيۡهِمۡۖ إِنَّمَا نَعُدُّ لَهُمۡ عَدًّا ٨٤Isaan (adabamuu) irratti hin jerjerin; Nuti lakkoofsa (guyyootaa) isaaniif lakkaayaa jirra يَوۡمَ نَحۡشُرُ ٱلۡمُتَّقِينَ إِلَى ٱلرَّحۡمَٰنِ وَفۡدًا ٨٥Guyyaa warra Rabbiin sodaatan gara Rahmaanitti garee kabajamoo taasifnee isaan walitti qabnu [yaadadhu] وَنَسُوقُ ٱلۡمُجۡرِمِينَ إِلَىٰ جَهَنَّمَ وِرۡدًا ٨٦Badii raawwattoota immoo dheebotoo taasifnee gara Jahannam oofna لَّا يَمۡلِكُونَ ٱلشَّفَٰعَةَ إِلَّا مَنِ ٱتَّخَذَ عِندَ ٱلرَّحۡمَٰنِ عَهۡدًا ٨٧Nama Rahmaan biraa waadaa qabu malee araarsaa argachuu hin danda’anu وَقَالُواْ ٱتَّخَذَ ٱلرَّحۡمَٰنُ وَلَدًا ٨٨“Rahmaan ilma godhate” jedhu لَّقَدۡ جِئۡتُمۡ شَيۡـًٔا إِدًّا ٨٩Dhugumatti, isin waan fokkataa fiddaniirtu تَكَادُ ٱلسَّمَٰوَٰتُ يَتَفَطَّرۡنَ مِنۡهُ وَتَنشَقُّ ٱلۡأَرۡضُ وَتَخِرُّ ٱلۡجِبَالُ هَدًّا ٩٠(Kana) irraa samiin babbaqaquu, dachiinis dhodhooyuufi gaarreenis caccabanii kufuuf dhiaatu (fiddan) أَن دَعَوۡاْ لِلرَّحۡمَٰنِ وَلَدًا ٩١Rahmaaniif ilma moggaasuu irraa (babbaqaqutti dhiaatu) وَمَا يَنۢبَغِي لِلرَّحۡمَٰنِ أَن يَتَّخِذَ وَلَدًا ٩٢Rahmaan ilma godhachuun isaaf hin malu إِن كُلُّ مَن فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ إِلَّآ ءَاتِي ٱلرَّحۡمَٰنِ عَبۡدًا ٩٣Wanti samiifi dachii keessa jiran hundi gabra (Isaa) qofa ta’anii gara Rahmaan dhufanu malee hin hafan لَّقَدۡ أَحۡصَىٰهُمۡ وَعَدَّهُمۡ عَدًّا ٩٤Dhugumatti, Inni tokko tokkoon isaan beeka; lakkoofsa guutuu ta’es isaan lakkaa’eera وَكُلُّهُمۡ ءَاتِيهِ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ فَرۡدًا ٩٥Hundi isaaniis Guyyaa Qiyaamaa kophaa isaanii gara Isaatti (Rahmaanitti) dhufu إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ سَيَجۡعَلُ لَهُمُ ٱلرَّحۡمَٰنُ وُدًّا ٩٦Dhugumatti, isaan amananii, gaggaarii hojjatan, Rahmaan fuulduratti jaalala isaaniif taasisa فَإِنَّمَا يَسَّرۡنَٰهُ بِلِسَانِكَ لِتُبَشِّرَ بِهِ ٱلۡمُتَّقِينَ وَتُنذِرَ بِهِۦ قَوۡمًا لُّدًّا ٩٧Wanti Nuti arraba kee irratti isa (Qur’aana kana) sii laaffifneef akka warra Rabbiin sodaatan ittiin gammachiiftee, ummata akkaan mormitoota ta’an immoo ittiin sodaachiftuufi وَكَمۡ أَهۡلَكۡنَا قَبۡلَهُم مِّن قَرۡنٍ هَلۡ تُحِسُّ مِنۡهُم مِّنۡ أَحَدٍ أَوۡ تَسۡمَعُ لَهُمۡ رِكۡزَۢا ٩٨Isaan duras dhaloota irraa meeqaatama balleessinee jirra! Sila isaan irraa tokkos argitaa? Yookiin hasaasa (qilixii) isaaniif ni dhageessaa