ملة الإسلام

السورة 92 · 21 آية · Ghali Apapur Apaghuna

سورة الليل باللغة الأورومية

السورة بالعربية مع التفسير استمع إلى سورة الليل (1,297 قارئاً)
مكيةسورة الليل٢١ آية

بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

وَٱلَّيۡلِ إِذَا يَغۡشَىٰ ١Halkaniin (nan kakadha); yeroo (inni) haguuge وَٱلنَّهَارِ إِذَا تَجَلَّىٰ ٢Guyyaanis yeroo inni mul'ate وَمَا خَلَقَ ٱلذَّكَرَ وَٱلۡأُنثَىٰٓ ٣Isa kormaafi dhalaa uumeenis إِنَّ سَعۡيَكُمۡ لَشَتَّىٰ ٤Dhugumatti, dalagaan keessan adda adda (wal dhaba) فَأَمَّا مَنۡ أَعۡطَىٰ وَٱتَّقَىٰ ٥Namni kennatee Rabbiin sodaate وَصَدَّقَ بِٱلۡحُسۡنَىٰ ٦Islaamummaas dhugoomse فَسَنُيَسِّرُهُۥ لِلۡيُسۡرَىٰ ٧(Karaa) laaftuuf isa laaffisuuf jirra وَأَمَّا مَنۢ بَخِلَ وَٱسۡتَغۡنَىٰ ٨Nama don’oomee of ga’e وَكَذَّبَ بِٱلۡحُسۡنَىٰ ٩Islaamummaa sobsiise immoo فَسَنُيَسِّرُهُۥ لِلۡعُسۡرَىٰ ١٠(Karaa) jabduuf isa laaffisuuf jirra وَمَا يُغۡنِي عَنۡهُ مَالُهُۥٓ إِذَا تَرَدَّىٰٓ ١١Yeroo inni (ibiddatti) kufu qabeenyi isaa isa hin fayyadu إِنَّ عَلَيۡنَا لَلۡهُدَىٰ ١٢Dhugumatti, karaa qajeelaa ifa galchuun (mul'isuun) Nurra jira وَإِنَّ لَنَا لَلۡأٓخِرَةَ وَٱلۡأُولَىٰ ١٣Dhugumatti, Aakhiraafi addunyaan keenya فَأَنذَرۡتُكُمۡ نَارًا تَلَظَّىٰ ١٤Ibidda qabsiifamaa ta'e isin sodaachise لَا يَصۡلَىٰهَآ إِلَّا ٱلۡأَشۡقَى ١٥Hoonga’aa malee ishee hin seenu ٱلَّذِي كَذَّبَ وَتَوَلَّىٰ ١٦Kan sobsiisee gara gale (malee) وَسَيُجَنَّبُهَا ٱلۡأَتۡقَى ١٧Namni Rabbiin sodaatu immoo ishee irraa fageeffamuuf jira ٱلَّذِي يُؤۡتِي مَالَهُۥ يَتَزَكَّىٰ ١٨Kan qabeenya isaa qulqulleeffachuuf kennu وَمَا لِأَحَدٍ عِندَهُۥ مِن نِّعۡمَةٍ تُجۡزَىٰٓ ١٩Haala isa bira nama tokkoof galanni galfamu hin jirreen (kan kennatu) إِلَّا ٱبۡتِغَآءَ وَجۡهِ رَبِّهِ ٱلۡأَعۡلَىٰ ٢٠Fuula Gooftaa isaa ol aanaa ta'e barbaachaaf malee (hin kennu) وَلَسَوۡفَ يَرۡضَىٰ ٢١Dhugumatti, inni fuulduratti jaalachuuf jira

الترجمة: Ghali Apapur Apaghuna.