ملة الإسلام

السورة 56 · 96 آية · Ghali Apapur Apaghuna

سورة الواقعة باللغة الأورومية

السورة بالعربية مع التفسير استمع إلى سورة الواقعة (1,362 قارئاً)
مكيةسورة الواقعة٩٦ آية

بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

إِذَا وَقَعَتِ ٱلۡوَاقِعَةُ ١Yeroo argamtuun (Qiyaamaan) argamte لَيۡسَ لِوَقۡعَتِهَا كَاذِبَةٌ ٢Argama isheetiif kijibni hin jirtu خَافِضَةٌ رَّافِعَةٌ ٣Gadi qabduu, ol fuutuudha إِذَا رُجَّتِ ٱلۡأَرۡضُ رَجًّا ٤Yeroo dachiin raafama cimaa raafamte وَبُسَّتِ ٱلۡجِبَالُ بَسًّا ٥(Yeroo) gaarreenis facaafamiinsa facaafamte فَكَانَتۡ هَبَآءً مُّنۢبَثًّا ٦Dhukkee facaafamtuus taate وَكُنتُمۡ أَزۡوَٰجًا ثَلَٰثَةً ٧(Yeroo) Isinis garee sadi taatan فَأَصۡحَٰبُ ٱلۡمَيۡمَنَةِ مَآ أَصۡحَٰبُ ٱلۡمَيۡمَنَةِ ٨(Gareen tokko) warra mirgaati; warri mirgaa akkam (milkaa’oo dha) وَأَصۡحَٰبُ ٱلۡمَشۡـَٔمَةِ مَآ أَصۡحَٰبُ ٱلۡمَشۡـَٔمَةِ ٩(Gareen lammaffaan) warra bitaati; warri bitaa akkam (hoonga’oo dha) وَٱلسَّٰبِقُونَ ٱلسَّٰبِقُونَ ١٠(Gareen sadaffaa) Isaan gara toltuutti dursitoota dursoodha أُوْلَٰٓئِكَ ٱلۡمُقَرَّبُونَ ١١Isaan (Rabbitti) dhiheeffamoota فِي جَنَّٰتِ ٱلنَّعِيمِ ١٢Jannata qananii keessatti ta’u ثُلَّةٌ مِّنَ ٱلۡأَوَّلِينَ ١٣Warra duraa irraa baay’eedha وَقَلِيلٌ مِّنَ ٱلۡأٓخِرِينَ ١٤Warra boodaa irraa immoo xiqqoodha عَلَىٰ سُرُرٍ مَّوۡضُونَةٍ ١٥Sireewwan dhawamte irratti ta’u مُّتَّكِـِٔينَ عَلَيۡهَا مُتَقَٰبِلِينَ ١٦Fuulaan walitti garagalanii ishee irratti hirkatu يَطُوفُ عَلَيۡهِمۡ وِلۡدَٰنٌ مُّخَلَّدُونَ ١٧Ijoollee (ijoollummaan) yeroo hunda jiraatantu isaan irra naanna’a بِأَكۡوَابٍ وَأَبَارِيقَ وَكَأۡسٍ مِّن مَّعِينٍ ١٨Kubbaayyaa, quluufi geeba (xoofoo) farsoo irraa ta’een لَّا يُصَدَّعُونَ عَنۡهَا وَلَا يُنزِفُونَ ١٩Isii irraa hin bowwaafatan; hin machaa’anis وَفَٰكِهَةٍ مِّمَّا يَتَخَيَّرُونَ ٢٠Fuduraalee irraa waan isaan filataniin (irra naanna’u) وَلَحۡمِ طَيۡرٍ مِّمَّا يَشۡتَهُونَ ٢١Foon allaattii irraas waan isaan fedhaniin وَحُورٌ عِينٌ ٢٢Dubra adaadii ija babal’ootu (isiniif jira) كَأَمۡثَٰلِ ٱللُّؤۡلُوِٕ ٱلۡمَكۡنُونِ ٢٣Akka faaya eegamaa kan fafakkaatan جَزَآءَۢ بِمَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ ٢٤Mindaa waan hojjataa turaniif jecha (kana isaaniif goone) لَا يَسۡمَعُونَ فِيهَا لَغۡوًا وَلَا تَأۡثِيمًا ٢٥Isii (jannata) keessatti wacaafi wal arrabsuus hin dhaga’an إِلَّا قِيلًا سَلَٰمًا سَلَٰمًا ٢٦“Nagayaa nagayaa waliin jechuu malee” (hin dhaga’an) وَأَصۡحَٰبُ ٱلۡيَمِينِ مَآ أَصۡحَٰبُ ٱلۡيَمِينِ ٢٧Warri mirgaa; warra mirgaa waa’een isaanii akkam tola فِي سِدۡرٍ مَّخۡضُودٍ ٢٨(Isaan) mukkeen qurquraa kan qoree hin qabne keessa jiraatu وَطَلۡحٍ مَّنضُودٍ ٢٩Muuza firiidhaan guutame (keessa jiraatu) وَظِلٍّ مَّمۡدُودٍ ٣٠Gaaddisa diriirfamaa (keessa) وَمَآءٍ مَّسۡكُوبٍ ٣١Bishaan dhangala’u (keessa) وَفَٰكِهَةٍ كَثِيرَةٍ ٣٢Fuduraalee baay’ee (keessa) لَّا مَقۡطُوعَةٍ وَلَا مَمۡنُوعَةٍ ٣٣Kan maddi isaanii hin cinneefi kan irraa hin dhorgamne (keessa) وَفُرُشٍ مَّرۡفُوعَةٍ ٣٤Firaasholee ol fuudhamtuu (keessa jiraatu) إِنَّآ أَنشَأۡنَٰهُنَّ إِنشَآءً ٣٥Dhugumatti, Nuti (dubartoota jannataa) uuminsa isaan uumne فَجَعَلۡنَٰهُنَّ أَبۡكَارًا ٣٦Dubroota isaan goone عُرُبًا أَتۡرَابًا ٣٧Jaallattoota (abbaa manaa), kan hiriyoota ta’an (isaan goone) لِّأَصۡحَٰبِ ٱلۡيَمِينِ ٣٨Warra mirgaatiif (qophaa’an) ثُلَّةٌ مِّنَ ٱلۡأَوَّلِينَ ٣٩Hedduun (isaanii) warra duraa irraayi وَثُلَّةٌ مِّنَ ٱلۡأٓخِرِينَ ٤٠Warra boodaa irraahis baay’eedha وَأَصۡحَٰبُ ٱلشِّمَالِ مَآ أَصۡحَٰبُ ٱلشِّمَالِ ٤١Warri bitaa; warri bitaa akkam (fokkatu) فِي سَمُومٍ وَحَمِيمٍ ٤٢Ibidda laalessaafi bishaan danfaa keessa jiraatu وَظِلٍّ مِّن يَحۡمُومٍ ٤٣Gaaddisa aara gurraacha irraa ta’e keessa لَّا بَارِدٍ وَلَا كَرِيمٍ ٤٤(Gaaddiisa) qabbanaa’aa hin ta’iniifi gaariis hin ta’in إِنَّهُمۡ كَانُواْ قَبۡلَ ذَٰلِكَ مُتۡرَفِينَ ٤٥Dhugumatti, isaan sana dura qanansiifamoo turan وَكَانُواْ يُصِرُّونَ عَلَى ٱلۡحِنثِ ٱلۡعَظِيمِ ٤٦Dilii guddaa itti fufu turan وَكَانُواْ يَقُولُونَ أَئِذَا مِتۡنَا وَكُنَّا تُرَابًا وَعِظَٰمًا أَءِنَّا لَمَبۡعُوثُونَ ٤٧“Sila yeroo duunee biyyeefi lafee taane, dhugumatti nuti kaafamoodhaa?” jedhaa turan أَوَءَابَآؤُنَا ٱلۡأَوَّلُونَ ٤٨“Abbootiin keenya kan jalqabaas moo?” (jechuu turan) قُلۡ إِنَّ ٱلۡأَوَّلِينَ وَٱلۡأٓخِرِينَ ٤٩“(Yaa Muhammad!) dhugumatti, isaan jalqabaas ta’ee isaan boodaas (ni kaafamu)” jedhiin لَمَجۡمُوعُونَ إِلَىٰ مِيقَٰتِ يَوۡمٍ مَّعۡلُومٍ ٥٠Beellama guyyaa beekamaa keessatti walitti qabamuuf jiru ثُمَّ إِنَّكُمۡ أَيُّهَا ٱلضَّآلُّونَ ٱلۡمُكَذِّبُونَ ٥١Ergasii isin yaa jallattoota sobsiiftotaa لَأٓكِلُونَ مِن شَجَرٍ مِّن زَقُّومٍ ٥٢Muka Zaqquum irraa nyaatoodha فَمَالِـُٔونَ مِنۡهَا ٱلۡبُطُونَ ٥٣Ishee irraas garaa keessan guuttatoodha فَشَٰرِبُونَ عَلَيۡهِ مِنَ ٱلۡحَمِيمِ ٥٤Isa irrattis bishaan danfaa dhugoodha فَشَٰرِبُونَ شُرۡبَ ٱلۡهِيمِ ٥٥Dhugaatii akka gaala dheebottee dhugdu هَٰذَا نُزُلُهُمۡ يَوۡمَ ٱلدِّينِ ٥٦Kun simannaa isaanii kan guyyaa murtiiti نَحۡنُ خَلَقۡنَٰكُمۡ فَلَوۡلَا تُصَدِّقُونَ ٥٧Nuti isin uumnee; maaliif hin dhugoomsine أَفَرَءَيۡتُم مَّا تُمۡنُونَ ٥٨Waan (maniyyii) dhangalaaftan san mee naaf himaa ءَأَنتُمۡ تَخۡلُقُونَهُۥٓ أَمۡ نَحۡنُ ٱلۡخَٰلِقُونَ ٥٩Sila isintu isa uumamoo? Nutu uumoo dha نَحۡنُ قَدَّرۡنَا بَيۡنَكُمُ ٱلۡمَوۡتَ وَمَا نَحۡنُ بِمَسۡبُوقِينَ ٦٠Nutu du’a gidduu keessanitti murteesseNuti dadhabsiifamoo miti عَلَىٰٓ أَن نُّبَدِّلَ أَمۡثَٰلَكُمۡ وَنُنشِئَكُمۡ فِي مَا لَا تَعۡلَمُونَ ٦١Fakkaataa keessan jijjiiree, waan isin hin beekne keessatti isin uumuu irratti (dadhaboo miti) وَلَقَدۡ عَلِمۡتُمُ ٱلنَّشۡأَةَ ٱلۡأُولَىٰ فَلَوۡلَا تَذَكَّرُونَ ٦٢Dhugumatti, akkaataa uumama jalqabaa beektanii jirtu; maaliif hin gorfamne أَفَرَءَيۡتُم مَّا تَحۡرُثُونَ ٦٣Mee waa’ee waan facaaftanii naaf himaa ءَأَنتُمۡ تَزۡرَعُونَهُۥٓ أَمۡ نَحۡنُ ٱلزَّٰرِعُونَ ٦٤Isintu isa biqilcha moo Nutu biqilchoo dha لَوۡ نَشَآءُ لَجَعَلۡنَٰهُ حُطَٰمًا فَظَلۡتُمۡ تَفَكَّهُونَ ٦٥Odoo feenee caccabaa gooneeti kan dinqisiifattan taatan إِنَّا لَمُغۡرَمُونَ ٦٦“Nuti dhugumatti hoonga’oodha”(jettu) بَلۡ نَحۡنُ مَحۡرُومُونَ ٦٧“Lakkisaa; nuti dhorgamoodha” (waliin jettu) أَفَرَءَيۡتُمُ ٱلۡمَآءَ ٱلَّذِي تَشۡرَبُونَ ٦٨Mee waa’ee bishaan dhugdanii san Naaf himaa ءَأَنتُمۡ أَنزَلۡتُمُوهُ مِنَ ٱلۡمُزۡنِ أَمۡ نَحۡنُ ٱلۡمُنزِلُونَ ٦٩Sila duumessa irraa isintu isa buusee? Moo Nutu (isa) buusoo dha لَوۡ نَشَآءُ جَعَلۡنَٰهُ أُجَاجًا فَلَوۡلَا تَشۡكُرُونَ ٧٠Odoo feenee soogiddoo (kuraawaa) isa taasifnaSila maaliif (Rabbiin) hin galatoomfanne أَفَرَءَيۡتُمُ ٱلنَّارَ ٱلَّتِي تُورُونَ ٧١Mee waa’ee ibidda qabsiifattanii san naaf himaa ءَأَنتُمۡ أَنشَأۡتُمۡ شَجَرَتَهَآ أَمۡ نَحۡنُ ٱلۡمُنشِـُٔونَ ٧٢Sila muka ishee isintu biqilchee? Moo Nutu biqilchoo dha نَحۡنُ جَعَلۡنَٰهَا تَذۡكِرَةً وَمَتَٰعًا لِّلۡمُقۡوِينَ ٧٣Nuti ibidda kana gorsaafi qananii imaltoonni itti fayyadaman ishee goone فَسَبِّحۡ بِٱسۡمِ رَبِّكَ ٱلۡعَظِيمِ ٧٤Maqaa Gooftaa kee Isa guddaa faarsi ۞ فَلَآ أُقۡسِمُ بِمَوَٰقِعِ ٱلنُّجُومِ ٧٥Seensa urjiiwwaniitiniin kakadha وَإِنَّهُۥ لَقَسَمٌ لَّوۡ تَعۡلَمُونَ عَظِيمٌ ٧٦Inni dhugumatti, odoo kan beektan ta’ee kakuu guddaadha إِنَّهُۥ لَقُرۡءَانٌ كَرِيمٌ ٧٧Dhugumatti, inni Qur’aana kabajamaadha فِي كِتَٰبٍ مَّكۡنُونٍ ٧٨Kitaaba akkaan eegamaa (Lawhal Mahfuuz) keessa jira لَّا يَمَسُّهُۥٓ إِلَّا ٱلۡمُطَهَّرُونَ ٧٩Warra qulqulluu malee (eenyulleen) isa hin tuqu تَنزِيلٌ مِّن رَّبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ ٨٠Gooftaa aalama hundaa irraa buufamaadha أَفَبِهَٰذَا ٱلۡحَدِيثِ أَنتُم مُّدۡهِنُونَ ٨١Sila haasa’a kanaa kan isin laaffiftan وَتَجۡعَلُونَ رِزۡقَكُمۡ أَنَّكُمۡ تُكَذِّبُونَ ٨٢(Galata) rizqii (rooba) keessanii kijibsiisuu gootanii فَلَوۡلَآ إِذَا بَلَغَتِ ٱلۡحُلۡقُومَ ٨٣Yeroo (lubbuun) kokkee geesse, (maaliif hin deebiftanuu) وَأَنتُمۡ حِينَئِذٍ تَنظُرُونَ ٨٤Odoo yeroo san isin ilaaltanuu وَنَحۡنُ أَقۡرَبُ إِلَيۡهِ مِنكُمۡ وَلَٰكِن لَّا تُبۡصِرُونَ ٨٥Isin hin argitan malee Nuti isin caalaa gara isaatti dhihoo jirra فَلَوۡلَآ إِن كُنتُمۡ غَيۡرَ مَدِينِينَ ٨٦Yoo (kaafamtanii) kan galata hin galfamne taatan (lubbuu san deebisaa) تَرۡجِعُونَهَآ إِن كُنتُمۡ صَٰدِقِينَ ٨٧Yoo kan dhugaa dubbattan taatan maaliif hin deebiftanu فَأَمَّآ إِن كَانَ مِنَ ٱلۡمُقَرَّبِينَ ٨٨Yoo inni (namni du’e sun) namoota Rabbitti dhiyeeffaman irraa ta’e فَرَوۡحٌ وَرَيۡحَانٌ وَجَنَّتُ نَعِيمٍ ٨٩(Isaaf) haara galfii, gammachuufi jannata qananiitu jira وَأَمَّآ إِن كَانَ مِنۡ أَصۡحَٰبِ ٱلۡيَمِينِ ٩٠Yoo inni warra mirgaa irraa ta’e immoo فَسَلَٰمٌ لَّكَ مِنۡ أَصۡحَٰبِ ٱلۡيَمِينِ ٩١Warra mirgaa irraa waan taateef nagaan siif haa jiraatu” (isaan jedhama) وَأَمَّآ إِن كَانَ مِنَ ٱلۡمُكَذِّبِينَ ٱلضَّآلِّينَ ٩٢Yoo sobsiiftota jallattoota irraa ta’e immoo فَنُزُلٌ مِّنۡ حَمِيمٍ ٩٣Isaaf afeerraa bishaan danfaa irraa ta’etu jira وَتَصۡلِيَةُ جَحِيمٍ ٩٤Jahiim seenuutu isaaf jira إِنَّ هَٰذَا لَهُوَ حَقُّ ٱلۡيَقِينِ ٩٥Dhugumatti, inni (wanti suuraan ibsite) kun haqa mirkanaa’aadha فَسَبِّحۡ بِٱسۡمِ رَبِّكَ ٱلۡعَظِيمِ ٩٦Maqaa Gooftaa kee guddaa ta’ee faarsi (qulqulleessi)

الترجمة: Ghali Apapur Apaghuna.