بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
الٓرۚ كِتَٰبٌ أَنزَلۡنَٰهُ إِلَيۡكَ لِتُخۡرِجَ ٱلنَّاسَ مِنَ ٱلظُّلُمَٰتِ إِلَى ٱلنُّورِ بِإِذۡنِ رَبِّهِمۡ إِلَىٰ صِرَٰطِ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡحَمِيدِ ١Alif Laam Raa(Inni) kitaaba akka ati nama hayyama Gooftaa isaanitiin dukkana (kufrii) irraa gara ifaa (Islaamaa), gara karaa (Rabbii) injifataa, faarfamaa ta’ee baaftuuf gara keetti buufneedha ٱللَّهِ ٱلَّذِي لَهُۥ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۗ وَوَيۡلٌ لِّلۡكَٰفِرِينَ مِنۡ عَذَابٍ شَدِيدٍ ٢Rabbiin Isa wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru hundi kan Isaa ta’eedhaBadiin adabbii cimaa irraa ta’e kaafirootaaf qophaa’eera ٱلَّذِينَ يَسۡتَحِبُّونَ ٱلۡحَيَوٰةَ ٱلدُّنۡيَا عَلَى ٱلۡأٓخِرَةِ وَيَصُدُّونَ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ وَيَبۡغُونَهَا عِوَجًاۚ أُوْلَٰٓئِكَ فِي ضَلَٰلِۭ بَعِيدٍ ٣Isaan warra jireenya addunyaa kanaa isa Aakhiraa irra jaalatanii, karaa Rabbii irraa (namoota) deebisaniifi jallina ta’uu ishee barbaadaniidhaIsaan sun jallina fagoo keessa jiru وَمَآ أَرۡسَلۡنَا مِن رَّسُولٍ إِلَّا بِلِسَانِ قَوۡمِهِۦ لِيُبَيِّنَ لَهُمۡۖ فَيُضِلُّ ٱللَّهُ مَن يَشَآءُ وَيَهۡدِي مَن يَشَآءُۚ وَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ ٤Nuti ergamaa irraa tokkos akka inni (ergaa keenya) isaaniif addeessuf jecha afaan ummata isaatiin malee hin ergineRabbiin nama fedhe ni jallisa; nama fedhe immoo ni qajeelchaInnis injifataa, ogeessa وَلَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا مُوسَىٰ بِـَٔايَٰتِنَآ أَنۡ أَخۡرِجۡ قَوۡمَكَ مِنَ ٱلظُّلُمَٰتِ إِلَى ٱلنُّورِ وَذَكِّرۡهُم بِأَيَّىٰمِ ٱللَّهِۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٍ لِّكُلِّ صَبَّارٍ شَكُورٍ ٥Nuti dhugumatti Muusaa raajiwwan keenyaan “Ummata kee dukkana irraa gara ifaatti baasi, Guyyoota Rabbiitiin isaan yaadachiisi” jechuun erginee jirraDhugumatti, kana keessa warra akkaan obsanii, cimsanii galateeffatan hundaaf mallattooleetu jira وَإِذۡ قَالَ مُوسَىٰ لِقَوۡمِهِ ٱذۡكُرُواْ نِعۡمَةَ ٱللَّهِ عَلَيۡكُمۡ إِذۡ أَنجَىٰكُم مِّنۡ ءَالِ فِرۡعَوۡنَ يَسُومُونَكُمۡ سُوٓءَ ٱلۡعَذَابِ وَيُذَبِّحُونَ أَبۡنَآءَكُمۡ وَيَسۡتَحۡيُونَ نِسَآءَكُمۡۚ وَفِي ذَٰلِكُم بَلَآءٌ مِّن رَّبِّكُمۡ عَظِيمٌ ٦Yeroo Muusaan ummata isaatiin jedhes [yaadadhu]:“Ni’imaa Rabbii kan yeroo adabbii laalessaa isin dhandhamsiisaa; ilmaan keessan qaqqalaa; dubartoota keessan lubbuun akka jiraatan kan dhiisan ta’anii ummata Fir’awni irraa isin baraarse of irratti yaadadhaaKana keessa mokkoroo guddaa Gooftaa keessan irraa ta’etu jira وَإِذۡ تَأَذَّنَ رَبُّكُمۡ لَئِن شَكَرۡتُمۡ لَأَزِيدَنَّكُمۡۖ وَلَئِن كَفَرۡتُمۡ إِنَّ عَذَابِي لَشَدِيدٌ ٧Ammas yeroo Gooftaan keessan lallabee: “Yoo na galateeffattan, (ni’imaa kiyya irraa) isiniifin dabalayoo natti kafartan, dhugumatti adabbiin kiyya akkaan hamaadha” (jedhe yaadadhaa) وَقَالَ مُوسَىٰٓ إِن تَكۡفُرُوٓاْ أَنتُمۡ وَمَن فِي ٱلۡأَرۡضِ جَمِيعًا فَإِنَّ ٱللَّهَ لَغَنِيٌّ حَمِيدٌ ٨Muusaanis “Yoo isiniifi namoonni dachii irra jiran walumaa galatti kafartan (Rabbiin homaa hin miitan)” jedhedhugumatti Rabbiin dureessa, faarfamaadha أَلَمۡ يَأۡتِكُمۡ نَبَؤُاْ ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِكُمۡ قَوۡمِ نُوحٍ وَعَادٍ وَثَمُودَ وَٱلَّذِينَ مِنۢ بَعۡدِهِمۡ لَا يَعۡلَمُهُمۡ إِلَّا ٱللَّهُۚ جَآءَتۡهُمۡ رُسُلُهُم بِٱلۡبَيِّنَٰتِ فَرَدُّوٓاْ أَيۡدِيَهُمۡ فِيٓ أَفۡوَٰهِهِمۡ وَقَالُوٓاْ إِنَّا كَفَرۡنَا بِمَآ أُرۡسِلۡتُم بِهِۦ وَإِنَّا لَفِي شَكٍّ مِّمَّا تَدۡعُونَنَآ إِلَيۡهِ مُرِيبٍ ٩Sila oduun warra isin dura turanii isin hin geenyee? (Oduun) Kan ummata Nuuh, Aad, Samuudiifi warra isaan boodaa kan Rabbiin malee homtuu isaan hin beekne (isin hin geenyee)? Ergamoonni isaanii ragaawwan ifa ta’aniin itti dhufanii harka isaanii afaan isaanii keessatti deebisani“Dhugumatti, nuti isa isin ittiin ergamtanitti kafarree jirraAmmas nuti isa isin itti nu waamtan irraa mamii dhamaasaa keessa jirra” jedhan ۞ قَالَتۡ رُسُلُهُمۡ أَفِي ٱللَّهِ شَكٌّ فَاطِرِ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ يَدۡعُوكُمۡ لِيَغۡفِرَ لَكُم مِّن ذُنُوبِكُمۡ وَيُؤَخِّرَكُمۡ إِلَىٰٓ أَجَلٍ مُّسَمًّىۚ قَالُوٓاْ إِنۡ أَنتُمۡ إِلَّا بَشَرٌ مِّثۡلُنَا تُرِيدُونَ أَن تَصُدُّونَا عَمَّا كَانَ يَعۡبُدُ ءَابَآؤُنَا فَأۡتُونَا بِسُلۡطَٰنٍ مُّبِينٍ ١٠Ergamoonni isaaniis ni jedhan: “Sila Rabbii uumaa samiifi dachii ta’e, kan badii keessan irraa isiniif araaramuufi hanga yeroo murtaa’ee isin tursiisuuf isin waamu (jiraachuu isaa) keessa shakkiin jiraa?” [Isaan] “Isin namuma akka keenyaa kan waan abbootiin keenya gabbaraa turan irraa nu dhorguu barbaadu malee homaa hin taane; mee ragaa ifa ta’een nutti kottaa” jedhan قَالَتۡ لَهُمۡ رُسُلُهُمۡ إِن نَّحۡنُ إِلَّا بَشَرٌ مِّثۡلُكُمۡ وَلَٰكِنَّ ٱللَّهَ يَمُنُّ عَلَىٰ مَن يَشَآءُ مِنۡ عِبَادِهِۦۖ وَمَا كَانَ لَنَآ أَن نَّأۡتِيَكُم بِسُلۡطَٰنٍ إِلَّا بِإِذۡنِ ٱللَّهِۚ وَعَلَى ٱللَّهِ فَلۡيَتَوَكَّلِ ٱلۡمُؤۡمِنُونَ ١١Ergamoonni isaanii isaanin ni jedhan: “Nuti nama akka keessanii malee homaa hin taaneGaruu Rabbiin gabroota Isaa irraa nama fedhe irratti tola oolaNuti hayyama Rabbiitiin ala taaytaa (ragaa) tokkoonis isinitti dhufuun nuuf hin taaneMu’uminoonni Rabbi irratti (qofa) haa hirkatanu وَمَا لَنَآ أَلَّا نَتَوَكَّلَ عَلَى ٱللَّهِ وَقَدۡ هَدَىٰنَا سُبُلَنَاۚ وَلَنَصۡبِرَنَّ عَلَىٰ مَآ ءَاذَيۡتُمُونَاۚ وَعَلَى ٱللَّهِ فَلۡيَتَوَكَّلِ ٱلۡمُتَوَكِّلُونَ ١٢Sila dhugumatti odoo Inni karaa keenya nu qajeelchee jiruu maaltu nuuf jiraayyi Rabbi irratti hin hirkanne! Dhugumatti rakkoo isin nurrraan geessan irratti ni obsinaHirkattoonni Rabbi irratti haa hirkatu.” وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لِرُسُلِهِمۡ لَنُخۡرِجَنَّكُم مِّنۡ أَرۡضِنَآ أَوۡ لَتَعُودُنَّ فِي مِلَّتِنَاۖ فَأَوۡحَىٰٓ إِلَيۡهِمۡ رَبُّهُمۡ لَنُهۡلِكَنَّ ٱلظَّٰلِمِينَ ١٣Warri kafaran ergamtoota isaaniitiin “dhugumatti, nuti dachii keenya irraa isin baafna yookiin gara amantii keenyaa akka deebitan” jedhanRabbiin isaaniis “Nuti dhugumatti miidhaa hojjattoota ni balleessina” jechuu beeksisa gara isaanitti godhe وَلَنُسۡكِنَنَّكُمُ ٱلۡأَرۡضَ مِنۢ بَعۡدِهِمۡۚ ذَٰلِكَ لِمَنۡ خَافَ مَقَامِي وَخَافَ وَعِيدِ ١٤“Dhugumatti isaan booda dachittii irra isin qubsiifnaKun nama Na dura dhaabbachuu sodaateefi dinniina kiyyas sodaateefi.” وَٱسۡتَفۡتَحُواْ وَخَابَ كُلُّ جَبَّارٍ عَنِيدٍ ١٥(Ergamoonnis Rabbi irraa) deeggarsa barbaadanOf tuulaan, mormaan hundi ni hoonga’e مِّن وَرَآئِهِۦ جَهَنَّمُ وَيُسۡقَىٰ مِن مَّآءٍ صَدِيدٍ ١٦Fuuldura isaas jahannamtu jiraBishaan malaa irraas obaafama يَتَجَرَّعُهُۥ وَلَا يَكَادُ يُسِيغُهُۥ وَيَأۡتِيهِ ٱلۡمَوۡتُ مِن كُلِّ مَكَانٍ وَمَا هُوَ بِمَيِّتٍۖ وَمِن وَرَآئِهِۦ عَذَابٌ غَلِيظٌ ١٧Fedha isaatiin ala liqimsuutti dirqama; gadi isa liqimsuuttis hin dhiyaatu (hin danda’u)Duuti kallattii hunda irraa isatti dhufaInnis kan du’uu mitiFuuldura isaas adabbii guddaa ta’etu jira مَّثَلُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ بِرَبِّهِمۡۖ أَعۡمَٰلُهُمۡ كَرَمَادٍ ٱشۡتَدَّتۡ بِهِ ٱلرِّيحُ فِي يَوۡمٍ عَاصِفٍۖ لَّا يَقۡدِرُونَ مِمَّا كَسَبُواْ عَلَىٰ شَيۡءٍۚ ذَٰلِكَ هُوَ ٱلضَّلَٰلُ ٱلۡبَعِيدُ ١٨Fakkeenyi warra Rabbii isaaniitti kafaranii, dalagaaleen isaanii akka daaraa guyyaa bubbee cimaa qilleensi itti hammaatteetiWaan hojjatan irraa homaattuu (fayyadamuu) hin danda’anKun isatu jallina fagoodha أَلَمۡ تَرَ أَنَّ ٱللَّهَ خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ بِٱلۡحَقِّۚ إِن يَشَأۡ يُذۡهِبۡكُمۡ وَيَأۡتِ بِخَلۡقٍ جَدِيدٍ ١٩Sila dhugumatti Rabbiin samiifi dachii dhugaan uumuu hin argituu? (Rabbiin) yoo fedhe isin adeemsiseetiin uumama haaraa fida وَمَا ذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ بِعَزِيزٍ ٢٠Kunis Rabbi irratti jabaa hin taane وَبَرَزُواْ لِلَّهِ جَمِيعًا فَقَالَ ٱلضُّعَفَٰٓؤُاْ لِلَّذِينَ ٱسۡتَكۡبَرُوٓاْ إِنَّا كُنَّا لَكُمۡ تَبَعًا فَهَلۡ أَنتُم مُّغۡنُونَ عَنَّا مِنۡ عَذَابِ ٱللَّهِ مِن شَيۡءٍۚ قَالُواْ لَوۡ هَدَىٰنَا ٱللَّهُ لَهَدَيۡنَٰكُمۡۖ سَوَآءٌ عَلَيۡنَآ أَجَزِعۡنَآ أَمۡ صَبَرۡنَا مَا لَنَا مِن مَّحِيصٍ ٢١Hunda ta’anii Rabbiif mul’atandadhaboonnis isaan boonaniin “dhugumatti, nuti hordoftoota keessan turree, sila isin adabbii Rabbii irraa homa tokko nurraa deebisoo dhaa?” jedhan(Isaan boonanis) “Odoo Rabbiin nu qajeelchee, silaa nutis isin qajeelchina turre(Har’a) obsinus obsuu baannus nurratti waluma qixaIddoon baqannaa tokkos nuuf hin jiru” jedhu وَقَالَ ٱلشَّيۡطَٰنُ لَمَّا قُضِيَ ٱلۡأَمۡرُ إِنَّ ٱللَّهَ وَعَدَكُمۡ وَعۡدَ ٱلۡحَقِّ وَوَعَدتُّكُمۡ فَأَخۡلَفۡتُكُمۡۖ وَمَا كَانَ لِيَ عَلَيۡكُم مِّن سُلۡطَٰنٍ إِلَّآ أَن دَعَوۡتُكُمۡ فَٱسۡتَجَبۡتُمۡ لِيۖ فَلَا تَلُومُونِي وَلُومُوٓاْ أَنفُسَكُمۖ مَّآ أَنَا۠ بِمُصۡرِخِكُمۡ وَمَآ أَنتُم بِمُصۡرِخِيَّ إِنِّي كَفَرۡتُ بِمَآ أَشۡرَكۡتُمُونِ مِن قَبۡلُۗ إِنَّ ٱلظَّٰلِمِينَ لَهُمۡ عَذَابٌ أَلِيمٌ ٢٢yeroma dhimmichi murteeffamu sheyxaanni ni jedhe: “Dhugumatti, Rabbiin waadaa dhugaa isiniif galeera; anis waadaa isiniif galeen isin ganeIsin waamnaanuma naaf owwaattan malee anaaf isin irratti aangoon tokkollee hin taaneofuma komadhaa malee ana hin komatinaaAni isiniif birmataa miti; isiniis naaf birmatoo mitiAni waan isin duraan (Rabbitti) na qindeessitan mormeera.” Dhugumatti, miidhaa raawwattoonni adabbii laalessaatu isaaniif jira وَأُدۡخِلَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ جَنَّٰتٍ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَا بِإِذۡنِ رَبِّهِمۡۖ تَحِيَّتُهُمۡ فِيهَا سَلَٰمٌ ٢٣Isaan amananii gaggaarii hojjatanis hayyama Gooftaa isaaniitiin ishee keessatti kan hafan ta’anii jannata laggeen ishee keessa yaatu seensifamanWal kabajaan isaanii ishee keessatti ‘salaam’ (jechuu dha) أَلَمۡ تَرَ كَيۡفَ ضَرَبَ ٱللَّهُ مَثَلًا كَلِمَةً طَيِّبَةً كَشَجَرَةٍ طَيِّبَةٍ أَصۡلُهَا ثَابِتٌ وَفَرۡعُهَا فِي ٱلسَّمَآءِ ٢٤Sila akka Rabbiin jecha gaarii akka muka gaarii hundeen ishee gadi dhaabbataa ta’ee dameen ishees samii keessatti ta’eetti fakkeenya godhe hin arginee تُؤۡتِيٓ أُكُلَهَا كُلَّ حِينِۭ بِإِذۡنِ رَبِّهَاۗ وَيَضۡرِبُ ٱللَّهُ ٱلۡأَمۡثَالَ لِلنَّاسِ لَعَلَّهُمۡ يَتَذَكَّرُونَ ٢٥Yeroo hundas hayyama Gooftaa isheetiin firii ishee ni kennitiAkka gorfamanuuf jecha Rabbiin fakkeenya namootaaf godha وَمَثَلُ كَلِمَةٍ خَبِيثَةٍ كَشَجَرَةٍ خَبِيثَةٍ ٱجۡتُثَّتۡ مِن فَوۡقِ ٱلۡأَرۡضِ مَا لَهَا مِن قَرَارٍ ٢٦Fakkeenyi jecha fokkataa akka muka fokkataa gubbaa dachii irraa buqqifamtee isheedhaaf gadi dhaabannaan hin taaneeti يُثَبِّتُ ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ بِٱلۡقَوۡلِ ٱلثَّابِتِ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا وَفِي ٱلۡأٓخِرَةِۖ وَيُضِلُّ ٱللَّهُ ٱلظَّٰلِمِينَۚ وَيَفۡعَلُ ٱللَّهُ مَا يَشَآءُ ٢٧Warra amanan jireenya addunyaafi Aakhiraa keessatti jecha gadi dhaabbataadhaan Rabbiin gadi (isaan) dhaabaRabbiin miidhaa hojjattoota ni jallisaRabbiin waan fedhe hojjata ۞ أَلَمۡ تَرَ إِلَى ٱلَّذِينَ بَدَّلُواْ نِعۡمَتَ ٱللَّهِ كُفۡرًا وَأَحَلُّواْ قَوۡمَهُمۡ دَارَ ٱلۡبَوَارِ ٢٨Sila gara isaan ni’imaa Rabbii kufriin jijjiiranii, ummata isaanii ganda badii qubsiisanii hin ilaallee جَهَنَّمَ يَصۡلَوۡنَهَاۖ وَبِئۡسَ ٱلۡقَرَارُ ٢٩Ishee kan seenan ta’anii Jahannamiin (seensisfaman)Iddoon qubannaa waa fokkate وَجَعَلُواْ لِلَّهِ أَندَادًا لِّيُضِلُّواْ عَن سَبِيلِهِۦۗ قُلۡ تَمَتَّعُواْ فَإِنَّ مَصِيرَكُمۡ إِلَى ٱلنَّارِ ٣٠Karaa Isaa irraa (namoota) jallisuuf Rabbiif hiriyoota godhan“Dhugumatti deebiin keessan gara ibiddaatii (yeroo xiqqoof) qanani’aa!” jedhiin قُل لِّعِبَادِيَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ يُقِيمُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَيُنفِقُواْ مِمَّا رَزَقۡنَٰهُمۡ سِرًّا وَعَلَانِيَةً مِّن قَبۡلِ أَن يَأۡتِيَ يَوۡمٌ لَّا بَيۡعٌ فِيهِ وَلَا خِلَٰلٌ ٣١(Yaa Muhammad!) gabroota kiyya warreen amananiin “odoo guyyaan bittaa gurgurtaafi jaalalleen isa keessa hin jirre hin dhufin dura salaata ni dhaaban, waan Nuti isaaniif kennine irraas kan dhoksaniifi mul’isan ta’anii ni arjoomu (sagadaa, arjoomaa)” jedhiin ٱللَّهُ ٱلَّذِي خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ وَأَنزَلَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءً فَأَخۡرَجَ بِهِۦ مِنَ ٱلثَّمَرَٰتِ رِزۡقًا لَّكُمۡۖ وَسَخَّرَ لَكُمُ ٱلۡفُلۡكَ لِتَجۡرِيَ فِي ٱلۡبَحۡرِ بِأَمۡرِهِۦۖ وَسَخَّرَ لَكُمُ ٱلۡأَنۡهَٰرَ ٣٢Rabbiin Isa samiifi dachii uumee samii irraas bishaan (rooba) buusee ittiin fuduraa irraa soorata isiniif baaseedhaDooniis akka ajaja Isaatiin galaana keessa deemtu isiniif laaffise; laggeenis isiniif laaffise وَسَخَّرَ لَكُمُ ٱلشَّمۡسَ وَٱلۡقَمَرَ دَآئِبَيۡنِۖ وَسَخَّرَ لَكُمُ ٱلَّيۡلَ وَٱلنَّهَارَ ٣٣Aduufi ji’as walitti fufuun kan deeman ta’anii isiniif laaffisee halkaniifi guyyaas isiniif laaffise وَءَاتَىٰكُم مِّن كُلِّ مَا سَأَلۡتُمُوهُۚ وَإِن تَعُدُّواْ نِعۡمَتَ ٱللَّهِ لَا تُحۡصُوهَآۗ إِنَّ ٱلۡإِنسَٰنَ لَظَلُومٌ كَفَّارٌ ٣٤Waan isin Isa kadhattan hunda irraa isiniif kenneTola Rabbii odoo lakkooftaniis ishee fixuu hin dandeessanuDhugumatti, namoonni daran miidhaa hojjataa daran kafaraadha وَإِذۡ قَالَ إِبۡرَٰهِيمُ رَبِّ ٱجۡعَلۡ هَٰذَا ٱلۡبَلَدَ ءَامِنًا وَٱجۡنُبۡنِي وَبَنِيَّ أَن نَّعۡبُدَ ٱلۡأَصۡنَامَ ٣٥Yeroo Ibraahiim jedhu [yaadadhu]:“Gooftaa kiyya! Biyya kana (Makkaan) tasgabbaa’aa taasisiAnaafi ilmaan kiyyaas taabota gabbaruu irraa nu fageessi رَبِّ إِنَّهُنَّ أَضۡلَلۡنَ كَثِيرًا مِّنَ ٱلنَّاسِۖ فَمَن تَبِعَنِي فَإِنَّهُۥ مِنِّيۖ وَمَنۡ عَصَانِي فَإِنَّكَ غَفُورٌ رَّحِيمٌ ٣٦Gooftaa kiyya! Dhugumatti, isaan hedduu nama irraa ta’e jallisanii jiru; Namni na hordofe, inni anarraayyiNama na dide immoo dhugumatti Ati araaramaa, rahmata godhaadha رَّبَّنَآ إِنِّيٓ أَسۡكَنتُ مِن ذُرِّيَّتِي بِوَادٍ غَيۡرِ ذِي زَرۡعٍ عِندَ بَيۡتِكَ ٱلۡمُحَرَّمِ رَبَّنَا لِيُقِيمُواْ ٱلصَّلَوٰةَ فَٱجۡعَلۡ أَفۡـِٔدَةً مِّنَ ٱلنَّاسِ تَهۡوِيٓ إِلَيۡهِمۡ وَٱرۡزُقۡهُم مِّنَ ٱلثَّمَرَٰتِ لَعَلَّهُمۡ يَشۡكُرُونَ ٣٧Gooftaa keenya! Ani garii maatii kiyya irraa ta’e bowwaa (laga) qonna hin qabne, mana kee kabajamaa biratti dhiiseen jiraGooftaa keenya! Akka salaata gadi dhaabaniif jecha nama irraas onnee (isaanii) kan gara isaanii hawwitu taasisi; Akka isaan Si galateeffataniif fuduraalee irraas isaan soori رَبَّنَآ إِنَّكَ تَعۡلَمُ مَا نُخۡفِي وَمَا نُعۡلِنُۗ وَمَا يَخۡفَىٰ عَلَى ٱللَّهِ مِن شَيۡءٍ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلَا فِي ٱلسَّمَآءِ ٣٨Gooftaa keenya! Ati waan nuti dhoksinuufi waan nuti ifa goonu ni beektaRabbi irratti dachii keessattis ta’ee samii keessatti homtuu hin dhokatu ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ ٱلَّذِي وَهَبَ لِي عَلَى ٱلۡكِبَرِ إِسۡمَٰعِيلَ وَإِسۡحَٰقَۚ إِنَّ رَبِّي لَسَمِيعُ ٱلدُّعَآءِ ٣٩Faaruun (hundi) kan Rabbii manguddummaa irratti Ismaa’iiliifi Isihaaqiin naaf kenneetiDhugumatti, Gooftaan kiyya kadhaa dhaga’aadha رَبِّ ٱجۡعَلۡنِي مُقِيمَ ٱلصَّلَوٰةِ وَمِن ذُرِّيَّتِيۚ رَبَّنَا وَتَقَبَّلۡ دُعَآءِ ٤٠Gooftaa kiyya! Kan salaata dhaabu na godhiIlmaan kiyya irraas (akkasuma)Gooftaa keenya! kadhaa kiyyas narraa qeebali رَبَّنَا ٱغۡفِرۡ لِي وَلِوَٰلِدَيَّ وَلِلۡمُؤۡمِنِينَ يَوۡمَ يَقُومُ ٱلۡحِسَابُ ٤١Gooftaa keenya! Anaaf, haadhaafi abbaa kiyyaafi mu’uminoota hundaafis guyyaa qormaanni godhamu san araarami.” وَلَا تَحۡسَبَنَّ ٱللَّهَ غَٰفِلًا عَمَّا يَعۡمَلُ ٱلظَّٰلِمُونَۚ إِنَّمَا يُؤَخِّرُهُمۡ لِيَوۡمٍ تَشۡخَصُ فِيهِ ٱلۡأَبۡصَٰرُ ٤٢Rabbiin Waan miidhaa hojjattoonni raawwatan irraa dagataa ta’uu hin yaadinKan Rabbiin isaan tursiisuuf guyyaa isa keessa ijji banamtuufi ol fuudhamtuufi مُهۡطِعِينَ مُقۡنِعِي رُءُوسِهِمۡ لَا يَرۡتَدُّ إِلَيۡهِمۡ طَرۡفُهُمۡۖ وَأَفۡـِٔدَتُهُمۡ هَوَآءٌ ٤٣(Gara waamichaatti) mataa isaanii kan ol kaasan ta’anii (ijji isaanii ol kaati)Ijji isaaniis gara isaaniitti hin deebituQalbiin (sammuun) isaaniis duwwaadha وَأَنذِرِ ٱلنَّاسَ يَوۡمَ يَأۡتِيهِمُ ٱلۡعَذَابُ فَيَقُولُ ٱلَّذِينَ ظَلَمُواْ رَبَّنَآ أَخِّرۡنَآ إِلَىٰٓ أَجَلٍ قَرِيبٍ نُّجِبۡ دَعۡوَتَكَ وَنَتَّبِعِ ٱلرُّسُلَۗ أَوَلَمۡ تَكُونُوٓاْ أَقۡسَمۡتُم مِّن قَبۡلُ مَا لَكُم مِّن زَوَالٍ ٤٤Guyyaa adabichi isaanitti dhufee, warri miidhaa hojjatan: “Gooftaa keenya! hanga beellama muraasaatti nu tursiisi; waamicha Kee awwaannee ergamoota keetis hordofna” jedhan sana namoota akeekkachiisi“Sila isin kanaan dura (addunyaa irraa) deemsi nuuf hin jiru jechuun kakachaa hin turree وَسَكَنتُمۡ فِي مَسَٰكِنِ ٱلَّذِينَ ظَلَمُوٓاْ أَنفُسَهُمۡ وَتَبَيَّنَ لَكُمۡ كَيۡفَ فَعَلۡنَا بِهِمۡ وَضَرَبۡنَا لَكُمُ ٱلۡأَمۡثَالَ ٤٥Manneen warra lubbuu ofii miidhanii keessas hin jiraannee? Akkam akka isaanitti hojjannes ifa isiniif ta’eeraFakkeenya hedduus isiniif gooneerra” (jedhamaan) وَقَدۡ مَكَرُواْ مَكۡرَهُمۡ وَعِندَ ٱللَّهِ مَكۡرُهُمۡ وَإِن كَانَ مَكۡرُهُمۡ لِتَزُولَ مِنۡهُ ٱلۡجِبَالُ ٤٦(Isaan) dhugumatti mala isaanii malaniiruMalli isaanii (galanni isaa) Rabbiin bira jiraTooftaan isaaniis kan gaarri isa irraa bakka deemtuu miti فَلَا تَحۡسَبَنَّ ٱللَّهَ مُخۡلِفَ وَعۡدِهِۦ رُسُلَهُۥٓۚ إِنَّ ٱللَّهَ عَزِيزٌ ذُو ٱنتِقَامٍ ٤٧Rabbiin waadaa Isaa kan ergamtoota Isaatiif gale diigaa ta’uu hin yaadinDhugumatti, Rabbiin injifataa, abbaa haaloo bahannaati يَوۡمَ تُبَدَّلُ ٱلۡأَرۡضُ غَيۡرَ ٱلۡأَرۡضِ وَٱلسَّمَٰوَٰتُۖ وَبَرَزُواْ لِلَّهِ ٱلۡوَٰحِدِ ٱلۡقَهَّارِ ٤٨Guyyaa dachiin dachii biraatti jijjiiramtee samiinis (akkasuma taatee), Rabbii tokkicha, injifataa ta’eef (uumamni hundi) walitti qabamanii mul’atan [yaadadhu] وَتَرَى ٱلۡمُجۡرِمِينَ يَوۡمَئِذٍ مُّقَرَّنِينَ فِي ٱلۡأَصۡفَادِ ٤٩Guyyaa san badii hojjattoota takaallaa keessatti kan walitti qindaa’an ta’anii argita سَرَابِيلُهُم مِّن قَطِرَانٍ وَتَغۡشَىٰ وُجُوهَهُمُ ٱلنَّارُ ٥٠Qamiisni isaaniis “qanxiraana” (reenjii) irraayyiIbiddis fuula isaanii ni haguugdi لِيَجۡزِيَ ٱللَّهُ كُلَّ نَفۡسٍ مَّا كَسَبَتۡۚ إِنَّ ٱللَّهَ سَرِيعُ ٱلۡحِسَابِ ٥١Rabbiin lubbuu hunda waan isheen dalagdeen mindaa galchuuf (kana godhe)Dhugumatti, Rabbiin herregni isaa saffisaadha هَٰذَا بَلَٰغٌ لِّلنَّاسِ وَلِيُنذَرُواْ بِهِۦ وَلِيَعۡلَمُوٓاْ أَنَّمَا هُوَ إِلَٰهٌ وَٰحِدٌ وَلِيَذَّكَّرَ أُوْلُواْ ٱلۡأَلۡبَٰبِ ٥٢(Qur’aanni) kun akka ittiin akeekkachiifamanu, Inni (Rabbiin) gabbaramaa tokkicha ta’uu akka beekaniifi warri sammuu qaban akka ittiin gorfamaniif namaaf qaqqabsiifamaadha (gahaa dha)