ملة الإسلام

السورة 13 · 43 آية · Ghali Apapur Apaghuna

سورة الرعد باللغة الأورومية

السورة بالعربية مع التفسير استمع إلى سورة الرعد (1,277 قارئاً)
مدنيةسورة الرعد٤٣ آية

بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

الٓمٓرۚ تِلۡكَ ءَايَٰتُ ٱلۡكِتَٰبِۗ وَٱلَّذِيٓ أُنزِلَ إِلَيۡكَ مِن رَّبِّكَ ٱلۡحَقُّ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يُؤۡمِنُونَ ١Alif Laam Miim RaaKun keeyyattoota kitaabaatiInni Gooftaa kee biraa gara keetti buufame dhugaadhaGaruu irra hedduun namaa hin amananu ٱللَّهُ ٱلَّذِي رَفَعَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ بِغَيۡرِ عَمَدٍ تَرَوۡنَهَاۖ ثُمَّ ٱسۡتَوَىٰ عَلَى ٱلۡعَرۡشِۖ وَسَخَّرَ ٱلشَّمۡسَ وَٱلۡقَمَرَۖ كُلٌّ يَجۡرِي لِأَجَلٍ مُّسَمًّىۚ يُدَبِّرُ ٱلۡأَمۡرَ يُفَصِّلُ ٱلۡأٓيَٰتِ لَعَلَّكُم بِلِقَآءِ رَبِّكُمۡ تُوقِنُونَ ٢Rabbiin Isa samii (torban) utubaa malee uumeedha; isinuu ishee ni agartusana booda Arshii irratti (akka Isaaf maluun) ol ta’eAduufi baatiis ni laaffiseHundinuu hanga beellama murtaa’eetti yaa’uWantoota hunda gara gaggalchaAkka isin qunnamuu Rabbii keessanii mirkaneeffattaniif jecha mallattoolee addaan baasa وَهُوَ ٱلَّذِي مَدَّ ٱلۡأَرۡضَ وَجَعَلَ فِيهَا رَوَٰسِيَ وَأَنۡهَٰرًاۖ وَمِن كُلِّ ٱلثَّمَرَٰتِ جَعَلَ فِيهَا زَوۡجَيۡنِ ٱثۡنَيۡنِۖ يُغۡشِي ٱلَّيۡلَ ٱلنَّهَارَۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٍ لِّقَوۡمٍ يَتَفَكَّرُونَ ٣Inni Isa dachiis diriirsee ishee keessatti gaarreeniifi laggeeniis godheedhaFuduraalee hunda irraas gosoota lama ishee keessatti godheeraHalkan guyyaa haguugsisaDhugumatti, kana keessa namoota xiinxalaniif mallattooleetu jira وَفِي ٱلۡأَرۡضِ قِطَعٌ مُّتَجَٰوِرَٰتٌ وَجَنَّٰتٌ مِّنۡ أَعۡنَٰبٍ وَزَرۡعٌ وَنَخِيلٌ صِنۡوَانٌ وَغَيۡرُ صِنۡوَانٍ يُسۡقَىٰ بِمَآءٍ وَٰحِدٍ وَنُفَضِّلُ بَعۡضَهَا عَلَىٰ بَعۡضٍ فِي ٱلۡأُكُلِۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٍ لِّقَوۡمٍ يَعۡقِلُونَ ٤Dachii keessas kutaalee walitti ollooman, ashaakiltii Inaba irraa ta’an, sanyiiwwan faca’aniifi muka Timiraa damee qabaniifi damee hin qabne, kan bishaan tokkoon obaafamantu jiraDhandhama keessatti garii isaanii garii irra caalchifneerraDhugumatti, kana keessa ummata xiinxalaniif mallattooleetu jira ۞ وَإِن تَعۡجَبۡ فَعَجَبٌ قَوۡلُهُمۡ أَءِذَا كُنَّا تُرَٰبًا أَءِنَّا لَفِي خَلۡقٍ جَدِيدٍۗ أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ بِرَبِّهِمۡۖ وَأُوْلَٰٓئِكَ ٱلۡأَغۡلَٰلُ فِيٓ أَعۡنَاقِهِمۡۖ وَأُوْلَٰٓئِكَ أَصۡحَٰبُ ٱلنَّارِۖ هُمۡ فِيهَا خَٰلِدُونَ ٥Yoo kan raajeffattu taateef jecha isaanii kan “sila yeroo biyyee taane nuti uumama haaraa keessatti (taanaa)?” (jedhutu) raajiidhaIsaan warra Gooftaa isaaniitti kafaraniidhaIsaan sun sakaallaan morma isaanii keessa jiraIsaan warra ibiddaatiIsaan ishee keessatti hafoodha وَيَسۡتَعۡجِلُونَكَ بِٱلسَّيِّئَةِ قَبۡلَ ٱلۡحَسَنَةِ وَقَدۡ خَلَتۡ مِن قَبۡلِهِمُ ٱلۡمَثُلَٰتُۗ وَإِنَّ رَبَّكَ لَذُو مَغۡفِرَةٍ لِّلنَّاسِ عَلَىٰ ظُلۡمِهِمۡۖ وَإِنَّ رَبَّكَ لَشَدِيدُ ٱلۡعِقَابِ ٦Odoo isaan dura adabbiin hedduun dabree jiruu, hamtuudhaan toltuu dura si ariifachiifatuDhugumatti, Gooftaan kee namaaf miidhaa hojjachuu isaaniitii wajjiin abbaa araaraatiGooftaan kee abbaa adabbii cimaati وَيَقُولُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَوۡلَآ أُنزِلَ عَلَيۡهِ ءَايَةٌ مِّن رَّبِّهِۦٓۗ إِنَّمَآ أَنتَ مُنذِرٌۖ وَلِكُلِّ قَوۡمٍ هَادٍ ٧Isaannan kafaranis “Maaliif mallattoon wahii Gooftaa isaa biraa isa irratti hin buufamne?” jedhuAti dinniinuma qofaUmmata hundaaf qajeelchaan jira ٱللَّهُ يَعۡلَمُ مَا تَحۡمِلُ كُلُّ أُنثَىٰ وَمَا تَغِيضُ ٱلۡأَرۡحَامُ وَمَا تَزۡدَادُۚ وَكُلُّ شَيۡءٍ عِندَهُۥ بِمِقۡدَارٍ ٨Rabbiin waan dhaltuun hundi baattu, waan gadaamessi hir’iftuufi waan dabaltus ni beekaWanti hundinuu Isa biratti hanga murtaa’aadhaani عَٰلِمُ ٱلۡغَيۡبِ وَٱلشَّهَٰدَةِ ٱلۡكَبِيرُ ٱلۡمُتَعَالِ ٩(Rabbiin) Beekaa waan fagoofi dhihoo, guddaa, ol ta’aadha سَوَآءٌ مِّنكُم مَّنۡ أَسَرَّ ٱلۡقَوۡلَ وَمَن جَهَرَ بِهِۦ وَمَنۡ هُوَ مُسۡتَخۡفِۭ بِٱلَّيۡلِ وَسَارِبُۢ بِٱلنَّهَارِ ١٠Isin irraa namni jechaan (sagalee) gadi qabeefi ol fuudhes, ammas namni halkan dhokateefi guyyaa ifatti ba’es waluma qixa لَهُۥ مُعَقِّبَٰتٌ مِّنۢ بَيۡنِ يَدَيۡهِ وَمِنۡ خَلۡفِهِۦ يَحۡفَظُونَهُۥ مِنۡ أَمۡرِ ٱللَّهِۗ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يُغَيِّرُ مَا بِقَوۡمٍ حَتَّىٰ يُغَيِّرُواْ مَا بِأَنفُسِهِمۡۗ وَإِذَآ أَرَادَ ٱللَّهُ بِقَوۡمٍ سُوٓءًا فَلَا مَرَدَّ لَهُۥۚ وَمَا لَهُم مِّن دُونِهِۦ مِن وَالٍ ١١Isaaf (tokko tokkoo namaatiif) maleeykota wal tareeffatoo ta’an fuuldura isaatiifi duuba isaa irraa ajaja Rabbiitiin isa eegantu jiruDhugumatti, Rabbiin waan ummata bira jiru hanga isaan waan isaan bira jiru jijjiiranitti isaan irraa hin jijjiiruYeroo Rabbiin namoota wahiitti hamtuu fedhe, deebisaan isaaf hin jiru; Isaaniifiis Isaa gaditti gargaaran hin jiru هُوَ ٱلَّذِي يُرِيكُمُ ٱلۡبَرۡقَ خَوۡفًا وَطَمَعًا وَيُنشِئُ ٱلسَّحَابَ ٱلثِّقَالَ ١٢Inni Isa kan sodaattaniifi kan kajeeltan taatanii hangaasuu isin agarsiisuudhaDuumessa ulfaataas ni uuma وَيُسَبِّحُ ٱلرَّعۡدُ بِحَمۡدِهِۦ وَٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ مِنۡ خِيفَتِهِۦ وَيُرۡسِلُ ٱلصَّوَٰعِقَ فَيُصِيبُ بِهَا مَن يَشَآءُ وَهُمۡ يُجَٰدِلُونَ فِي ٱللَّهِ وَهُوَ شَدِيدُ ٱلۡمِحَالِ ١٣Mandiisuun (kakawweennis) faaruu Isaatiin (Isa) qulqulleessaMaleeykonnis sodaa Isaa irraa (Isa qulqulleessu)Bakakkaas ergee, haala isaan (kaafiroonni) Rabbiin keessatti wal falmanuun, isheedhaan nama fedhe rukutaInni humni isaa cimaadha لَهُۥ دَعۡوَةُ ٱلۡحَقِّۚ وَٱلَّذِينَ يَدۡعُونَ مِن دُونِهِۦ لَا يَسۡتَجِيبُونَ لَهُم بِشَيۡءٍ إِلَّا كَبَٰسِطِ كَفَّيۡهِ إِلَى ٱلۡمَآءِ لِيَبۡلُغَ فَاهُ وَمَا هُوَ بِبَٰلِغِهِۦۚ وَمَا دُعَآءُ ٱلۡكَٰفِرِينَ إِلَّا فِي ضَلَٰلٍ ١٤Waamichi dhugaa kan IsaatiWarri isaan Isa (Rabbii) gaditti waammatan, Akka (owwaannaa) nama inni afaan isaatti haa ga’uuf haala Inni isatti hin geenyeen ganaa isaa lamaan gara bishaanii hiixatuu (diriirsuu) malee isaaniif hin awwaatanKadhaan kaafirootaa hoongoo keessa malee hin taane وَلِلَّهِۤ يَسۡجُدُۤ مَن فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ طَوۡعًا وَكَرۡهًا وَظِلَٰلُهُم بِٱلۡغُدُوِّ وَٱلۡأٓصَالِ ۩ ١٥Namoonni samiifi dachii keessa jiran kan jaalataniifi kan jibban ta’anii, Gaaddidduuwwan isaaniis ganamaafi galgala Rabbiif sujuuda godhu قُلۡ مَن رَّبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ قُلِ ٱللَّهُۚ قُلۡ أَفَٱتَّخَذۡتُم مِّن دُونِهِۦٓ أَوۡلِيَآءَ لَا يَمۡلِكُونَ لِأَنفُسِهِمۡ نَفۡعًا وَلَا ضَرًّاۚ قُلۡ هَلۡ يَسۡتَوِي ٱلۡأَعۡمَىٰ وَٱلۡبَصِيرُ أَمۡ هَلۡ تَسۡتَوِي ٱلظُّلُمَٰتُ وَٱلنُّورُۗ أَمۡ جَعَلُواْ لِلَّهِ شُرَكَآءَ خَلَقُواْ كَخَلۡقِهِۦ فَتَشَٰبَهَ ٱلۡخَلۡقُ عَلَيۡهِمۡۚ قُلِ ٱللَّهُ خَٰلِقُ كُلِّ شَيۡءٍ وَهُوَ ٱلۡوَٰحِدُ ٱلۡقَهَّٰرُ ١٦“Gooftaan samiifi dachii eenyu?” jedhiin“Allaahdha” Jedhi“Sila Isaa gaditti jaalallee lubbuu isaaniitiif bu’aas ta’ee miidhaa hin argamsiifne taasifattanii?” jedhiin“Sila jaamaafi namni argu wal qixa ta’uu? dukkanaafi ifnis wal qixa ta’aa? jedhiinSila isaan Rabbiif shariikowwan uumama akka Isaa uumanii uumamni isaan irratti wal fakkaate godhanii? “Rabbiin uumaa waan hundaati; Inni tokkicha injifataadha” jedhi أَنزَلَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءً فَسَالَتۡ أَوۡدِيَةُۢ بِقَدَرِهَا فَٱحۡتَمَلَ ٱلسَّيۡلُ زَبَدًا رَّابِيًاۖ وَمِمَّا يُوقِدُونَ عَلَيۡهِ فِي ٱلنَّارِ ٱبۡتِغَآءَ حِلۡيَةٍ أَوۡ مَتَٰعٍ زَبَدٌ مِّثۡلُهُۥۚ كَذَٰلِكَ يَضۡرِبُ ٱللَّهُ ٱلۡحَقَّ وَٱلۡبَٰطِلَۚ فَأَمَّا ٱلزَّبَدُ فَيَذۡهَبُ جُفَآءًۖ وَأَمَّا مَا يَنفَعُ ٱلنَّاسَ فَيَمۡكُثُ فِي ٱلۡأَرۡضِۚ كَذَٰلِكَ يَضۡرِبُ ٱللَّهُ ٱلۡأَمۡثَالَ ١٧Samii irraa bishaan (rooba) buusee laggeen hanga isheetiin ni yaate; lolaanis hoomacha ol fuudhamaa baadhate; waan isaan faayaafi meeshaa barbaaduuf jecha ibidda irratti qabsiisan irraas hoomacha (xurii) akkasiitu jiraAkka kanatti Rabbiin dhugaafi soba fakkeenya godha; hoomachi goggogaa ta’ee deemaWanti nama fayyadu immoo dachii keessa taa’aAkka kanatti Rabbiin fakkeenya godha لِلَّذِينَ ٱسۡتَجَابُواْ لِرَبِّهِمُ ٱلۡحُسۡنَىٰۚ وَٱلَّذِينَ لَمۡ يَسۡتَجِيبُواْ لَهُۥ لَوۡ أَنَّ لَهُم مَّا فِي ٱلۡأَرۡضِ جَمِيعًا وَمِثۡلَهُۥ مَعَهُۥ لَٱفۡتَدَوۡاْ بِهِۦٓۚ أُوْلَٰٓئِكَ لَهُمۡ سُوٓءُ ٱلۡحِسَابِ وَمَأۡوَىٰهُمۡ جَهَنَّمُۖ وَبِئۡسَ ٱلۡمِهَادُ ١٨Isaan Gooftaa isaaniitii awwaataniif jannatatu jiraIsaan Isaaf hin awwaatin immoo, odoo wanti dachii keessa jiru hundiifi fakkaataan isaas (isaaniif argamee) silaa isaan of bituWarri sun isaaniif qormaata hamaatu jiraTeessoon isaaniis jahannami(Inni) afata ta’uun waa fokkataa dha ۞ أَفَمَن يَعۡلَمُ أَنَّمَآ أُنزِلَ إِلَيۡكَ مِن رَّبِّكَ ٱلۡحَقُّ كَمَنۡ هُوَ أَعۡمَىٰٓۚ إِنَّمَا يَتَذَكَّرُ أُوْلُواْ ٱلۡأَلۡبَٰبِ ١٩Sila namni wanti Gooftaa kee irraa gara keetti bu’e dhugaa ta’uu isaa beeku akka nama jaamaatii? warra sammuu qabu qofatu gorfama ٱلَّذِينَ يُوفُونَ بِعَهۡدِ ٱللَّهِ وَلَا يَنقُضُونَ ٱلۡمِيثَٰقَ ٢٠(Isaan) warra waadaa Rabbii guutaniifi waadichas hin diigneedha وَٱلَّذِينَ يَصِلُونَ مَآ أَمَرَ ٱللَّهُ بِهِۦٓ أَن يُوصَلَ وَيَخۡشَوۡنَ رَبَّهُمۡ وَيَخَافُونَ سُوٓءَ ٱلۡحِسَابِ ٢١Ammas warra waan Rabbiin akka inni fufamu ajaje fufanii Gooftaa isaaniis sodaataniifi hamaa qormaataa sodaataniidha وَٱلَّذِينَ صَبَرُواْ ٱبۡتِغَآءَ وَجۡهِ رَبِّهِمۡ وَأَقَامُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَأَنفَقُواْ مِمَّا رَزَقۡنَٰهُمۡ سِرًّا وَعَلَانِيَةً وَيَدۡرَءُونَ بِٱلۡحَسَنَةِ ٱلسَّيِّئَةَ أُوْلَٰٓئِكَ لَهُمۡ عُقۡبَى ٱلدَّارِ ٢٢Ammas isaan fuula Gooftaa isaanii barbaacha obsan, kan salaatas dhaabanii, waan Nuti isaaniif kennine irraa dhoksaniifi mul’isanii arjooman, kan waan gadhee waan gaariin deebisaniidhaWarri sun gandi boodaa isaaniif ta’aadha جَنَّٰتُ عَدۡنٍ يَدۡخُلُونَهَا وَمَن صَلَحَ مِنۡ ءَابَآئِهِمۡ وَأَزۡوَٰجِهِمۡ وَذُرِّيَّٰتِهِمۡۖ وَٱلۡمَلَٰٓئِكَةُ يَدۡخُلُونَ عَلَيۡهِم مِّن كُلِّ بَابٍ ٢٣(Isheen) Jannata qubsumaa kan isaan ishee seenanuudha; Abbootii isaanii, niitiwwan isaanii, ilmaan isaanii irraas namni gaarii hojjate (ishee seena)Maleeykonnis balbala hundaan isaanitti seenu سَلَٰمٌ عَلَيۡكُم بِمَا صَبَرۡتُمۡۚ فَنِعۡمَ عُقۡبَى ٱلدَّارِ ٢٤“Waan obsitaniif nageenyi isin irratti haa jiraatu; gandi boodaa waa tole!” (jedhu) وَٱلَّذِينَ يَنقُضُونَ عَهۡدَ ٱللَّهِ مِنۢ بَعۡدِ مِيثَٰقِهِۦ وَيَقۡطَعُونَ مَآ أَمَرَ ٱللَّهُ بِهِۦٓ أَن يُوصَلَ وَيُفۡسِدُونَ فِي ٱلۡأَرۡضِ أُوْلَٰٓئِكَ لَهُمُ ٱللَّعۡنَةُ وَلَهُمۡ سُوٓءُ ٱلدَّارِ ٢٥Isaan waadaa Rabbii erga jabaachuu isaatii booda diiganiifi waan Rabbiin akka fufamu ajaje kutan, kan dachii keessatti badii raawwatan warri sun abaarsi isaaniif jira; isaaniif ganda hamaa ta’e (jahannamtu) jira ٱللَّهُ يَبۡسُطُ ٱلرِّزۡقَ لِمَن يَشَآءُ وَيَقۡدِرُۚ وَفَرِحُواْ بِٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا وَمَا ٱلۡحَيَوٰةُ ٱلدُّنۡيَا فِي ٱلۡأٓخِرَةِ إِلَّا مَتَٰعٌ ٢٦Rabbiin nama fedheef soorata bal’isa; (nama fedhe) itti dhiphisaIsaan jireenya addunyaa kanaatti gammadaniJireenyi addunyaa jireenya Aakhiraa biratti qananii yeroo gabaabaa malee hin taane وَيَقُولُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَوۡلَآ أُنزِلَ عَلَيۡهِ ءَايَةٌ مِّن رَّبِّهِۦۚ قُلۡ إِنَّ ٱللَّهَ يُضِلُّ مَن يَشَآءُ وَيَهۡدِيٓ إِلَيۡهِ مَنۡ أَنَابَ ٢٧Isaan kafaranis “Sila maaliif Gooftaa isaa biraa mallattoon wahii itti hin bu’in?” jedhu“Dhugumatti, Rabbiin nama fedhe ni jallisa; nama deebi’e immoo gara Isaatti qajeelcha” jedhi ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَتَطۡمَئِنُّ قُلُوبُهُم بِذِكۡرِ ٱللَّهِۗ أَلَا بِذِكۡرِ ٱللَّهِ تَطۡمَئِنُّ ٱلۡقُلُوبُ ٢٨(Isaan) warra amananii, onneen isaanii zikrii Rabbiitiin tasgabbooftuudhaDhaga’aa! zikrii (faaruu) Rabbiitiin onneen ni tasgabboofti ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ طُوبَىٰ لَهُمۡ وَحُسۡنُ مَـَٔابٍ ٢٩Isaan amananii, gaggaarii hojjatan, isaaniif jiruu gaariifi deebii miidhagaa ta’etu jira كَذَٰلِكَ أَرۡسَلۡنَٰكَ فِيٓ أُمَّةٍ قَدۡ خَلَتۡ مِن قَبۡلِهَآ أُمَمٌ لِّتَتۡلُوَاْ عَلَيۡهِمُ ٱلَّذِيٓ أَوۡحَيۡنَآ إِلَيۡكَ وَهُمۡ يَكۡفُرُونَ بِٱلرَّحۡمَٰنِۚ قُلۡ هُوَ رَبِّي لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ عَلَيۡهِ تَوَكَّلۡتُ وَإِلَيۡهِ مَتَابِ ٣٠Akka kanatti gara ummata ishee dura ummatoonni biraa dabrite keessatti odoma isaan ‘Rahmaanitti’ kafaranuu akka isa gara keetti buufne isaan irratti dubbiftuuf si ergine(Yaa Muhammad!) “Inni Gooftaa kiyya, Isa malee gabbaramaan haqaa hin jiruIsa irratti hirkadheeraGaruma Isaattiin tawbaas deebi’a” jedhi وَلَوۡ أَنَّ قُرۡءَانًا سُيِّرَتۡ بِهِ ٱلۡجِبَالُ أَوۡ قُطِّعَتۡ بِهِ ٱلۡأَرۡضُ أَوۡ كُلِّمَ بِهِ ٱلۡمَوۡتَىٰۗ بَل لِّلَّهِ ٱلۡأَمۡرُ جَمِيعًاۗ أَفَلَمۡ يَاْيۡـَٔسِ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ أَن لَّوۡ يَشَآءُ ٱللَّهُ لَهَدَى ٱلنَّاسَ جَمِيعًاۗ وَلَا يَزَالُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ تُصِيبُهُم بِمَا صَنَعُواْ قَارِعَةٌ أَوۡ تَحُلُّ قَرِيبًا مِّن دَارِهِمۡ حَتَّىٰ يَأۡتِيَ وَعۡدُ ٱللَّهِۚ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يُخۡلِفُ ٱلۡمِيعَادَ ٣١Odoo Qur’aanni gaarreen (iddoo isaanii irraa) ittiin deemanii yookiin dachiin isaan ciccittee yookiin du’aan isaan dubbifameeyyuu (hin amananu)Amriin hunduu RabbumaafiSila isaan amanan akka Rabbiin odoo fedhee namoota hunda qajeelchu hin beekanuu? Isaan kafaran waan isaan dalaganiin qalbi dhooftuun isaan tuqxu ta’uu irraa yookiin hanga waadaan Rabbii dhufutti manneen isaaniitti dhihoo qubachuu irraa hin deemtuDhugumatti, Rabbiin waadaa hin diigu وَلَقَدِ ٱسۡتُهۡزِئَ بِرُسُلٍ مِّن قَبۡلِكَ فَأَمۡلَيۡتُ لِلَّذِينَ كَفَرُواْ ثُمَّ أَخَذۡتُهُمۡۖ فَكَيۡفَ كَانَ عِقَابِ ٣٢Ergamoota si duraattis qishnaan itti godhameera; isaan kafaraniif beellama godheen sana booda isaan qabeadabbiin kiyya akkam ta’e ree أَفَمَنۡ هُوَ قَآئِمٌ عَلَىٰ كُلِّ نَفۡسِۭ بِمَا كَسَبَتۡۗ وَجَعَلُواْ لِلَّهِ شُرَكَآءَ قُلۡ سَمُّوهُمۡۚ أَمۡ تُنَبِّـُٔونَهُۥ بِمَا لَا يَعۡلَمُ فِي ٱلۡأَرۡضِ أَم بِظَٰهِرٍ مِّنَ ٱلۡقَوۡلِۗ بَلۡ زُيِّنَ لِلَّذِينَ كَفَرُواْ مَكۡرُهُمۡ وَصُدُّواْ عَنِ ٱلسَّبِيلِۗ وَمَن يُضۡلِلِ ٱللَّهُ فَمَا لَهُۥ مِنۡ هَادٍ ٣٣Sila Inni (Rabbiin) lubbuu hunda irratti waan isheen hojjatteen (tiksuun) dhaabbataa ta’e (akka gabbaramaa akkas hin ta’iniitii?) Isaan Rabbiifis hiriyoota (shariika) taasisan“Isaan maqaa dhahaa” jedhiSila waan Inni dachii keessatti hin beekne Isatti himtumoo jecha mul’ataa (kan sobaa dubbattu)?” Dhugumatti isaan kafaraniif tooftaan isaanii isaaniif miidhagfamee, karaa qajeelaa irraas deebifamaniiruNama Rabbiin isa jallises qajeelchaan isaaf hin jiru لَّهُمۡ عَذَابٌ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَاۖ وَلَعَذَابُ ٱلۡأٓخِرَةِ أَشَقُّۖ وَمَا لَهُم مِّنَ ٱللَّهِ مِن وَاقٍ ٣٤Isaaniif jireenya addunyaa keessatti adabbiitu jiraadabbiin Aakhiraa immoo akkaan jabaadhaAmmas isaaniif (adabbii) Rabbii irraa ittisaan hin jiru ۞ مَّثَلُ ٱلۡجَنَّةِ ٱلَّتِي وُعِدَ ٱلۡمُتَّقُونَۖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُۖ أُكُلُهَا دَآئِمٌ وَظِلُّهَاۚ تِلۡكَ عُقۡبَى ٱلَّذِينَ ٱتَّقَواْۚ وَّعُقۡبَى ٱلۡكَٰفِرِينَ ٱلنَّارُ ٣٥Fakkeenyi jannata warri (Rabbiin) sodaatan waadaa galamanii, jala ishee laggeentu yaa’a; nyaanni ishee walitti dhaabbataadha; gaaddisni ishees (akkasuma)Kun booddee warra Rabbiin sodaataniitiBooddeen kaafirootaa immoo ibidda وَٱلَّذِينَ ءَاتَيۡنَٰهُمُ ٱلۡكِتَٰبَ يَفۡرَحُونَ بِمَآ أُنزِلَ إِلَيۡكَۖ وَمِنَ ٱلۡأَحۡزَابِ مَن يُنكِرُ بَعۡضَهُۥۚ قُلۡ إِنَّمَآ أُمِرۡتُ أَنۡ أَعۡبُدَ ٱللَّهَ وَلَآ أُشۡرِكَ بِهِۦٓۚ إِلَيۡهِ أَدۡعُواْ وَإِلَيۡهِ مَـَٔابِ ٣٦Warri nuti kitaaba isaaniif kennine, waan gara keetti buufametti ni gammaduAhzaaba irraas nama garii isaa mormutu jira“Kan ani ajajames Rabbiin qofa gabbaruufi Isatti homaa qindeessuu dhabuudha” jedhiGara Isaa qofattin waama; deebiin kiyyas gara Isaati وَكَذَٰلِكَ أَنزَلۡنَٰهُ حُكۡمًا عَرَبِيًّاۚ وَلَئِنِ ٱتَّبَعۡتَ أَهۡوَآءَهُم بَعۡدَ مَا جَآءَكَ مِنَ ٱلۡعِلۡمِ مَا لَكَ مِنَ ٱللَّهِ مِن وَلِيٍّ وَلَا وَاقٍ ٣٧Akka kanatti murtii Arabiffaa ta’ee isa (Qur’aana) buufneAtis, erga beekumsa irraa wanti siif kenname sitti dhufee booda, odoo fedha lubbuu isaanii hordoftee, silaa (adabbii) Rabbii irraa tumsaafi tiksaan siif hin jiru وَلَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا رُسُلًا مِّن قَبۡلِكَ وَجَعَلۡنَا لَهُمۡ أَزۡوَٰجًا وَذُرِّيَّةًۚ وَمَا كَانَ لِرَسُولٍ أَن يَأۡتِيَ بِـَٔايَةٍ إِلَّا بِإِذۡنِ ٱللَّهِۗ لِكُلِّ أَجَلٍ كِتَابٌ ٣٨Dhugumatti, Nuti si duras ergamtoota erginee jirraNiitiiwwaniifi ilmaan isaaniif taasifnee jirraErgamaan tokkos yoo hayyama Rabbiitin ta’e malee mallattoo (raajii) tokkos fiduu hin danda’ubeellama hundaafuu galmeetu jira يَمۡحُواْ ٱللَّهُ مَا يَشَآءُ وَيُثۡبِتُۖ وَعِندَهُۥٓ أُمُّ ٱلۡكِتَٰبِ ٣٩Rabbiin waan fedhe ni haqa; (waan fedhe immoo) ni mirkaneessaIsa biras haadha kitaabaa (Lawhal Mahfuuztu) jira وَإِن مَّا نُرِيَنَّكَ بَعۡضَ ٱلَّذِي نَعِدُهُمۡ أَوۡ نَتَوَفَّيَنَّكَ فَإِنَّمَا عَلَيۡكَ ٱلۡبَلَٰغُ وَعَلَيۡنَا ٱلۡحِسَابُ ٤٠Yoo garii waan ittiin isaan sodaachifnee si argisiifne (tolte)Yookiin yoo si ajjeefnes (komiin sirra hin jiru)Wanti sirra jiru geessuu qofa; qormaanni immoo Nurra jira أَوَلَمۡ يَرَوۡاْ أَنَّا نَأۡتِي ٱلۡأَرۡضَ نَنقُصُهَا مِنۡ أَطۡرَافِهَاۚ وَٱللَّهُ يَحۡكُمُ لَا مُعَقِّبَ لِحُكۡمِهِۦۚ وَهُوَ سَرِيعُ ٱلۡحِسَابِ ٤١Sila akka Nuti dachii daangaa ishee irraa hir’isaa dhufnu hin ilaalanii? Rabbiin ni murteessa; murtii isaas wanti duubatti deebisu hin jiruInni qormaanni isaa saffisaadha وَقَدۡ مَكَرَ ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡ فَلِلَّهِ ٱلۡمَكۡرُ جَمِيعًاۖ يَعۡلَمُ مَا تَكۡسِبُ كُلُّ نَفۡسٍۗ وَسَيَعۡلَمُ ٱلۡكُفَّٰرُ لِمَنۡ عُقۡبَى ٱلدَّارِ ٤٢Dhugumatti, warri isaaniin duraas mala baasanii jiruMalli hundi kan RabbiitiWaan lubbuun hundi hojjattu ni beekaKaafiroonnis dhumti gaariin eenyuuf akka ta’e beekuuf jiru وَيَقُولُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَسۡتَ مُرۡسَلًاۚ قُلۡ كَفَىٰ بِٱللَّهِ شَهِيدَۢا بَيۡنِي وَبَيۡنَكُمۡ وَمَنۡ عِندَهُۥ عِلۡمُ ٱلۡكِتَٰبِ ٤٣Isaan kafaran “ati ergamaa miti” Siin jedhu“Gidduu kiyyaafi gidduu keessanitti ragummaan Rabbiifi namoonni beekumsi kitaabaa isaan bira jiru ga’aadha” jedhi

الترجمة: Ghali Apapur Apaghuna.