ملة الإسلام

السورة 12 · 111 آية · Ghali Apapur Apaghuna

سورة يوسف باللغة الأورومية

السورة بالعربية مع التفسير استمع إلى سورة يوسف (1,458 قارئاً)
مكيةسورة يوسف١١١ آية

بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

الٓرۚ تِلۡكَ ءَايَٰتُ ٱلۡكِتَٰبِ ٱلۡمُبِينِ ١Alif Laam RaaKun keeyyattoota kitaaba ibsaa ta’eeti إِنَّآ أَنزَلۡنَٰهُ قُرۡءَٰنًا عَرَبِيًّا لَّعَلَّكُمۡ تَعۡقِلُونَ ٢Nuti akka isin xiinxaltaniif jecha haala Qur’aana Arabiffaa ta’een isa buufne نَحۡنُ نَقُصُّ عَلَيۡكَ أَحۡسَنَ ٱلۡقَصَصِ بِمَآ أَوۡحَيۡنَآ إِلَيۡكَ هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانَ وَإِن كُنتَ مِن قَبۡلِهِۦ لَمِنَ ٱلۡغَٰفِلِينَ ٣Nuti Qur’aana kana gara keetti beeksisuudhaan seenaa gaggaarii sirratti odeessinaAtis isa dura dagattoota irraa turte إِذۡ قَالَ يُوسُفُ لِأَبِيهِ يَٰٓأَبَتِ إِنِّي رَأَيۡتُ أَحَدَ عَشَرَ كَوۡكَبًا وَٱلشَّمۡسَ وَٱلۡقَمَرَ رَأَيۡتُهُمۡ لِي سَٰجِدِينَ ٤Yeroo Yuusuf abbaa isaatin “Yaa abbaa kiyya! Ani (abjuudhaan) urjiiwwan kudha tokko, aduufi ji’a argeera; kan anaaf sujuuda godhan ta’anii isaan argeen jira” jedhe [yaadadhu] قَالَ يَٰبُنَيَّ لَا تَقۡصُصۡ رُءۡيَاكَ عَلَىٰٓ إِخۡوَتِكَ فَيَكِيدُواْ لَكَ كَيۡدًاۖ إِنَّ ٱلشَّيۡطَٰنَ لِلۡإِنسَٰنِ عَدُوٌّ مُّبِينٌ ٥(Abbaan isaas) ni jedhe: “Yaa ilma kiyya! Tooftaa (dhara) sirratti baasuu abjuu kee obboleeyyan keetti hin himinDhugumatti, sheyxaanni namaaf diina ifa bahaadha وَكَذَٰلِكَ يَجۡتَبِيكَ رَبُّكَ وَيُعَلِّمُكَ مِن تَأۡوِيلِ ٱلۡأَحَادِيثِ وَيُتِمُّ نِعۡمَتَهُۥ عَلَيۡكَ وَعَلَىٰٓ ءَالِ يَعۡقُوبَ كَمَآ أَتَمَّهَا عَلَىٰٓ أَبَوَيۡكَ مِن قَبۡلُ إِبۡرَٰهِيمَ وَإِسۡحَٰقَۚ إِنَّ رَبَّكَ عَلِيمٌ حَكِيمٌ ٦Akka kanatti Gooftaan kee si filata; hiikkaa manaamaas si barsiisa; ni’imaa Isaas akkuma kana dura abbootii kee Ibraahiimiifi Isihaaq irratti guute sirrattiifi maatii Ya’aquub irrattis ni guutaDhugumatti, Gooftaan kee beekaa, ogeessa.” ۞ لَّقَدۡ كَانَ فِي يُوسُفَ وَإِخۡوَتِهِۦٓ ءَايَٰتٌ لِّلسَّآئِلِينَ ٧Dhugumatti, (seenaa) Yuusufiifi obboleeyyan isaa keessa warreen gaafataniif mallattootu jira إِذۡ قَالُواْ لَيُوسُفُ وَأَخُوهُ أَحَبُّ إِلَىٰٓ أَبِينَا مِنَّا وَنَحۡنُ عُصۡبَةٌ إِنَّ أَبَانَا لَفِي ضَلَٰلٍ مُّبِينٍ ٨Yeroo (obboleeyyan Yuusuf) jedhan: “Dhugumatti, odoo nuti garee taanee jirru Yuusufiifi obboleessi isaa nurra gara abbaa keenyaatti jaalatamoodhaDhugumatti, abbaan keenya dogoggora ifa bahaa keessa jira ٱقۡتُلُواْ يُوسُفَ أَوِ ٱطۡرَحُوهُ أَرۡضًا يَخۡلُ لَكُمۡ وَجۡهُ أَبِيكُمۡ وَتَكُونُواْ مِنۢ بَعۡدِهِۦ قَوۡمًا صَٰلِحِينَ ٩Yuusufiin ajjeesaa; yookiin dachii (fagootti) isa gataa; fuulli abbaa keessanii isiniif dhuunfaa ta’aSana booda ummata gaggaarii taatu” (waliin jedhan) قَالَ قَآئِلٌ مِّنۡهُمۡ لَا تَقۡتُلُواْ يُوسُفَ وَأَلۡقُوهُ فِي غَيَٰبَتِ ٱلۡجُبِّ يَلۡتَقِطۡهُ بَعۡضُ ٱلسَّيَّارَةِ إِن كُنتُمۡ فَٰعِلِينَ ١٠Isaan irraa jedhaan tokko ni jedhe: “Yuusufiin hin ajjeesinaatii yoo kan dalagdan taataniif akka gariin daldaltoota karaa dheeraa deemu isa fudhatu hundee boollaa (eela) keessatti isa gataa.” قَالُواْ يَٰٓأَبَانَا مَا لَكَ لَا تَأۡمَ۬نَّا عَلَىٰ يُوسُفَ وَإِنَّا لَهُۥ لَنَٰصِحُونَ ١١Ni jedhan: “Yaa abbaa keenya! Sila ati maaliif Yuusuf irratti nu hin amanne? Nutis isaaf tola yaadoodha أَرۡسِلۡهُ مَعَنَا غَدًا يَرۡتَعۡ وَيَلۡعَبۡ وَإِنَّا لَهُۥ لَحَٰفِظُونَ ١٢Haa bashannanuu, haa taphatuu boru nu waliin isa ergi; dhugumatti, nutis isaaf tiksitoota.” قَالَ إِنِّي لَيَحۡزُنُنِيٓ أَن تَذۡهَبُواْ بِهِۦ وَأَخَافُ أَن يَأۡكُلَهُ ٱلذِّئۡبُ وَأَنتُمۡ عَنۡهُ غَٰفِلُونَ ١٣(Ya’aquub) ni jedhe: “Isa fuutanii deemuun keessan na gaddisiisaIsinis isa irraa dagatoo taatanii yeyyiin isa nyaachuun sodaadha.” قَالُواْ لَئِنۡ أَكَلَهُ ٱلذِّئۡبُ وَنَحۡنُ عُصۡبَةٌ إِنَّآ إِذًا لَّخَٰسِرُونَ ١٤[Isaan] ni jedhan: “Odoo nuti garee taanee jirruu yoo yeyyiin isa nyaatteef, dhugumatti nuti yeroo san hoongoftoota.” فَلَمَّا ذَهَبُواْ بِهِۦ وَأَجۡمَعُوٓاْ أَن يَجۡعَلُوهُ فِي غَيَٰبَتِ ٱلۡجُبِّۚ وَأَوۡحَيۡنَآ إِلَيۡهِ لَتُنَبِّئَنَّهُم بِأَمۡرِهِمۡ هَٰذَا وَهُمۡ لَا يَشۡعُرُونَ ١٥Yeroma deemanii boolla gadi fageenya qabu keessatti isa gatuuf walii galan (isa darban)Nutis “dhugumatti, ati dhimma isaanii kana odoo isaan (si) hin beekin isaanitti himta” jechuun gara isaatti beeksifne وَجَآءُوٓ أَبَاهُمۡ عِشَآءً يَبۡكُونَ ١٦Isaanis galgala booyaatiin abbaa isaanii bira dhufan قَالُواْ يَٰٓأَبَانَآ إِنَّا ذَهَبۡنَا نَسۡتَبِقُ وَتَرَكۡنَا يُوسُفَ عِندَ مَتَٰعِنَا فَأَكَلَهُ ٱلذِّئۡبُۖ وَمَآ أَنتَ بِمُؤۡمِنٍ لَّنَا وَلَوۡ كُنَّا صَٰدِقِينَ ١٧“Yaa abbaa keenya! Nuti wal dorgomuuf Yuusufiin meeshaa keenya biratti dhiifnee deemneYomasan yeyyiin isa nyaateOdoma nuti warra dhugaa dubbatan taaneeyyuu ati nuuf kan amantuu miti” jedhan وَجَآءُو عَلَىٰ قَمِيصِهِۦ بِدَمٍ كَذِبٍۚ قَالَ بَلۡ سَوَّلَتۡ لَكُمۡ أَنفُسُكُمۡ أَمۡرًاۖ فَصَبۡرٌ جَمِيلٌۖ وَٱللَّهُ ٱلۡمُسۡتَعَانُ عَلَىٰ مَا تَصِفُونَ ١٨Qamisa isaa irrattis dhiiga sobaatiin dhufan(Yaaquub) ni jedhe: “Lakkisaa; Lubbuu keessantu dubbii (sobaa) isiniif miidhagsiteObsi kiyya obsa gaariidhaWaan isin jettan kana irrattis gargaarsifatamaan Rabbi qofa.” وَجَآءَتۡ سَيَّارَةٌ فَأَرۡسَلُواْ وَارِدَهُمۡ فَأَدۡلَىٰ دَلۡوَهُۥۖ قَالَ يَٰبُشۡرَىٰ هَٰذَا غُلَٰمٌۚ وَأَسَرُّوهُ بِضَٰعَةًۚ وَٱللَّهُ عَلِيمُۢ بِمَا يَعۡمَلُونَ ١٩Kara deemtonnis (daldaaltoonnis) dhuftee nama isaaniif bishaan waraabu erganii baaldii isaa (boolla keessa) gadi buuse“Yaa gammachuu! Kuni mucaa dargaggeessa” jedheMeeshaa godhanii isa dhoksanRabbiin waan isaan hojjatan hunda beekaadha وَشَرَوۡهُ بِثَمَنِۭ بَخۡسٍ دَرَٰهِمَ مَعۡدُودَةٍ وَكَانُواْ فِيهِ مِنَ ٱلزَّٰهِدِينَ ٢٠Gatii xiqqaa, maallaqa lakkaa’amtuutti, isa gurguranIsa keessattis warra dhimma isaa hin qabne irraa ta’an وَقَالَ ٱلَّذِي ٱشۡتَرَىٰهُ مِن مِّصۡرَ لِٱمۡرَأَتِهِۦٓ أَكۡرِمِي مَثۡوَىٰهُ عَسَىٰٓ أَن يَنفَعَنَآ أَوۡ نَتَّخِذَهُۥ وَلَدًاۚ وَكَذَٰلِكَ مَكَّنَّا لِيُوسُفَ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلِنُعَلِّمَهُۥ مِن تَأۡوِيلِ ٱلۡأَحَادِيثِۚ وَٱللَّهُ غَالِبٌ عَلَىٰٓ أَمۡرِهِۦ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعۡلَمُونَ ٢١Inni Misra irraa isa bites niitii isaatiin ni jedhe: “nu fayyaduun yookiin ilma isa taasifachuun keenya ni kejeelamaa (iddoo) qubsuma isaa kabaji.” (Akka bulchaa isa goonuu)fi hiikoo manaamaas isa barsiifnuuf jecha akka kanatti Yuusufiif dachii keessa mijjeessineRabbiinis dhimma Isaa irratti injifataadhaGaruu irra hedduun namaa hin beekanu وَلَمَّا بَلَغَ أَشُدَّهُۥٓ ءَاتَيۡنَٰهُ حُكۡمًا وَعِلۡمًاۚ وَكَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلۡمُحۡسِنِينَ ٢٢Yeroo inni jabummaa (qaama) isaa ga’u, ogummaafi beekumsa isaaf kennineAkka kanattis toltuu hojjattoota mindeessina وَرَٰوَدَتۡهُ ٱلَّتِي هُوَ فِي بَيۡتِهَا عَن نَّفۡسِهِۦ وَغَلَّقَتِ ٱلۡأَبۡوَٰبَ وَقَالَتۡ هَيۡتَ لَكَۚ قَالَ مَعَاذَ ٱللَّهِۖ إِنَّهُۥ رَبِّيٓ أَحۡسَنَ مَثۡوَايَۖ إِنَّهُۥ لَا يُفۡلِحُ ٱلظَّٰلِمُونَ ٢٣Isheen inni mana ishee keessa jirus (qunnamtii saalaatiif) lubbuu isaa irraa isa barbaaddeHulaalees ni cuccufte“Ani siif qophaa’eeraa kottu” jette“Ani Rabbitti maganfadha! Inni (dhiirsi kee) gooftaa kiyya; jireenya kootis naaf tolchee jiraDhugumatti, miidhaa hojjattoonni hin milkaayanu” jedheen وَلَقَدۡ هَمَّتۡ بِهِۦۖ وَهَمَّ بِهَا لَوۡلَآ أَن رَّءَا بُرۡهَٰنَ رَبِّهِۦۚ كَذَٰلِكَ لِنَصۡرِفَ عَنۡهُ ٱلسُّوٓءَ وَٱلۡفَحۡشَآءَۚ إِنَّهُۥ مِنۡ عِبَادِنَا ٱلۡمُخۡلَصِينَ ٢٤Dhugumatti, isheen isatti yaaddee jirtiOdoo ragaa Gooftaa isaa arguu baatee innis isheetti yaadee tureAkka kanatti hamtuufi hojii fokkataa isa irraa deebisuuf (ragaa keenya isa agarsiifne)Dhugumatti, inni gabroota keenya qulqulleeffamoo irraayyi وَٱسۡتَبَقَا ٱلۡبَابَ وَقَدَّتۡ قَمِيصَهُۥ مِن دُبُرٍ وَأَلۡفَيَا سَيِّدَهَا لَدَا ٱلۡبَابِۚ قَالَتۡ مَا جَزَآءُ مَنۡ أَرَادَ بِأَهۡلِكَ سُوٓءًا إِلَّآ أَن يُسۡجَنَ أَوۡ عَذَابٌ أَلِيمٌ ٢٥(Isaan lamaan) gara balbalaa wal dorgomanIsheenis qamiisa isaa gara duubatiin kutteLamaanuu balbala biratti gooftaa (dhirsa) ishee arganIsheen ni jette: “Mindaan nama warra (niitii) keetti hamtuu yaadee hidhamuu yookiin adabbii laalessaa malee homaa hin taane.” قَالَ هِيَ رَٰوَدَتۡنِي عَن نَّفۡسِيۚ وَشَهِدَ شَاهِدٌ مِّنۡ أَهۡلِهَآ إِن كَانَ قَمِيصُهُۥ قُدَّ مِن قُبُلٍ فَصَدَقَتۡ وَهُوَ مِنَ ٱلۡكَٰذِبِينَ ٢٦Inni (Yuusuf) ni jedhe: “Isheetu (qunnamtii saalaatiif) lubbuu kiyya irra na barbaaddeRagaa ba’aan maatii ishee irraa ta’e tokkos (akkana jechuun) ragaa ba’e: “Yoo qamiisni isaa gara duraatiin baqaqfame, isheen dhugaa jettee inni sobdoota irraayi وَإِن كَانَ قَمِيصُهُۥ قُدَّ مِن دُبُرٍ فَكَذَبَتۡ وَهُوَ مِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ ٢٧Yoo qamiisni isaa gara duubaatiin baqaqfame, isheen ni sobdee inni dhugaa dubbattoota irraayi.” فَلَمَّا رَءَا قَمِيصَهُۥ قُدَّ مِن دُبُرٍ قَالَ إِنَّهُۥ مِن كَيۡدِكُنَّۖ إِنَّ كَيۡدَكُنَّ عَظِيمٌ ٢٨Yeroma qamiisni isaa gara duubatiin kan baqaqfame ta’uu argu, (dhirsi ishee) ni jedhe: “Dhugumatti, inni kun tooftaa keessan (dubartootaa) irraayyiDhugumatti, tooftaan keessan guddaadha يُوسُفُ أَعۡرِضۡ عَنۡ هَٰذَاۚ وَٱسۡتَغۡفِرِي لِذَنۢبِكِۖ إِنَّكِ كُنتِ مِنَ ٱلۡخَاطِـِٔينَ ٢٩Yuusuf kana irraa garagaliAti (dubartittiin) immoo badii keetiif araarama kadhuDhugumatti, ati warreen dogoggoran irraa taatee jirta.” ۞ وَقَالَ نِسۡوَةٌ فِي ٱلۡمَدِينَةِ ٱمۡرَأَتُ ٱلۡعَزِيزِ تُرَٰوِدُ فَتَىٰهَا عَن نَّفۡسِهِۦۖ قَدۡ شَغَفَهَا حُبًّاۖ إِنَّا لَنَرَىٰهَا فِي ضَلَٰلٍ مُّبِينٍ ٣٠Dubartoonni magaalattii keessa jiranis ni jedhan: “Niitiin mootichaa gabra ishee (qunnamtii saalaatiif) lubbuu isaa irraa isa feeteJaalalli isaas onnee ishee gubee jiraDhugumatti, nuti jallina ifa ta’e keessatti ishee agarra.” فَلَمَّا سَمِعَتۡ بِمَكۡرِهِنَّ أَرۡسَلَتۡ إِلَيۡهِنَّ وَأَعۡتَدَتۡ لَهُنَّ مُتَّكَـًٔا وَءَاتَتۡ كُلَّ وَٰحِدَةٍ مِّنۡهُنَّ سِكِّينًا وَقَالَتِ ٱخۡرُجۡ عَلَيۡهِنَّۖ فَلَمَّا رَأَيۡنَهُۥٓ أَكۡبَرۡنَهُۥ وَقَطَّعۡنَ أَيۡدِيَهُنَّ وَقُلۡنَ حَٰشَ لِلَّهِ مَا هَٰذَا بَشَرًا إِنۡ هَٰذَآ إِلَّا مَلَكٌ كَرِيمٌ ٣١Yeroma hamii isaanii dhageessu, gara isaaniitti ergiteNyaatas isaaniif qopheessiteTokko tokkoon isaaniitiifis hablee (billaa) ni kenitte“Isaan irratti gadi bahi” jetteYeroma isa argan isa dinqisiifatanHarka isaaniis kukkutan“Rabbiin qulqulaa’ee inni kun namaa mitiInni kun maleykaa gaariidha malee waan biraatii miti” jedhan قَالَتۡ فَذَٰلِكُنَّ ٱلَّذِي لُمۡتُنَّنِي فِيهِۖ وَلَقَدۡ رَٰوَدتُّهُۥ عَن نَّفۡسِهِۦ فَٱسۡتَعۡصَمَۖ وَلَئِن لَّمۡ يَفۡعَلۡ مَآ ءَامُرُهُۥ لَيُسۡجَنَنَّ وَلَيَكُونًا مِّنَ ٱلصَّٰغِرِينَ ٣٢(Isheenis) ni jette: “kun isa isin isa irratti na komattaniidhaAnumatu (qunnamtii saalaatiif) lubbuu isaa irraa isa feenaan dideYoo inni waan ani isa ajaju dalaguu dide Dhugumatti ni hidhama; Salphattoota irraas ni ta’a” jette قَالَ رَبِّ ٱلسِّجۡنُ أَحَبُّ إِلَيَّ مِمَّا يَدۡعُونَنِيٓ إِلَيۡهِۖ وَإِلَّا تَصۡرِفۡ عَنِّي كَيۡدَهُنَّ أَصۡبُ إِلَيۡهِنَّ وَأَكُن مِّنَ ٱلۡجَٰهِلِينَ ٣٣[Inni] “Gooftaa kiyya! Hidhaatu waan isaan itti na waaman irra ana biratti jaalatamaadhaYoo Ati tooftaa isaanii narraa deebifte malee, ani gara isaaniin daba; wallaaltota irraas nan ta’a” jedhe فَٱسۡتَجَابَ لَهُۥ رَبُّهُۥ فَصَرَفَ عَنۡهُ كَيۡدَهُنَّۚ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ ٣٤Kanaaf Gooftaan isaa isaaf awwaatee tooftaa isaaniis isarraa deebiseDhugumatti, Inni (Rabbiin) Isatu dhaga’aa, beekaadha ثُمَّ بَدَا لَهُم مِّنۢ بَعۡدِ مَا رَأَوُاْ ٱلۡأٓيَٰتِ لَيَسۡجُنُنَّهُۥ حَتَّىٰ حِينٍ ٣٥Sana booda erga mallattoowwan (qulqullummaa isaa mul’isu) arganii, yeroo murtaa’eef isa hiina jechuutu isaaniif mul’ate وَدَخَلَ مَعَهُ ٱلسِّجۡنَ فَتَيَانِۖ قَالَ أَحَدُهُمَآ إِنِّيٓ أَرَىٰنِيٓ أَعۡصِرُ خَمۡرًاۖ وَقَالَ ٱلۡأٓخَرُ إِنِّيٓ أَرَىٰنِيٓ أَحۡمِلُ فَوۡقَ رَأۡسِي خُبۡزًا تَأۡكُلُ ٱلطَّيۡرُ مِنۡهُۖ نَبِّئۡنَا بِتَأۡوِيلِهِۦٓۖ إِنَّا نَرَىٰكَ مِنَ ٱلۡمُحۡسِنِينَ ٣٦Isa waliin dargaggeessi lamas mana hidhaa seenaniTokkoon isaanii ni jedhe: “ani (abjuudhaan) kanin farsoo cuunfun of arge.” Inni biraa immoo ni jedhe: “ani mataa kiyya gubbaatti daabboo baadhee kan allaattiin isa irraa nyaattun arge.” “Gaarii hojjattoota irraa ta’uu kee arginaa hiika isaa nutti himi.” قَالَ لَا يَأۡتِيكُمَا طَعَامٌ تُرۡزَقَانِهِۦٓ إِلَّا نَبَّأۡتُكُمَا بِتَأۡوِيلِهِۦ قَبۡلَ أَن يَأۡتِيَكُمَاۚ ذَٰلِكُمَا مِمَّا عَلَّمَنِي رَبِّيٓۚ إِنِّي تَرَكۡتُ مِلَّةَ قَوۡمٍ لَّا يُؤۡمِنُونَ بِٱللَّهِ وَهُم بِٱلۡأٓخِرَةِ هُمۡ كَٰفِرُونَ ٣٧(Yuusuf) ni jedhe: “nyaanni isin isa nyaattan odoo inni isinitti hin dhufin dura hiika isaa isin lamaanitti himu malee isinitti hin dhufu; Kun wantoota Gooftaan kiyya na barsiise irraayyiDhugumatti, ani amantii (karaa) ummata Rabbitti hin amannee isaanis Aakiraatti kaafiroota ta’anii dhiiseera وَٱتَّبَعۡتُ مِلَّةَ ءَابَآءِيٓ إِبۡرَٰهِيمَ وَإِسۡحَٰقَ وَيَعۡقُوبَۚ مَا كَانَ لَنَآ أَن نُّشۡرِكَ بِٱللَّهِ مِن شَيۡءٍۚ ذَٰلِكَ مِن فَضۡلِ ٱللَّهِ عَلَيۡنَا وَعَلَى ٱلنَّاسِ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَشۡكُرُونَ ٣٨Amantii abboota kiyya Ibraahiim, Isihaaqiifi Ya’aquubis hordofeeraWaan tokkos Rabbitti qindeessuun nuuf hin taaneKuni tola Rabbii kan nuufi namoota (hunda) irra jiruudhaGaruu irra hedduun namootaa (Rabbiin) hin galateeffatanu يَٰصَٰحِبَيِ ٱلسِّجۡنِ ءَأَرۡبَابٌ مُّتَفَرِّقُونَ خَيۡرٌ أَمِ ٱللَّهُ ٱلۡوَٰحِدُ ٱلۡقَهَّارُ ٣٩Yaa hiriyoota kiyya lamaan kan mana hidhaa! Sila gooftota adda addaa baay’ee moo Rabbii tokkicha hunda mo’ataa ta’etu caala مَا تَعۡبُدُونَ مِن دُونِهِۦٓ إِلَّآ أَسۡمَآءً سَمَّيۡتُمُوهَآ أَنتُمۡ وَءَابَآؤُكُم مَّآ أَنزَلَ ٱللَّهُ بِهَا مِن سُلۡطَٰنٍۚ إِنِ ٱلۡحُكۡمُ إِلَّا لِلَّهِ أَمَرَ أَلَّا تَعۡبُدُوٓاْ إِلَّآ إِيَّاهُۚ ذَٰلِكَ ٱلدِّينُ ٱلۡقَيِّمُ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعۡلَمُونَ ٤٠Maqoota isiniifi abbootiin keessan moggaaftan malee Rabbii gaditti waan biraa gabbaraa hin jirtanuRabbiin ishee (gabbaruu)tti ragaa tokkos hin buufne; murtiin Rabbiif malee eenyuufuu hintaaneIsa malees akka hin gabbarre ajajeeraKun amantii gadi dhaabbataadhaGaruu irra hedduun namaa hin beekanu يَٰصَٰحِبَيِ ٱلسِّجۡنِ أَمَّآ أَحَدُكُمَا فَيَسۡقِي رَبَّهُۥ خَمۡرًاۖ وَأَمَّا ٱلۡأٓخَرُ فَيُصۡلَبُ فَتَأۡكُلُ ٱلطَّيۡرُ مِن رَّأۡسِهِۦۚ قُضِيَ ٱلۡأَمۡرُ ٱلَّذِي فِيهِ تَسۡتَفۡتِيَانِ ٤١Yaa hiriyoota kiyya kan mana hidhaa! Egaa isin lamaan keessaa tokko gooftaa (mootii) isaa farshoo obaasaInni biraa immoo fannifameeti allaattiin mataa isaa irraa nyaattiDhimmi inni isin isa keessatti hiika gaafattan murtaa’ee jira.” وَقَالَ لِلَّذِي ظَنَّ أَنَّهُۥ نَاجٍ مِّنۡهُمَا ٱذۡكُرۡنِي عِندَ رَبِّكَ فَأَنسَىٰهُ ٱلشَّيۡطَٰنُ ذِكۡرَ رَبِّهِۦ فَلَبِثَ فِي ٱلسِّجۡنِ بِضۡعَ سِنِينَ ٤٢Issaan lamaan keessaa isa (nagaa) baha jedhee yaadeen “Gooftaa kee biratti na dubbadhu” jedheenGooftaa isaatti dubbachuu sheyxaanni isa dagachiiseWaggaa muraasa mana hidhaa keessa ture وَقَالَ ٱلۡمَلِكُ إِنِّيٓ أَرَىٰ سَبۡعَ بَقَرَٰتٍ سِمَانٍ يَأۡكُلُهُنَّ سَبۡعٌ عِجَافٌ وَسَبۡعَ سُنۢبُلَٰتٍ خُضۡرٍ وَأُخَرَ يَابِسَٰتٍۖ يَٰٓأَيُّهَا ٱلۡمَلَأُ أَفۡتُونِي فِي رُءۡيَٰيَ إِن كُنتُمۡ لِلرُّءۡيَا تَعۡبُرُونَ ٤٣Mootichis ni jedhe: “Dhugumatti, ani sa’oota gabbataa ta’an torba kan (sa’oonni) huqqatoo ta’an torba nyaatan, akkasumas sootalloo (mataa midhaanii) magariisa torbaafi kan biraas gogaa (torba) abjuu keessatti argeeraYaa qondaaltota (kiyya)! yoo kan manaama hiiktanu taataniif manaama kiyya kana naaf hiikaa.” قَالُوٓاْ أَضۡغَٰثُ أَحۡلَٰمٍۖ وَمَا نَحۡنُ بِتَأۡوِيلِ ٱلۡأَحۡلَٰمِ بِعَٰلِمِينَ ٤٤“(Kuni) bursusa (yaacoo) manaamaatiNutis hiika bursusaa kan beeknu hin taane” jedhani وَقَالَ ٱلَّذِي نَجَا مِنۡهُمَا وَٱدَّكَرَ بَعۡدَ أُمَّةٍ أَنَا۠ أُنَبِّئُكُم بِتَأۡوِيلِهِۦ فَأَرۡسِلُونِ ٤٥Inni isaan lamaan (mana hidhaa keessa turan) irraa nagaa ba’eefi yeroo dheeraa booda (Yuusufiin) yaadatee ni jedhe: “Anatu hiika isaa isinitti himaa na ergaa.” (Gara Yuusufis ni deeme) يُوسُفُ أَيُّهَا ٱلصِّدِّيقُ أَفۡتِنَا فِي سَبۡعِ بَقَرَٰتٍ سِمَانٍ يَأۡكُلُهُنَّ سَبۡعٌ عِجَافٌ وَسَبۡعِ سُنۢبُلَٰتٍ خُضۡرٍ وَأُخَرَ يَابِسَٰتٍ لَّعَلِّيٓ أَرۡجِعُ إِلَى ٱلنَّاسِ لَعَلَّهُمۡ يَعۡلَمُونَ ٤٦(Innis ni jedhe): “Yaa Yuusufii dhugaa dubbataa taate! Sa’oota gabbatoo torba kan (sa’oonni) huqqatoon torba isaan nyaataniifi sootalloo (mataa midhaanii) magariisaa torbaafi kan biraas gogaa (torba) hiika (abjuu kanaa) akka beekanuuf gara namaa deebi’ee isaanitti himuun koo ni kajeelamaa nuuf himi قَالَ تَزۡرَعُونَ سَبۡعَ سِنِينَ دَأَبًا فَمَا حَصَدتُّمۡ فَذَرُوهُ فِي سُنۢبُلِهِۦٓ إِلَّا قَلِيلًا مِّمَّا تَأۡكُلُونَ ٤٧Ni jedhe: “Waggaa walitti aanan torbaaf akkuma barametti facaafattuXiqqoo waan irraa nyaattan malee waan oomishtan sootalloo isaa keessatti isa dhiisaa ثُمَّ يَأۡتِي مِنۢ بَعۡدِ ذَٰلِكَ سَبۡعٌ شِدَادٌ يَأۡكُلۡنَ مَا قَدَّمۡتُمۡ لَهُنَّ إِلَّا قَلِيلًا مِّمَّا تُحۡصِنُونَ ٤٨Ergasii san booda, xiqqoo waan kuuftanii malee waan isin isaaniif keessan hunda kan nyaatanu waggoota rakkinaa torbatu dhufa ثُمَّ يَأۡتِي مِنۢ بَعۡدِ ذَٰلِكَ عَامٌ فِيهِ يُغَاثُ ٱلنَّاسُ وَفِيهِ يَعۡصِرُونَ ٤٩Ergasii sana booda waggaa isa keessa namoonni rooba argataniifi isa keessas (inaba) cuunfatantu dhufa.” وَقَالَ ٱلۡمَلِكُ ٱئۡتُونِي بِهِۦۖ فَلَمَّا جَآءَهُ ٱلرَّسُولُ قَالَ ٱرۡجِعۡ إِلَىٰ رَبِّكَ فَسۡـَٔلۡهُ مَا بَالُ ٱلنِّسۡوَةِ ٱلَّٰتِي قَطَّعۡنَ أَيۡدِيَهُنَّۚ إِنَّ رَبِّي بِكَيۡدِهِنَّ عَلِيمٌ ٥٠Mootichis “Isa natti fidaa jedhe.” Yeroma ergamaan (mootichaa) isatti dhufu, (Yuusuf) ni jedhe: “Gara gooftaa keetii deebi’ii ‘waa’een dubartoota harka isaanii muranii maali’ (jedhii) isa gaafadhuDhugumatti Gooftaan kiyya tooftaa isaanii beekaadha.” قَالَ مَا خَطۡبُكُنَّ إِذۡ رَٰوَدتُّنَّ يُوسُفَ عَن نَّفۡسِهِۦۚ قُلۡنَ حَٰشَ لِلَّهِ مَا عَلِمۡنَا عَلَيۡهِ مِن سُوٓءٍۚ قَالَتِ ٱمۡرَأَتُ ٱلۡعَزِيزِ ٱلۡـَٰٔنَ حَصۡحَصَ ٱلۡحَقُّ أَنَا۠ رَٰوَدتُّهُۥ عَن نَّفۡسِهِۦ وَإِنَّهُۥ لَمِنَ ٱلصَّٰدِقِينَ ٥١(Mootichis) “Yeroo Yuusufiin (qunn-amtii saalaatiif) lubbuu isaa irra isa barbaaddan haalli keessan maal ture” jedheen(Dubartoonnis) ni jedhan: “Rabbiin qulqullaa’ee hamtuu tokkollee isa irratti hin beeknu.” Niitiin mootichaas “Amma dhugaan ifa ta’eeraAnatu (qunnamtii saalaatiif) isa fedheDhugumatti, inni warreen dhugaa dubbatan irraayyi.” ذَٰلِكَ لِيَعۡلَمَ أَنِّي لَمۡ أَخُنۡهُ بِٱلۡغَيۡبِ وَأَنَّ ٱللَّهَ لَا يَهۡدِي كَيۡدَ ٱلۡخَآئِنِينَ ٥٢(Yuusufis) “kun (gooftaan kiyya) fagootti (bakka inni hin jirretti) akka an isa hin ganiniifi Rabbiin dhugumatti tooftaa gantootaa hin sirreessu jechuu akka beekuufi” (jedhe)

الجزء الثالث عشر

۞ وَمَآ أُبَرِّئُ نَفۡسِيٓۚ إِنَّ ٱلنَّفۡسَ لَأَمَّارَةُۢ بِٱلسُّوٓءِ إِلَّا مَا رَحِمَ رَبِّيٓۚ إِنَّ رَبِّي غَفُورٌ رَّحِيمٌ ٥٣“Lubbuu kiyyas hin qulqulleessuDhugumatti, nama Gooftaan kiyya rahmata godheef malee lubbuun hamtuutti ajajjuudhaDhugumatti, Gooftaan kiyya araaramaa, rahmata godhaadha.” وَقَالَ ٱلۡمَلِكُ ٱئۡتُونِي بِهِۦٓ أَسۡتَخۡلِصۡهُ لِنَفۡسِيۖ فَلَمَّا كَلَّمَهُۥ قَالَ إِنَّكَ ٱلۡيَوۡمَ لَدَيۡنَا مَكِينٌ أَمِينٌ ٥٤Mootichis ni jedhe: “lubbuu kootiifan isa qulqulleessaa isaan natti kottaaYeroma isa (Yuusufiin) hasofsiisu, “Dhugumatti, ati har’a nu biratti mijjeeffataa amanamaadha” jedheen قَالَ ٱجۡعَلۡنِي عَلَىٰ خَزَآئِنِ ٱلۡأَرۡضِۖ إِنِّي حَفِيظٌ عَلِيمٌ ٥٥(Yuusufis) “kuusaa dachii irratti (itti gaafatamaa) na taasisi; ani isa irratti eegaa beekaadha” jedhe وَكَذَٰلِكَ مَكَّنَّا لِيُوسُفَ فِي ٱلۡأَرۡضِ يَتَبَوَّأُ مِنۡهَا حَيۡثُ يَشَآءُۚ نُصِيبُ بِرَحۡمَتِنَا مَن نَّشَآءُۖ وَلَا نُضِيعُ أَجۡرَ ٱلۡمُحۡسِنِينَ ٥٦Akka kanatti ishee irraa bakka fedhe kan qubatu ta’ee Yuusufiif dachii keessatti mijjeessineRahmata keenyaan nama feene tuqnaMindaa warreen toltuu hojjataniis hin balleessinu وَلَأَجۡرُ ٱلۡأٓخِرَةِ خَيۡرٌ لِّلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَكَانُواْ يَتَّقُونَ ٥٧Dhugumatti, isaannan amananii (Rabbiin) sodaattota ta’aniif mindaa Aakiraatu caala وَجَآءَ إِخۡوَةُ يُوسُفَ فَدَخَلُواْ عَلَيۡهِ فَعَرَفَهُمۡ وَهُمۡ لَهُۥ مُنكِرُونَ ٥٨Obboleeyyan Yuusufis gara isaa dhufanii isa irratti seenanOdoo isaan isa wallaalanii jiranii inni isaan beeke وَلَمَّا جَهَّزَهُم بِجَهَازِهِمۡ قَالَ ٱئۡتُونِي بِأَخٍ لَّكُم مِّنۡ أَبِيكُمۡۚ أَلَا تَرَوۡنَ أَنِّيٓ أُوفِي ٱلۡكَيۡلَ وَأَنَا۠ خَيۡرُ ٱلۡمُنزِلِينَ ٥٩Yeroma waan geggeessaa isaanii isaaniif qopheesse ni jedhe: “Obboleessa keessan kan karaa abbaatiin ta’een natti kottaaSila caalaa keessummmessitootaa ta’ee safara guutuu koo hin argitanuu فَإِن لَّمۡ تَأۡتُونِي بِهِۦ فَلَا كَيۡلَ لَكُمۡ عِندِي وَلَا تَقۡرَبُونِ ٦٠Yoo isaan natti dhufuu baattan safarri na bira isiniif hin jiruNattis hin dhiyaatinaa.” قَالُواْ سَنُرَٰوِدُ عَنۡهُ أَبَاهُ وَإِنَّا لَفَٰعِلُونَ ٦١[Isaan] “Nuti waa’ee isaa abbaa isaa ni gaafannaDhugumatti, nuti (dhimma kana) raawwatoodha.” وَقَالَ لِفِتۡيَٰنِهِ ٱجۡعَلُواْ بِضَٰعَتَهُمۡ فِي رِحَالِهِمۡ لَعَلَّهُمۡ يَعۡرِفُونَهَآ إِذَا ٱنقَلَبُوٓاْ إِلَىٰٓ أَهۡلِهِمۡ لَعَلَّهُمۡ يَرۡجِعُونَ ٦٢Gabroota isaatiin “akka yeroo gara maatii isaanii deebi’an ishee beekanii deebi’aniif maallaqa isaanii fe’isa isaanii keessa kaa’aa”jedhe فَلَمَّا رَجَعُوٓاْ إِلَىٰٓ أَبِيهِمۡ قَالُواْ يَٰٓأَبَانَا مُنِعَ مِنَّا ٱلۡكَيۡلُ فَأَرۡسِلۡ مَعَنَآ أَخَانَا نَكۡتَلۡ وَإِنَّا لَهُۥ لَحَٰفِظُونَ ٦٣Yeroma gara abbaa isaanii deebi’an ni jedhan: “Yaa abbaa keenya! safarri (midhaanii) nurraa dhorgameeraObboleessa Kenya nuu wajjiin ergiNi safarannaNuti dhugumatti isaaf tiksoodha.” قَالَ هَلۡ ءَامَنُكُمۡ عَلَيۡهِ إِلَّا كَمَآ أَمِنتُكُمۡ عَلَىٰٓ أَخِيهِ مِن قَبۡلُ فَٱللَّهُ خَيۡرٌ حَٰفِظًاۖ وَهُوَ أَرۡحَمُ ٱلرَّٰحِمِينَ ٦٤(Ya’aquub) ni jedhe: “Sila akkan duraan obboleessa isaa irratti isin amane malee isa irratti isin amanaa? Rabbiin eegaa ta’uutti caalaadhaInni irra rahmata godhaa warreen rahmata godhaniiti.” وَلَمَّا فَتَحُواْ مَتَٰعَهُمۡ وَجَدُواْ بِضَٰعَتَهُمۡ رُدَّتۡ إِلَيۡهِمۡۖ قَالُواْ يَٰٓأَبَانَا مَا نَبۡغِيۖ هَٰذِهِۦ بِضَٰعَتُنَا رُدَّتۡ إِلَيۡنَاۖ وَنَمِيرُ أَهۡلَنَا وَنَحۡفَظُ أَخَانَا وَنَزۡدَادُ كَيۡلَ بَعِيرٍۖ ذَٰلِكَ كَيۡلٌ يَسِيرٌ ٦٥Yeroma meeshaa isaanii bananii maallaqa isaanii kan isaaniif deebi’e ta’uu arganis ni jedhan: “Yaa abbaa keenya! (kana caalaa) maal barbaanna? Isheen kuni maallaqa keenya; gara keenya deebifamteMaatii keenyaafis midhaan ni binnaObboleessa keenyas ni tiksinaFe’iinsa (ba’aa) gaalaa tokkoos ni dabalannaKun (mooticha biratti) safara xiqqoodha.” قَالَ لَنۡ أُرۡسِلَهُۥ مَعَكُمۡ حَتَّىٰ تُؤۡتُونِ مَوۡثِقًا مِّنَ ٱللَّهِ لَتَأۡتُنَّنِي بِهِۦٓ إِلَّآ أَن يُحَاطَ بِكُمۡۖ فَلَمَّآ ءَاتَوۡهُ مَوۡثِقَهُمۡ قَالَ ٱللَّهُ عَلَىٰ مَا نَقُولُ وَكِيلٌ ٦٦(Ya’aquub) ni jedhe: “Yoo (diinaan) marfamtan malee hanga akka isa deebiftanii naaf fiddanutti kakuu Rabbi irraa ta’e naaf kennitanitti isa isin wajjiin hin ergu.” Yeroma isaan kakuu isaanii isaaf kennan “Rabbiin waan nuti jennu irratti ragaadha” jedhe وَقَالَ يَٰبَنِيَّ لَا تَدۡخُلُواْ مِنۢ بَابٍ وَٰحِدٍ وَٱدۡخُلُواْ مِنۡ أَبۡوَٰبٍ مُّتَفَرِّقَةٍۖ وَمَآ أُغۡنِي عَنكُم مِّنَ ٱللَّهِ مِن شَيۡءٍۖ إِنِ ٱلۡحُكۡمُ إِلَّا لِلَّهِۖ عَلَيۡهِ تَوَكَّلۡتُۖ وَعَلَيۡهِ فَلۡيَتَوَكَّلِ ٱلۡمُتَوَكِّلُونَ ٦٧Ni jedhe: “Yaa ilmaan kiyya! balbala tokkoon hin seeninaaBalbaloota adda addaatiin seenaaAnis (murtii) Rabbii irraa homaa isin irraa hin duroomsuDhugumatti, murtiin Rabbiif malee hin maluIsa (qofa) irratti hirkadheHirkattoonnis isuma (qofa) irratti haa hirkatan.” وَلَمَّا دَخَلُواْ مِنۡ حَيۡثُ أَمَرَهُمۡ أَبُوهُم مَّا كَانَ يُغۡنِي عَنۡهُم مِّنَ ٱللَّهِ مِن شَيۡءٍ إِلَّا حَاجَةً فِي نَفۡسِ يَعۡقُوبَ قَضَىٰهَاۚ وَإِنَّهُۥ لَذُو عِلۡمٍ لِّمَا عَلَّمۡنَٰهُ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يَعۡلَمُونَ ٦٨Yeroma isaan akkaataa abbaan isaanii isaan ajajeen seenanis, (murtii) Rabbii irraa homaa kan isaan duroomsu hin taaneGaruu dhimma lubbuu Ya’aquub keessa jiru ishee raawwateeraDhugumatti inni waan isa barsiifne irratti abbaa beekumsaatiGaruu irra hedduun namaa hin beekanu وَلَمَّا دَخَلُواْ عَلَىٰ يُوسُفَ ءَاوَىٰٓ إِلَيۡهِ أَخَاهُۖ قَالَ إِنِّيٓ أَنَا۠ أَخُوكَ فَلَا تَبۡتَئِسۡ بِمَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ ٦٩Yeroma isaan Yuusuf irra seenan obboleessa isaa (Ben-yaamiiniin) ofitti dhiheessee “Dhugumatti, ani anatu obboleessa keetii, waan isaan hojjachaa turanittis hin gaddin” jedhe فَلَمَّا جَهَّزَهُم بِجَهَازِهِمۡ جَعَلَ ٱلسِّقَايَةَ فِي رَحۡلِ أَخِيهِ ثُمَّ أَذَّنَ مُؤَذِّنٌ أَيَّتُهَا ٱلۡعِيرُ إِنَّكُمۡ لَسَٰرِقُونَ ٧٠Yeroma meeshaa isaanii isaaniif qopheessu, safartuttii meeshaa obboleessa isaa keessa kaa’eSana booda “isin yaa daldaaltoota dhugumatti, hattoota” (jechuun) lallabaan lallabe قَالُواْ وَأَقۡبَلُواْ عَلَيۡهِم مَّاذَا تَفۡقِدُونَ ٧١Isaanis, gara isaanii gara galuun, “Maal dhabdan?” jedheniin قَالُواْ نَفۡقِدُ صُوَاعَ ٱلۡمَلِكِ وَلِمَن جَآءَ بِهِۦ حِمۡلُ بَعِيرٍ وَأَنَا۠ بِهِۦ زَعِيمٌ ٧٢Ni jedhan: “Nuti safartuu mootii dhabnee; nama isa fideefis (badhaasa) fe’aa gaalaa tokkotu isaaf jiraAni kana irratti waadaa galaadha.” قَالُواْ تَٱللَّهِ لَقَدۡ عَلِمۡتُم مَّا جِئۡنَا لِنُفۡسِدَ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَمَا كُنَّا سَٰرِقِينَ ٧٣Isaanis ni jedhan: “Rabbitti kakannee! Akka nuti dachii keessatti badii raawwachuuf hin dhufin isinis beektaniittuNuti hattootas hin taane.” قَالُواْ فَمَا جَزَٰٓؤُهُۥٓ إِن كُنتُمۡ كَٰذِبِينَ ٧٤“Yoo sobdoota taataniif adabbiin isaa maal ta’a?” jedhaniin قَالُواْ جَزَٰٓؤُهُۥ مَن وُجِدَ فِي رَحۡلِهِۦ فَهُوَ جَزَٰٓؤُهُۥۚ كَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلظَّٰلِمِينَ ٧٥Ni jedhan: “Adabni isaa namni inni meeshaa isaa keessatti argame isumatu (fudhamuutu) adabbii isaatiNuti akka kanatti isaan miidhaa (hanna) raawwatanu adabna.” فَبَدَأَ بِأَوۡعِيَتِهِمۡ قَبۡلَ وِعَآءِ أَخِيهِ ثُمَّ ٱسۡتَخۡرَجَهَا مِن وِعَآءِ أَخِيهِۚ كَذَٰلِكَ كِدۡنَا لِيُوسُفَۖ مَا كَانَ لِيَأۡخُذَ أَخَاهُ فِي دِينِ ٱلۡمَلِكِ إِلَّآ أَن يَشَآءَ ٱللَّهُۚ نَرۡفَعُ دَرَجَٰتٍ مَّن نَّشَآءُۗ وَفَوۡقَ كُلِّ ذِي عِلۡمٍ عَلِيمٌ ٧٦Sakkatta’uus qalqalloo obboleessa isaa dura qalqalloo isaaniitiin jalqabeSana booda meeshaa obboleessa isaa keessaa ishee baaseAkka kanatti Yuusufiif tooftaa baafneOdoo Rabbiin Fedhuu baatee obboleessa isaa seera mootichaa keessatti kan fudhatu hin turreNama feene sadarkaa hedduu ol fuunaAbbootii beekumsaa hundaa olittuu beekaatu jira ۞ قَالُوٓاْ إِن يَسۡرِقۡ فَقَدۡ سَرَقَ أَخٌ لَّهُۥ مِن قَبۡلُۚ فَأَسَرَّهَا يُوسُفُ فِي نَفۡسِهِۦ وَلَمۡ يُبۡدِهَا لَهُمۡۚ قَالَ أَنتُمۡ شَرٌّ مَّكَانًاۖ وَٱللَّهُ أَعۡلَمُ بِمَا تَصِفُونَ ٧٧Isaanis (obboleeyyan Yuusufis) ni jedhan: “Yoo hates, obboleessi isaas (Yuusufis) kana dura hatee ture.” Yuusuf ishee of keessa dhokseIsaaniifis ishee hin ibsine(Of keessattis) ni jedhe: “Isinumatu sadarkaan keessan gadheedhaRabbiinis waan isin jettan irra beekaadha.” قَالُواْ يَٰٓأَيُّهَا ٱلۡعَزِيزُ إِنَّ لَهُۥٓ أَبًا شَيۡخًا كَبِيرًا فَخُذۡ أَحَدَنَا مَكَانَهُۥٓۖ إِنَّا نَرَىٰكَ مِنَ ٱلۡمُحۡسِنِينَ ٧٨Isaanis ni jedhan: “Yaa mootichaa! Dhugumatti, isaaf abbaa jaarsa manguddoo ta’etu jiraKanaaf bakka isaa tokkoon keenya fudhadhuNuti gaggaarii irraa ta’uu kee si argina.” قَالَ مَعَاذَ ٱللَّهِ أَن نَّأۡخُذَ إِلَّا مَن وَجَدۡنَا مَتَٰعَنَا عِندَهُۥٓ إِنَّآ إِذًا لَّظَٰلِمُونَ ٧٩Inni ni jedhe: “Nuti nama qabeenya keenya isa biratti argine malee fudhachuu irraa Rabbitti maganfannaDhugumatti, nuti yeroo san miidhaa hojjattoota.” فَلَمَّا ٱسۡتَيۡـَٔسُواْ مِنۡهُ خَلَصُواْ نَجِيًّاۖ قَالَ كَبِيرُهُمۡ أَلَمۡ تَعۡلَمُوٓاْ أَنَّ أَبَاكُمۡ قَدۡ أَخَذَ عَلَيۡكُم مَّوۡثِقًا مِّنَ ٱللَّهِ وَمِن قَبۡلُ مَا فَرَّطتُمۡ فِي يُوسُفَۖ فَلَنۡ أَبۡرَحَ ٱلۡأَرۡضَ حَتَّىٰ يَأۡذَنَ لِيٓ أَبِيٓ أَوۡ يَحۡكُمَ ٱللَّهُ لِيۖ وَهُوَ خَيۡرُ ٱلۡحَٰكِمِينَ ٨٠Yeroma isa irraa abdii muratan, kan maryatan ta’anii kophaa ba’anGuddaan isaanii ni jedhe: “Sila dhugumatti abbaan keessan kakuu Rabbi irraa ta’e isin irratti qabachuufi kana duras Yuusuf irratti waan daangaa dabartan hin beektanuu? Kanaaf ani hanga abbaan kiyya naaf hayyamutti yookiin (hanga) Rabbiin dhimma kana naaf murteessutti dachii kana gadi hin dhiisuInnis irra caalaa warreen murtii kennaniiti ٱرۡجِعُوٓاْ إِلَىٰٓ أَبِيكُمۡ فَقُولُواْ يَٰٓأَبَانَآ إِنَّ ٱبۡنَكَ سَرَقَ وَمَا شَهِدۡنَآ إِلَّا بِمَا عَلِمۡنَا وَمَا كُنَّا لِلۡغَيۡبِ حَٰفِظِينَ ٨١Gara abbaa keessanii deebi’aatii jedhaanii: “Yaa abbaa keenya! dhugumatti, ilmi kee ni hateNutis waan beekneen malee ragaa hin baaneNuti waan fagoo tiksaa hin taane وَسۡـَٔلِ ٱلۡقَرۡيَةَ ٱلَّتِي كُنَّا فِيهَا وَٱلۡعِيرَ ٱلَّتِيٓ أَقۡبَلۡنَا فِيهَاۖ وَإِنَّا لَصَٰدِقُونَ ٨٢(Namoota) magaalaa nuti ishee keessa turreefi daldaaltota nuti isaan wajjin dhufnes gaafadhuNuti dhugaa dubbatoodha.” قَالَ بَلۡ سَوَّلَتۡ لَكُمۡ أَنفُسُكُمۡ أَمۡرًاۖ فَصَبۡرٌ جَمِيلٌۖ عَسَى ٱللَّهُ أَن يَأۡتِيَنِي بِهِمۡ جَمِيعًاۚ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلۡعَلِيمُ ٱلۡحَكِيمُ ٨٣(Ya’aquub) ni jedhe: “Lakkisaa; lubbuu keessantu waan tokko isiniif midhaagsite; (Obsi koo) obsa bareedaadhaRabbiin hunda isaanii naaf deebisuun ni kajeelamaDhugumatti, Inni Isumatu beekaa, ogeessa.” وَتَوَلَّىٰ عَنۡهُمۡ وَقَالَ يَٰٓأَسَفَىٰ عَلَىٰ يُوسُفَ وَٱبۡيَضَّتۡ عَيۡنَاهُ مِنَ ٱلۡحُزۡنِ فَهُوَ كَظِيمٌ ٨٤Isaan irraas gargalee “Yaa gadda kiyya! Yuusuf irratti” jedheYaaddoo irraa ijji isaa lamaanis addaatte; inni yaadaan guutamaadha قَالُواْ تَٱللَّهِ تَفۡتَؤُاْ تَذۡكُرُ يُوسُفَ حَتَّىٰ تَكُونَ حَرَضًا أَوۡ تَكُونَ مِنَ ٱلۡهَٰلِكِينَ ٨٥“Rabbitti kakannee! ati hanga manguddoo dadhabaa taatutti yookiin warra du’an irraa taatutti Yuusufiin dubbachuu irraa hin deemtu!” jedhan قَالَ إِنَّمَآ أَشۡكُواْ بَثِّي وَحُزۡنِيٓ إِلَى ٱللَّهِ وَأَعۡلَمُ مِنَ ٱللَّهِ مَا لَا تَعۡلَمُونَ ٨٦(Ya’aquub) ni jedhe: “Ani yaaddoofi gadda kiyyas Rabbuma qofattin himadhaRabbi irraa waan isin hin beeknen beeka يَٰبَنِيَّ ٱذۡهَبُواْ فَتَحَسَّسُواْ مِن يُوسُفَ وَأَخِيهِ وَلَا تَاْيۡـَٔسُواْ مِن رَّوۡحِ ٱللَّهِۖ إِنَّهُۥ لَا يَاْيۡـَٔسُ مِن رَّوۡحِ ٱللَّهِ إِلَّا ٱلۡقَوۡمُ ٱلۡكَٰفِرُونَ ٨٧Yaa ilmaan kiyya! deemaa Yuusufiifi obboleessa isaa irraa odeeffadhaaRahmata Rabbii irraas abdii hin muratinaaDhugumatti, ummata kaafiroota malee rahmata Rabbii irraa eenyullee abdii hin kutu.” فَلَمَّا دَخَلُواْ عَلَيۡهِ قَالُواْ يَٰٓأَيُّهَا ٱلۡعَزِيزُ مَسَّنَا وَأَهۡلَنَا ٱلضُّرُّ وَجِئۡنَا بِبِضَٰعَةٍ مُّزۡجَىٰةٍ فَأَوۡفِ لَنَا ٱلۡكَيۡلَ وَتَصَدَّقۡ عَلَيۡنَآۖ إِنَّ ٱللَّهَ يَجۡزِي ٱلۡمُتَصَدِّقِينَ ٨٨Yeroma isa (Yuusuf) irra seenan “Yaa mootichaa! nuufi maatii keenyas rakkoon mudateeraMallaqa tuffatamtuun dhufnee safara nuuf guutii nurrattiis sadaqadhu” isaan jedhanDhugumatti, Rabbiin warreen sadaqatan ni mindeessa قَالَ هَلۡ عَلِمۡتُم مَّا فَعَلۡتُم بِيُوسُفَ وَأَخِيهِ إِذۡ أَنتُمۡ جَٰهِلُونَ ٨٩(Yuusufis) “Sila waan Yuusufiifi obboleessa isaa irratti yeroo wallaaloo turtan hojjattan beektuu?” jedheen قَالُوٓاْ أَءِنَّكَ لَأَنتَ يُوسُفُۖ قَالَ أَنَا۠ يُوسُفُ وَهَٰذَآ أَخِيۖ قَدۡ مَنَّ ٱللَّهُ عَلَيۡنَآۖ إِنَّهُۥ مَن يَتَّقِ وَيَصۡبِرۡ فَإِنَّ ٱللَّهَ لَا يُضِيعُ أَجۡرَ ٱلۡمُحۡسِنِينَ ٩٠[Isaan] “Sila dhugamatti ati Yuusufii?” jedhan[Inni] “Ani Yuusufi; inni kunis obboleessa kiyyaDhugumatti Rabbiin tola nutti ooleeraDhugumatti, namni (Rabbiin) sodaateefi obse, Rabbiin mindaa toltuu hojjattootaa hin balleessu” jedhe قَالُواْ تَٱللَّهِ لَقَدۡ ءَاثَرَكَ ٱللَّهُ عَلَيۡنَا وَإِن كُنَّا لَخَٰطِـِٔينَ ٩١[Isaan]: “Rabbitti kakannee! Dhugumatti, Rabbiin nurra si filatee jiraDhugumatti nuti dogoggortoota turre” jedhan قَالَ لَا تَثۡرِيبَ عَلَيۡكُمُ ٱلۡيَوۡمَۖ يَغۡفِرُ ٱللَّهُ لَكُمۡۖ وَهُوَ أَرۡحَمُ ٱلرَّٰحِمِينَ ٩٢(Yuusufis) ni jedhe: “Har’a komiin isin irra hin jiru; Rabbiin isiniif araaramaInni irra rahmata godhaa warra rahmata godhaniiti ٱذۡهَبُواْ بِقَمِيصِي هَٰذَا فَأَلۡقُوهُ عَلَىٰ وَجۡهِ أَبِي يَأۡتِ بَصِيرًا وَأۡتُونِي بِأَهۡلِكُمۡ أَجۡمَعِينَ ٩٣Qamisii kiyya kanaan deemaatii fuula abbaa kiyyaa irratti darbaa[Inni] argaa ta’ee dhufaMaatii keessan hundaanis natti kottaa.” وَلَمَّا فَصَلَتِ ٱلۡعِيرُ قَالَ أَبُوهُمۡ إِنِّي لَأَجِدُ رِيحَ يُوسُفَۖ لَوۡلَآ أَن تُفَنِّدُونِ ٩٤Yeroma daldaltoonni (Misraan) gadi dhiiftu, abbaan isaanii “Odoo isin otontoraatti (totorra’aatti) na yaaduu dhabdanii ani foolii yuusufin argaa jira” jedhe قَالُواْ تَٱللَّهِ إِنَّكَ لَفِي ضَلَٰلِكَ ٱلۡقَدِيمِ ٩٥[Isaan] “Rabbitti kakannee! Dhugumatti, ati jallinuma kee kan durii keessa jirta” jedhan فَلَمَّآ أَن جَآءَ ٱلۡبَشِيرُ أَلۡقَىٰهُ عَلَىٰ وَجۡهِهِۦ فَٱرۡتَدَّ بَصِيرًاۖ قَالَ أَلَمۡ أَقُل لَّكُمۡ إِنِّيٓ أَعۡلَمُ مِنَ ٱللَّهِ مَا لَا تَعۡلَمُونَ ٩٦Gammachiisaan Yeroma dhufu fuula isaa (Ya’aquub) irratti isa darbeInnis kan argu ta’e“Ani Rabbi irraa waan isin hin beeknen beeka isiniin hin jennee?” jedhe قَالُواْ يَٰٓأَبَانَا ٱسۡتَغۡفِرۡ لَنَا ذُنُوبَنَآ إِنَّا كُنَّا خَٰطِـِٔينَ ٩٧[Isaan] “Yaa abbaa keenya! Dhugumatti, nuti dogoggortoota taanee jirraa badii keenyaaf (Rabbiin) araarama nuuf kadhu” jedhan قَالَ سَوۡفَ أَسۡتَغۡفِرُ لَكُمۡ رَبِّيٓۖ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلۡغَفُورُ ٱلرَّحِيمُ ٩٨(Ya’aquubis) “Ani fuul-duratti Gooftaa kiyya araarama isiniifin kadhaDhugumatti, Inni Isatu araaramaa, rahmata godhaadha” jedhe فَلَمَّا دَخَلُواْ عَلَىٰ يُوسُفَ ءَاوَىٰٓ إِلَيۡهِ أَبَوَيۡهِ وَقَالَ ٱدۡخُلُواْ مِصۡرَ إِن شَآءَ ٱللَّهُ ءَامِنِينَ ٩٩Ergasii yeroo Yuusufiin bira seenan, haadhaafi abbaa isaa gara ofiitti qubsiise“Yoo Rabbiin fedhe nagayaan Misraan seenaa” jedhe وَرَفَعَ أَبَوَيۡهِ عَلَى ٱلۡعَرۡشِ وَخَرُّواْ لَهُۥ سُجَّدًاۖ وَقَالَ يَٰٓأَبَتِ هَٰذَا تَأۡوِيلُ رُءۡيَٰيَ مِن قَبۡلُ قَدۡ جَعَلَهَا رَبِّي حَقًّاۖ وَقَدۡ أَحۡسَنَ بِيٓ إِذۡ أَخۡرَجَنِي مِنَ ٱلسِّجۡنِ وَجَآءَ بِكُم مِّنَ ٱلۡبَدۡوِ مِنۢ بَعۡدِ أَن نَّزَغَ ٱلشَّيۡطَٰنُ بَيۡنِي وَبَيۡنَ إِخۡوَتِيٓۚ إِنَّ رَبِّي لَطِيفٌ لِّمَا يَشَآءُۚ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلۡعَلِيمُ ٱلۡحَكِيمُ ١٠٠Abbaafi haadha isaas siree irratti ol fuudheIsaanis sujuuda isaaf bu’an[Inni] ni jedhe: “Yaa abbaa kiyya! kun hiika manaama kiyyaa kan duraaniitiGooftaan kiyya dhugaa ishee taasiseeraErga shayxaanni anaafi obboleeyyan kiyya gidduutti diinummaa uumee booda yeroo ana mana hidhaa irraa baasee isinis baadiyaa irraa fidu dhugumatti, Gooftaan kiyya tola natti oolee jiraDhugumatti, Gooftaan kiyya nama fedheef mararfataadhaDhugumatti, Inni Isa qofatu beekaa, ogeessa ۞ رَبِّ قَدۡ ءَاتَيۡتَنِي مِنَ ٱلۡمُلۡكِ وَعَلَّمۡتَنِي مِن تَأۡوِيلِ ٱلۡأَحَادِيثِۚ فَاطِرَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ أَنتَ وَلِيِّۦ فِي ٱلدُّنۡيَا وَٱلۡأٓخِرَةِۖ تَوَفَّنِي مُسۡلِمًا وَأَلۡحِقۡنِي بِٱلصَّٰلِحِينَ ١٠١Gooftaa kiyya! dhugumatti mootummaa irraa naaf kennitee jirtaHiika manaamotaa irraas na barsiiftee jirta(Yaa) Uumaa samiifi dachii! Ati Duuniyaafi Aakhiraattis gargaaraa kiyyaMuslima taasisii na ajjeesii Warra gaggaarittis na dhaqqabsiisi.” ذَٰلِكَ مِنۡ أَنۢبَآءِ ٱلۡغَيۡبِ نُوحِيهِ إِلَيۡكَۖ وَمَا كُنتَ لَدَيۡهِمۡ إِذۡ أَجۡمَعُوٓاْ أَمۡرَهُمۡ وَهُمۡ يَمۡكُرُونَ ١٠٢Kun oduu fagoo irraayyiGara keetti isa beeksifnaYeroo isaan kan (Yuusufitti) tooftaa baasan ta’anii dhimma isaanii waliin qindeessan ati isaan bira hin turre وَمَآ أَكۡثَرُ ٱلنَّاسِ وَلَوۡ حَرَصۡتَ بِمُؤۡمِنِينَ ١٠٣Irra hedduun namootaas (amanuu isaaniitiif) odoo bololtees kan amananii miti وَمَا تَسۡـَٔلُهُمۡ عَلَيۡهِ مِنۡ أَجۡرٍۚ إِنۡ هُوَ إِلَّا ذِكۡرٌ لِّلۡعَٰلَمِينَ ١٠٤Ati isa irratti mindaa wahii isaan hin gaafattuInni (Qur’aanni) aalamaaf gorsa malee homaa hin taane وَكَأَيِّن مِّنۡ ءَايَةٍ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ يَمُرُّونَ عَلَيۡهَا وَهُمۡ عَنۡهَا مُعۡرِضُونَ ١٠٥Samiifi dachii keessa mallattoo kan isaan ishee irraa gara galan ta’anii ishee irra taran heddutu jira وَمَا يُؤۡمِنُ أَكۡثَرُهُم بِٱللَّهِ إِلَّا وَهُم مُّشۡرِكُونَ ١٠٦Irra hedduun isaaniis qindeessitoota ta’anii malee Rabbitti hin amananu أَفَأَمِنُوٓاْ أَن تَأۡتِيَهُمۡ غَٰشِيَةٌ مِّنۡ عَذَابِ ٱللَّهِ أَوۡ تَأۡتِيَهُمُ ٱلسَّاعَةُ بَغۡتَةً وَهُمۡ لَا يَشۡعُرُونَ ١٠٧Sila tasa haala isaan hin beekneen Rabbi irraa haguugduun adabbii Rabbii irraa taate isaanitti dhufuu yookiin Qiyaamaan isaanitti dhufuu of amanuu قُلۡ هَٰذِهِۦ سَبِيلِيٓ أَدۡعُوٓاْ إِلَى ٱللَّهِۚ عَلَىٰ بَصِيرَةٍ أَنَا۠ وَمَنِ ٱتَّبَعَنِيۖ وَسُبۡحَٰنَ ٱللَّهِ وَمَآ أَنَا۠ مِنَ ٱلۡمُشۡرِكِينَ ١٠٨“Kun karaa kiyyaAniifi namni na hordofes beekumsa irratti haala ta’een gara Rabbiitti waamaRabbiinis qulqullaa’eAnis Mushrikoota irraayyii miti” jedhi وَمَآ أَرۡسَلۡنَا مِن قَبۡلِكَ إِلَّا رِجَالًا نُّوحِيٓ إِلَيۡهِم مِّنۡ أَهۡلِ ٱلۡقُرَىٰٓۗ أَفَلَمۡ يَسِيرُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ فَيَنظُرُواْ كَيۡفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡۗ وَلَدَارُ ٱلۡأٓخِرَةِ خَيۡرٌ لِّلَّذِينَ ٱتَّقَوۡاْۚ أَفَلَا تَعۡقِلُونَ ١٠٩Si duras dhiirota warra gandaa irraa wahyii gara isaaniitti buufne malee hin ergineSila dachii keessa deemanii booddeen warra isaaniin dura turanii akkam akka ta’e hin ilaalanuu? Dhugumatti, isaan (Rabbiin) sodaataniif mana Aakhiraatu caalaSila hin xiinxaltanuu حَتَّىٰٓ إِذَا ٱسۡتَيۡـَٔسَ ٱلرُّسُلُ وَظَنُّوٓاْ أَنَّهُمۡ قَدۡ كُذِبُواْ جَآءَهُمۡ نَصۡرُنَا فَنُجِّيَ مَن نَّشَآءُۖ وَلَا يُرَدُّ بَأۡسُنَا عَنِ ٱلۡقَوۡمِ ٱلۡمُجۡرِمِينَ ١١٠Yeroma Ergamoonni abdii murataniifi dhugumatti kijibsiifamuu beekanitti tumsi keenya isaaniif dhufee namni Nuti feenes baraarameadabbiin keenyas yakkamtoota irraa hin deebifamu لَقَدۡ كَانَ فِي قَصَصِهِمۡ عِبۡرَةٌ لِّأُوْلِي ٱلۡأَلۡبَٰبِۗ مَا كَانَ حَدِيثًا يُفۡتَرَىٰ وَلَٰكِن تَصۡدِيقَ ٱلَّذِي بَيۡنَ يَدَيۡهِ وَتَفۡصِيلَ كُلِّ شَيۡءٍ وَهُدًى وَرَحۡمَةً لِّقَوۡمٍ يُؤۡمِنُونَ ١١١Dhugumatti, seenaalee isaanii keessa warra sammuu qabaniif gorsatu jiraInni (Qur’aanni) oduu lafaa kaafamee odeeffame hin taaneGaruu dhugoomsaa (kitaabban) isa duraatiAddeessaa wantoota hundaati; ummata amananiifiis qajeelfamaafi rahmata

الترجمة: Ghali Apapur Apaghuna.