بِسۡمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحۡمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ
ٱقۡتَرَبَتِ ٱلسَّاعَةُ وَٱنشَقَّ ٱلۡقَمَرُ ١Qiyaamaan kaloofte; jiinis lamatti addaan dhoohe وَإِن يَرَوۡاْ ءَايَةً يُعۡرِضُواْ وَيَقُولُواْ سِحۡرٌ مُّسۡتَمِرٌّ ٢Yeroo mallattoo wahii argan gara galaniiti “(kun) sihrii cimaadha” jedhu وَكَذَّبُواْ وَٱتَّبَعُوٓاْ أَهۡوَآءَهُمۡۚ وَكُلُّ أَمۡرٍ مُّسۡتَقِرٌّ ٣(Qur’aana) sobsiisanii fedha lubbuu isaanii hordofuWanti hunduu galma ga’aadha وَلَقَدۡ جَآءَهُم مِّنَ ٱلۡأَنۢبَآءِ مَا فِيهِ مُزۡدَجَرٌ ٤Dhugumatti, oduu irraa wanti isa keessa dhorgaan jiru isaanitti dhufeera حِكۡمَةُۢ بَٰلِغَةٌۖ فَمَا تُغۡنِ ٱلنُّذُرُ ٥Beekumsi ga’aan (isaanitti dhufeera)Akeekkachiistonni homaa isaan hin fayyadu فَتَوَلَّ عَنۡهُمۡۘ يَوۡمَ يَدۡعُ ٱلدَّاعِ إِلَىٰ شَيۡءٍ نُّكُرٍ ٦Isaan irraa garagaliGuyyaa waamaan gara waan rifachiisaa ta’eetti (isaan) waamu خُشَّعًا أَبۡصَٰرُهُمۡ يَخۡرُجُونَ مِنَ ٱلۡأَجۡدَاثِ كَأَنَّهُمۡ جَرَادٌ مُّنتَشِرٌ ٧(Guyyaa san) ijji isaanii sodaan guutamteeti, awwaala (isaanii) irraa ba’anii akka awwaannisa faca’ee fakkaatu مُّهۡطِعِينَ إِلَى ٱلدَّاعِۖ يَقُولُ ٱلۡكَٰفِرُونَ هَٰذَا يَوۡمٌ عَسِرٌ ٨Gara waamaatti ori’uKaafiroonni “Kun guyyaa (rakkisaa) cimaadha.” jedhu ۞ كَذَّبَتۡ قَبۡلَهُمۡ قَوۡمُ نُوحٍ فَكَذَّبُواْ عَبۡدَنَا وَقَالُواْ مَجۡنُونٌ وَٱزۡدُجِرَ ٩Isaaniin dura ummanni Nuuh sobsiifteeraGabricha keenya (Nuuh) sobsiisanii, “inni maraataa dha, dhorgameeras.” jedhan فَدَعَا رَبَّهُۥٓ أَنِّي مَغۡلُوبٌ فَٱنتَصِرۡ ١٠“Ani injifatamaa dhaa naaf tumsi” (jedhee) Gooftaa isaa kadhate فَفَتَحۡنَآ أَبۡوَٰبَ ٱلسَّمَآءِ بِمَآءٍ مُّنۡهَمِرٍ ١١Bishaan dhangala’aa ta’een hulaalee samii itti banne وَفَجَّرۡنَا ٱلۡأَرۡضَ عُيُونًا فَٱلۡتَقَى ٱلۡمَآءُ عَلَىٰٓ أَمۡرٍ قَدۡ قُدِرَ ١٢Burqituuwwan dachii burqisiifnee bishaan (samiifi dachii) murtii dhugumaan murtaa’e irratti walitti dhufan وَحَمَلۡنَٰهُ عَلَىٰ ذَاتِ أَلۡوَٰحٍ وَدُسُرٍ ١٣Doonii abbaa xawulaafi mismaaraa irratti isa baadhanne (feene) تَجۡرِي بِأَعۡيُنِنَا جَزَآءً لِّمَن كَانَ كُفِرَ ١٤Galata isa itti kafaramee taatee tika keenyaan deemti وَلَقَد تَّرَكۡنَٰهَآ ءَايَةً فَهَلۡ مِن مُّدَّكِرٍ ١٥Dhugumatti, Nuti mallattoo akka taatuuf ishee dhiifneNamni ittiin gorfamu jiraa laata فَكَيۡفَ كَانَ عَذَابِي وَنُذُرِ ١٦(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi sodaachisni kiyyas akkam ture laata وَلَقَدۡ يَسَّرۡنَا ٱلۡقُرۡءَانَ لِلذِّكۡرِ فَهَلۡ مِن مُّدَّكِرٍ ١٧Dhugumatti, Qur’aanas hubachuudhaaf laaffifneerraNamni ittiin gorfamu jiraa كَذَّبَتۡ عَادٌ فَكَيۡفَ كَانَ عَذَابِي وَنُذُرِ ١٨(Ummanni) Aad (Huudiin) sobsiifteadabbiin kiyyaafi akeekkachiifni kiyyaas akkam ta’e ree إِنَّآ أَرۡسَلۡنَا عَلَيۡهِمۡ رِيحًا صَرۡصَرًا فِي يَوۡمِ نَحۡسٍ مُّسۡتَمِرٍّ ١٩Qilleensa qorraa guyyaa hamaa itti fufaa ta’e keessa isaanitti ergine تَنزِعُ ٱلنَّاسَ كَأَنَّهُمۡ أَعۡجَازُ نَخۡلٍ مُّنقَعِرٍ ٢٠Nama ni butti(Yeroo san) jirma teemiraa kan dachii irraa buqqa’e fakkaatu فَكَيۡفَ كَانَ عَذَابِي وَنُذُرِ ٢١(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyas akkam ture laata وَلَقَدۡ يَسَّرۡنَا ٱلۡقُرۡءَانَ لِلذِّكۡرِ فَهَلۡ مِن مُّدَّكِرٍ ٢٢Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifnee jirraNamni gorfamu jiraa كَذَّبَتۡ ثَمُودُ بِٱلنُّذُرِ ٢٣(Ummanni) Samuudis akeekkachiisa (kiyya) sobsiisaniiru فَقَالُوٓاْ أَبَشَرًا مِّنَّا وَٰحِدًا نَّتَّبِعُهُۥٓ إِنَّآ إِذًا لَّفِي ضَلَٰلٍ وَسُعُرٍ ٢٤Ni jedhan: “nama nurraa ta’e tokko hordofnaa? Nuti oggas jallinaafi maraatuu keessa jirra أَءُلۡقِيَ ٱلذِّكۡرُ عَلَيۡهِ مِنۢ بَيۡنِنَا بَلۡ هُوَ كَذَّابٌ أَشِرٌ ٢٥Sila yaadachiifni kun nu hunda gidduu isa (Nabi Saalih) qofa irratti buufamee? Lakkisaa! Inni akkaan sobaa, boonaadha سَيَعۡلَمُونَ غَدًا مَّنِ ٱلۡكَذَّابُ ٱلۡأَشِرُ ٢٦Sobaan boonaan eenyuun akka ta’e boru beekuuf jiru إِنَّا مُرۡسِلُواْ ٱلنَّاقَةِ فِتۡنَةً لَّهُمۡ فَٱرۡتَقِبۡهُمۡ وَٱصۡطَبِرۡ ٢٧Dhugumatti, Nuti gaala dhaltuu isaaniin mokkoruuf ergoodhaKanaaf (Yaa Saalih!) Isaan eegi; obsis وَنَبِّئۡهُمۡ أَنَّ ٱلۡمَآءَ قِسۡمَةُۢ بَيۡنَهُمۡۖ كُلُّ شِرۡبٍ مُّحۡتَضَرٌ ٢٨Bishaan (gaalattii fi) isaan gidduutti qoodamus isaanitti himiDhugaatiin (garee) hundaayyuu dhufamaadha فَنَادَوۡاْ صَاحِبَهُمۡ فَتَعَاطَىٰ فَعَقَرَ ٢٩Hiriyaa isaaniitti lallabaniiti, (waraana isaa) fudhatee waraane فَكَيۡفَ كَانَ عَذَابِي وَنُذُرِ ٣٠(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyaa akkam ture laata إِنَّآ أَرۡسَلۡنَا عَلَيۡهِمۡ صَيۡحَةً وَٰحِدَةً فَكَانُواْ كَهَشِيمِ ٱلۡمُحۡتَظِرِ ٣١Dhugumatti, Nuti iyya tokkittii isaan irratti ergineErgasii akka caccabaa mooraa horiin irra deemee tahan وَلَقَدۡ يَسَّرۡنَا ٱلۡقُرۡءَانَ لِلذِّكۡرِ فَهَلۡ مِن مُّدَّكِرٍ ٣٢Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifneerraEgaa namni gorfamu jiraa كَذَّبَتۡ قَوۡمُ لُوطِۭ بِٱلنُّذُرِ ٣٣Ummanni “Luux” dinniina sobsiisaniiru إِنَّآ أَرۡسَلۡنَا عَلَيۡهِمۡ حَاصِبًا إِلَّآ ءَالَ لُوطٍۖ نَّجَّيۡنَٰهُم بِسَحَرٍ ٣٤Dhugumatti, Nuti isaan irratti bubbee cirrachaa erginee jirraMaatii Luux malee, (yeroo) bariisaa isaan baraarsine نِّعۡمَةً مِّنۡ عِندِنَاۚ كَذَٰلِكَ نَجۡزِي مَن شَكَرَ ٣٥Qananii Nu biraa ta’eef (baraarsine)Akka kanatti nama galata Nuuf galche mindeessina وَلَقَدۡ أَنذَرَهُم بَطۡشَتَنَا فَتَمَارَوۡاْ بِٱلنُّذُرِ ٣٦Dhugumatti, inni (Luux) qabaa keenya isaan akeekkachiisee jiraIsaan garuu dinniinicha mormaniiru وَلَقَدۡ رَٰوَدُوهُ عَن ضَيۡفِهِۦ فَطَمَسۡنَآ أَعۡيُنَهُمۡ فَذُوقُواْ عَذَابِي وَنُذُرِ ٣٧Dhugumatti, keessummaa isaa irraa (badii itti hojjachuuf) isa gaafatanKanaaf ija isaanii jaamsinee “adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (jenneen) وَلَقَدۡ صَبَّحَهُم بُكۡرَةً عَذَابٌ مُّسۡتَقِرٌّ ٣٨Dhugumatti, adabbiin cimaan bariidhaan isaanitti ganamfate فَذُوقُواْ عَذَابِي وَنُذُرِ ٣٩Adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (isaaniin jenne) وَلَقَدۡ يَسَّرۡنَا ٱلۡقُرۡءَانَ لِلذِّكۡرِ فَهَلۡ مِن مُّدَّكِرٍ ٤٠Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifneerraEgaa namni gorfamu jiraa وَلَقَدۡ جَآءَ ءَالَ فِرۡعَوۡنَ ٱلنُّذُرُ ٤١Dhugumatti, maatii Fir’awnitti akeekkachiifni dhufeera كَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَا كُلِّهَا فَأَخَذۡنَٰهُمۡ أَخۡذَ عَزِيزٍ مُّقۡتَدِرٍ ٤٢Mallattoolee keenya hunda sobsiisaniiti, qabaa Isa injifataa, danda’aa ta’ee isaan qabne أَكُفَّارُكُمۡ خَيۡرٌ مِّنۡ أُوْلَٰٓئِكُمۡ أَمۡ لَكُم بَرَآءَةٌ فِي ٱلزُّبُرِ ٤٣(Yaa Qureeyshotaa!) Sila kaafiroota keessantu isaan kanneen irra caala moo kitaabota keessa (adabbii irraa) baraaramuutu isiniif jira أَمۡ يَقُولُونَ نَحۡنُ جَمِيعٌ مُّنتَصِرٌ ٤٤Hinumaayyuu “Nuti tuuta injifattoota” jedhu سَيُهۡزَمُ ٱلۡجَمۡعُ وَيُوَلُّونَ ٱلدُّبُرَ ٤٥Tuutni isaanii cabsameeti dugda gara galuuf jiru بَلِ ٱلسَّاعَةُ مَوۡعِدُهُمۡ وَٱلسَّاعَةُ أَدۡهَىٰ وَأَمَرُّ ٤٦Dhugumatti, Qiyaamaan beellama isaaniitiQiyaamaan irra ulfaattuufi akkaan hadhooftuudha إِنَّ ٱلۡمُجۡرِمِينَ فِي ضَلَٰلٍ وَسُعُرٍ ٤٧Dhugumatti, yakkamtoonni jallinaafi ibidda qabsiifamaa keessatti ta’u يَوۡمَ يُسۡحَبُونَ فِي ٱلنَّارِ عَلَىٰ وُجُوهِهِمۡ ذُوقُواْ مَسَّ سَقَرَ ٤٨Guyyaa fuula isaanii irratti ibidda keessa harkifaman, “tuqiinsa Saqar dhandhamaa” (jedhamaan) إِنَّا كُلَّ شَيۡءٍ خَلَقۡنَٰهُ بِقَدَرٍ ٤٩Nuti waan hunda hamma murtaa’een isa uumne وَمَآ أَمۡرُنَآ إِلَّا وَٰحِدَةٌ كَلَمۡحِۭ بِٱلۡبَصَرِ ٥٠Ajajni keenya akkuma liphsuu ijaa yeroo tokko qofa وَلَقَدۡ أَهۡلَكۡنَآ أَشۡيَاعَكُمۡ فَهَلۡ مِن مُّدَّكِرٍ ٥١Dhugumatti, Nuti fakkaattota keessan balleessinee jirraNamni gorfamu jiraa وَكُلُّ شَيۡءٍ فَعَلُوهُ فِي ٱلزُّبُرِ ٥٢Wanti isaan hojjatan hunduu galmeewwan keessa jira وَكُلُّ صَغِيرٍ وَكَبِيرٍ مُّسۡتَطَرٌ ٥٣Wanti xiqqaafi guddaan hundi barreeffamaadha إِنَّ ٱلۡمُتَّقِينَ فِي جَنَّٰتٍ وَنَهَرٍ ٥٤Dhugumatti, warri Rabbiin sodaatan jannataafi laggeen keessa jiraatu فِي مَقۡعَدِ صِدۡقٍ عِندَ مَلِيكٍ مُّقۡتَدِرِۭ ٥٥Teessoo dhugaa (jannata) keessa Mootii danda’aa bira jiraatu